Sano - Haji


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


"Isaannan karaa keenna keessatti qabsaa'an karoolee keennarratti isaan qajeelchina; Dhugumatti Allaahan warra toltuu dalagu waliin jira." {29:69}
Namootni yaada qabdan asiin nuun gahaa! 👇👇👇
@SanoHaji

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Statistics
Posts filter


Kan Beektu Kanneen Hin Beekne Barsiisi. Kan Hin Beekne Nama Beeku Irraa Gaafadhuu Baradhu, Kanaan Illee Kan Hin Beekne Beektee Kan Beektu Illee Eegde Jechuudha.

Follow | @Sano_Haji7


Adduniyaa Tana Keessatti Nama Tokkorrattis Hin Erkatin; Sababnis, Gaaddidduun Keetuu Si Dhiisee Deema Yeroo Ati Dukkana Keessaa.
-Ibn Taymiyyah

Follow | @Sano_Haji7


Haala Gaarii Irra Jiraachuu Kee Yoo Kan Hubattu Taate Wanta Badaa/Hamaa Sodaadhu. Wanta Badaa Irra Jiraachuu Kee Yoo Kan Hubattu Taate Wanta Gaarii Abdadhu. Namoonni Baay'een Du'a Osoo Barbaadan Jiraataniiru. Jiraatuu Osoo Barbaadan Ammoo Du'aniiru. Yeroo Baay'ee Nageenyi Kan Dhufu Karaa Tasgabbii Hin Qabne Erga Deemanii Booda.

Follow |@Sano_Haji7


Hin Yaaddahin! Wanta Xinnoo Kadhattee Hin Argatiniif. Yaadi! Allaahan (sw) Wantoota Bareedaa Ta'an Lakkoofsaan Maletti Siif Kenne; Osoo Ati Isa Hin Gaafatin.

Follow | @Sano_Haji7


Hireen Gara Maryam Halkanii fi Guyyaas Ni Dhufa Ture. "Kun Eessaa Sii Dhufe?" Jechuudhaan Yeroo Gaafatamte "Kun Rabbiin Irraahi, Dhugumatti Rabbiin Nama Fedhe Herreegaan Ala Hiraaf." Jechuudhaan Deebii Kennite.
Kanaafuu, Hin Dhiphatin Hireen Kee Wabii Guutuu Qabaa.

Follow | @Sano_Haji7




Horii eegee hin qabne, cirriin hin sodaattu!
.
Follow || @Sano_Haji7


Nabi Yuusufiin ajjeesuu barbaadan...Hin duune. Garba ta'ee gurgurame... Garuu, inni mootii ta'e. Dalagaa namaatitti hin gaddin. Fedhiin Allaahaa fedhii hundaatuu oli.
.
Follow || @Sano_Haji7


Kijiba Irraa Fagaadhaa!

Kijibni Mallattoo Nama Rabbitti Amaneetii Miti. Namni Rabbitti Amane Hin Kijibu. Kijibni Mallattoo Munaafiqaa fi Kaafiraati.

Nabiyyiin Keenya ﷺ Akkana Jedhan " Namni Rabbitti Amane (Mu'uminni) Hin Kijibu" Jedhan.

قال رسول الله صلى الله عليه وسلم " المؤمن لا يكذب"

Namootni Hedduun Faayidaa Garagaraatiif Jedhanii Kijiba Keessa Yoo Bu'antu Argama. Faayidaan Kijibaan Dhufu Booddeen Isaa Hadhaawaa fi Gaabbiidha. Kanaaf Kijiba Irraa Fagaadhaa. Rabbiin Kijiba Irraa Nuhaa Tiksu. Aamiiiiiin!

Follow | @Sano_Haji7


#Zikrii
-Gochootni gaariiwwan hunduu sababa zikriitiin bareedina argatu.
-Hojiiwwan gaarii hunda keessaa mindaa fi araaramni zikriif waadaa galame ol-aanaadha.

Follow | @Sano_Haji7


#Iimaana
Iimaanni tee qullaa ishii akka hin hafne sodaa Allaaha itti uffisi, hayaa'in bareechi, uumamtoota Allaahaa xiinxalluu fi dinqisiifachuun (tafakkura gochuun) mataa qabeenyaa (kaappitaala) ishii kuufamaa godhiif."
-Wahab Ibn Munabbih(ra)

Follow | @Sano_Haji7


#Facebook

Fesbuukii, Mesenjarii, Waatsaappi fi Inistaagiraama akka addunyaatti hojii dhaabaniiru. Rakkinichi maal akka ta'e hanga ammaatti kan hin beekamne yoo ta'u, miidiyaalee addunyaa hedduun dhimmicha gabaasaa jiru.

Follow | @Sano_Haji7


Wherever you are. Whoever you’re with. Whatever you do.
Don’t forget you’re Muslim.And that you have a Lord who's watching your actions all the time!❞

Follow | @Sano_Haji7


Heal your hearts with the Quran, for it is a medicine that doesn't expire and cannot be used wrongly. It removes from the heart whatever there is of stress, worry and sadness.

Follow | @Sano_Haji7


#Brokenhearts💔
Follow | @Sano_Haji7


Forward from: Sano Haji
Chaanaalota kanneen join gochuun kutaa ergama keennaa ta'aa!


Gorsa:
〰〰〰〰〰〰〰

📝Shekhul islaam ibnu taymiyaa R.A. akkana jedhe: Yoo qalbii ilma namaa keessa boonnii fi waanyoon jiraate
Iimaanni dhugaa qalbii sanatti seenuu hin danda'u.

📚 alfataawaa 13/343.

📝Guyyaa takka fudayli ibnu iyaad ilma isaa miizaana ittiin waa bitu irraa carqii isaatiin dhukkee haxaahu argee
Maal godhaajirta jedhee ilma isaa gaafate; Ilmis akkana jechuudhaan deebii isaaf laate, Yaa Abii wantan akkanatti uffata kiyyaan miizaan qulqulleessuuf dhukkee waliin namaa mazzanuu jibbeenu jedhe. Abbaanis akkaan gammadee Yaa ilmakiyya dalagaa kee kanatu anabiratti hajjii lamaa fi Umraa 20 godhuu caalaabar jedhe.

📚 Ummatul Usamaa'i.

Follow | @Sano_Haji7


SHIRKIIN ADDUNYAA FI AAKHIRAATTIS NAMA SALPHIFTI!!
---------------/\-----
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Raahmata godhaa ta'eetiin.
Ilmi namaa kabajamaa dha. Rabbiin(s.w) sammuu isaaf laatee makhluuqaawwan biroo kan uume irraa adda taasise. Caalmayinsaas isaan caalcise. Haa ta’u malee garuu ilmi namaa Rabbi cinaa waan isa hin fayyanne tan isaas miidhuu hin dandeenye gabbaruudhaan addunyaa fi Aakhirattis salphinaaf of kenna. Rabbiin(s.w) Qur’aana isaa kabajamaa keessatti akkana jedha:-
.
وَيَعْبُدُونَ مِن دُونِ اللَّهِ مَا لَا يَنفَعُهُمْ وَلَا يَضُرُّهُمْ وَكَانَ الْكَافِرُ عَلَىٰ رَبِّهِ ظَهِيرًا
.
«Rabbii gaditti waan isaan hin fayyadnee fi isaan hin miine gabbaru. Kaafirris Gooftaa isaa irratti deeggaraa (Sheeyxaanaa) ta’eera.»(Al-Furqaan 25:55)
.
Rabbiin dukkana shirkii tan sheeyxaanni jinnii fi iinsii itti nama waamu kan addunyaa fi aakhiraa nama hoongeessitu irraa nu haa baraaru. Aamiin!
Follow | @Sano_Haji7


-Ajrii ykn Galata Guyyaan Jumu'aa qabu:
.
عن أوس بن أوس عن النبي صلى الله عليه وسلم قال: من غسل واغتسل وغدا وابتكر ودنا من الإمام و لم يلغ كان له بكل خطوة عمل سنة صيامها وقيامها.
.
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam akkana jedhan: "Inni dhiqachiise (maatii isaa), ka dhiqate (ofiifis), kan ganamfate (ganamaan/yeroon masjiida kan dhaqe), kan gorsa ykn khuxbaa dhaqqabate, kan imaamatti dhihaatee taa'e (saffaa jalqabaa argatee taa'e), kan hin haasawin (dubbatin) cufa tarkaanfiitiin ni taati isaaf (jumu'aan) dalagaa waggaa soomana isaatii fi salaata isaa. {Sunan An-Nasa'ii: 1392}
.
Join | @Sano_Haji7


الصلاة على النبي صلى الله عليه وسلم يوم الجمعة أفضل من بقية الأيام، وليلتها أفضل الليالي، قال رسول الله صلى الله عليه وسلم: إن من أفضل أيامكم يوم الجمعة فأكثروا علي من الصلاة فيه.

-Rasuula (Sallallaahu aleeyhi wasallam) irratti nagayaa fi rahmata guyyaa Jumu'aa buusuun irra caalaa guyyaa hafaniiti. Halkan isii (Halkan kamisaa) irra caaltuu halkaniiti. Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam akkana jedhan:"Irra caalaan guyyaa keessanii guyyaa Jumu'aati; isii keessa nagayaa fi rahmatarraa narratti buusuu heddummeessaa."
-Sheikh Abdul Aziiz At-Tarifii.
.
Follow | @Sano_Haji7

20 last posts shown.

2 304

subscribers
Channel statistics