#Jaalalaa_dhugaa
Jaalalli dhugaan kana
Gafaan taa'e ilaaluu
Onnee isaanii lamaan
Kan jaalallii dhaaluu
Jaallatanii waal argataan
Beekuu jooraa jaalalaa
Jaalalaa isaanii kanaa
Gabaa tokkotti daldalaa
Jaalallii joora qabuu
Dhumasaat gaariidha
Jaalallii sobaan imaluu
Dhumasaat aariidhaa
Muka muummee gamaa
Eenyutu jala dhaqe taa'a
Akka jaalallee ofii illee
Maaltu namaaf ga'aa
Qabbaneessitu onnee
Mi'oftuu akka dammaa
Waan akka jaalalaa toluu
Dhugumaa jiraa ammaa
Gafaa jaalalaa dhamdhamanii
Inni harra isa kaleessaa caalaa
Namni mi'aa jaalala hin beekne
Jaalalleewwan darbaan ilaalaa
Gaarummaa malee
Jaalallii jibba hin qabuu
Jaalalaan hanqaaquunuu
Dhagaaarra bu'ee hin cabuu
Bakka jaalallii jiraatuu
Qabbanatu mullataa
Dhala nama qofaa miti
Bineesu jaalala jaallataa
Namni erga nama ta'e
Maalumaan waal caalaa
Qabeenyaan nama hin ibsuu
Namni garuu isa ilaalaa✔️🌹⚘️❤️
❤️⚘️⚘️💕🌹❤️✔️❣️✔️
@seenaajalaala #share
#join