Maal kana qofaa? Paartileen keenya warri morman kaleessa tokko ta'aa jedhamanii kadhatamaa turan, suuraa qofaan nun goyyomsinee? Warri imaanaa keessan galmana geenya nuun jedhes goyyoomsaa dhumaan badhaadha abjuu nun goonee? Kana qeequun dhorkaa natti fakkaata!
Mee waan tokkon kaasa, bara 1991 G.C natti fakkaata, Koloneel Alamuu Qixxeessaa Arsii, Itayyaatti, "Tokkummaa, Tokkummaa...."jechaa ture, Gaafa sana Jaal Nadhii Gammadaas achitti waa'ee uummata kanaa haasa'anii tokkummaan fala akka ta'e nuuf dhaamani. Tokkummaa Oromoof 'Irbuu Shinniggaa' wanti caale hin jiru. Garuu hanga har'aa maaliif tokko ta'uu dhabnee? Paartiikoo malee inni kaan budaadha jechaa, nama amantii kiyyaa ykn nama ganda kiyyaa malee inni biraan amanama miti jechaa, isa tokkoof Oromummaa dachaa kennaa, isa biraa irraa immoo mulqaa, isa tokkoof teessoo ulfinaa, isa biraa immoo dhukkee keessa teechisaa, Akkamiin galma geenyaa?
Inni biraan yaa hafuutii, namni dhugaa dubbatu Oromoo keessatti bakka dhabaa dhufeera. Nama osoo waan ati barreessite hin dubbisin si abaarutu kumaaf kitila. Miidiyaan hawwaasaa kunilleen dirree dabballoonni gama hundaa itti mindeeffamanii akka nama arrabsan, isa tokko xurreessanii isa biraa qulqulluu godha, dirree burjaajiiti.
Amma Oromoo har'a jiru kana biratti yoo fakkeessite, yoo paartii tokko faarsite qofaa Oromoo taata. Yoo isa tokko qeeqxe inni tokko Oromummaa siif kenneetu inni tokkommoo sirraa mulqa. Inumaayyuu Oromummaan waraqaa eenyummaa waajira dhaabaa taateetti. Qeeqis deeggaris, yaada mataa keetiin kaatee waan deeggartus, waan qeeqxus paartilee keenyatti hin fakkaatu, ergamtuu dhaaba wayii jedhanii barjaa dugdatti siif maxxansu.
Oromoon har'a jiru namaaf hin galu. Tokko tokko uffata aadaa ammayyaa'ee uffachuu qofti Oromoo nama jechisiisa jedha. Kan biroon immoo sirba afaan Oromoo dhaggeeffachuufi afaan Oromoo dubbachuu qofaan gahaadha jedha. Gariin immoo ganama qabsaa'aa, guyyaa 'Araadaa', galgala immoo manuma ganama arrabsaa oolee sana dhaqee dhaabbata. Warri biraan immoo Oromoon hin hatu jedhee hataa oola. Warri kuun immoo, Oromoon hin kadhatu jedha, kadhachaa kan oolu Oromoon meeqa jiraachuu si haala. Inni biraan immoo Oromoon hin sagaagalu jedhee odeessaa, mana sagaagalaarra naanna'aa oola.
Wanti nama ajaa'ibummoo namoota miidiyaa qabaniifi miidiyaarra oolanidha. Gaafa itti tole tokkummaa nu gorsu, gaafa hammaate immoo gandaafi paartiin qoodee tokkoon jinnii, kan biraan waaqa jechuu kajeela. Dhugaa dubbachuuf waan hedduun keenya jennu arraba qofaarra jirti. Arrabaan faajjii tokkummaa lallabna. Sammuun keenyatti garuu summii gandummaafi amantiin dhaloota faalaa jirra. Tokkummaa jedhamu kun, dallaa siyaasaa, amantii, kutaafi gandaa cabsinee gaaddisa Oromummaa jalatti mataa waliti qabachuudha malee waajira paartii tokkootti gurmaa'uu miti. (Yoon dogoggore siyaasa wallaaluu koo irraa madda. Na oofkalchaa!)
Oromoodhaaf ammatti hayyuun amantii, hayyuun paartii, hayyuun gandaa hin barbaachisu, hayyuu Oromoo kan dantaa Oromootiif paartii hunda qeequufi jaju, kan ganda caalaa Oromummaaf dursa laatu, nama beekumsa faranjii qofaan sokke osoo hin taane, nama waan Oromoon osoo hin cabin dura itti bulaa tureefi ittin walqajeelfataa ture beekutu nu barbaachisa. Kanammoo qabnaayii?
Namni Oromoon gaafa wal dhabe gidduu dhaabbatee walitti araarsu, jaarsi ulfoon kabajamaan ni jiraayii? Eenyu faana dhoofnu?
Waan baay'ee dubbatamuu qabutu jira. "Hunda hin dubbannu manni keenya daandiirra." Jedhe namtichi. Oromootti rakkoo himanii miira keessa galchuun of duuka yaasuu, paartiin mormituus, mootummaanis ni beeku. Tokkummaa dhabuun, gabroomuun, wal facaasuun, wal ajjeessanii gammaduun, paartiin wal bittinneessanii walirratti ololuun, hayyuun keenya akka hin mul'anne ofumaa wal sakaaluun, waan jennuufi waan hojjennu gargar ta'uun, ......k.k.f. rakkoodha. Kana eenyuyyuu walitti himuus, nutti himuus ni danda'a.