Faaruu Irreechaa/Dhibaayyuu
Ayyaana Irreechaa irratti faaruu faarfataman adda addaatu jira.
Isaan keessaa muraasni Mareehoo, Gabbisayyoo, Rooban Singaleefi
kanneen kana fakkaataniidha.
Mareehoo
Faaruun Mareehoo jedhamu namoota ayyaana Irreechaa irratti
hirmaataniin faarfatama. Namni tokko dura bu'ee faaruu
mareehoo jechaa adeema. Kanneen biroo immoo, irra deddeebiin
jalaa qabuun Mareehoo Mareehoo Mareeho....jechaa gara
horaatti adeemu. Innis, haala itti aanuun faarfatama.
Hoo yaa mareehoo
Irreechan harkaa qaba yaa maree hoo
Mareehoo x 2
Hoo yaa mareehoo
Yaa Waaq nutti araarami yaa maree hoo
Mareehoo x2
Hoo yaa mareehoo
Irreecha duraa oba haa maree hoo!
Mareehoo x2
Hoo yaa mareehoo
Sumaafan badii oole yaa maree hoo
Mareehoo x2
Hoo yaa mareehoo
Yaa Waaqa tulluu uumtee yaa maree hoo
Mareehoo x2
Hoo yaa mareehoo
Yaa Waaqa birraa uumtee yaa maree hoo!
Mareehoo x2
Hoo yaa mareehoo
Maree fardi hindalagu yaa maree hoo
Hoo yaa maree hoo!
Hoo yaa mareehoo jechuun Irreechi ayyaanefatama
Roobaan Siigale
Faaruun Rooban Singalee Booranaafi Gujiitti baay'ee beekamaadha.
Faaruun kun yeroo Dhibaayyuu akka armaan gadiitti faarfatama.
Aa hoo rooban siigalee...X2
Jiloo Waaree Waaqoo, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Waareen ganna misaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Ta bonaa furmaataa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Furmaatii roobinnaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Roobee lolaasinnaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Lolaa obaasinnaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Madda gabbisinnaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Biiftuun rooban baatee, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Urgoon ardaan baatee, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Areero gooroo yooyyaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Rimeeyyiin dallootaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Canaa baallii kuulaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Dhaltii gurruu tuutaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee.....
Gabbisayyoo
Faaruun Irreechaa Gabbisayyoo jedhu faaruu manguddoon
faarsaniidha. Faaruu kana namni tokko yoo eegalu kanneen biroo
ammoo irra deddeebiin jalaa qabu. Innis, akka itti aanuttii
faarfatama.
Gabbisayyoo hoo...hoo
Hayyee roobee leeshaan sobbooqa daraare
Roobee lafa nuu gahehoo
Ya Waaq situ nuu naheehoo.
Hayyee roobee roobee gabbise
Odaan nabee dalga lohe hoo
Karraaf ilmoon sitti boohee hoo
Hayyee roobee roobee ayeetuu kanaa
Odaa qaccee dalga ciise hoo
Karraaf ilmoo sittan dhiise hoo
Hayyee roobee leeshan sobboqa daraaree
Gadaankoo godaansi odaa hoo
Oromoo arrabni hoodahoo
Hayyee roobee roobe ayeetuu kana
Gabbisayyoo hoo...hoo...
Hayyee roobee roobee haroo garba gate
Roobee magarsee qaxxisaan latehoo
Roobee gabbisee falfalaan badehoo
Aadaan hoodaa kallachi hoodaa Waaqlafaa
Irranaa Cuqqeen ni mul'atahoo
Oromoon Waaqaan dubbata hoo
Odaan hoodaa kallachi hooda booranaa
Dambalii birbirsi latehoo
Roobee falfalaan badehoo
Odaan hoodaa birbirsi hooda Booranaa
Odaa nabee yaa kurfaakoo hoo
Gadaa Aabboo yaa ulfaakoo hoo
Hayyee roobee roobee ayeetuu
jechuun guyyaa ayyannefannaa Irreechaa farfaatama.
Yaadannoo Bakkuman jiru irraa
Ayyaana Irreechaa irratti faaruu faarfataman adda addaatu jira.
Isaan keessaa muraasni Mareehoo, Gabbisayyoo, Rooban Singaleefi
kanneen kana fakkaataniidha.
Mareehoo
Faaruun Mareehoo jedhamu namoota ayyaana Irreechaa irratti
hirmaataniin faarfatama. Namni tokko dura bu'ee faaruu
mareehoo jechaa adeema. Kanneen biroo immoo, irra deddeebiin
jalaa qabuun Mareehoo Mareehoo Mareeho....jechaa gara
horaatti adeemu. Innis, haala itti aanuun faarfatama.
Hoo yaa mareehoo
Irreechan harkaa qaba yaa maree hoo
Mareehoo x 2
Hoo yaa mareehoo
Yaa Waaq nutti araarami yaa maree hoo
Mareehoo x2
Hoo yaa mareehoo
Irreecha duraa oba haa maree hoo!
Mareehoo x2
Hoo yaa mareehoo
Sumaafan badii oole yaa maree hoo
Mareehoo x2
Hoo yaa mareehoo
Yaa Waaqa tulluu uumtee yaa maree hoo
Mareehoo x2
Hoo yaa mareehoo
Yaa Waaqa birraa uumtee yaa maree hoo!
Mareehoo x2
Hoo yaa mareehoo
Maree fardi hindalagu yaa maree hoo
Hoo yaa maree hoo!
Hoo yaa mareehoo jechuun Irreechi ayyaanefatama
Roobaan Siigale
Faaruun Rooban Singalee Booranaafi Gujiitti baay'ee beekamaadha.
Faaruun kun yeroo Dhibaayyuu akka armaan gadiitti faarfatama.
Aa hoo rooban siigalee...X2
Jiloo Waaree Waaqoo, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Waareen ganna misaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Ta bonaa furmaataa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Furmaatii roobinnaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Roobee lolaasinnaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Lolaa obaasinnaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Madda gabbisinnaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Biiftuun rooban baatee, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Urgoon ardaan baatee, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Areero gooroo yooyyaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Rimeeyyiin dallootaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Canaa baallii kuulaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee
Dhaltii gurruu tuutaa, rooban siigalee
Aa hoo rooban siigalee.....
Gabbisayyoo
Faaruun Irreechaa Gabbisayyoo jedhu faaruu manguddoon
faarsaniidha. Faaruu kana namni tokko yoo eegalu kanneen biroo
ammoo irra deddeebiin jalaa qabu. Innis, akka itti aanuttii
faarfatama.
Gabbisayyoo hoo...hoo
Hayyee roobee leeshaan sobbooqa daraare
Roobee lafa nuu gahehoo
Ya Waaq situ nuu naheehoo.
Hayyee roobee roobee gabbise
Odaan nabee dalga lohe hoo
Karraaf ilmoon sitti boohee hoo
Hayyee roobee roobee ayeetuu kanaa
Odaa qaccee dalga ciise hoo
Karraaf ilmoo sittan dhiise hoo
Hayyee roobee leeshan sobboqa daraaree
Gadaankoo godaansi odaa hoo
Oromoo arrabni hoodahoo
Hayyee roobee roobe ayeetuu kana
Gabbisayyoo hoo...hoo...
Hayyee roobee roobee haroo garba gate
Roobee magarsee qaxxisaan latehoo
Roobee gabbisee falfalaan badehoo
Aadaan hoodaa kallachi hoodaa Waaqlafaa
Irranaa Cuqqeen ni mul'atahoo
Oromoon Waaqaan dubbata hoo
Odaan hoodaa kallachi hooda booranaa
Dambalii birbirsi latehoo
Roobee falfalaan badehoo
Odaan hoodaa birbirsi hooda Booranaa
Odaa nabee yaa kurfaakoo hoo
Gadaa Aabboo yaa ulfaakoo hoo
Hayyee roobee roobee ayeetuu
jechuun guyyaa ayyannefannaa Irreechaa farfaatama.
Yaadannoo Bakkuman jiru irraa