b.TOP.media


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


promotion

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


Yeroon #bajaajii miti, harka dura qabanii hin dhaabsisan.
👇👇👇👇👇👇
@btopbtopbtop
@btopbtopbtop
@btopbtopbtop








XOOPHIYAA KEESSATTI YAADA FAYYAA QABU YAADUU
……………………………………………
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Yaada fayyaa qabu, yaada akkamiiti? Namii yaada hin qabne, nama hin jirre qofa. Haga jiraachuu isaa uf beekutti garuu in yaada. Yaadii namaa hedduu fi walxaxaadha. Namii tokkochinuu yaada hedduu sammuu ufii kessatti yaaduu danda'a. Namaa gara namaattillee yaadii namaa akka malee gargar gora. Haa ta'uu malee, yaada keenna kana cufaan yaada fayyaa qabu jechuu hin dandeennu.
Yaada fayyaa qabu jechuun, yaada nu marroo mullata keennaa yaannuudha. Yaada akkasii yaaduuf qoommiin nu kenninu muraasallee yoo taate, qoommii sun keessatti waan mullata keennaa qofa yaanna. Hanqinnaa fi ciminnii nama dhibii mullata keenna galmaan ga'uu keessatti, ga'een innii qabu diqqoo waan taateef, isa irratti xiyyeeffachuu dhiisne, eennummaa teenna jidduu galeeffannee yaanna. Yeroo yaada fayyaa qabeessa akkasii yaannu, hujii guddoo bor addunyaan irraa fayyadamtu tokko hojjachuutti akka jirru beekuu malle.
Xoophiyaa keessatti yeroo ammaa yaada fayyaa qabeessa akkasii yaaduun rakkisaa. Sababisaa yeroo hedduu yaadii namaa haala naannoo isaatti uumamuun waan raafamuuf, wanni Xoophiyaa keessatti guyyaa guyyaan ta'u, akka nu yaada fayyaa qabu keessaa mucucaannee, raafama yaadaa keessatti kufnu nu godha.
Garuu Abbootiin mullataa, mullata isaanii irraa akka salphaatti hin socho'an. Haalli kamiinuu gaafa tokko akka jijjiiramu beekanii, mullata isaaniitti cimu.
#Barako_Elema
👇👇👇👇
@btopbtopbtop
@btopbtopbtop
@btopbtopbtop


DHUGAA DHARAAN BITAMTEE.(1)


Fulaan diraa Yaaballoo ollaa diidaa garbii turee. Abdiin Amma jiraataa magaala kana ta'ulle duraan baadiyaa barachaa turee Amma kutaa saddetafatti gara diraa deeffatee asi barachaa jiraa. Duraan akko isaa biraatti guddate. Gara diraa kana ammoo haadhattu jiraa. Abdiin hardhaa ammo mana barnootaati ba'ee jennaanu, dadhabbii qabaa fakkaataa adoo haatii isaa "Abbaa kiyyaa sagalee nyaadhii" jettuuni, siree irratti lafaan uf dha'ee rafee. Laftii galgalooftee jennaan yo innii lafa ce'e,. Waan haaretittu itti mullata , amanuulle dadhabee ilaa ufii irraa dedebi'ee rirrigate. "Maantu isaa muudate'? Jettanii yaaduun kessanii hin ooltu. Intalaa diraa keessatti akka wayii maachee mimillacha turee takkaatti yo innii ka'ee manaa warraa keessa teetti. "Maantii asii fidee?" Jedhee yaadee oobjuyyu itti fakkaatte yo innii taa'ee yaaduu oobju mitii dhugaa. Adoo hin dubatinuu callisee laalee irratti turee. Jennaan intaltii qoonqo nama rifatee tokkoon "ha haa Waareen meetii?" Jettee garaa haatii isa jirtuu gaafatte, jennaan akka isiin mana beettu galteefii "Anii gara isiin deemtelle hin beekuu, yo ani gad ciisee armumaa jirtii" jedhee hafuuraa dheeraa tokkoo baafate qoonqoo isii dhaga'uuf gurraa achii qabee. Jennaan "Yo isiin dhuftee kootti buna dhugii siin jettee Haatii Gubaala ta mani isii armaa dudduuba" jettee biraa qajeeltee. Innilleen amma galaana yaadatiin liqimfame "intalaa tana maantii asiin baasee?" "namii akkana miidhagu kun olluma kanaatti gala?" "Maqaan isii eennuu ta'inna bada?" "Gubaalinu isuma"? Jedhee adoo yaadaan jaanja'uu haatii dhuftee jennaan ergaa taan itti himee , laanuma ado isiin hin arginuu mana isiin seentu laalee argee jennaan deebi'e.

***********************
Abdiin guyyoota sunii kaasee, namii innii maqaa hin beenne kun sammuu isaa keessaa deddebi'e jeequu jalqabee. Halkanii fi guyyalle waan miidhaguma isii yaaduun hojii idilee taateef.
Abdiin ammaa arguu malee akka ooluu hin dandeenne eegii ufi amansiise bultiin diqoon herregamuutti jirtii. Guyyaa cufaa adoo argee arguu baatelle qa'ee warraa duraa maraa...............


NAMII DANSAAN, DEEBII DANSAA KENNA
✍✍✍✍✍✍✍✍✍✍
Eennummaan namaa keessa isaa jirti. Akka nu gubbaa namaa laallee murteessinu kanaa miti. Amalii namalleen akkaataa namichii haala naannoo isaatiif, deebii keessa isaatii kennu irratti hundaa'a.
Yeroo tokko tokko garuu namichii deebii sobaa kennuu danda'a. Deeebiin sobaa immoo amala isaa hin murteessitu. Sababisaa namoota haala naannoo isa waliin qoodatan hedduu gammachiisuu atoo danda'eyyuu, isa biratti fudhatama hin qabdu. Waan nama gammachiisaa akka feene yoo haasofne yokiin goone, yoo keessa keennaa hin dhufin nu gammachiisuu waan hin dandeenneef, keessii keenna hin fudhatu. Kanaaf wanni akkasii faallaa eennummaa namaati.
✋✋✋✋✋✋✋✋✋✋
Nama dansaa jechuun nama haala naannoo isaatii deebii dansaa kennu. Innii haali naannosaa hamaa ta'eef deebii hamtuu hin kennu. Deebii hamtuu kennuu biraa, furmaata isii barbaada. Haala sun sirreessa.
👇👇
@btopbtopbtop
@btopbtopbtop
@btopbtopbtop




Very Interesting & meaningful msg to share: @Marktechvine Share😘 Share
If:
A B C D E F G H I J K LM N O P Q R S T U V W X Y Z
is equal to:
1 2 3 4 5 6 7 8 9 10 11 12 13 14 15 16 17 18 19 20 21 22 23 24 25 26
Then,
.
H+A+R+D+W+O+R+K ;
8+1+18+4+23+15+18+11=98%
.
K+N+O+W+L+E+D+G+E ;
11+14+15+23+12+5+4+7+5=96%
.
L+O+V+E;
12+15+22+5 = 54%
.
L+U+C+K ;
12+21+3+11 = 47%
.
None of them makes 100%. Then what makes 100%?
.
Is it Money? NO!
M+O+N+E+Y= 13+15+14+5+25=72%
.
Leadership? NO!
.
L+E+A+D+E+R+S+H+I+P=
12+5+1+4+5+18+19+8+9+16=97%
.
Every problem has a solution, only if we perhaps change our "ATTITUDE"...
.
A+T+T+I+T+U+D+E ;
1+20+20+9+20+21+4+5 = 100%
.
It is therefore OUR ATTITUDE towards Life and Work that makes OUR Life 100% Successful.
.
Amazing mathematics
..
▪️If you agree Share at least for 5 friends, then You become Admin of @Marktechvine Join @Marktechvine & have a fun


Feeling hopeless 😩

Torban lama dura hojii barbaacha CV koo wajjiraa tokkotti galchee ture
🤥

🤕

Hardha immo mana jimaatti (caatiitti) looziin maranii argee CV koo

Liken 👍eenyun ajjeesse 🔫

⚫️🔴⚪️Qoosaalee oromiyaa
@Marktechvine #share to ur friends


#Channel kana #join godhaa! Nama dhibiillee qoodaa!
Waan dadansaa irratti barreessina. Irraa wa barattan; waan hedduu irraa gartan...
@btopbtopbtop
@btopbtopbtop
@btopbtopbtop


#BARANNOOTA
Barannootii hundee guddinnaati. Kanaaf gosa teenna guddannee addunyaan dorgomuuf barachuu mallee beekhaa!!!
#Arra akka durii khaan jabeennii duulanii booji'uu miti. Jabeenni barachuu.
#Jaarraa kana keessa jabeenni tokkummaan loluu adoo hin ta'in, tokkummaan barachuu.
#Akka durii sabii #waraanaan jabaa biyya hin bulchu. Saba baratettu biyya bulcha.
#Miseensa addunyaa tanaa taanee, waan qamnuun gabayaa addunyaatti dhiyaachuuf, arra #Afaan biyyaa barachuu malle.
Tanaaf #gosa_teenna koottaa in barannaa!!! Koottaa walbarsiimnaa!!! Koottaa nama hubannoo tana hin qamnellee hubachiimnee ijoollee teenna barsiifannaa!!!
#Biyyitii hedduun arra sadarkaa koottaa ijoollee barsiifannaa waliin jedhan yaa bira dabarte.
Nu biyya sun dhaqabuuf, #filannoon nu qamnu barannootaa fi barannoota qofa.
#Barraaqoo_Elemaatiin
#Yoo_maachite #Share&Join
@btopbtopbtop


#Yoo_telegram_kee banattu ergaa kana qalbeeffadhi!🙇‍♀
Ati nama jabaa! Jabeenna(ciminna) ufii ufirratti beekuu dhabuun immoo laafinna.
Ati gaafiin nama laafaa ufseeta. Laafinni kankee garuu tokko qofa. Nama laafaa uf sehuu kankeeti.
Addunyaa tana irratti warrii nama jajjaboo addunyaa tanaa jedhaman, warra qaraa atoo namii isaan hin argin jabeenna ufii amane.
Waaqii(uumaan) eennuuyyuu namaa gad godhee hin uumne. Tana wanni nu beennuun, nama qaami miidhama qabu irraa kan hafe, eennuuyyuu qaama walqixa qoode. Tarii ati qaama miidhamaa ta'uu dandeetta. Atimmoo waan tokko ka qabaachuu feetu yoo dhabdellee, waan jabduu tokko immoo in qabda. Sunilleen sammuu. Qaami keenna kamiiyyuu isii malee ka hin ajajamne, sammuu. Qaama kee bira dabartee, nama biraa ajajjee, waan ufii dadhabde ka ittiin hojjattu, sammuu. Waan addunyaan kun ittiin si yaadattu tokko ka ittiin kalaquu dandeettu sammuu qabda. Sammuu qabaachuu kee garuu beekuu qabda.
#Barraaqoo_Elemaatiin

13 last posts shown.

44

subscribers
Channel statistics