ANI MUSLIMA HIN KIJIBU
•••••••••••••••••••••••••••
© Abu Ibtisam
Abu Hureeyraa irraa (RA) Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan,
“Mallattoon munaafiqaa sadih, Yeroo dubbatu ni KIJIBA;
Yeroo waadaa seenu waadaa diiga; Yeroo isa amanan, nama
gana”
(Bukhaarii lakkoofsa 33, Muslima lakkoofsa 59)
Ammas Abu Hureeyraa irraa (RA) Ergamaan Rabbii ﷺ akkana
jedhan,
“Namni ilma ykn intala isaatiin koottuu waan kana fudhu
jedhee, osoo hin kennin hafe, Warra KIJIBAN keessatti
laakkawama”
(Abu Daawud lakkoofsa 4991)
Akka Hadiisa kanaatti, Fakkeenyaaf koottuu Karameellaa sii
kenna jennee kaanee, waan san dhoorkannaan warra Kijiban
keessatti galmoofna jechuudha. KIJIBNI ammoo mallattoo
MUNAAFIQAA keessaa isa tokko.
***
Guyyaan boruu akka Warra faranjiitti, “APRIL FOOLS DAY”
jedhama. Akka isaanitti guyyaa wal soban itti wal
gowwoomsan jechuudha. Aadaan isaanii tun amma nu
keessas seenaa jirta. Biyya keenya keessattis, abalu du’e,
abalu akkas ta’e, An dhukkubsadhee mana yaalaa jira jedhaa
wal kijibuun eega jalqabamee turee jira.
Kanaafuu obboleewwan aakhiraa Muslimni kijiba akkanaa irraa
fagaatuu qaba. Abalu du’e jedhanii kijibuu mitii, daa’ima ofiitii
waa sii kenna jedhanii sobuun dhorkaadha.
Kijibni Mallattoo Munaafiqummaati
Munaafiqummaan ammoo Azaaba nama geessa.
Dhaamsa kana haga danda’ameen “Share” waliif
godhaa!
Yaa Rabbi amala warra Munaafiqaa kanarraa nu eegi.
©™
@ISLAAMUMMAA®™
@Amala_Gaarii