ODUU AMMEE
Hogganoonnii fi Qondaalonni ABO waggootaaf hidhaa turan hiikaman.
Hogganoonni ABO Abdii Raggaasaa, Mika’el Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Lammii Beenyaa, Dr Gadaa Oljirraa, Gadaa Gabisaa fi Dawit Abdataa guyyaa har’aa (Fulbaana 05.2024) mana hidhaa buufata Poolisii Burraayyuu irraa mirga wabiidhaan gad lakkiiffamuu Addichi beeksiseera.
Ummatni Oromoo waliigalaa fi wahiillan Qabsoo Bilisummaa Oromoo marti haala rakkisaa keessatti Jaallan qabsaawota kanaaf sagalee ta'uu keessaniif ABOn isin galateeffata jedhan Dubbi Himaan Yeroo ABO Lammii Gammachuu.
Mootummaan Itoophiyaas Jaallan kana akkuma gadhiise Miseensotaafi deggartoota ABO mana hidhaa Oromiyaa adda addaa keessa jiran hunda gad lakkisuun Wajjiroota ABOs banee akka dhaabni keenya gutummaattii socho’uuf karaa akka banu abdanna jedhan. Via OMN
@QarooMagazine