25 Dec 2024, 18:17
24 Dec 2024, 17:41
Dhukkuba Busaa (Malaria) fi Tooftaalee Ittisaa=================================Dhukkubni Busaa dhukkuba bookee busaatin daddarbu ta’ee yeroodhan yaalii yoo hin argatin miidhaa cimaa fi du’aatii kan fiduudha.#Mallattoolee_dhukkuba_BusaaHoo’ina qaamaa fi dafqisiisuu, qorrisiisuu, qaamni hurgufamuu, dhukkubbii mataa, maashaa fi laphee, rakkoo afuura baafachuu, qufaa akkasumas, mallattoolee ciccimoo akka: of wallaaluu, socho’uu, nyaachuu fi dhuguu dadhabuu, jeeqamuu, ijji gara bifa keellotti fi fincaan gara bifa kokaa kollaatti jijjiiramuu fi ol deebisa cimaa ni qabaata.#Karaalee_ittisa_dhukkuba_Busaa* Agoobaratti yeroo hunda fayyadamuu* Bishaan kuufame dhangalaasuu* Bishaan ciisaa mukaan jeequu * Biiffaa keemikalaa farra Bookee Busaa💠Mallattoon dhukkubbi yoo jiraate dafanii yaalamuufi qoricha haala gorsa ogeessaan fudhachuu
24 Dec 2024, 17:32
Dhukkuba hepatitis B yaaliin gaariin maali?Qorichoota farra vaayirasii.Qorichootni farra vaayirasii hedduun vaayirasicha ittisuuf gargaaruu fi dandeettii inni kalee keessan miidhu suuta jechuu danda'u. Qorichootni kunneenis entecavir (Baraclude), tenofovir (Viread), lamivudine (Epivir) fi adefovir (Hepsera) kan jedhamanidha. Afaaniin fudhatta, yeroo baayyee yeroo dheeraaf
23 Dec 2024, 06:53
ShamarraniifFayyaa naannoo qaama saalaa keessaniif1.Saamunaa foolii hin qabneen naannoo qaama saalaa keessan(vulva) dhiqadhaa2.saamunaan qaama saalaa keessan keessa seenuu hin qabu3.Uffata jalaa(paantii) haaraa yoo bittan Utuu hin miicciin hin uffatinaa4.Dibata qaamaa , shittoo ykn doodiraantii naannoo qaama saalaa keessaniitti hin dibatinaa, allergy isinitti tahuu danda'a ykn isin hoosisuu akkasumas foolii badaa kennuu waan danda'uuf5.Uffata garmalee isin qabu hin uffatinaa! 6. Naannoo qaama saalaa keessanii erga dhiqattanii booda erbee ykn carqiin sirriitti gogsaa(haxaawaa). Fayyaa hin dhabinaa
22 Dec 2024, 17:05
Wantoota maseenummaa/dhala godhachuu dhabuu dhiiraa fidan.Yeroo baay'ee hawaasa keenya biratti dhala dhabuun rakkoon dubartootaa qofa akka ta'etti ilaalama. Garuu rakkoon kun gama saala lameeniin kan mul'atu taha. Dhala godhachuu dhabuu dhiirootaaf kan nama saaxilan keessaa tokko hir'achuu baay'ina ispeermiidha. Wantoonni Kanaaf nama saaxilan:-1. Infeekshinii keessoo cidhaan dhiiraa(epididimo orchitis) 2. Wantoota ho'ina naannoo cidhaan dhiiraa dabalan kanneen akka lap top naannoo mudhii gadiirra godhanii fayyadamuu, uffata jalaa baay'ee nama qabu uffachuu, yeroo dheeraaf taa'aa turuu3. Dhiphina ykn mukuu hamaa4. Kaanserii cidhaan keessaa5. Ulfaatina qaamaa garmalee6. Tamboo aarsuu7. Miidhaa /dhayicha naannoo cidhaanii8. Uumamaan gadi bu'ee dhalachuu dhabuu cidhaanii(undescended testes) 9. Yeroo dheeraaf mobaayila /giiphii naannoo killee cidhaaniitti dhiyaatuutti baachaa turuu(rarely)10. Dhibee sukkaaraa hin to'atamne fa'adha! Fayyaa hin dhabinaa
22 Dec 2024, 07:23
Nyaatamuu ilkaanii (Dental Caries) Maaliin dhufaa? Akkamiin ofirraa ittisuu dandeenyaa?Nyaatamuun ilkaanii (dental caries ) kan nutti dhufu yoo ilkaan keenya asidii baakteriyaa ilkaan keenya gidduutti walhoraniin hubamudha. Kana ittisuuf maal gochuu qabnaa?1. Saamunaa ilkaanii flouride of keessaa qabuun guyyaatti al lama ilkaan keenya ququlleeffachuu. Yoo kan altakkaa qulqulleeffannu ta'e galgala qulqulleffachuu tu filatama.2. Nyaata sukkaara olka'aa ofkeessaa qaban fi miyaawaa ta'an baay'isuu irraa of qusachuu.3. Nyaata ammaa ammaa itti deddeebi'anii nyaachuu dhiisuu.4. Ilkaan keenya gidduutti nyaata hartuu ilkaanii (tooth brush) dhokatee hafu waan akka fo'aa (kirrii) qal'oo ishiitiin of keessaa baasuu qabna (flossing).5. Ogeessa ulkaanii (dentist) yeroo murtaa'e keessatti deemanii haasofsiisuu.*GALATOOMAA!Fayyaan faaya
21 Dec 2024, 17:45
AVOKAADDOO FI DAA'IMMAN....................................................umurii ji'a ja'aa eegalee wantoota daa'imman akka nyaata dabalataatti eegaluu fi argachuu qaban keessaa tokko Avokaadoo dha. sababni isaas : -Gosa coomaa(fat) gaarii ta'e (monounsaturated fats) kan guddina qaamaa fi sammuuf (for brain development and myelination) baay'ee barbaachisaa ta'e hedduu qaba. Akkasumas gosa coomaa kan gaarii hin taane "cholesterol" jedhamu kan of keessaa hin qabne dha.Vaayitaaminoota, elementootaa fi micro- nutrient kan fayyaa daa'immaniif barbaachisan hedduu of keessaa qaba. Qopheessuuf kan yeroo hin fudhanneefi salphaa ta'edha.Nyaata carraa allergy(sinsinnaa'uu qaamaa ) fiduu isaanii xiqqaa ta'an keessaa tokko avokaadoo dha.Hanga kaalorii gaarii ta'e kan daa'immaniif barbaachisu qaba.Amala farra baakteeriyaa fi ittisoo dhibee adda addaa cimsuu hedduu qaba. fii kkfGalatoomaa!
21 Dec 2024, 06:12
Yeroon sagaraa bahu dhangala'aa Ispermii fakkaatuutu qaama saalaatiin narraa baha. Kuni rakkoo qabaa? Gaaffii kana namoota baayyeetu karaa keessaatiin na gaafate. Namni tokko tokko hoggaa lowzii nyaate waan akkasii firratti arga. Tokko tokko ammo hoggaa qama'ee mirqaanee sagaraa dhaqe isa mudatti. Wanta kana gama fayyaatiin hoggaa laallu rakkoo qabaa? Deebii isaa deebisuun duratti wantoota hubachuu qabnuutu jiraYeroo tokko tokko dhangala'aan adiin / xaliilli qaama saalaatiin bahuu mala. Kun mallattoo infeekshiinii xannacha piroosteetii tahuu danda'a. Mallattoolee akka fincaan nama gubuu, amma amma nama fincaansisuu, cinaachi nama dhukkubuu fi kkf jiraachuu baannaan kan yaala hin barbaachifne tahuu danda'a * gama deebisaa hoggaa deebinu dhangala'aan adiin sanyii kormaa fakkaatuu fi furdaa ta'e sagaraa hoggaa bahan booda karaa qaama saalaatiin dhiira irraa yeroo garii ni baha. Kuniis yeroo sagaraan guddaan bakka takkatti namarraa bahu ykn yoo sagaraa jajjabduu bahan tahe ,hoggaa sagaraan bahuuf jettu xannachaa irratti waan dhiibbaa uumaa deemuuf dhangala'aan xannacha piroosteetii akka qaamaa saalaa dhiiraatiin bahu godha. Kun ammoo rakkoo hin qabu .yaaddaa'uus hin barbaachisu. Furmaanni isaa nyaata udaan lallaaffisuu sirritti nyaachuun kan sirratuudha Galatoomaa
21 Dec 2024, 06:11
20 Dec 2024, 14:57
✍Mataa dhukkubbii ( headache ) akkamiin ofirraa hir'isna ? Gosota mataa dhukkubbii -1- primary headache ykn kan rakkina biraa irraa hin dhufne ,fkn tesion headache fi migraine headache fa fi kkf 2. Secondary headache ( sababa dhukkuba birootiin kan dhufu,kan akka infeekshinii fi miidhama mataa / rukutumuu ,jiguu dhiiga sammuu fi qaamota sammuu fi lafee sammuu jidduttin kan dhufu dha.- ✍keessattu yeroo baayyee shamarran kan miidhu migraine headache kan jedhamu dhukkubbii mata cinaa tokko yeroo hedduf ykn cinaa lachuutiin fi mallatoolee armaan gadii kana nurratti mul'isuu danda'a-👉nama haqqisiisuu-👉- gurrii namatti iyyuu--👉 sochii wajjiin dhukkubbiin namatti jabaachuu--👉 ijji nama didimaachuu--👉 lafti namaan maruu--👉 sagalee garagaara nama jibbisiisuu--- 👉if nama jibbisiisuu---👉 ija keenyaalle baayyee nu dhukkubsuu danda'a✍% Sababoota isaa namatti kaasan keessaa- 👉nyaata keenya yerootti nyaachuu dhabuu--👉 dhiphachuu--👉 yeroo laguu( xurii)namatti dhuftu sababa jijjirama hormonotaatiin wal qabatee -- 👉sagalee guddaa ta'ef saaxilamuu--👉 hirriba gaha ta'e rafuu dhabuu fi ofirraa heddumeessuunis --👉 alkoolii fkkf dha Furmataa✍- doctora biraa deemne laalamuun adaan baafachuu qabna ,gorsa irraa fudhachuu qabna.-👉 waantotaa isaa nutti kaasan hunda irraa fagaachuu qabna-- 👉yeroo baayyee koomputeeraa fi moobayilii waanta isaaf nu saaxilanidha kanaf yeroo isaan fayyadaamnu boqonnan fudhachuu qabna.- 👉bishaan sirriitti dhuguu-👉 nyaata keenya yeroo isaatti nyaachuu-👉 cold compression ( uffata bishaan qor'aan cuuphanii addarraa of ka'uu- 👉buna dhuguu -👉 alkoolii dhuguu dhiisuu👉- sochii qaamaa yeroo yerootti hojjachuu-👉- aduu keessaa yeroo dheeraaf deemuu ykn taa'uu dhiisuu- -👉- yoo kanaan fayya'uu dide qorichoonni kennaman waan jiruuf mana yaalaa deemuun doktora maarisiisaa .Fayyaan lubbuu teenyaaf Share waliif godha Galatoomaa
17 Dec 2024, 12:52
15 Dec 2024, 06:18
Taa'umsa daa'ima gadameessa keessaa===================Haalli taa'umsa daa'imaa wayita ulfaa hanga ji'a 8tti murtaa'aa miti. Kana jechuun teessumni daa'ima ji'a 8 gadii guyyaa dha gara guyyaatti jijjiirama. Haa ta'u malee wayita guyyaan da'umsaa dhiyaachaa deemu taa'umsi daa'imaa murtaa'aa fi kan hin jijjiirama ta'a. Haalli taa'umsa daa'imaa wayita kana akka armaan gadii ta'a.✍️95% Mataan gara balbala gadameessaatti garagaluu. Wayita kana harmooliin ciniinfatanii da'uu danda'u. ✍️ 3% taa'umsi/udduun gara balbala gadameessaatti garagaluu. Karaan/Mali da'umsaa ulaagalee adds addaa irratti hunda'a.✍️ Persentaan baayyee xiqqoo ta'an wayita daa'imni dalga ciistudha. Kun wayita hordoffii yoo mul'ate ogeessa fayyaan hanga tokko jijjiramu mi danda'a. Wayita ciniinsuu yoo argame maali da'umsaa opereeshiniidha.✍️Kanaaf taa'umsi daa'ima gadameessa keessa jirtu yoo sirrii ta'uudha baate haadharrattis ta'e daa'ima irratti rakkoo hamaa fiduu waan danda'uuf hordoffii wayita ulfaa haalaan fudhachuun barbaachisaadha. Ogeessonni fayyaa kan buufata fayyaa irraa hojjettanis haala taa'umsa daa'imaatti xiyyeffannoo akka itti kennitaa Kan jedhu dhaamsa kooti. Galatoomaa
15 Dec 2024, 06:17
15 Dec 2024, 01:36
BURTUKAANA FI FAYYAA❶. Burtukaannii fi gogaan birtukaanaa vaayitaminoota fi albuudota garaaa garaan kan badhaadhe waan ta'eef madda nyaataa fi keemikaalota qaamaf barbaachisan adda addaati❷. Madda eegumsa qaamatiBirtukaanni vaayitaamin C dhan kan badhaadhedha.Vaayitaamii Cn seeloonni akka of ijaaran akkasumas seelonni miidhamanii fi dullooman akka du'anii haaraan akka uumamuuf gargaara. Akkasumas burtukaannii keemikaala ‘ carotenoids jedhamu kan qaamnii nama gara vaayitaamin A tti geeddaru of keessaa qaba.❸. Burtukaanni keemikaala akka vaayitaamini C, flavonoids, fi carotenoids jedhaman kan fayyaa onneef gargaaru of keessaa qaba.❹. Cirrachi kalee akka hin uumamne ittisaBurtukaanni asiidii siitras jedhamu kan qabu yoo ta'u kunimmoo cirrachi kalee akka hin uumamneef gargaara❺. Hir’ina dhiigaa ittisaVaayitaminii Cn burtukaana keessatti argamu ayiraniin akka salphaatti gara qaamatti fudhatamu waan godhuuf hir'ina dhiigaa hir'isuuf fayyada❻. Fayyaa ijaaf eeguuf
14 Dec 2024, 18:40
Qaama saa-laa gabaabaa kan dhiirootaaDubartiin tokko dhiirri tokko qaama saa-laa dheeraa waan qabuuf jajuu hin qabdu. Yoo inni garuu walqunnamtii saa-laatiin ishee gammachiise galateeffachuu dandeessi. Akkasumas dhiirri waan qaama saa-laa xiqqoo qabu qofaaf halaalumatti tuffachuu hin qabdu. Mala garaa garaa fayyadamee ishee fedhii baasuu waan danda'uuf. Yoo inni dadhabe garuu yookiin baradhu yookiin sin barsiisa jechuuni dandeessi. Dubartii qaama saa-laa giddu galeessatti bal'aa ta'e qabduuf, qaama saal-aa dhiiraa dheeraa irra furdaatu isheetti tola. Sababni isaas naf-saa-lli dhiiraa furdaan na-fsaa-la ishee waan jabeessee qabuufii girgiddaa naf-saa-la ishee bakkuma hunda tuquu waan danda'uf miira addaatu isheetti dhaga'ama. Garuu naf-saa-lli dheeraan waan fiixee gadameessa ishee tuttuquuf itti hin tolu. Waan dhukkubsuuf guyyaa biraa S£-X dhaaf eeyyamamaa hin taatu........
13 Dec 2024, 22:16
Dubartiin tokko marsaa laguu ishee(peereediin) ishee itti dhufee guyyaa meeqa gidduutti ulfoofti?1. Mala riitimii/kalandariii ji’aaTooftaan kun tooftaa bara durii kaasee namoonni hedduun fayyadamaa turanidha.Malli ulfa karoora malee ittisuu kun kalandarii guyyootaa beekuu irratti xiyyeeffata. Dubartii giddugaleessaan laguu ishee guyyaa 26-32 argitu keessatti guyyaan itti hanqaaquun ovaarii keessaa gadi-lakkifamtee gara ujummoo gadameessaa dhaqtu guyyaa 14ffaa irrattidha.Sanyiin dhiiraa ykn ispermiin miliyoona hedduun lakkaa’aman kan yeroo wal-qunnamtii saalaa qaama saalaa dubartootaaf gadameessa keessatti gadi dhiifaman keessaa sanyii dhiiraa tokkotu hanqaaquu ovaarii keessaa qophooftee gara ujummoo gadameessaa deemte kana cabsuun guddinni miciree dhala namaa jalqaba. Kanaaf sanyiin dhiiraa gadameessa keessatti gadi-dhiifame kunis guyyaa muraasa waan turuuf akkasumas hanqaaquun dubartiin gadi-lakkistes hanga sahaa 24 waan turuuf guyyoota isheen carraa ulfaa’uu qabdu kana beekuun yeroo sanatti wal-qunnamtii saalaa gochuu dhiisuu jechuudha.Dubartiin tokko carraan isheen guyyoota ji’aa kana keessatti ulfaa’uuf qabdu guyoota muraasa qofa. Giddu galeessaan guyyaa 6 jechuudha. Kanaaf akka tooftaa ulfa karoora malee ittisuu kanaatti dubartiin laguu ishee guyyaa 26-32 argitu tokko guyyaan laguun ishee itti dhuferraa kaastee tokko jettee lakkaa’uun kan eegaltudha. Erga lakkaa’uu eegaltee boodas guyyaa 8-19 gidduu kan jiru guyyaa isheen itti carraa ulfaa’uu guddaa qabdu waan taheef guyyaa kana wal-qunnamtii saalaa gochuu dhiisuu ykn yoo barbaaddan koondomii fayyadamuun barbaachisaadha.Kanaaf tooftaa kana fayyadamuuf marsaan laguu keessan dhaabbataan guyyaa jedhame kana keessatti kan dhufu kan taheefi guyyaaa sana sirriitti lakkaa’uu qabdu.Fayyaa hin dhabinaa.
13 Dec 2024, 20:58
13 Dec 2024, 15:59
👁🗨#Hayyama Qacarrii Ogeeyyii Fayyaa Godinaalee ilaalatuf.!Galmee qacarrii Ogeeyyii haaraa hayyama ogummaallee hospitaalaa fi godinaaf hayyamamee wan ta'eef sadarkaa godinaatti akka galma'aan yaa ta'u.👤#Qacarri duraattin xalayaa ramaddii ogeessi fudhatee amma akka haaraatti ogeessii galmaa'ee bira gahaame galmeen ammas ta'ee Ramaddiin darbees ni haqama.