Forward from: Atoman Turikii
Raashiyaa fi Muslimoota Yuukireen Seenaa yeroo mil'annu..!!
Seenaa Yuukireenotaa bifa suuraa fi Fiilmiin daawwachuu yoo feete taatee yeroo ammaa biyyi Chaayinaa Muslimoota Iyguur irratti geggeessaa jirtu mil'achuun gahaa dha! Amantaa isaanii Islaamummaa fi duudhaa isaanii balleessuuf tarkaanfii yeroo yeroo 'tti mootummaan Chaayinaa Muslimoota Iyguur irratti fudhatu tarkaanfii Raashiyaan jaarraa darbe kana keessa Muslimoota Yuukireen balleessuuf fudhatte waliin haalaan walfakkaata.
Biyyi Yuukireen bulchiinsa Islaamaa jalatti amantaa Islaamaan faayamtee waggoota dheeraaf bulaa kan turte yoo ta'u Masjiida dabalatee dhaabbileen Islaamaa haalaan biyyoota keessatti babal'atanii turan keessa isheen tokko dha! Biyya Islaamaa kan turte Yuukireen keessa Islaamummaa dhabamsiisuuf akka lakkoofsa Faranjootaa 'tti Bara 1833 keessa Raashiyaan loltoota waraanaa ishee bobbaasuun Yuukireeniin weerartee Qur'aana kabajamaa dabalatee manneen Kitaabaa fi Kitaaba Islaamaa garaagaraa gubuun barbadeessitee turte.
Islaamummaan babal'achuun isheef mata-dhukkubbii kan ta'e Raashiyaa 'n Bara sana keessa biyya Yuukireen keessa Masjiidota 900 ol barbadeessuun dhaadattee turte! Waan nama ajaa'ibu Masjiidota 900 ol kan Raashiyaan biyya Yuukireen keessaa barbadeessite galmee seenaa biyyattii irratti tokko tokkoon galmaa'anii jiraachuu isaanii dha.
Biyyi seenaa diinummaa jabaa Islaamummaa waliin qabdu Raashiyaan kanaan hin dhaabbanne... Akka lakkoofsa Faranjootaa 'tti Bara 1876 keessa Mootoliin Raashiyaa Muslimooota Yuukireen irra dhorkaa Hajjii kaa'an! Kana booda Raashiyaan Muslimoota Yuukireen irratti duula "Kufrii" fi sanyii isaanii jijjiiruu bante!! Madirasaa Islaamaa kanneen barnoota Amantaa kennan baayyinni isaanii 275 hanga 1550 qaqqabu gara barnoota idilee 'tti deebisuun Muslimoonni mufatanii biyya isaanii gadi-lakkisanii akka baqatan 'f sababa taate! Waan nama ajaa'ibu akka seenaan ragaa ba'utti Raashiyaan dhagaa qabrii Muslimootaa irraa funaanuun ijaarsa Gamoof fayyadamaa turte kanaanis Qabriin Muslimootaa achi keessaa akka badu taasistee jirti.
October 1917 yeroo warraaqsi Sooshaalistii jalqabu Yuukireenonni Islaamummaa waliin boqonnaa haaraatti ce'anii turan! Jaarraa 20 keessa daangaa Gamtaa Sooviyeet irratti Muslimoonni Yuukireen fi Amantaan Islaamaa balaaf saaxilamee ture, Raashiyaan taatee yeroo ammaa Mootummaan Chaayinaa Muslimoota Iyguur irratti geggeessaa jirtu isheenis Muslimoota Yuukireen irratti geggeessite! gocha gara-jabummaan dhuunfatameen Daa'ilee Islaamaa Yuukireen Jumlaan hiite garii ajjeesuun dhabamsiiste, Masjiida dabalatee Manneen Kitaabaa Islaamaa danuu cufte! Hidhamtoota Islaamaa akkasumas beektota Islaamaa mana hidhaa keessatti dararuu hojii idilee ishee taasifatte.
Sirni bulchiinsa Kooministii Raashiyaa Masjiida guddicha Magaalaa Samfarobel 'tti argamu bara 1921 keessa gara warshaa Zayitii 'tti kan jijjiire yoo ta'u, Masjiida magaalaa Tenistaav ammoo Magaazina Qonnaa 'tti jijjiiruun seenaa diinummaa Islaamummaaf qabu galmee seenaa irra olkaa'atee jira! Sirni Koomistii Raashiyaa kun kanaan hin dhaabbanne.. Masjiida Guddicha Magaalaa Bakshisarey 'tti argamu gara Goda-Hambaa 'tti jijjiiruun hanga yoonaatti madda galii biyyattii ta'uun Tuuristootaan daawwatamuuf dirqamee jira.
Duudhaalee Islaamummaa fi Aadaa Islaamaa dhokatanii biyyattii keessatti hafan balleessuun Raashiyaan mudhii hidhattee hojjechuu jalqabde! Qubee Arabiffaa barreeffama keessatti fayyadamuu dhorkuu dabalatee ganda keessa deemuun Kitaaba Islaamaa barbaadanii gubuun dhaloota Islaamummaa irraa fageessuun hojii idilee Mootummaa Raashiyaa yeroo sanaa ture.
Haa ta'u malee 80 'moota keessa Muslimoonni Yuukireen wal-funaanii gara Amantaa isaanii Islaamummaa 'tti deebi'uuf sochii jalqaban.
Kufaatii Gamtaa Sooviyeeti fi Xumura jabana Kooministii Raashiyaa booda biyyi Yuukireen bilisummaa ishee labsatte! kana booda Muslimoonni Yuukireen Amantaa isaanii Islaamummaa bilisummaan akka geggeeffataniif haalli mijateef kanuma hordofuun Muslimoonni Yuukireen kanneen sababa Islaamummaa isaanii baqatanii turan gara dachii isaanii 'tti deebi'uun jiruu baqaa irraa@Top_student