Imaltuu


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Imaltuun
👉walaloo, barreeffamoota gaggabaaboofi baacoo faana isin imalchiifti
👉kitaabota pdfn gadi lakkifaman fedha barreessichaatiin isiniif galaasti
👉Beeksisa aartiifi og barruu
Yaadaafi ergaa qabdaniif👇
@Imaltuukoobot
Share & join to our channel

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


This symbol is known as 'ankh'. Ankh is an ancient Egyptian hieroglyphic symbol that was most commonly used in writing & in Egyptian art to represent the word for "LIFE". i.e "key of life"

Mallattoon kun Aankii jedhama. Sirna barreeffama Ijibti durii keessatti kan argamuufi akka mallattoo jireenyaatti dhimma itti ba'u. Kanuma irraa ka'uun warri Ijibti durii "furtuu jireenyaa" jedhanii dhugeeffatu.

@Imaltuukaayyoo




Galatoomaa!!!


Kabajamtootafi jaallatamtoota dubbistoota #Siidaa-Warraa yaada, qeeqaafi jajabina kitaabichaa karaa
@Imaltuukoobot tiin nuun gahuu dandeessu!
Galatoomaa!!


Siidaa Warraa PDF.pdf
738.1Kb
#Siidaa-Warraa
Kitaaba haaraadha. Dubbisaa yaada naaf qoodaa! #Share taasisuun hiriyoota keessanis affeeruu hin dagatinaa.
Hub. Kitaaba kana channel biraa irratti fe'uun dhorkaadha!

@Imaltuukaayyoo


Akkam jirtu jaallatamtootaafi kabajamtoota garee kanaa kitaabni haaran #Siidaa_Warraa jedhu channel kana irratti gadi lakkifamuuf guyyaa lakkaawwachaa jirti dubbisuuf qopha'aa!
Hiriyoota keessanis gara channel kanaatti affeeraan dhaamsa kiyya.

@imaltuu_kaayyoo






"Of beekuun foormulaa qaba!

Namni kamuu of beekuufi tarree eenymmaasaa beekuuf warri inni irraa dhufe akka wabii foormulaa eenyummaa ('reference of identity formula')tti maayii baasa.

Kana jechuun ammoo namni kamiyyuu warra irraa dhufe qaba waan ta'eef eenyumma isaa har'aatiif isaan wabeeffata jechuudha. Namni dachee tanarra jiru kamuu qaaccee dhaloota irraa dhufe waan qabuuf isaan wabeeffata; anis beekumsaafi barsiisa barnoota eenyummaa gurraacha Afrikaan wabeeffadha"

Kumaa Margaa Hundee
"Of keessa hin badin"

@imaltuu_kaayyoo


Anaa nyaatu abbaakoo
Abbaakoo rakkoon gadi qabde
Anaaf biyyakee tiksuuf
Kan jiruukee dhuunfaa dhabde

Kan jilba keerraa ba'e
Ilmakeef kan gadditu
Lafa onaatti soora ta'uuf
Kan foon maddiikee waadditu

Hin boqattu gadi hin teessu
Numa yaadda bira hin geessu
Yaaddoo baraa doorsisa sobaa
Siif gamteetti jiruun kophaa

👉Abbaa ilma'saa dhugaa barbaaduuf dararameef

Join 👉 @imaltuu_kaayyoo 👈


Sirboota Dr. Art. Alii Birraa ☝☝☝☝




"Siniif nuuf sonaa'e
Tole qabsoon keenya
Isintu lubbuun darbe
Alaa galuu keenya

Galatoomaa galatoomaa galatoomaa"

Galatoomi Haaceekoo atis!!

Ebla 15 GGO baga geessan❤💚❤


Kitaaba koo shanaffaan kan Faana Of Dha'uu jedhamee beekamu Piroofeesar Mararaa Guddinaa, Piroofeesar Tashoomaa Sooromsaa, Piroofeesar Acaaluu Cimdiifi barreessitoota hedduufi Artist Galaanaa Gaaromsaa dabalatee nama 14n gulaalame, nama hundaaf dubbisuuf akka mijatutti Appilikeeshiiniidhaan isiniif dhiyaateera. Liinkii kana gadiitiin buufadhaa dubbisaa!

https://play.google.com/store/apps/details?id=com.finfinnedesign.faanaofdhauu


Lafee gootota keenyaa

#Share
Join 👇 @imaltuu_kaayyoo 👈


Mooyyee mooyyee
Mooyyalee galta na seetaa
Diqqoo hin guddanne na seetaa
Ruphaa hin dubbanne na seetaa
Tumee hin dhukkeessu na seetaa
Dhaabee hin bilcheessu na seettaa
Shukuu qoonqoo uwwaa na seetaa?




Yaa qocaa suutumeekoo
Ati maaf dhagaa baattaa?
Dhagaa baachunkee tolee
Maaf dhagaa keessa kaatta?
Keessa kaachunkee tolee
Maaf ba'aakee faana jiraatta?

Yaa qocaa🤔🤔🤔


#SHARE
JOIN 👉 @imaltuu_kaayyoo


Dachee dhuudhaaf safuu
Magariituu biyyaa
Biyya dorgomaa hin qabne
Baadiyyaa Oromiyaa😍


Join @imaltuu_kaayyoo


Laga Awaash ta'ii
Dhidhimii lafa lixi
Feetu akka Abbayyaa
Gangalchaa harii fixi

Akka Gibees jajamii
Samiidhan ba'i maqaa
... ....Otoo hin yakkin kan yakkame
Dhugaan laga Dambii
Manuma eenyuu dhaqaa??


JOIN 👉 @imaltuu_kaayyoo 👈

20 last posts shown.

568

subscribers
Channel statistics