𝐈𝐫𝐫𝐞𝐞𝐜𝐡𝐚 𝐘𝐤𝐧 𝐃𝐡𝐢𝐛𝐚𝐚𝐲𝐲𝐮𝐮
Imalli kaayyoo hin daanga'u. Lafuman jiruttin, abjuu koo fiixan baasuuf aarsaa kanfalaa deemsa koo ittiin fufsiisa.
Gadaa keessatti Ayyaanota kabajaman hedduutu jira. Isaan keessaa tokko Irreecha ykn Dhibaayyuudha. Irreechi ayyaanota gurguddoo Oromoon kabaju keessaa isa tokko ta'ee, bakka tokko tokkootti dhibaayyuu jedhame beekama.
Irreechi ykn Dhibaayyuun ayyaana Oromoon ittiin Waaqa galateeffatu dha.
Fakkeenyaaf, Milkaa'ina, Nageenyaa fi Tasgabbii bara sana keessa argateef Waaqa galateefata. Hawwii gara fuul-duraatti akka dhugoomuufis irreeffannaa irratti Waaqa kadhata.
Irreechi bakkaafi akaakuu irratti kabajamu irraan kan ka'e, akaakuu lama qaba. Irreecha Malkaa kan yeroo Birraa kabajamuufi Irreecha Tulluu kan waqtii Arfaasa kabajamuudha. Irreechi Tulluu waqtii bona irraa gara gannatti ce'amu kabajama. Milkaa'ina waqtii bonaa galateeffachaa, roobni yeroon akka deebi'uuf hawwii ganna fuul-dura isaa jiru Uumaa kadhata.
Irreechi Malkaa ammoo, waqtii birraa kan kabajamuu dha. Irreechi Malkaa kun, waqtiin gannaa darbee gara birraatti yeroo ce'amu kabajama. Innis walakkeessa ji'a fulbaanaa booda, haraaf laga irratti irreeffatama. Oromoon "Waaqa dukkana gannaa nu baastee, booqaa birraan nu geessee galata kee jedhe Uumaasaa galataan galata dhiyyeessa.
Itti aansuun marga jiidhaafi daraaraa birraa horatti ykn bishaanitti Cuubuun Irreeffatu. Oromoon ayyaana irreechaa Hora har-sadiifi Hora Finfinnee waggota dheeraaf ayyaaneeffachaa har'a ga'ee jira. Ayyaanni Irreechaa hora har-sadii osoo addaan hin citiin, hanga bara 2012 tti gaggeeffamaa ture. Koronaa siyaasaan laaqameef garuu, godaannisa yaraa seenaa keessatti bara 2013 Irreechi namoota gama Mootummaan hogganeen ala akka hin Irreeffatamne dhorkeera. Irreechi Hora Finfinnee waggoota dheeraaf erga addaan citee, bara 2012/2019 deebi'us, barri 2013 Summii hamtuu dhalteen, osoo Irreechuuf hawwuu mana keessatti kan hidhamanii oolan gaafas danuudha. Akeekkachisa qal'oo karaa mootummaaf koronaa ykn Covid 19 jedhamuun, Abbootii Gadaafi murna muraasaan kabajameera.
Walumaagalatti, Irreechi ykn Dhibaayyuun kan Oromoon Malkaaf Tulluutti ba'ee tokkummaadhaan uumama qabatee, Uumaa ittin galateeffatudha.