Dirree Xiinsammuu


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Kun dirree xiinsammuuti. Koottaa hirmaadhaa!
Yaada keessaniif @ObsanKekeba
t.me//Oropsycho

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


Fedhii fi Miiraa keessan to'adhaa

Fedhiin jarjaraa fi miirri ariifataan yoo hin tasgabboofne, madda gaarii keenyaa tasa akka balleessinu nu kakaasa.
Maddi gaarii keenyaa sun waanta gola jireenya keenyaatti argaman baay'ee xuquu danda'a; Fknf qabeenyaafi hiriyyaa haa fudhannu.

Qabeenya yeroo yeroon madda galii nuuf kennu takkuma fedhii keenya guuttachuuf yoo balleessine guyyaa tokko nuuf mul'ata.

Hiriyyaa madda gammachuufi fira gaafa rakkoo nuuf ta'e miiran oofamnee jechaafi gocha badaan yoo miine gaaftokko bakka fuunuu dhabna.

Kanaaf waan tokko osoo hin godhiini fi hin jedhiin miiraafi fedhii keenya irra deebinee haa ilaallu.


Ificha barbaadi.
Bakkichi kaanirraa adda. Bakka waan haaraan jirudhas. Achitti
Sammuutu bal'ata.
Afaantu dhiphata.
Abbaa malaa ta'u.
Doofummaa ari'u.
Eyyeen jireenyi achii hiriyyaa hin qabu.
Ifti achirraa namaaf ifu kan alaa qofa osoo hin taane, kan keessa ofii namatti argisiisa.

Onnee nuuf ta'a; sanaan rakkina keenya sodaanne dhabbachuurra irra ejjennee dabarra.
Gorsaa nuuf ta'a; jireenya egereef kayyoo dhabuurra, karooraan nu imalchiisa.
Soora nuuf ta'a; soora garaa gabbisu qofa soorachuurra, kan sammuu gabbisus nuuf kennee boruu keenya nuuf ijaara!

Eenyu inni?
Dubbisa walitti fufaatikaa!
Eessatti argama?
Kitaaba xiinsammuu, falaasamaa, asoosamaa, seenaa fi kkf keessa jira.
Of dabarsitaaree?


#Humna_Waadaa
(Kitaaba Sansakkaa Saakalame keessaa kan fudhatame)

Halkan qorraa tokko, duuressa biliyoonera tokkotu jaarsa hiyyeessa ta'e waliin manaan alatti wal argee ture. Jaarsichaan, “Qorra akkasii keessa manaan ala taa'uun sitti hinqorruu, maaliif golga qorra ittisu hin uffannee? ittiin jedhe. Jaarsi harki qalleessi kunis, “Uffata ati jettu kana amma hinqabu; garuu, itti bareera.” Biliyoonerichis, “Na eeggadhu! Ammuma kana manakoo seeneen siif fidee dhufa.” ittiin jedhe. Jaarsi harki qalleessi kun gammadaa akka isa eeggatu namichatti hime. Namichis mana isaa edda galee booda, muddamuun, waan harka qalleessa kanaan jedhe dagate. Ganama edda barii'ee jaarsa harka qalleessa kana yaadachuun, isa barbaachaaf garasaa deeme; garuu, jaarsichi qorrarraan kan ka'e du'eera. Ta'us, barreeffama (yaadachiisa) tokko lafa kaa'ee ture. Barreefamichi akkas jedha, “Yeroo uffata ho'aa tokkoollee hinqabaanne humna ittiin qorra ofirraa ittisun qaba: sababni isaas, itti bareera waan ta'eefi. Garuu, na gargaaruuf yeroo waadaa naaf galtetti, waada keettan hirkadhe. Kunis dandeetti ittiin qorra ofirra ittisuu danda'u narraa fudhate.”

Seexaa/ Moral: Waadaan haala salphaan namichi gale hanga lubbuu baasutti deeme!
Waadaa galtu fiixaan baasuu hin dandeessu taanaan, waadaa kamiyyuu hingaliin.
....
Kitaaba Asoosama, Xinsammuu fi Seenaa namoota kumaan lakkaa'aman biratti fudhatamummaa kan argate, harka galfadhaa, caalatti beekumsa irraa unadhaa!




Forward from: Booka Beekumsaa
SIRNA EEBBA KITAABA 'SANSAKKAA SAKAALAME'

Kitaabni 'Sansakkaa Sakaalame' eebbifamuuf sa'aatii 24 qofaatu hafa. Jaalattoonni og-barruu Afaan Oromoo (keenya) irratti argamuun sagantaa sanatti akka simboo hortan shakkii hin qabu.

[Guyyaa: Dilbata dhufu (Onkoloolessa 14, 2014)
Bakka: Koortii (Yuunivarsiitii Haramaayaa, Harar, Mooraa Fayyaa keessa)
Sa'aa 7:30 irraa eegala.

Eebbaan cinatti, sagantaalee barsiisoofi bohaarsoo qabannee sin eegna. Nurraa hin hafiinaa!]

Wal argaan boru haa ta'u!


©Abdiisaa Ejjetaa U Bantii, 2021


@BookaBeekumsaa


Namni tamboo xuuxu bu'aa sadii argata!

1. Hin dulloomu
2. Sareen isa hin nyaattu
3. Hattuunis isan hattu
~
Hin dullomu; sababnisaa, carraa dulloomuu osoo hin argatiin, sombisaa miidhamee, dafee waan du'uuf.

Sareen isa hin nyaattu; sababnisaa, namichi sombisaa burkutaa'ee waan dadhabuuf, ulee dhadhaabbachaa deema; sareenis nama ulee qabatee deemu ni sodaatti.

Hattuun isa hin hattu; sababnisaa, hattuun halkaan yeroo manasaa saamuu dhaqxu, namichi halkan guutuu qufa'aa waan buluuf, hattichis "dhaga'aa jira" jechuun ofirra deebi'a!
Akka sirritti na hubattan abdiin qaba!
Fayyaa keenya eeggachuuf tamboo xuuxuurraa of haa eeggannuun dhaamsa kooti.
@Dr. Sifan

#Share gochuun kaanis barsiisaa
Gaarummaa keessan argisiisaa.




Forward from: Booka Beekumsaa
#EEBBA_KITAABAA
(SANSAKKAA SAKAALAME)

Dilbata dhufu kana (Onkoloolessa 14, 2014), kitaaba 'Sansakkaa Sakaalame' eebbisiisuuf jirra. Bakki eebbaa, Yuunibarsiitii Haramaayaa Kollejjii Fayyaafi Wal'aansaa keessa, Koortiitti. Sagantaan kun sa'aa 7:30 irraa eegala. Namoonni irratti argamuu dandeessan hunduu irratti hirmaachuun, aartii keenya harka haa qabnu. Irraa hin hafiinaa!

Wal argaan achumatti haa ta'u!

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2021


@BookaBeekumsaa


Mukicha bishaan obaasuu hin dhaabiin

Biqiltuu tokko yommuu dhaaban, gaafa yeroo fudhatanii kunuunsan dadhabbii gaafachuu danda'a.
Erga guddatee firii kennuu jalqabee garuu haalaan nama gammachiisa.
Irraa ciratanii sooratu; galiitti sharafatu;

Sammuun keenya kunis yoo soorataafi kunuunsa isa barbaachisu gooneef firii inni nuuf kennu hooda.
Yaadota haaraa, ijaarsaa, rakkooleef furmaata, egereef wabii, jireenyaaf utubaa, nameenyaaf daawwitii ta'an maddisiisa. Hojiitti akka hiiknus nu jajjabeessa.
Kunimmoo nyaata filatamoo guyyaa guyyaan soorannurraa kan argamu osoo hin taane kitaaba filatamoo walitti fufinsaan dubbisnurraati.
Dhugaadha nyaanni gaarii fayyaa sammuuf baheessa. Ta'us inni sammuuf akka madda anniisaatti gargaara malee akka madda beekumsatti fayyada miti. Ibsama biraatiin, maddi anniisaa soorata; maddi beekumsammoo dubbisa yeroo dheeraati.

Namni dubbisu ofirra darbee, kaaniif bu'aadha.
Sammuusaa dubbisaan qare sana fayyadamee, hiyyuummaafi rakkoo waraana;
Biyyayyuu diigamuurraa baraara.

Mee guyyaa guyyaan kitaaba fuula 5 osoo dubbistanii maal sinitti fakkaata?




Forward from: Abdii Official
~Akkamittin of hooggana?
~Maalif namni nan barbaadu?
~Geggeessummaan maali?
~Ogummaan maalif na barbaachisa?


Gaaffii jedhuuf Voice armaan gadiitti hanga dhumaatti itti dhi'aadhaa:

~Abdi Zerihun 💢JOIN @Abdii_Official

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇


Sansakka Sakaalame
....
Akka seenaati
Kalee odeessa.
Akka Xinsammuu
Waa nama gorsa.
Beekumsaan goobee
Simboo uffateera.
Beekaan gulaalee
Ragaa baheera.

Qaroomni dhugaan
Dubbisuu booda.
Rakkoo buqqiseet
Dinagdee horda.

Aadaa waa baruu
Mee gabbifadhaa
Kitaaba kanas
Harka galfadhaa.

Kitaaba kalaqa addaa uffachuun barreeffame torbanii booda gabaarraa ni argattu.

Dubbisaa!


Forward from: Abdiisaa Ejjetaa


Gatiin keessan meeqa?

Bishaan highland'n suuqii naannoodhaa qarshii 10 ta'e matumtisaa, Ristoraantii tokko tokkotti qarshii 20 hanga 40tti gurgurama. Hoteela gurguddaattimmoo qarshii 60 hanga 90ttuu bituu dandeessu.
Hangi fi taliilli(quality) akkasumas maddi oomishaa bishaanichaa tokko ta'ee osoo jiruu, miini tokko, bakka garaagaraatti gatii garaagaraa qaba. Kan kana godhe garuu qulqullina bakkichaati. Yeroo tokko tokko gatii keessan kan rakasee fi namoonni kan rakasiisan fakkaachuun miirri yoo sinitti dhagahame, dirqama hin qabaatiinaa. Bakka gatiin keessan qaalii ta'etti jijjiiraa.
Namoota sin jajjabeesaaniifi gatii keessan guddisan gidduu of godhaa.
Bakka sin hin madaaletti yeroo keessan hin gubiinaa.




Bara haaraa kanatti,
Kutaa lamaffaa fi isa xumuraa

Karoora bara 2014 ilaalchise yaada tokko tokko kaasun, qabxiilee muraasarratti ibsa xumuraan walitti deebina jechuun adda baane. Warri hin dubbisne dursa kan kaleessaa dubbisa.
Kutaan xumuraa kunooti:

1. Beekumsarratti

Guyyaatti yoo xiqqaate walitti fufinsaan daqiiqaa 30 osoo dubbistanii maal sinitti fakkaata. Kanas osoo addan kutiin ji'a tokkoof hojiirra yoo oolchitan sana booda bartee siniif ta'a.
Malli kana hojiirra oolchuuf gargaaramtanis jechi "Har'uma qofaaf"(just for today) jedhu sin fayyada.

2. Yeroorratti.

Sooressaa fi hiyyeessa kan walcaalsise tokko haala itti fayyadama yerooti.
Dargaggoonni baay'ee yeroo kana waanuma salphaatti ilaalu. Garuu dhimma yeroo ilaalchise osoo manguddoota umuriin deeman gaafattanii waan guddaa irraa barattu. "Maal qaba osoo si'a takka carraan dargagummaa naaf kennamee" jedhu. Yerootti akka hin hojjenne gaabbiin himatu.
Atis gaabbii egeree jalaa bahuuf, har'as jireenya gaarii jiraachuuf yeroo keetti dhimma bahi.
Kanas hojiirra oolchuuf,
guyyaa guyyaan hojii hojjettu dursii tarreessi.
• Gongumaa osoo hin tarreessiin hojii hin eegaliin.
• Yeroo hojjettu ykn dubbistu hanga xumuratti gochuma tokko qofaarratti xiyyeeffadhu.
• Waan har'a hojjechuu dandeessu hin beellamiin.
• Daqiiqaan tokko umuriikeerraa akka hir'isaa jirtu ofitti himuun daqiiqaa sanaan gara galmakeetti suksuki.


3. Nameenyarratti(Personality)

Hawaasa fi naannoo jiraattu keessatti nameenyikee akkami?
Abbuma argetu si argatamoo, hundatu kabaja siif laata?
Amanamummaan keehoo akkami?
ILa bara haaraa kanatti nama haaraa ta'i.
Hanqina fi cimina kee adda baasuun, cina gaariikee jabeessi; amala yaraa balleessi!

4. Qusannaarratti.

Qusannaan saantimarraa ka'a. Qarshii bakkuma halletti baasta taanaan ati diina ofiikee taatee jirta. Bara haaraa kanatti,
Qarshii kamuu baasuun dura akkamitti qarshiin sun akka dhufe xiqqo dhaabbuu yaadi.
Qusachuunis jireenyakee egeree ittiin ijaari!
Humni ganama dhuma hin gowwomiin.

5. ILaalcharratti

Jireenyakee keessatti ilaacha gaarii yoo gabbifatte waanuma gaariiitu si quunnama.
Namoonni ilaalcha gaarii qaban rakkina keessayyuu waan gaarii barbaadu.
Faallaa kanaan, namoonni ilaalcha hin taane qaban waan gaarii keessa mudaa barbaadu. Ati garuu bara haaraa kanatti nama ilaalcha gaarii qabu ta'i. Wanta si qunnamu kam keessatti cina gaarii ilaali.
Waan gaariin akka ta'u abdadhu.
Ilaalchi gaarii amala nama waliin dhalatu osoo hin taane, kana baratamudha.(Learnable)

6. Hariiroo namarraatti.

Hariiroon nama waliin goonu kan kabajakeessanii fi boruu keessan giddu galeessa godhate ta'uu qaba.
Hariiroon hiriyyoota waliin goonu, keessattuu kan koorniyaa faallaa, ofeeggannoon taasifamuun baheessa.
Afuura dargagummaa fi teeknoloojii daweeffannee, hiriyyaa baay'ee waliin hariiroo yoo uumne(keessattuu dubartoota waliin), dhimma yerooti malee, booda nu gabbisisuunsaa hin hafu. Amala yaraas natti gatee darba. Yeroofi umurii nama sanaa gubdaniifis itti gaafatamaa taatu.
Bara haaraa kanatti amaloota akkasii keessaa akka baatan. Kaanimmoo akka hin seenne of murteessuu qabdu.



Ayyaana gaarii!




Bara haaraa kanatti
Karoorri keessan maali?

Namoonni milkaa'oo, amala walfakkaataa tokko qabu. Innis yeroof kabaja addaa kennuusaaniiti.
Sekoondiin tokko umuriisaaniirraa akka hir'isaa jirtu yoomillee hin dagatan; kanaaf yeroosaanii kamuu, waan jireenyasaanii foyyeessutti sharafatu.

Fknf namoonni milkaa'inaaf hawwii malee fedhii hin qabne, waggaa tokko "wagguma tokko" jedhanii fudhatu.
Kanas karoora barraa'ee fi mul'ata ifa ta'e osoo hin qabaatiin, mudannoo isaan quunname hundatti dhagaa darbachaa, bu'aa tokko malee, baraan baratti darbu.

Namoonni milkaa'oon, haa ta'u malee, milkaa'inaaf hawwii qofa osoo hin taane, fedhii dhaabbataas qabu. Fedhiisaanii kanas gochaan agarsiisu.
Isaan [Namoonni milkaa'inaa] bara haaraatti, waggaa tokko ji'atti qoqqoodu; ji'a torbanitti, torban guyyaatti, guyyaa sa'aatiitti;
Maal akka hojjetanis barreeffamaan, akka barbaachisummaasaatti, qindeeffatu.(Prioritizing the plans based on their importance).
Guyyaa guyyaanis adeemsasaanii ni gulaalu. Ni foyyeessu.
Haala kanaan waggaa dhumaarratti bu'aa fi jijjiirama guddaa argu.


Isinoo bara haaraa kanatti, karoorri keesaan maali?
...Beekumsarratti
....Yeroorratti
....Nameenyarratti(Personality)
...Qusannarratti.
...ILaalcharratti
...Hariiroo namaarratti.


Qabxiilee kana ofii deebisaa! Barreeffamaanis karoora itti baasaa.

Anis kanneen irratti ibsa gabaabaa qabadheen dhufa!


Bara jijjiiramaa gaarii siniif haa ta'u!!!




Milkaa'inni Suuta.
.........................................................
.........................................................

Bakka milkaa'inaa, waan guyyaa tokko lamaan gahan miti.
Abjuu ofii kamiyyuu milkeessuuf itti fufinsaan fulduratti suksukuutu furmaata tokkicha.

Namni obsaan qabne tokko daandii galmasaatti isa geessu akkuma jalqabeen gulantaa daandii sanaa hunda, takkuma ilaaluun akkan hin danda'amne ofitti himee duubatti deebi'a.
Inni milkaa'uuf murteesse garuu gulantaa durasaa qofarratti xiyyeeffachuun fuulduratti tarkaanfata.

Amalli akkasii taatee namootaa guyyaa guyyaa kan biroo keessattillee ni mul'ata.
Fknf namni tokko kitaaba dubbisuuf bite ykn ergifate, takkuma fuula kitaaba sanaa hundaa gaggalagalchee fixuun, "hanga kana yooman fixa?" jedhee lafa kaa'a.
Ji'a boodas irra deebi'ee, gochuma walfakkaatu hojjeta.

Ati garuu amala akkasiitti hin mijoomiin.
Waanti hunduu adeemsaan siqa.
Yerookee qindeessuun gulantaa sitti aanurra ejjedhu; imali.
Innimmoo gulantaa biraatti si dabarsuun buufata galmakeetiitti si buusa.

Barri bara jijjiiramaa siniif haa ta'u!

... @oropsycho

20 last posts shown.

843

subscribers
Channel statistics