Barsistuu Afaan oromoo


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Barumsaa Hadisaa;Qur'anaa fi Zikrii barachuu barbaddu ? join godha jzk

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


Forward from: Shamarran jannata 😍😘
Seenaa ergamaa Raabbii(SAW) kutaa 16ffaa.
===================//////===========
Kennaa Rabbiin gaafa san ummata Muhammadiif sallallaahu aleeyhi wasallam. kenne irraa:
• Salaata Shanan
• Muslima hundaaf cubbuu guddoo ni araaramaaf, Akkas jechuun Ibidda keeysa abad hin turan waan towhiidarratti shirkii osoo hin dalagin du’aniin.
• Aayaata lamaan xumura Suuraah Baqaraah.
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam eega Rabbiin Isa dubbise booda gama Jibriil deebi’e. Eegas gama Masjida Al-Aqsaa gad bu’e, san booda “Buraaq” yaabbatee gama Makkaah deebi’e.
Deemsi suni fii wanni odeeyfame hundi halkan takka keeysatti gaggeeyfame. Israa’a fii Mi’raaj hagam takka Mu’jizaa guddoo akka taate beekhuuf yeroo gabaabaa isiin kheeysatti gaggeeyfamte laaluun siif gaha!.
Saniif Rabbiin Quraana keeysatti isii dubbate.
Eega Israa’i fii Mi’raaj raawwatte guyyaa itti aanu Jibriil Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam bira dhufee Yeroolee salaata shananii ibseef.
Akkaataan Salaanni Shanan Israa’i fii Mi’raaj keeysatti dirqama ittitaate raka’aa lama lama ture, salaata maghribaa malee, isiin
gaafasillee rak’aa 3 turte.
Qiblaanis gama Beeyta Al-Maqdis ture. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Ka’abaa if dura aansee jihaa Beeyta Al-Maqdis gargalee salaatuu ture. Qureeyshiin Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam irraa Mu’jizaa qaama miiraa shananiin beekan akka isaan agarsiisu gaafatan. Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yoon Ji’a bakka lamatti isiiniif adda qoode ni amantanii?” jechuun gaafate. “ee” ja’aniin.
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Rabbii waan hundarratti dandahaa tahe akka Ji’a bakka lamatti addaan isaaf qooduu khadhate, Rabbiin ol tahe Ji’a bakka lamatti osoo Isaan argan addaan baaseef. Qureeyshiin hoggaa Mu’jizaa guddoo san agart: “Wallaahi ati Falfalaadha.” ja’aniin. Qureeyshiin Mu’jizaa Guddoo argan san ni kijibsiisan. Mu’jizaa agarru ni amanna jechuun Isaanii kijiba taate.
Rabbiin ol tahe Qur’aana buusee akkana je’e:
اقْتَرَبَتِ السَاعَةُ وَانشَقَ الْقَمَرُ (1 (وَإِن يَرَوْا آيَةً يُعْرِضُوا وَيَقُولُوا سِحْرٌ
مُسْتَمِرٌ
“Qiyaamaan dhihaatte, Ji’inis Adda dhohe (baqaqe).Isaan yoo Aayata/mallattoo argan gargalanii Sihrii dabraadha (deemaadha) ja’an.”
Suuraah Al-Qamar: 1-2
.
.
.
.
.
Itti fufaa share waliif godhaa galatomaa ulfadhaa hundii kessanuu obboleyyan kiyya .


Forward from: ABC PROMOTION BOT
🌹Wantoonni salaata keessatti jibbaman maal fa'i ?

➫Raka'aa lamaan duraa keessatti faatihaa qofa irratti gabaabbachuu.
➫Faatihaa irra deddeebi'anii qara’uu,Yoo haajaadhaaf irra deddeebi'an garuu homaa rakkoon qabu.
➫Haajaa malee salaata keessa olii gadi mimildhachuu.
➫Ija lamaaniin dunuunfatanii salaatuu.
➫yeroo sujuudaa ciqilee lamaan Afatanii salaatuu.
➫Salaata keessa sochii adda addaa heddummeessuu.
➫Kalee qabatanii salaatuu.
➫Uffata(fooxaa )dacheedhaan gahanii salaatuu.
➫Afaanitti haguuggatanii salaatuu.
➫Imaama dursuu.
➫Qubbiin harkaa walitti diruu.
➫Rifeensaa fi uffata qabuu (gadi dhiifamuu dhoorguu).
➫Bakka nyaanni qophaa’etti salaatuu.
➫Osoo fincaan nama qabee jiru(cinqaa jiru)salaatuu.
➫Salaata keessa ijaan samii keessa ilaaluu.
Itti fufa...............
Kana qofa miti


Forward from: ғᴀsᴛ ᴘʀᴏᴍᴏ 
👉👉Waa'ee barnoota waligalaa Ni barbaduu???????






dabarfattan Rabbiin biratti inni caalaafi kan mindaa guddaa qabu ta'eeti isa argituRabbiin araarama kadhaa; dhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha .

 


Hikkaa qur'anaa Ykn tafsiraa Qur'anaa Suraa muzammil
بسم الله الرحمن الرحيم

يَـٰٓأَيُّهَا ٱلۡمُزَّمِّلُ

1, Yaa mammarataa! 


قُمِ ٱلَّيۡلَ إِلَّا قَلِيلٗا

2, Xiqqo malee halkan guutuu dhaabbadhu .


نِّصۡفَهُۥٓ أَوِ ٱنقُصۡ مِنۡهُ قَلِيلًا

3, Walakkaa isaa (dhaabbadhu) yookiin xiqqoo isa irraa hir’isi.

أَوۡ زِدۡ عَلَيۡهِ وَرَتِّلِ ٱلۡقُرۡءَانَ تَرۡتِيلًا

4, Yookiin isa irratti dabali Qur'aanas suutaan dubbisii.

إِنَّا سَنُلۡقِي عَلَيۡكَ قَوۡلٗا ثَقِيلًا

5, Nuti jecha ulfaataa sirratti buusuuf jirra. 

إِنَّ نَاشِئَةَ ٱلَّيۡلِ هِيَ أَشَدُّ وَطۡـٔٗا وَأَقۡوَمُ قِيلًا

6, Dhugumatti, ka'umsi halkanii (arrabaafi qalbii) wal simachiisuutti akkaan jabaafi dubbisuufis qajeelaadha. 

إِنَّ لَكَ فِي ٱلنَّهَارِ سَبۡحٗا طَوِيلٗا

7, Guyyaa keessa (dhimma jireenyaatiif) sochii dheeraatu siif jira. 

وَٱذۡكُرِ ٱسۡمَ رَبِّكَ وَتَبَتَّلۡ إِلَيۡهِ تَبۡتِيلٗا

8, Maqaa Gooftaa keetiis faarsi; gara isaattis citiinsa citi.


رَّبُّ ٱلۡمَشۡرِقِ وَٱلۡمَغۡرِبِ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ فَٱتَّخِذۡهُ وَكِيلٗا

9, (Inni) Gooftaa bahaafi dhihaatiIsa malee gabbaramaan dhugaa hin jiru; hirkoo isa taasifadhu. 


وَٱصۡبِرۡ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَٱهۡجُرۡهُمۡ هَجۡرٗا جَمِيلٗا

10, Waan isaan jedhan irratti obsi; fageenya gaarii isaan irraa fagaadhu. 


وَذَرۡنِي وَٱلۡمُكَذِّبِينَ أُوْلِي ٱلنَّعۡمَةِ

وَذَرۡنِي وَٱلۡمُكَذِّبِينَ أُوْلِي ٱلنَّعۡمَةِ وَمَهِّلۡهُمۡ قَلِيلًا

11. Anaafi sobsiiftota warra qananii walitti Na dhiisi; beellama xiqqoos isaaniif qabi .

إِنَّ لَدَيۡنَآ أَنكَالٗا وَجَحِيمٗا

12, Dhugumatti, Nu bira sakaallaa ulfaataafi ibiddatu jira.


وَطَعَامٗا ذَا غُصَّةٖ وَعَذَابًا أَلِيمٗا

13, Akkasumas nyaata nama hudhuufi adabbii laalessaa ta'etu (jira


يَوۡمَ تَرۡجُفُ ٱلۡأَرۡضُ وَٱلۡجِبَالُ وَكَانَتِ ٱلۡجِبَالُ كَثِيبٗا مَّهِيلًا

14, Guyyaa dachiifi gaarreen hurgufamaniifi gaarreen tuulaa cirracha yaa'uu ta'u keessa (sakkaalamu) 


إِنَّآ أَرۡسَلۡنَآ إِلَيۡكُمۡ رَسُولٗا شَٰهِدًا عَلَيۡكُمۡ كَمَآ أَرۡسَلۡنَآ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ رَسُولٗا

15, Nuti akkuma gara Fir'awn Ergamaa erginee turre gara keessanittis Ergamaa ragaa isin irratti ba'u erginee jirra. 


فَعَصَىٰ فِرۡعَوۡنُ ٱلرَّسُولَ فَأَخَذۡنَٰهُ أَخۡذٗا وَبِيلٗا

16, Fir'awnnis Ergamicha faallessee (didee) qabaa cimaa isa qabne 



فَكَيۡفَ تَتَّقُونَ إِن كَفَرۡتُمۡ يَوۡمٗا يَجۡعَلُ ٱلۡوِلۡدَٰنَ شِيبًا

17,Yoo kafartaniif, (adabbii) Guyyaa ijoollee arrii taasisuu akkamitti eeggattu? 

ٱلسَّمَآءُ مُنفَطِرُۢ بِهِۦۚ كَانَ وَعۡدُهُۥ مَفۡعُولًا

18, Samiin isaan (guyyaa sanaan) dhodhootuudhaBaallamni Isaa raawwatamaa ta'e. 

إِنَّ هَٰذِهِۦ تَذۡكِرَةٞۖ فَمَن شَآءَ ٱتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِۦ سَبِيلًا

19, Dhugumatti, isheen kun gorsaNama fedhe gara Gooftaa isaatti karaa godhata. 

۞إِنَّ رَبَّكَ يَعۡلَمُ أَنَّكَ تَقُومُ أَدۡنَىٰ مِن ثُلُثَيِ ٱلَّيۡلِ وَنِصۡفَهُۥ وَثُلُثَهُۥ وَطَآئِفَةٞ مِّنَ ٱلَّذِينَ مَعَكَۚ وَٱللَّهُ يُقَدِّرُ ٱلَّيۡلَ وَٱلنَّهَارَۚ عَلِمَ أَن لَّن تُحۡصُوهُ فَتَابَ عَلَيۡكُمۡۖ فَٱقۡرَءُواْ مَا تَيَسَّرَ مِنَ ٱلۡقُرۡءَانِۚ عَلِمَ أَن سَيَكُونُ مِنكُم مَّرۡضَىٰ وَءَاخَرُونَ يَضۡرِبُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ يَبۡتَغُونَ مِن فَضۡلِ ٱللَّهِ وَءَاخَرُونَ يُقَٰتِلُونَ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِۖ فَٱقۡرَءُواْ مَا تَيَسَّرَ مِنۡهُۚ وَأَقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتُواْ ٱلزَّكَوٰةَ وَأَقۡرِضُواْ ٱللَّهَ قَرۡضًا حَسَنٗاۚ وَمَا تُقَدِّمُواْ لِأَنفُسِكُم مِّنۡ خَيۡرٖ تَجِدُوهُ عِندَ ٱللَّهِ هُوَ خَيۡرٗا وَأَعۡظَمَ أَجۡرٗاۚ وَٱسۡتَغۡفِرُواْ ٱللَّهَۖ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمُۢ

(Yaa Muhammad SAW!) Dhugumatti akka atiifi warri sii wajjin ta'an irraa gareen wahii, lama sadaffaa halkanii, walakkaa isaatiifi tokko sadaffaa isaatii gadis dhaabbattan Gooftaan kee ni beekaRabbiin halkaniifi guyyaa ni shallagaAkka isin isa safartanii waliin hin geenye beekee tawbaa keessan isin irraa qeebaleQur'aana irraas (salaata keessatti) waan isiniif laafe qara'aaIsin irraa dhukkubsataan akka jiraatu, warri biraa immoo tola Rabbii barbaacha dachii keessa akka deeman, warri biraas karaa Rabbii keessatti akka lolan beekeeti (isin irrraa salphise)Kanaafuu, isa (Qur'aana) irraa waan isiniif laafe qara'aatii salaata dhaabaa; zakaas kennaaLiqii bareedaas Rabbiif liqeessaaToltuu irraa waan lubbuu keessaniif


Suraa Al muddathiir Aya: 31- hangaa dhumaa.

وَمَا جَعَلۡنَآ أَصۡحَٰبَ ٱلنَّارِ إِلَّا مَلَـٰٓئِكَةٗۖ وَمَا جَعَلۡنَا عِدَّتَهُمۡ إِلَّا فِتۡنَةٗ لِّلَّذِينَ كَفَرُواْ لِيَسۡتَيۡقِنَ ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡكِتَٰبَ وَيَزۡدَادَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِيمَٰنٗا وَلَا يَرۡتَابَ ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡمُؤۡمِنُونَ وَلِيَقُولَ ٱلَّذِينَ فِي قُلُوبِهِم مَّرَضٞ وَٱلۡكَٰفِرُونَ مَاذَآ أَرَادَ ٱللَّهُ بِهَٰذَا مَثَلٗاۚ كَذَٰلِكَ يُضِلُّ ٱللَّهُ مَن يَشَآءُ وَيَهۡدِي مَن يَشَآءُۚ وَمَا يَعۡلَمُ جُنُودَ رَبِّكَ إِلَّا هُوَۚ وَمَا هِيَ إِلَّا ذِكۡرَىٰ لِلۡبَشَرِ

31, Eegdota Ibiddaas malaykota malee kan biraa hin gooneLakkoofsa isaaniis isaan kafaraniif qormaata, warri kitaaba kennaman akka mirkaneeffatan, warri amanan iimaana akka dabalatanuuf, warri kitaaba kennamaniifi mu'uminoonnis akka hin shakkinee,fi akka warri onnee isaanii keessa dhukkubni jiruufi kaafiroonni ‘Rabbiin (lakkoofsa) kanaan fakkeenya maalii fedhe’ jedhaniif malee kana hin gooneAkka kanatti Rabbiin nama fedhe jallisee nama fedhe immoo qajeelcha(Baay'ina) waraana Gooftaa keetiis Isa malee homtuu hin beekuIsheenis namaaf gorsa malee waan biraatii miti. 

كَلَّا وَٱلۡقَمَرِ

32, Haa dhorgamu! Ji'attin kakadha! 

وَٱلَّيۡلِ إِذۡ أَدۡبَرَ

33, Halkaniinis; yeroo inni deeme. 



وَٱلصُّبۡحِ إِذَآ أَسۡفَرَ

34, Bariidhaanis yeroo inni ife.


إِنَّهَا لَإِحۡدَى ٱلۡكُبَرِ

35, Dhugumatti, isheen (saqar) tokkoo (rakkoolee) gurgurddooti. 

نَذِيرٗا لِّلۡبَشَرِ

36, Namaaf akeekkachiiftuudha. 



لِمَن شَآءَ مِنكُمۡ أَن يَتَقَدَّمَ أَوۡ يَتَأَخَّرَ

37, Nama isin irraa (hojii gaariidhaan) fuulduratti deemuu, yookiin duubatti hafuu fedheef (akeekkachiistuu dha). 


كُلُّ نَفۡسِۭ بِمَا كَسَبَتۡ رَهِينَةٌ

38, Lubbuun hundi waan hojjatteen qabamtuudha.


إِلَّآ أَصۡحَٰبَ ٱلۡيَمِينِ

39, Warra mirgaa malee



فِي جَنَّـٰتٖ يَتَسَآءَلُونَ

40, (Isaan) jannata keessatti wal gaggaafatu. 


عَنِ ٱلۡمُجۡرِمِينَ

41, Yakkamtoota irraa (wal gaafatu). 


مَا سَلَكَكُمۡ فِي سَقَرَ

42, "Maaltu Saqariin keessa isin seensise?" (isaanin jedhu)


قَالُواْ لَمۡ نَكُ مِنَ ٱلۡمُصَلِّينَ

43, Ni jedhan: "nuti warra salaatan irraa hin turre. 

وَلَمۡ نَكُ نُطۡعِمُ ٱلۡمِسۡكِينَ

44, Hiyyeeyyii kan nyaachifnus hin turre; 

وَكُنَّا نَخُوضُ مَعَ ٱلۡخَآئِضِينَ

45, Warra (hamtuu) keessa seenuu wajjin seenaa turre; 


وَكُنَّا نُكَذِّبُ بِيَوۡمِ ٱلدِّينِ

46, Guyyaa mindaas kan sobsiifnu turre; 


حَتَّىٰٓ أَتَىٰنَا ٱلۡيَقِينُ

47, Hanga (duuti) mirkanaayaan nutti dhufutti (haala kana irra turre)" (jedhu) .

فَمَا تَنفَعُهُمۡ شَفَٰعَةُ ٱلشَّـٰفِعِينَ

48, Jaarsummaan (araarri) warra araarsanii isaan hin fayyadu. 


فَمَا لَهُمۡ عَنِ ٱلتَّذۡكِرَةِ مُعۡرِضِينَ

49,Maaltu isaaniif jiraayi gorsa (Qur'aanaa) irraa gara galoo ta'u?


كَأَنَّهُمۡ حُمُرٞ مُّسۡتَنفِرَةٞ

50, (Yeroo akeekkachiisa Rabbii irraa dheessan) akka harree diidoo dammaqanii (gugatanii) fakkaatu.


فَرَّتۡ مِن قَسۡوَرَةِۭ

51,Leenca irraa kan baqatan.

بَلۡ يُرِيدُ كُلُّ ٱمۡرِيٕٖ مِّنۡهُمۡ أَن يُؤۡتَىٰ صُحُفٗا مُّنَشَّرَةٗ

52, Inumaa namni isaan irraa ta'e hundi kitaabota banamoo kennamuu fedha. 


كَلَّاۖ بَل لَّا يَخَافُونَ ٱلۡأٓخِرَةَ

53, Dhugumatti, (hin kennamanu) isaan Aakhirumaayyuu hin sodaatanu .

كَلَّآ إِنَّهُۥ تَذۡكِرَةٞ

54, Dhugumatti, inni (Qur'aanni) gorsa .

فَمَن شَآءَ ذَكَرَهُۥ

55, Nama fedheetu isaan gorfamaa.

وَمَا يَذۡكُرُونَ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُۚ هُوَ أَهۡلُ ٱلتَّقۡوَىٰ وَأَهۡلُ ٱلۡمَغۡفِرَةِ

56, Yoo Rabbiin fedhe malee hin gorfamanuInni (Rabbiin) kan sodaatamuu haqa godhatuufi Abbaa Araaramaati. 


Hikkaa qur'anaa Ykn tafsiraa Qur'ana suraa Al-muddassir
بسم الله الرحمن الرحيم

يَـٰٓأَيُّهَا ٱلۡمُدَّثِّرُ

1, Yaa mammarataa!

قُمۡ فَأَنذِرۡ

2, Ka'ii akeekkachiisi. 

وَرَبَّكَ فَكَبِّرۡ

3, Gooftaa keetis guddisi.
وَثِيَابَكَ فَطَهِّرۡ

4, Uffata keetis qulqulleessi 


وَٱلرُّجۡزَ فَٱهۡجُرۡ

5, Taabotaanis oodi. 


وَلَا تَمۡنُن تَسۡتَكۡثِرُ

6, Baay'ifannaa barbaachaaf hin arjoomin. 

وَلِرَبِّكَ فَٱصۡبِرۡ

7. Gooftaa keetiif obsi. 



فَإِذَا نُقِرَ فِي ٱلنَّاقُورِ

8, Yeroo xurumbaa keessa afuufame; 

فَذَٰلِكَ يَوۡمَئِذٖ يَوۡمٌ عَسِيرٌ

9, Sun, guyyaan gaafasii guyyaa rakkisaadha 

عَلَى ٱلۡكَٰفِرِينَ غَيۡرُ يَسِيرٖ

10, Kaafiroota irratti (guyyaa) laafaa miti 


ذَرۡنِي وَمَنۡ خَلَقۡتُ وَحِيدٗا

11, Nama ani kophaa isa uumee wajjin (walitti) Na dhiisi; 


وَجَعَلۡتُ لَهُۥ مَالٗا مَّمۡدُودٗا

12, Kan Ani qabeenya bal'aas isaaf godhe; 


وَبَنِينَ شُهُودٗا

13,Ilmaan dhiiraa kan isa biratti argamanis; 

وَمَهَّدتُّ لَهُۥ تَمۡهِيدٗا

14, Bal'isuus kan Ani isaaf bal'ise; 

ثُمَّ يَطۡمَعُ أَنۡ أَزِيدَ

15, Ergasii akka Ani isaaf dabalus kan kajeelu; 

كَلَّآۖ إِنَّهُۥ كَانَ لِأٓيَٰتِنَا عَنِيدٗا

16, Haa dhorgamu! Inni keeyyattoota Keenya mormaa ture. 


سَأُرۡهِقُهُۥ صَعُودًا

17, Dhugumatti, rakkoo guddaattin isa dirqa. 

 

إِنَّهُۥ فَكَّرَ وَقَدَّرَ

18, Inni ni xiinxale; ni tilmaames. 

 

فَقُتِلَ كَيۡفَ قَدَّرَ

19, Abaarame! Akkamumatti tilmaame? 


ثُمَّ قُتِلَ كَيۡفَ قَدَّرَ

20, Ergasiis abaarame! Akkamumatti tilmaame? 


ثُمَّ نَظَرَ

21, Ergasii ni ilaale

ثُمَّ عَبَسَ وَبَسَرَ

22, Ergasii fuula guure; akkaan jijjiirame .

ثُمَّ أَدۡبَرَ وَٱسۡتَكۡبَرَ

23, Ergasii gara gale; ni boone 


فَقَالَ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا سِحۡرٞ يُؤۡثَرُ

24, Ni jedhes: "(Qur'aanni) kun falfala (nama biraa) irraa waraabame qofa. 


إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا قَوۡلُ ٱلۡبَشَرِ

25, Kun jecha namaa malee hin taane." 


سَأُصۡلِيهِ سَقَرَ

26, Saqar isa seensisuufin jira 

وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا سَقَرُ

27, Saqar maal akka ta'e maaltu si barsiise? 



لَا تُبۡقِي وَلَا تَذَرُ

28, (Foon) hin hambiftu (lafees) hin dhiiftu .

لَوَّاحَةٞ لِّلۡبَشَرِ

29, Gogaas gubduudha


عَلَيۡهَا تِسۡعَةَ عَشَرَ

30, Ishee irra (waardiyyaa) kudha sagaltu jira. 


Forward from: 🌲ONNACHÌÌFŤÙ JIŔÙÚ🌙🌙🔐
‎السلام عليكم ورحمة الله وبركاته ​mee maqaa rabbi guddaa 99 kana oso share,hin goone Bira hin Tarin​ 🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿 1 Al-Rahmaan🌿 2 ,Al-Rahiim🌿 3 ,Al-Malik🌿 4 ,Al-Quduus🌿 5 《,Al-Salam 6, Al-mumin 7, Al-Muheymin 8, Al-Aziiz 9 ,Al-Jabaar 10, Al-mutakabir 11, Al-khaliq 12 ,Al-Baara'u 13, Al-musawir 14 《,Al-Ghafar 15, Al-Qahar 16, 《Al-Wahaab 17, Al-Razaq 18, Al-Fatah 19, Al-Aalim 20, Al-Qaabidu 21 ,Al-Baasixu 22, 《Al-Khafidu 23- Al-Raaf'u 24, Al-mu'izu 25, 《Al-Muzillu 26, 《Al-Sami'u 27, Al-Basir 28, Al-Hakiimu 29. Al-Aadil 30- Al-Laxiif 31- Al-Khabiir 32, Al-Haliim 33, Al-Aziim 34, Al-Ghafuru 35 ,Al-Shakur 36, Al-Aliyy 37, 《Al-Kabiir 38, Al-Hafiizul 39, Al-Muqiit 40, Al-Hasib 41, 《Al-Jaliil 42, Al-Karim 43, Al-Raqiib 44, Al-mujiib 45, Al-waasi3 46, Al-Hakiim 47 ,Al-Waduud 48, Al-Mujiib 49, Al-Baa'3s 50, A-lshahid 51, Al-Haq 52 ,Al-Wakiil 53, Al-Qawiy 54, Al-Matiin 55, Al-Waliyu 56, Al-Hamiid 57, Al-Muhsi 58, Al-Mubd3u 59, Al-mu3iid 60 , Al-,muhyiil 61, Al-mumit 62, Al-Hayyul 63, Al-Qayuum 64, Al-Wajidul 65, Al-Maadi 66, Al-Wahiid 67, Al-Ahad 68 ,Al-somad 69, 《Al-Qaadir 70, Al-Muqtadit 71, Al-Muqadimu 72, 《Al-Muakhir 73, 《Al-Awal 74, Al-Aakhir🌿 75, 《Al-Zaahir🌿 76, Al-Baaxin🌿 77, Al-Waalil🌿 78, Al-muta3alil🌿 79, Al-barul🌿 80, Al-Tawaa🌿 81, Al-muntaqim🌿 82, Al-Afouw🌿 83, 《Al-Ra'uf🌿 84, Al-Malikul🌿 mulki🌳 85, Zul Jalal wal🎄 Ikarm☘🌲🌲 86, Al-muqsiix☘ 87, Al-Jamal🌿 88, Al-Ghaniy🌿 89, Al-mughni🌿 90, Al-Maani🌿 91, Al-Darul🌿 92, 《Al-Naafi🌿 93, 《Al-Nuur🌿 94, 《Al-Haadi🌿 95, Al-Badi🌿 96, Al-Baaqi🌿 97, 《Al-waaris🌿 98, Al-Raashid🌿 99, Al-sabur🌿 ​Sher sher sher godhii meeeeeee haadar hin daagatinii‎
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@islamtub
@islamtub
@islamtub
@islamtub


Hikkaa qur'anaa Ykn tafsiraa Qur'anaa Suraa Al-qiyaamaa.
بسم الله الرحمن الرحيم

لَآ أُقۡسِمُ بِيَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ

1, Lakki! Guyyaa Qiyaamaatiinin kakadha. 

وَلَآ أُقۡسِمُ بِٱلنَّفۡسِ ٱللَّوَّامَةِ

2, Lubbuu of komattuu taateenis nan kakadha; (mindaa galfamuuf jirtu)

أَيَحۡسَبُ ٱلۡإِنسَٰنُ أَلَّن نَّجۡمَعَ عِظَامَهُۥ

3, Sila namni lafee isaa walitti hin qabnuu yaadaa? 


بَلَىٰ قَٰدِرِينَ عَلَىٰٓ أَن نُّسَوِّيَ بَنَانَهُۥ

4, Eeyyeen (walitti ni qabna)(Nuti) qubbeen isaatuu akka turanitti deebifnee sirreessuu irratti danda'oodha .

بَلۡ يُرِيدُ ٱلۡإِنسَٰنُ لِيَفۡجُرَ أَمَامَهُۥ

5, Dhugumatti namni fuuldura isaa (Qiyaamaa) sobsiisuu fedha. 

يَسۡـَٔلُ أَيَّانَ يَوۡمُ ٱلۡقِيَٰمَةِ

6, "Guyyaan Qiyaamaa yoomii?"gaafata. 

فَإِذَا بَرِقَ ٱلۡبَصَرُ

7, (Guyyaan sun) yeroo ijji dhamaatu. 

وَخَسَفَ ٱلۡقَمَرُ

8, (Yeroo) jiini ifa dhabu (gaddiddaa’u) 


وَجُمِعَ ٱلشَّمۡسُ وَٱلۡقَمَرُ

9, Aduufi jiinis walitti qabamu. 

يَقُولُ ٱلۡإِنسَٰنُ يَوۡمَئِذٍ أَيۡنَ ٱلۡمَفَرُّ

10, Guyyaa san namni "bakki baqaa eessa?" jedha .

كَلَّا لَا وَزَرَ

11, Dhorgamaa! (Guyyaa san) iddoon baqaa hin jiru. 

إِلَىٰ رَبِّكَ يَوۡمَئِذٍ ٱلۡمُسۡتَقَرُّ

12, Guyyaa san bakki qubannaa gara Gooftaa keetiiti. 


يُنَبَّؤُاْ ٱلۡإِنسَٰنُ يَوۡمَئِذِۭ بِمَا قَدَّمَ وَأَخَّرَ

13, Namni guyyaa san wanti inni hojjateefi dhiise itti himama

بَلِ ٱلۡإِنسَٰنُ عَلَىٰ نَفۡسِهِۦ بَصِيرَةٞ

14, Dhugumatti, namni of irratti ragaadha .

وَلَوۡ أَلۡقَىٰ مَعَاذِيرَهُۥ

15, Odoma rakkoo adda addaa dhiyeeffateeyyuu .

لَا تُحَرِّكۡ بِهِۦ لِسَانَكَ لِتَعۡجَلَ بِهِۦٓ

16, Isa (qabachuu)tti ariifachuuf jecha arraba kee isaan hin sochoosin

إِنَّ عَلَيۡنَا جَمۡعَهُۥ وَقُرۡءَانَهُۥ

17, Dhugumatti, isa (onnee kee keessatti) walitti qabuufi isa dubbisuun kee nurra jira.

قَرَأۡنَٰهُ فَٱتَّبِعۡ قُرۡءَانَهُۥ

18, Yeroo Nuti isa qaraane qiraatii isaa hordofi .


ثُمَّ إِنَّ عَلَيۡنَا بَيَانَهُۥ

19, Ergasii isa ibsuun Nurra jira.



كَلَّا بَلۡ تُحِبُّونَ ٱلۡعَاجِلَةَ

20, Dhugumatti, isin ariifattuu (duuniyaa) jaalattu. 

وَتَذَرُونَ ٱلۡأٓخِرَةَ

21, Aakhiraa ni dhiiftu


وُجُوهٞ يَوۡمَئِذٖ نَّاضِرَةٌ

22, Fuulli gariin Guyyaa san iftuudha.

إِلَىٰ رَبِّهَا نَاظِرَةٞ

23, Gara Gooftaa ishees ilaaltuudha

وَوُجُوهٞ يَوۡمَئِذِۭ بَاسِرَةٞ

24, Fuulli gariinis Guyyaa san akkaan suntuurtuudha. 

تَظُنُّ أَن يُفۡعَلَ بِهَا فَاقِرَةٞ

25, Balaan guddaan ishee irratti raawwatamuu yaaddi.

كَلَّآ إِذَا بَلَغَتِ ٱلتَّرَاقِيَ

26, Dhaga’aa! Yeroo (lubbuun ba'uuf) kokkee bira geesse, 

وَقِيلَ مَنۡۜ رَاقٖ

27, (Yeroo) "eenyutu isa yaala?" jedhame, 

وَظَنَّ أَنَّهُ ٱلۡفِرَاقُ

28, (Namni du'aa jiru sun) ‘dhugumatti, inni (addunyaa kana irraa) adda ba'uu dha’ jechuu yeroo mirkaneeffate; 

 

وَٱلۡتَفَّتِ ٱلسَّاقُ بِٱلسَّاقِ

29, (Yeroo) mogoleen mogoleetti maramte. 

إِلَىٰ رَبِّكَ يَوۡمَئِذٍ ٱلۡمَسَاقُ

30, Guyyaa san oofamiinsi gara Gooftaa keetiiti. 

فَلَا صَدَّقَ وَلَا صَلَّىٰ
.
31, Hin amanne; hin salaanne. 

وَلَٰكِن كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ

32, kijibsiisee irraa gara gale.


ثُمَّ ذَهَبَ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِۦ يَتَمَطَّىٰٓ

33, Ergasii boonaa gara maatii isaa deeme .

أَوۡلَىٰ لَكَ فَأَوۡلَىٰ

34, Badiin siif haa ta’u! Ammas badiin!

ثُمَّ أَوۡلَىٰ لَكَ فَأَوۡلَىٰٓ

35, Sana booda badiin siif haa ta’u! Ammas badiin! 


أَيَحۡسَبُ ٱلۡإِنسَٰنُ أَن يُتۡرَكَ سُدًى

36, Sila namni akkanumaan dhiifamuu yaadaa? 

أَلَمۡ يَكُ نُطۡفَةٗ مِّن مَّنِيّٖ يُمۡنَىٰ

37, Sila inni bishaan saalaa kan dhangalaafamu irraa ta'ee hin turree? 

ثُمَّ كَانَ عَلَقَةٗ فَخَلَقَ فَسَوَّىٰ

38, Ergasii dhiiga ititaa ta'eeti (nama godhee) uumee guute. 

فَجَعَلَ مِنۡهُ ٱلزَّوۡجَيۡنِ ٱلذَّكَرَ وَٱلۡأُنثَىٰٓ

39, Isa irraas cimdii lama, dhiiraafi dhalaa, taasise 


أَلَيۡسَ ذَٰلِكَ بِقَٰدِرٍ عَلَىٰٓ أَن يُحۡـِۧيَ ٱلۡمَوۡتَىٰ

40, Sila (Rabbiin akkas godhe) sun du'aa jiraachisuu irratti danda'aa mitii? 


Forward from: ABC PROMOTION BOT
⚠Yeroo Badii Hojjatee Booda ➖➖➖➖➖➖➖➖
❖Gabrichumman Kamiyyuu Badii Hojjate Ergaasii Xaharaa (Wuduu'a ) Barachee Tolfatee ,Rakka'aa Lamaa ✌Salaatee Ergasii Rabbii Isaa araarama gafatee Rabbiin Isaaf Araaramuu Malee Hin taanee,isaaf araaraman Rasuulli S.A.W
💔Yaa Habbibiilaaha S.A.W S.A.W


Forward from: ABC PROMOTION BOT
Barnoota Akkaan Murteessaadha.

Qophii Shekh Jamaal Baddeysaa Abuuraafii

Wantoota Itti Ajajamne Tan Sawaaba Gurgudda Qabdu Waa 41 Kunoo Qabadhaa jzk

Waan itti ajajmne gosa ibaadaa 41.

1. laa ilaaha illallaahu wahdahuu laashariika lahuu } jechuu.

2 Subhaanallaahi walhamdu lillaahi wa laa ilaaha illallaahu wallaahu akbar} jechuu.

3. Subhaanallaahi wabi hamdihii } jechuu.

4. Laa hawla walaa quwwata illaa billaahi} jechuu.

5. Jannata Rabbi kadhatanii ibiddarraa isatti maganfachuu.

6. Subhaanakallaahu wabihamdihii, Ashhadu an laa ilaaha illaa anta astagfiruka wa atuubu ileyka} jechuu.

7. Suuraa kahfirraa aayatoota haffazuu.

8. Salawaata nabirratti buusuu.

9. Aayatoowwan qur’aanaarraa garii qarauun sadarkaa isiin qabdu.

10. Sadarkaa suuraa ikhlaas qara’uun qabdu.

11. Galata warren azaanuu.

12. Yeroo mu’azzinni azaanee isa jala qabanii waan inni jedhu jechuu fii boodarra du’aa’ii godhuu.

13-qullaadha.

14. Yeroo mu’azzinni azaanee isa jala qabanii waan inni jedhu jechuu fii boodarra du’aa’ii godhuu.

15. Wuduu’a tolfachuu.

16. Wuduu’a booda du’aa’ii godhuu.

17. Wuduua booda raka’aa lama salaatuu.

18. Gara masgiidaa tarkaanfii heddummeessuu.

19. Gara masgiidaa deemuu.

20. Qophaawuufii masgiidatti ganamuu guyyaa jum’aa.

21. Takbiiraa hidhannaa dhaqqabachuu.

22. Nama ishaa’iifii fajrii jamaa’aan salaate.

23. Saffii duraatti salaatuu.

24. Saunnaalee Raatibaa (tan fardii jala deemtu).

25. Salaata sunnaa heddummeessanii salaatuu.

26. Raka’aa lameen fajrii salaatuu.

27. Salata salaata raka’aa lameen duhaadhaa.

28. Sadarkaa salaata eeggachuudhaa.

29. Fadlii fii galata zikrii Rabbii godhuudhaa salaata fajrii booda.

30. Nama halkan dammaqee warra isaatis dammaqsee salaatu.

31. Nama halkan salaatuu niyyatee hirribni isarra injifate.

32. Du’aa’ii yeroo gabayaa seenanii.

33. Subhaanallaahi walhamdu lillaahi wallaahu akbar-yoggu soddomii sadi jechuu fii laa’ilaaha illallaahuu…dhibba guutuu.

34. Kursiyyii salaata fardii hunda boodarra qara’uu.

35. Dhukkubsataa gaafachuu.

36. Nama mokkorameef Rabbi kadhachuu.

37. Namni nama musiibaan tuuyxe jajjabeesse.

38. Janaazarratti salaatanii hanga awwaalamtutti jaladeemanii geggeessuu.

39. Nama masgiida jaaree, yookaan kan jaarmayatti hirmaate.

40. Kennuu qabeenyarraa.

41. Sadaqachuu.

Shekh Jamaal Baddeysaa AbuuRaafii




Forward from: ABC PROMOTION BOT
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARAK
EID MUBARA




Forward from: ABC PROMOTION BOT
Rabbiin(s.w) Wanta Uumuu Barbaade Hun Ta'ii isaatiin akka barbaadetti Uuma. Wanta Inni uumuu Barbaade Hunda "Ta'i" numa jedhaan wanti saniis inuma ta'a. Rabbiin(s.w) Waa'ee kanaa ilaalchisee akkana jedha:-

(إِنَّمَا أَمْرُهُ إِذَا أَرَادَ شَيْئًا أَنْ يَقُولَ لَهُ كُنْ فَيَكُونُ)
[سورة يسن 82]
"Ajajni isaa, yoo waan tokko fedhe "tahi" jechuma Qofa, Yoosuu taha."(Yaasiin 36:82) , Akkasuma dabalataaniis ergaa wal fakkaataa =surah nahl 16:40, Suuraa Baqarah 2:117, Suuraa ghaafir 40:68 ,irratti argachuu ni dandeenya.

Kanaafuu Rabbiin(s.w) akkuma ta'ii isaatiin waan hunda uume.Ta'ii isaatiin Iisaa Ilma Maryam illee Uume. Akkuma Abbaa keenya Aadam Haadhaa fi Abbaa Malee Biyyee irraa Nama godhee uume, Haadha Teenya Hawaa immoo Haadha malee Abbaa Keenya Aadam qofa irraa Uumee, Iisaa Ilma Maryam ille Dandeettii isaatiin Haadhaa Qofa irraa ta'ii isaatiin Uume. Keewwatoonni Qur'aanaa kan armaan gadiis waa'ee dhaloota Iyyasuus/Iisaa Ilma mariyam ilaalchisee kanuma nuuf ibsa:-

(إِذْ قَالَتِ الْمَلَائِكَةُ يَا مَرْيَمُ إِنَّ اللَّهَ يُبَشِّرُكِ بِكَلِمَةٍ مِنْهُ اسْمُهُ الْمَسِيحُ عِيسَى ابْنُ مَرْيَمَ وَجِيهًا فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ وَمِنَ الْمُقَرَّبِينَ * وَيُكَلِّمُ النَّاسَ فِي الْمَهْدِ وَكَهْلًا وَمِنَ الصَّالِحِينَ * قَالَتْ رَبِّ أَنَّىٰ يَكُونُ لِي وَلَدٌ وَلَمْ يَمْسَسْنِي بَشَرٌ ۖ قَالَ كَذَٰلِكِ اللَّهُ يَخْلُقُ مَا يَشَاءُ ۚ إِذَا قَضَىٰ أَمْرًا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُ كُنْ فَيَكُونُ)
[سورة آل عمران 45 - 47]
“yeroo malaa’ikoonni “yaa maryam! Dhugumatti Rabbiin jecha isa biraa ta’e, kan maqaan isaa masiih Iisaa ilma maryam jedhamu, kan duniyaa fii Aakhirattis kabajamaa fii warra Rabbitti dhiheeffaman irraa ta’een si gammachiisa” jette (yaadadhu). Daa’imummaa fi erga guddateeyis namaan dubbata. Warra gaggaarii irraayis(ta’e). (maryamis) “yaa gooftaa kiyya! Odoo namni tokkollee ana hin tuqne akkamitti ilmi naaf argama?” jette. (Rabbiinis) “Akka kanatti Rabbiin waan fedhe Uuma. Inni #yeroo_waan_tokko_murteessu #ta’i! qofa isaan jedha; #yeroma_san ta’a” jedhe.” [Aali-Imraan 3:45-47]

(يَا أَهْلَ الْكِتَابِ لَا تَغْلُوا فِي دِينِكُمْ وَلَا تَقُولُوا عَلَى اللَّهِ إِلَّا الْحَقَّ ۚ إِنَّمَا الْمَسِيحُ عِيسَى ابْنُ مَرْيَمَ رَسُولُ اللَّهِ وَكَلِمَتُهُ أَلْقَاهَا إِلَىٰ مَرْيَمَ وَرُوحٌ مِنْهُ ۖ فَآمِنُوا بِاللَّهِ وَرُسُلِهِ ۖ وَلَا تَقُولُوا ثَلَاثَةٌ ۚ انْتَهُوا خَيْرًا لَكُمْ ۚ إِنَّمَا اللَّهُ إِلَٰهٌ وَاحِدٌ ۖ سُبْحَانَهُ أَنْ يَكُونَ لَهُ وَلَدٌ ۘ لَهُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۗ وَكَفَىٰ بِاللَّهِ وَكِيلًا)
[سورة النساء 171]
“Yaa Abbootii kitaabaa! Amantii keessan keessatti daangaa hin darbinaa; Rabbi Irrattiis dhugaa malee hin haasa’inaa. Ilmi Maryam, masiih ,Iisaan ergamaa rabbiiti; jecha isaa (ta’i jedhu) kan inni gara maryam darbee dha. Ruuhii(Uumaa) isa irraa ta’ee dha. Rabbii fi Ergamoota isaattis amanaa. “Rabbiin Sadihi” hin jedhinas. Isarraa Dhoorgamaa; isiniif caala (ta’aa). Rabbiin dhugaan gabbaramaa tokko qofa. Inni ilmi isaaf ta’uu irraa qulqullaa’e. Wantoonni samii keessaa fi wantoonni dachii keessaa kan isaati. Hirkoodhaafis Rabbiin Qofti ga’aa dha.”[Nisaa’i 4:171]




n irraa nama dilaawaa yookiin kafaraa ta'eef hin ajajamin.

وَٱذۡكُرِ ٱسۡمَ رَبِّكَ بُكۡرَةٗ وَأَصِيلٗا

25, Ganamaafi galgalas maqaa Gooftaa keetii faarsi. 


وَمِنَ ٱلَّيۡلِ فَٱسۡجُدۡ لَهُۥ وَسَبِّحۡهُ لَيۡلٗا طَوِيلًا

26, Halkan irraallee Isaaf salaati; halkan dheeraas Isaaf (salaata laylii) salaati 

إِنَّ هَـٰٓؤُلَآءِ يُحِبُّونَ ٱلۡعَاجِلَةَ وَيَذَرُونَ وَرَآءَهُمۡ يَوۡمٗا ثَقِيلٗا

27, Dhugumatti, warri kun (addunyaa) arifattuu jaalatu; guyyaa ulfaataas fuulduratti dhiisu (dagatu). 


نَّحۡنُ خَلَقۡنَٰهُمۡ وَشَدَدۡنَآ أَسۡرَهُمۡۖ وَإِذَا شِئۡنَا بَدَّلۡنَآ أَمۡثَٰلَهُمۡ تَبۡدِيلًا

28, Nuti isaan uumnee qaama isaaniis jabeessine; yeroo feenes (isaan balleessinee) fakkaatuma isaanii bakka buusinsa bakka buufna


إِنَّ هَٰذِهِۦ تَذۡكِرَةٞۖ فَمَن شَآءَ ٱتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِۦ سَبِيلٗا

29, Dhugumatti, kuni gorsa; namni fedhe gara Gooftaa isaatti karaa godhata. 

 
وَمَا تَشَآءُونَ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلِيمًا حَكِيمٗا

30, Yoo Rabbiin fedhe malee isin homaa hin feetanRabbiin beekaa ogeessa ta’eera. 


يُدۡخِلُ مَن يَشَآءُ فِي رَحۡمَتِهِۦۚ وَٱلظَّـٰلِمِينَ أَعَدَّ لَهُمۡ عَذَابًا أَلِيمَۢا

31, Nama fedhe rahmata Isaa keessa seensisaMiidhaa raawwattoota immoo isaaniif adabbii laalessaa qopheesse. 


Hikkaa qur'anaa Ykn tafsiraa Qur'anaa suura Al-Insaan
بسم الله الرحمن الرحيم

هَلۡ أَتَىٰ عَلَى ٱلۡإِنسَٰنِ حِينٞ مِّنَ ٱلدَّهۡرِ لَمۡ يَكُن شَيۡـٔٗا مَّذۡكُورًا

1, Sila barri hangi ta'e nama irra kan inni waan yaadatamu hin ta'in hin dhufnee? 


إِنَّا خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ مِن نُّطۡفَةٍ أَمۡشَاجٖ نَّبۡتَلِيهِ فَجَعَلۡنَٰهُ سَمِيعَۢا بَصِيرًا

2, Dhugumatti Nuti nama, isa qormaatuuf jecha bishaan saalaa walitti makamaa ta'e irraa uumnee; Dhaga'aafi argaas isa goone. 


إِنَّا هَدَيۡنَٰهُ ٱلسَّبِيلَ إِمَّا شَاكِرٗا وَإِمَّا كَفُورًا

3, Nuti haala (inni) galateeffataa yookiin mormaa ta'een karaa isa qajeelchine. 


إِنَّآ أَعۡتَدۡنَا لِلۡكَٰفِرِينَ سَلَٰسِلَاْ وَأَغۡلَٰلٗا وَسَعِيرًا

4, Nuti kaafirootaaf sansalata, sakaallaawwaniifi ibidda boba'aa qopheessinee jirra. 

إِنَّ ٱلۡأَبۡرَارَ يَشۡرَبُونَ مِن كَأۡسٖ كَانَ مِزَاجُهَا كَافُورًا

5, Warri gaggaariin khamrii makaan ishee kaafuuriin ta'e irraa dhugu.

عَيۡنٗا يَشۡرَبُ بِهَا عِبَادُ ٱللَّهِ يُفَجِّرُونَهَا تَفۡجِيرٗا

6, (Kun) burqaa gabroonni Rabbii ishee dhuganiidha(Karaa fedhanitti) dhangalaafachuu ishee dhangalaafatu 


يُوفُونَ بِٱلنَّذۡرِ وَيَخَافُونَ يَوۡمٗا كَانَ شَرُّهُۥ مُسۡتَطِيرٗا

7, Qodhaa (nazrii) isaanii ni guutu; guyyaa hamtuun isaa babal'atus

وَيُطۡعِمُونَ ٱلطَّعَامَ عَلَىٰ حُبِّهِۦ مِسۡكِينٗا وَيَتِيمٗا وَأَسِيرًا

8, Nyaatas ofii jaallachuu wajjin hiyyeessa, yatiimaafi booji'amaas nyaachisu. 


إِنَّمَا نُطۡعِمُكُمۡ لِوَجۡهِ ٱللَّهِ لَا نُرِيدُ مِنكُمۡ جَزَآءٗ وَلَا شُكُورًا

9, (Ni jedhu): "dhugumatti, wanti nuti isin nyaachifnuuf Fuula Rabbii qofaafi; isin irraa mindaas ta'ee galata wahii hin barbaannu. 

إِنَّا نَخَافُ مِن رَّبِّنَا يَوۡمًا عَبُوسٗا قَمۡطَرِيرٗا

10, Dhugumatti, nuti Gooftaa keenya irraa Guyyaa fuula guuraa hammaataa ta'e sodaanna.” 

فَوَقَىٰهُمُ ٱللَّهُ شَرَّ ذَٰلِكَ ٱلۡيَوۡمِ وَلَقَّىٰهُمۡ نَضۡرَةٗ وَسُرُورٗا

11, Rabbiinis hamtuu guyyaa gaafasii irraa isaan tikseeti (fuula isaaniis) ifaafi gammachuu qunnamsiise

وَجَزَىٰهُم بِمَا صَبَرُواْ جَنَّةٗ وَحَرِيرٗا

12, Sababa isaan obsaniifis jannataafi hariira galata isaaniif galche 

مُّتَّكِـِٔينَ فِيهَا عَلَى ٱلۡأَرَآئِكِۖ لَا يَرَوۡنَ فِيهَا شَمۡسٗا وَلَا زَمۡهَرِيرٗا

13, Ishee keessatti sireewwan irratti hirkatanii, odoo ishee keessatti aduufi qorra hamaa hin argine (jiraatu) 

 
وَدَانِيَةً عَلَيۡهِمۡ ظِلَٰلُهَا وَذُلِّلَتۡ قُطُوفُهَا تَذۡلِيلٗا

14, Haala gaaddisni ishee isaan irratti gadi dhihoo, firiiwwan ishees isaaniif laaffifamuu laaffifamteen (jannata seenu). 

وَيُطَافُ عَلَيۡهِم بِـَٔانِيَةٖ مِّن فِضَّةٖ وَأَكۡوَابٖ كَانَتۡ قَوَارِيرَا۠

15, Meeshota meeta irraa ta'aniifi kubbaayyawwan qaruuraa irraa ta'een isaan irra naanna'ama. 


قَوَارِيرَاْ مِن فِضَّةٖ قَدَّرُوهَا تَقۡدِيرٗا

16, Qaruuraalee meeta irraa ta'een hanga isaan ga'u ishee (irraa) qoodu. 


وَيُسۡقَوۡنَ فِيهَا كَأۡسٗا كَانَ مِزَاجُهَا زَنجَبِيلًا

17, Ishee keessattis khamrii makaan ishee zinjibila ta'e obaafamu. 

عَيۡنٗا فِيهَا تُسَمَّىٰ سَلۡسَبِيلٗا

18, Burqaa ishee (jannata) keessa jirtu Salsabiil jedhamtee kan waamamtu (irraa obaafamu)

۞وَيَطُوفُ عَلَيۡهِمۡ وِلۡدَٰنٞ مُّخَلَّدُونَ إِذَا رَأَيۡتَهُمۡ حَسِبۡتَهُمۡ لُؤۡلُؤٗا مَّنثُورٗا

19, Ijoollee ishee keessatti hafoo ta’antu isaan irra naanna'a; yeroo isaan argitu faaya bibittinneeffame sitti fakkaatu 

وَإِذَا رَأَيۡتَ ثَمَّ رَأَيۡتَ نَعِيمٗا وَمُلۡكٗا كَبِيرًا

20, Yeroo achi keessa ilaaltes qananiifi mootummaa guddaa argita. 


عَٰلِيَهُمۡ ثِيَابُ سُندُسٍ خُضۡرٞ وَإِسۡتَبۡرَقٞۖ وَحُلُّوٓاْ أَسَاوِرَ مِن فِضَّةٖ وَسَقَىٰهُمۡ رَبُّهُمۡ شَرَابٗا طَهُورًا

21, Gubbaa isaanii irra uffata magariisa hariira qal'aafi hariira furdaatu jira; gumeelee meeta irraa ta'es ni faayamuGooftaan isaaniis dhugaatii qulqulleessaa isaan obaasa .

إِنَّ هَٰذَا كَانَ لَكُمۡ جَزَآءٗ وَكَانَ سَعۡيُكُم مَّشۡكُورًا

22, "Dhugumatti, kun mindaa isiniif ta'eeraDalagaan keessanis galateeffatamaa dha" (isaaniin jedhama). 


إِنَّا نَحۡنُ نَزَّلۡنَا عَلَيۡكَ ٱلۡقُرۡءَانَ تَنزِيلٗا

23, Dhugumatti, Nuti Qur'aana buusiinsa sirratti buusnee jirra .

فَٱصۡبِرۡ لِحُكۡمِ رَبِّكَ وَلَا تُطِعۡ مِنۡهُمۡ ءَاثِمًا أَوۡ كَفُورٗا

24. Murtii Gooftaa keetiitiifis obsi; isaa

20 last posts shown.

228

subscribers
Channel statistics