"Maariyaam gammachuu guddaa kan caalu isaatiin deesse. Ergaamichi dabale "Ilma ni deessa maqaasaas Amanu'eel jedheen, hiikni isaas Waaqayyo nu wajjin ta'e jechuudha. Lamaffaas lammiisaa cubbuurraa kan fayyisu Iyyesuus jedhama. Humnaaatiin akka nu fayyisuuf cubbuu keenyas akka nuuf dhiisuuf bara baraaf galanni isaaf haa ta'u. Nama kan ta'e isaatiiin Waaqayyo ta'uusaa sirritti isaa beekneera. Dubroo maariyaam irraa dhalachuun Gooftaa hammam nama dinqu? Jecha abbaa kan garaa baattee dhalachuu isaa kan durse hin jiru. Dhalachuusaattis durbummaan ishee hin jijjjiramne. Jechi dadhabbii malee Abbaa irraa bahe ,Dubroo irraas rakkina malee dhalate."
Qulqulluu Efreem
Qulqulluu Efreem