MOO'IBON BAQQALAA!
Osoo dhugaa qabnuu
Biyya keenya irratti
Faallaa dhugaa keenyaa
Nu dhaaltee jirti dharti
Waan hunda faallaa godhe
Nu alagoomse barri
Dhugaa jirtuu liqimsee
Kophaa burraaqa dharri
Inni bishaaniif erganne
Qoraaniif ibidda fide
Saawwi dur foolatte
Har'allee dhaluu dide
Biyyi Goota barte
Foon Oromoo ny**ttee
Har'as hinuma jirti
Dhiiga Oromoo unattee
Gocha shiraa fi dharaan
Hin mullanne xumurri
Gadda guyyuu dhageenyuun
Nu mammadaa'e gurri.
Gamtaan nu ajjees*nis
Ilmi badeef halagaan
Obsaan teenyee eegganne
Dhugoomuu diduus dhugaan
Yaa waaq dadhabneerra
Dhugaa kee mul'isi
Mee maalumaaf calliste
Furmaatan of mul'isi!
Akkuma halkan darbe
Bakkalchi ibsu barii
Obsaan duratti deemnaan
Egereen fooyyeedha tarii
Kan boqote deemera
Gara mana galgalaa
Nagaan boqodhukaa
Moo'ibon Baqqalaa😭😭
Jajjabina hawwina
Maatiif jaallattoota isaaf
Oromoo jabaadhukaa
Barbaadi furmaata isaas!
@beekuudhaaf
Osoo dhugaa qabnuu
Biyya keenya irratti
Faallaa dhugaa keenyaa
Nu dhaaltee jirti dharti
Waan hunda faallaa godhe
Nu alagoomse barri
Dhugaa jirtuu liqimsee
Kophaa burraaqa dharri
Inni bishaaniif erganne
Qoraaniif ibidda fide
Saawwi dur foolatte
Har'allee dhaluu dide
Biyyi Goota barte
Foon Oromoo ny**ttee
Har'as hinuma jirti
Dhiiga Oromoo unattee
Gocha shiraa fi dharaan
Hin mullanne xumurri
Gadda guyyuu dhageenyuun
Nu mammadaa'e gurri.
Gamtaan nu ajjees*nis
Ilmi badeef halagaan
Obsaan teenyee eegganne
Dhugoomuu diduus dhugaan
Yaa waaq dadhabneerra
Dhugaa kee mul'isi
Mee maalumaaf calliste
Furmaatan of mul'isi!
Akkuma halkan darbe
Bakkalchi ibsu barii
Obsaan duratti deemnaan
Egereen fooyyeedha tarii
Kan boqote deemera
Gara mana galgalaa
Nagaan boqodhukaa
Moo'ibon Baqqalaa😭😭
Jajjabina hawwina
Maatiif jaallattoota isaaf
Oromoo jabaadhukaa
Barbaadi furmaata isaas!
@beekuudhaaf