Macaafa Qulqulluu


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


" Yaa mucaa namaa! Ati macaaficha ani amma siif kennu kana nyaadhuu garaa kee guuttadhu!" naan jedhe; ani yommuun nyaadhes afaan kootti akka dammaa in miyaa'e." Hisqi'el 3: 3
@kitaabaqulqulluu

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


“Waldaa kee isa durii durii jalqabdee kan kee godhatte,isa gosa dhuunfaa kee godhachuudhaaf furte, tulluu Xiyoon isa iddoo buufata kee godhattes yaadadhu!”
— Far. 74:2




Channaloota barumsa Amantaa Ortoodoksii Afaan Oromoottiin itti baranuu

#Ortoodoksii Ishee Dhugaa
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉 @Ortodoksiidhugaa 👈
👉 @Ortodoksiidhugaa 👈
️☝☝☝☝☝☝☝☝☝

#Macaafa Qulqulluu
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉 @kitaabaqulqulluu 👈
👉 @kitaabaqulqulluu 👈
️☝☝☝☝☝☝☝☝☝

#Jechoota Abbootti Tewaahidoo


👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉 @jechootaabbootti 👈
👉 @jechootaabbootti 👈
☝☝☝☝☝☝☝☝


“Mucummaa keetii jalqabdee caaffata qulqullaa'aa isa Kristos Iyyesusitti amanuudhaan akka fayyitutti ogummaa siif kennuu danda'u akka barte in beekta.”
— 2Xim. 3:15




❝Nuyi hojii harka isaatii ti, hojii gaarii isa Waaqayyo duraan dursee qopheesse keessa akka deddebinuuf karaa Kristos Iyyesus uumamne.❞
—Efe. 2: 10




Forward from: Jechoota Abbootti Tewaahidoo
Baga geessan .


Forward from: Jechoota Abbootti Tewaahidoo
Baga ittiin nuu gahe .

"Qulqulloota hundumaa keessaa qulqulluun sidha. Akkuma Taabota muka daanoon hin nyaannerraa tolfamtee, warqeedhaanis akkuma midhagdee, gatiinsaas guddaa kan ta'e inquu (Albuuda ulfaataa) calaqqisuun akkuma dibamee taatee mana qulqullummaa keessa jiraachuuf kan filatamte dubroon sidha. Akkana taatees mana qulqullummaa keessa jiraatte.
Ergamoonni si samiis yeroo hundumaa nyaata kee siifidu ture. Akksiitti Ergamoonni si tajaajilaa waggaa kudha lama jiraatte. Kan ati dhugdus dhugaatii jireenyaati ture, nyaanni kees nyaata samii ture. Abbaan kee Daawit masanqoodhaan si galateeffate. Afuura qulqulluun guutamee baganaa rukuchaa raajiidhaan, "Yaa mucaa koo dhaga'i, gurra kees as-qabi fira keefi mana Abbaa kee irraanfadhu, mootichis midhagina kee jaallateera, inni Gooftaa keedha'oo, Isaafis sagadi ni sagaddaafis" Far. 45:9-10 jedhee faarfate."
Qulqulluu Yaareed


❝Akkasitti mootummaa gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenyaa Iyyesus Kristos isa bara baraa sanatti galuun isiniif in kennama.❞
—2Phe. 1: 11


❝Waaqayyo yeroo hundumaa, baruma baraanis in mo'a❞
—Bau. 15: 18


❝Mootummaan kee mootummaa baraaf bara hundumaa ti, mo'uun kee dhalootaa hamma dhaloota hundumaatti; [Waaqayyo dubbii isaa hundumaatti amanamaa dha, hojii isaa hundumaattis gaarummaa in argisiisa.]❞
—Far. 145: 13




❝Ammas ati abaaramaa dha! Lafa isa dhiiga obboleessaa keetii afaan banee akka dhugu goote sana irraa in ari'atamta.❞
—ma. 4: 11


❝Waaqayyo yommus, "Abeel obboleessi kee eessa jira?" jedhee Qaayinin gaafate.❞
—Uma. 4: 9


⁴³'''Fira kee jaalladhu, diina kees jibbi!' jedhamee akka himame dhageessaniittu.
⁴⁴Ani garuu isinittan hima, diinota keessan jaalladhaa, warra is in ari’ataniifis kadhadhaa!
⁴⁵ Kana yoo gootan ijoollee abbaa keessanii isa waaqa irraa in taatu; innoo aduu isaa warra hamootaa fi warra gaggaariidhaaf in baasa, bokkaa isaas warra qajeelotaa fi warra jal'ootaaf in roobsa.
⁴⁶ Warra isin jaallatan duwwaa yoo jaallattan gatii maalii argattu ree? Warri sodaa Waaqayyoo hin qabne iyyuu akkanuma in godhu mitii ree?.
Mat. 5:43-46


Forward from: Yadannoo Baayisaa




❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
💚 @kitaabaqulqulluu 💚
💚 @kitaabaqulqulluu 💚
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️


Abdii hin kutatin!

Kiristaanni abdii hin kutatu. Waaqayyo naaf milkeessa jedhee yaada malee.Kiristaanni obsa baldhaa qabaachuu qaba.Waaqayyoof wanti dadhabamu waan hin jirreef.Kan ati hin ta'u jette Waaqayyoof salphaadha.Kanaaf Waqaayyotti hirkadhu.Du'u illee hanga boolla keessa nakaasutti nan amana jedhiin laphee keetiin.Alaazaar du'ee guyyaa afur booda boolla keessaa kaaseera waan taheef. Gatame irraanfatame,naman jaaladhuun fira dhiheenyaatiinis darbame jibbame hin jedhin, yoo akka garbaatti gurguramuudhaaf jibbamte iyyuu Waaqayyo biyya Misraatti akka Yooseef isa obboloota isaatiin gurgurame,hundaa ol ol qabe bulchaa godhe sana, sis ol si qaba waan taheef. Dhala dhabe Waaqayyo maaf dhala na dhoowwate ani namarraa hin uumamnee laata jettes garmalee hin cinqamin, Ijoollen kennaa Waaqayyooti, Waaqayyo inni gadaamessa Haannaa banee Saamu'eel badhaase,'Dhabduun torba deesse' jettee akka galateeffattu si godhaati. Akka Elisabeetitti namoonni si hamatanis ati ilma biyyaaf namaaf Waaqafis tahu deessati
Obboloota abdii hin kutinaa! Baruumsi naaf hin galu ani doofes hin jedhin Waaqayyo akka Qulqulluu Yaareed sammuu kee ifaan nu guutaati.Hiyyoome,daare dhabe dhibame,horiin koos na dura dhume jettee Waaqayyon hin hammeessin.Yoo obsa qabaatte,Waaqayyo akka Iyyoobitti mana kee sifaan gammachuufi qabeenyaan guutati.

Kan humna qabu natti taphate,sodaadhe, humna kamiinan diina koo injifadha jettee hin cinqaminis, Waaqayyoon kee jabeesi qabadhu, inni Daawitiif Gooliyaad jilbiinfachiise,inni sanaakireem qaanesse,Waaqayyo abbaan keenya kaleessaa sun hardhas nama abdiin eeggatan hundaaf ni dhaqqaba waan taheef. Obboloota keenya kiristaanni abdii hin kutatu abdii hin kutatinaa...itti fufa.Waaqayyoo iyya keenya haa dhagahu

20 last posts shown.

3 489

subscribers
Channel statistics