SEENAA ABUU BAKRI SIDDIIQ
✍Ibn temam
Kutaa 5ffaa
Nabi Muhaammad ﷺ dararaan isaafi
sahaabaatti, guyyaa guyyatti hammaataa deemaa jiraachuu argee jennaan, Sahaabota godaansaaf ykn kool galtummaaf gara biyya
mootii Habashaa kan mirgi namaa akkaan biratti eegamaa taahetti akka godaanan hayyameef.
Abbaan Bakriis godaansaaf
ka’ee yeroo inni barkal gimaad jedhamu gahe, Namticha maqaan isaa ibni Diginnaa kan jedhamu caalaa /sayyida/ gosa qaarraa kan tahe fuulatti dhufee, gara Abbaan Bakrii
deemutti jiru isa gaafate. Innis “warra biyya Makkaatu akka an Rabbii kiyya gabbaru na dhoorga. Kanaaf gara Rabbii kiyya itti bilisaan gabbaruu danda’utti deemaa jira.” jedheen.
Ilmi Diginnaatis haala isaa kan gaarummaa, amanamummaa fi haqa namaa eeguu isaa waan beekuf, “namni akka keetii kun biyyarraa baqachuun isaan hin maltu. Ati nama nama
ofitti qabu, nama nama kabaju, kan aanaa maxxanfatu, kan miskiina gargaaru, kan keessummaa kabaju. Kanaafuu an nagaa si gochuu fedha. Tika kiyya keessatti jiraadhu.”
jedhee fuudheeni gara ummata gosa qureeyshii geesseenii lallabee;
“an Abbaa Bakrii tika kiyya keessatti nagaha
godheeniin jira. Isinis nagaha isaa godhaa.” jedheen. Ummanni qureeyshis; “eega jette haa ta’u. Garuu Rabbii isaa yeroo gabbaru mana isaa keessatti haa gabbaru. Akka ilmaan keenyaa fi dubartoonni keenya yeroo inni gooftaa isaa gabbaru arganii nurraa islaama hin taaneef jecha.” jedhaniin.
Ilmi Diginnaatis dhaamsa qureeyshii fuudhee Abbaa Bakriitin geenyaan, Abbaan Bakriis dhaamsa tole jedhee irraa fudhate.
Yeroo gabaabaa booda garuu masjiida ijaaree itti salaatuu fi qur’aana ol kaasee qara’uu eegale. Yeroo qur’aana qara’u waan booyuuf jecha dubartii fi ijoolleen laaluu eegalan.
Halli kun garuu ummata qureeyshii waan rifachiiseef battalumatti ilma Diginnaatiin, “Abbaan Bakrii haala inni tika kee jala jiruun tuquu hin jaalannu. Kabajaa keetif jennee, garuu ijoollee keenyaafii dubartoota keenyarratti waan nu sodaachiseef; jecha gara mana isaatti akka deebi’ee, Rabbii isaa gabbaru nurraa taasisi.” jedhaniin.
Ilmi Diginnaatis Abbaa Bakrii bira deemee, “ati waan irratti walii galle ni beekta. Kanaaf mana keetitti deebitee Rabbii kee gabbaruu ykn immoo tika kiyya jalaa bahuu keessaa tokko filadhu. Haala tika kiya jala jirtuun namni si miidhee, akka Arabni saniin maqaa kiyya balleessitu hin fedhu.” jedheen.
Abbaan Bakriis “ani Rabbii kiyya
dhoksaan gabbaruu hin fedhu. Ifa baasee ykn dirree baasee gabbara. Kanaaf ati tikummaa kee narraa kaafadhu ykn fudhadhu. An tika Rabbii fedhaa.” jedhee deebiseef.
Siddiqi Maalif jedhame ?
Ummanni Makkaa dubbii nabi Muhammad ﷺ kan Israa’ii fi Mi’iraaj imala halkan tokko keessatti Makkaa irraa gara beytal Maqdasi fi beytal Maqdas irraa immoo gara samii taasifamte dhagahanii, dubbiin machaahanii Makkaan waliin gahan. Ummanni Qureeyshii akkuma dhagahaniin oduu sobaati jedhanii Nabi Muhamadiin ﷺ biratti walitti qabamanii, waan imala sanii irraa dhugaaf soba isii
beekuuf gaafii egalan. Hammamuu imala isaa irratti waan isa adeemsa keessatti innillee inumaayyuu himeef waan arge garuu isaan hin dhugoomsine Ummanni qureeyshii gara Abbaa Bakrii deemanii dubbii saahiba keetii kana ni amanttaa? jedhanii gafatan.
Abbaan Bakriitis beeksisa ykn wahyii samii irraa itti buutee ni amanee, akkamitti imala Israa’ifi Mi’raaj hindhugoomsine?
jedhee deebiseef.
Rasuulli ﷺ akka ummanni Makkaa hin amanin hubatanii Jibriiliin ummanni kiyya nan dhugoomsine jedheen. Jibriilis Abaa Bakriitu sidhugoomsa jedheen inni Siddiiqi. Siddiiqi
jechuun dhugoomsaa jechuudha.
Kutaa 6ffaan itti fufa... insha allaah
◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇||◇◇◇
Koottaa! seenaa sahabticha kanaatti hidhanne bultii keenya itti fakkeeffanne miidhagfanna. Lubbuu keenya iimaanaan kunuunfanne aakiraalle jannataan badhaafamnnee, sahaabotaan olloomnaa.
Hiriyoota keessaniif Dabarsaa
Forward godhaa maatii chaanaalii keenyaa tahaan affeerraa keenya.
Join gochuun guutuu isaa hordofaa
Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1 @Keyralumma@abu_abdalah1 @hafiz_jihad@Ibnutemiya6https://t.me/amirtemam1