Ilaalcha Oshoon Amantii Irratti qabu
Yoo itti amante malee,kitaabni of nama dagachiisuu yookiis kitaabni nama maraachu hin jiru.Akka hin dogoggorre!Macaafa Qulqulluu fuutee jecha isaan madaalta yoo ta'e,ni dogongorta.Garuu ilaalcha isaa kana Macaafa Qulqulluu keessatti madaali,yoos daandii dhugaa irra buuta.
'AMANTAA' JECHUU DANDEESSA,GARUU 'AMANTII' HIN JEDHIN.
Ati jalqaba amantii haaraadhaa?
Ani jalqaba waan tokkoo ta'uun koo hin oolu,kan amantii kamiyyuu caalaa gatii guddaa qabu.Akkasumas ani dhuma amantiiwwan durii hundaati.
Amantiiwwan durii dhala namaa dammaqinaan jiraachuudhaan akka tarkaanfatu hin gargaarre. Faallaa kanaatin guddina namaa,hafuura isaa karaa danda'amuu hundaan guufachisaniiru.Amantiiwwan durii salphaatti fuula/gargaartota siyaasaa ta'an.Maqaa amantiitiin siyaasni guutuu addunyaatti mo'ee jira.
Wanti baayyee barbaachisaan hubatamuu qabu dhugaan gurmaa'uu akka hin dandeenyedha.(Asitti yaadni Ooshoo dhugaa gurmeessuu hin dandeessu,yookaan immoo dhugaa taanaan waan tokko nama biraa fudhachiisu hin dandeessu,akkasumatti iyyuu dhugaa taanaan namoonni ni amanu,kanaafuu gurmaa'ina hin barbaadu dhugaan jechuu isaati.ASITTI mee siif dhugaan eenyu? Karaan,dhugaan,jireenyi Kiristoosin akka ta'e in beekna.
Yaadisaa amma siniif galuu danda'a.Akka hin dogoggore, kanaaf macaafa Qulqulluu keessatti madaala.)Yeroo dhugaa qindeessuuf yaaltu,ni ajjeesta.
Dhugaan muuxannoo dhuunfaa waan taeef,gonkumaa taatee waloo ta'uu hin danda'u.
Warri muuxannoo isaa argatan namoota dhuunfaati.Malee tuuta miti,hinduu miti,islaamota miti,kristaanota miti,yihudota miti,garuu namoota dhuunfaa qofa.
Museen akkuma 'Mahaaviraan' nama dhuunfaadha;Guutamaa Budihaa akkuma Yesuus Kiristoos nama dhuunfaadha. Kophummaa isaanii keessatti,callisuu isaanii keessatti,mana qulqulluu ta'uu isaanii keessatti,waan tokko ni mudatu.
Waldaan ala miti,si keessa jirti.
Garuu Kristaanonni dhugaa waldaa ishee ala jiru keessa barbaada jiru(Asitti yaadisaa dhugaa isaan keessa jiru dhiisanii,dhugaa biraa barbaadaa jiru jechuu isaati.Waan biraa hin qabu Maaf Yesuus Kristoositti amantaniidha? yaadi isaa)
Isaan dhugaa tuuta keessa barbaadaa jiru,waggaa kuma2(2000) keessatti Yesus Kristoosiin tokkollee oomishuu akka hin dandeenye nama sammuun xiqqoo qabu kamiifuu ifaadha.
Akkasuma budiistonni jaarraa 25 keessatti Budaa kan biraa oomishuu hin dandeenye.
Namoonni cimanii hin hojjenne jechuus miti.Namoonni guddaa cimanii hojjetaniiru;jaarraa hedduu namoonni miliyoonan lakkaa'aman wareegamiiru. Garuu wanti tae hin jiru, Kanaafuu wanti bu'uuraa waan hir'ate fakkaata.Waan tokko dagatan Budihaan nama tokkollee hordofaa akka hin turre,Yesus nama tokkollee hordofaa akka hin turre dagatan.
Dabalees isaan budihaa akka hordofaa turan,isaan akka Yesus hordofaa turan dagatan.
Qabxiin Yesus afaan budihaa faan ittin darban kanuma ture.
Ofii kee qofa ta'uu qabda.Fuula/eenyummaa kee isa jalqabaa mirkaneessuu qabda. Fakkeessuun jiraachuutti osoo hin taane,eenyummaa kee qofatti amani.
Kiristaanonni miliyoonan lakkaa'aman jiru,Garuu Kristoos tokkollee hin jiru.Ibsaa 'Friedrich Nietzsche's' kennee tokko si yaadachiisa.Kunis kiristaanni jalqabaa fi kiristaanni dhumaa waggaa 2000 dura fannoo irratti du'e kan jedhudha.Inni jalqaba, isa dhumaatis.Yoos tuuti kun maal hojjechaa jiraree?
Walakkaan dhala namaa kiristaana jechuun ni danda'ama.Yoos walakkaan dhala namaa maal hojjechaa jira?Kristaanni jalqabaa fi inni dhumaa waggaa 2000 du'ee jira.
Amantiiwwan durii ammas kabaja qabu.Sababni wanti darbe durii kabaja,aangoos isaaniif kenneera.Namni kabajaa fi aangoo dhiisuu barbaadus hin jiru.(😜😜😜 akka waaq jette barariin boolla....lixxe jedhan,yaadisaa sababa kanaaf (kabaja fi aangoof) hordofaa amantii taatan jedhu isaati.)Isaan akkatti guddattu hin barbaadan, sababni yeroo ati guddattuu fi sammuu qabattutti garbummaa dantaa isaanii irra walaba akka taatu waan beekaniif.