KAANSARII FIIXEE GADAMEESSAA - Cervical cancer
Kaansarii Talaalliin ittifamuu danda'u!
kaansariin kun fiixee gadameessaa isa afaan Ingiliffaatiin 'cervix' jedhamee waamamu irraa kan maddu fi qaamolee biroottis kan tatamsa'uudha.
Kaansarii kanaaf 90% ol kan sababa ta'u vaayirasii human papilloma virus (HPV) jedhamuufi kan walqunnamtii saalaa daddarbudha.
Biyya keenya Itoophiyaa keessatti waggaatti dubartoonni 7,000 ol dhibee kanaan kan qabaman yoo ta’u, isaan keessaa kanneen 5000tti siiqan lubbuun isaanii darba.
MALLATTOOLEE MUL’ACHUU MALAN:
👉 walqunnamtii saalaa booda dhiigu.
👉 Dhiigni marsaa laguu baayyachuu ykn marsaan laguu dheerachuu.
👉 Dhangala'aa gadameessaa foolii addaa qabu ykn kan dhiiga of keessaa qabu.
👉 Dhukkubbii yeroo walqunnamtii saalaa.
👉 Laguun ergi dhaabatee booda(umuriidhaan) dhiiga qaama saalaa eegalu.
👉 Dhukkubbii garaa gara gadii
👉 Dadhabbii, fedhii nyaataa dhabuu fi ulfaatina qaamaa hir'isuu---kkf
Dubartoota tokko tokko irratti mallattoo tokkollee osoo hin agarsiisin sadarkaa hamaatti guddachuu danda'a.
Saaxil baastoota (risk factor)
👉 Umurii dargaggummaatti walqunnamtii saalaa jalqabuu. Umurii 20 dura walqunnamtii saalaa jalqabuun carraa Kaanserii kanaan qabamuu ni dabala
👉 Tamboo/Sigaaraa xuuxuu. Kunis Namoota tamboo xuuxan irratti infekshiniin HPV yeroo mudatu, infekshiniin kun yeroo dheeraa kan turuu fi carraan baduu xiqqaadha
👉 Hiriyoota walqunnamtii saalaa baayyee qabaachuu
👉 qorannoo kaansarii gadameessaa raawwachuu dhabuu.
👉Wantoota sirna ittisa qaamaa laaffisan kanneen akka HIV AIDS, qorichoonni adda addaa sirna ittisa qaamaa hir'isan, dulloomuu, raadiyaashiniifi wal'aansa keemikaalaa farra kaansarii...kkf argamuu.
👉 Diinagdee fi haala jireenyaa gadi aanaa (Haala hawaas-dinagdee gadi aanaa)
👉 Dhukkuboota walqunnamtii saalaan daddarban kan birootiin qabamuu.
ITTISA
Carraa kaansarii gadameessaa hir'isuuf:
👉 Talaallii Vaayiresii HPV fudhachuu.
👉Qorannoo kaansarii duraa adda baasuu taasisuu. Kunis dubartoota umurii 21 olii ykn walqunnamtii saalaa erga jalqabanii waggaa 3 ol xumuraniif kan godhamu fi hospitaalota mootummaa kamittuu tolaan ni kennama.
👉 Tamboo xuuxuu dhiisuu.
YAALII
Sadarkaa dhibeen kun irra jirurratti hundaa’uun baqaqsanii yaaluu, keemooteeraappii fi carallaa tahuu danda’a
Hub: dhibeen talaallii qabu kuniifii qorannoo yeroon gochuun yaala salphaan fayyamuu malu; yoo yeroon hin yaalamiin qaamolee birootti baballachuun yaalii isaa ulfaachuurra darbee lubbuu baayyees galaafataa jira.
#talaallii fudhadhaa
#qoratamaa
Fayyaa hin dhabiinaa
✍
@drmoii@fayyaaoromoo