TGStat
TGStat
Type to search
Advanced channel search
  • flag English
    Site language
    flag Russian flag English flag Uzbek
  • Sign In
  • Catalog
    Channels and groups catalog Search for channels
    Add a channel/group
  • Ratings
    Rating of channels Rating of groups Posts rating
    Ratings of brands and people
  • Analytics
  • Search by posts
  • Telegram monitoring
💜Aasii♡Urjii💛

16 Nov 2020, 13:33

Open in Telegram Share Report

Bismillah jadhettin
Dubbi too egalaa

Alhamdulillah
Rabbi kiyya moylaa

Kan irraa nu kesse
Karaa diin qaceela

Kanatti ansee rahmata
Kadhaf ilma abdallaa

Tokkicha amiina
Bareeda ija kulaa

Ahli isaatti fi
Sahaboota itti dabala

Nagaya rahmata itti buusi
Yaa rabbi yaa moylaa ×22
_____________________

As wr wb yaa
Markaza hidaaya

Maquuma dhoynanu
Onnee nama dhayaa

Hojilleen keessan
Heddu nama fayya

Rabbin isiin haa kahu
Tan jannata caayaa ×22
_____________________
Markazni hidaaya bar
Dhugaan bekkama

Barnoota adda adda
Kessa baratama

Tafsiira fi bulugha
Riyaadas akkasuma

Kitaabu towhidi fi
Arbaa'inni hafazama

Musxalahafi nahwii usula
Durussulmihimma

Mee laala bareedina sa
Ilmiidhan marfamaa

Koota qooda irra fudha
Ilmi shari'a islaamaa ×22
_____________________
Baga gamadan warri
Tohida hafadani

Rakko meeqa obsitani
Kan qoomatti qabatani

Isiin irra haa jaalatu
Motiin motowanii

Heddu isiinif gamanne
baga gamadani

Rabbin isinif haa kennu
Badhaasa akhira sani

Ammallee jajabadha
Dhamsa kooti tuni×22
_____________________
Arra kuno fudhachufi
Badhaasa waraaqa ragaatti

Rabbin isinif haa godhu kan
Ragaa isinif taatu akiratti

Jajabadha ammallee
Akhwani wa Akhwatti

Kanatti aanse galatonfachun
Barbaada durewwan markazatti

Ustaaza kenyaa fi
Amiroota hidaayatti

Namni galaata nama
Beyne kan rabbi bekku mitti

Kanaafu heddu galatoma
Ustazfi Amiroonni garetti×22
_____________________
Ustaaza kenyaa jalatama
Fi kabajama

Isiin galatonfachuu
Barbaada wallahi dhuguma

Hedduu nu wajjin lafatan
Galgala fi ganama

Barnoota shari'atti fi kan
Technologis akkasuma

Email google classroom
Banachuf akkata itti fayyadama

Wanni nu barsiiftan wahi
Lakkawame dhuma

Ustaaz qofa mitti
Amirootanis akkasuma

Hundii keessanu
Heddu galatomaa×22
_____________________
Nama garii dubbin gaafii
Itti taatu Tan armaan gadi

Ustaazni heddudha kam
Galatonfachu barbaadi

Kan jadhee keessa
Dedemtu dubbin oli gadi

Ustazni galatonfachu
Barbaadu Alarifu muhammadi

Gaafiin sii deebite
Tuni dubbi adi

Guyyanis gamachu
Koflitti gamaddi

Arra Badhaasa dhabdu boru ni
Argata hin kutatin abdi

Ilmiin barbaadamtu dha
Ka'itti barbaadi

Waliin nu haa milkessu
Wahidu samadi×22
_____________________
Dhamsa obbolluma qaba
Dhagaha ikhwanii

Warri caarra kanatti
Fayyadamu walaltani

Yeroo teessan guba jirtan
Bakka bira sani

If egannoo godha sittin hin
Taphatin sheyxani

Mee yoo duti sitti dhufte
Maali deebisan teessani

Osoo hin sheynoyne kotu
Gara barnoota diinii

Qaama qalbiin sii yaama
Markazni hidaaya kuni

Kootatti galmaya dhira fi
Shamarannii ×22
_____________________
Osoo sitti hin dhufne lalabin du'a

Kotuu barnoota irraa
Bufadhu bu'a

Hundii keessannu qalbin
As deebi'a

Qixaanni rabbi jabaa
Hin dandenyuu ba'a

If duratti haa yadannu
Firaasha du'a

Sinqii akhiraa qopheefanna
Hundii lafaa ka'a×22
_____________________
Rabbin nu haa wafaquu
Ilmii shari'atti

Nama kheyri isaan fedhe
Rabbin isaf lafisa karaa diinitti

Nuf haa laafisuu barachuu fi itti dalagu sirritti

Nu haa sabachisuu karaa
Nabii irratti

SAW nabiyyu rahmatti

Walitti nu haa qabu caaya
Jannata jaalatti

Yaa rabbi sii kadhanna ati
Nuf rahmati ×22
____________________
Asumattin dhaba nan hin
Jedhina dubbi hin fixatu

Markaaza hidaaya na
Fudhe qalbi dhugumatu

Dhifaama naf godha
Mee Isiin hundumtu

Hanga wali deebinu
As wr Wabarakaatu×22
tg:@Aasiyaa_Abdulqaadir.

Join👇👇👇👇
@asyabntalaslam
Nama gafii qabuuf👇👇👇
@Aasii_bot

108 1 0
Catalog
Channels and groups catalog Channels compilations Search for channels Add a channel/group
Ratings
Rating of Telegram channels Rating of Telegram groups Posts rating Ratings of brands and people
API
API statistics Search API of posts API Callback
Our channels
@TGStat @TGStat_Chat @telepulse @TGStatAPI
Read
Академия TGStat Telegram Research 2019 Telegram Research 2021 Telegram Research 2023
Contacts
Справочный центр Support Email Jobs
Miscellaneous
Terms and conditions Privacy policy Public offer
Our bots
@TGStat_Bot @SearcheeBot @TGAlertsBot @tg_analytics_bot @TGStatChatBot