Eenyutu Mootummaa Waaqayyootti Gala?• Deebiin kun Macaafa Qulqulluu irratti malee barsiisa amantaa kamirrattiyyuu kan hundaa'ee miti.
• Namni mootummaa Waaqayyootti galuuf maal ta'uu akka qabu Yesuus, Niqoodemosiin barsiisee ture. Maal jedhee?
• “Dhuguma, dhuguman sitti hima,
eenyu illee bishaanii fi hafuura qulqulluuttii yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda'u.” jedhe. Maal jechuudha?
• Namni gaafa jalqaba dhalatu sanyii addaam isa kufe irraa dhalate, inni immoo Mootummaa Waaqayyootti galuu (
arguu iyyuu) matuma hin danda'u.
• Kanaaf bishaan (dubbii sagalee Waaqayyoo) fi Hafuura qulqulluu irraa lammaffaa dhalachuun barbaachise.
• Isa kana irraa lammaffaa dhalachuu jechuun Yesuus Kiristoos isa bishaanichaa fi
hafuuricha namaaf kennutti amanuu jechuudha.
• Inni immoo warra isatti amanan dubbii isaa fi hafuura isaatiin qulqulleessee (
haaressee) Mootummaa Waaqayyootti galuudhaaf kan malan akka ta'an isaan godha.
• Namni hin qulqullaa'iin mootummicha arguu iyyuu hin danda'u. Namni immoo ofii isaatiin of qulqulleessuus hin danda'u.
• Isa nama qulqulleessuu danda'u Yesuus Kiristoositti amanuudhaan,
qulqullummaa inni warra isatti amananiif kennuun Mootummicha dhaaluutu Furmaata filannoo hin qabnedha.
Mata duree itti aanu:Amantaa Tokko Hordofuun Maaliif Barbaachise?
Barumsa Bal'aaf:
YouTube |
Telegram |
Contact MeAyyaanni Isiniif Haa Baayyatu !