#QUBEELAA_QUBA_NYAATE_JUTAA_12FFAA
(kutaalee darban @jaalala_dhuga keessa seenuun dubbisi)
DUBBISA GAARII
=====================
Osuma ija keessa wal ilaalanii Boonaan kennaan siif qaba jedheen. Siifanis anis badhaasan siif qaba jetteen. Siifaniin dunuunfadhu
erga jedheen booda Boonaan
amartii mormaa (Birrii) mormasheetti godhe.
Addashee dhungatee gad taa'e. Akkuma carraa isheenis amartii mormaa boorsaashee keessaa baastee mormasaatti goote. Lamaan isaanii ija wali... Waliisanii
keessa wal ilaalanii.... Dhuguma nuyi kan waliiti jedhanii walitti marman.
Boonaaf Siifan jaalallii isaanii ittuma fufe.
Osuma akkas wal jaallatani Sababa
barnootaan walirraa fagaatanii Siifan
Yuunvarsiitii Jimmaatti Barattuu
Architectural Engineering waggaa
shanaffaati. Boonaan ammoo yuunv. Ambootti barataa Computer science waggaa 4ffaati. Siifaniif Boonaan bilbilumaan wal
qunnamuurraa kan hafe... Carraa walarguu hin qaban. Yeroo Boqonnaaf Ayyaana
Waggaa lamaansaanii Naqamtee dhufu. Yeroo kana egaatii kan isaan walargan.
Siifan 'apparent'f Yuunversiitii. Jimmaatii gara Yuunversiitii. Amboo barattoota Yuunvarsijtii. Jimmaa
faana, 'Bus ' yuunvarsiitichaan dhuftee, Fuuldura Yuunvarsiitii Ambootti yeroosheen buutu, Boonaan ammoo magaalaa dhaquuf
mooraatii ba'a jira. Siifan bifa waan
qabduuf Dhiira hundatu ishee hawwa.
Caalaan hiriyyaa Boonaati . Innumaayyuu doormii tokko galu. Baayyee wal jaallatu.
Caakaan Finfinnee, qe'ee Tufaa Munaatti dhalatee guddate. Barnootasaa amma qophaa'inaatti mana barnootaa dhuunfaatti
waan barateef Ingiliffa baayyee beeka.
Yeroonni achii haasaatti ka'u waanuma faranjiin miidiyaaf ibsa kennaa jirtu fakkaata.
Caalaan Siifaniitti quba qabee, 'Wow! .....jecha
gaafanni afaan saaqqatu Boonaan quba, Caalaa irraan Siifan arge. Boonaan Siifan yeroo argu dhugaadha hin seene. Caalaa
achumatti dhiisee gara Siifanitti fiige. Erga nagaa hoo'isanii walgaafatanii booda, Boonaan Siifaniidhaan inni kun muca
hiriyyaakooti - Caalaa jedhama ittiin jedheen.
Isheenis Siifan jedhama jette harka fuute .
Boonaaf Siifan guyyaa guutuu Amboo qe'ee dhiiraa keessa, isa weellisaan "Amboo gara galgalaa
Lafati gagaragala " jedhee yaadachaa walqabatanii Amboo keessa naanna'aa oolanii gara galgalaa hoteela tokko deemani.
Gaafasan hoteelichatti seenan jaalalleewwan walqabatan ija keessa wal ilaalaa, sirbuu.
Boonaanis carraa kanatti fayyadamuun qaba jedhee, qubasa quba siifan keessa
baase wajjiin socho'uutti ka'e. Yerosuma Sirbi Jaamboo Jootee,
"Addaan baanee hin hafnu
Ya jigaakoo... " jedhu sagalee guddadhaan gad lakkifamee osoo jiru Ibsaan magaalaa
Amboo keessa bade. Namoonni hoteelicha keessa turan miirri isaanii takkaamatti qabbanaa'e.
Boonaanis jecha Robert Mugabe isa inni, "Osoo kirkirri lafa mudatee Shiboon elektirikaa ciccitee biyya Jaappaanitti, guyyaa sadii booda Ibsaan guutummaa biyyattiif ifa, keenya garuu osoo Simbirri
lama walqunnamtii saalaa osoo gootu, Ibsaan yoo cite, yoo tole torban lamatti hojjetama" jedhe sana yaadate. Siifan
xiqqoo akka dadhabuu taateetti. Boonaan ofittishee hirkisee, suutuma deemsisee fidee
Yuunivaristii Ambootti ol galche. Blookii shammarranii seenuun dhiiraaf dhorkama waan ta'eef, Siifan hiriyyootasheef bilbilte.
Isaanis dhufanii fuudhanii doormitti ol galchan. Boonaanis doormisaa dhaqee rafe. Isa yeroo kaan abjuudhaan Siifan jedhe
haasa'aa bulu har'a osoo afaan hin saaqqatiin rafee bule.
Guyyaa muraasaa booda Siifan
hiriyyootashee duukaa Yuunvarsiitii
Jimmaatti deebite .
Siifan Fakkii kaasuudhaan baayyee
beekamti. Piroojekti isa isaan gareedhaan hojjetan keessa kan maqaan Jimmaa duukaa waamamu Galma guddaa bifa jabanaadhaan
isa isaan kaasanidha. Siifan qabxii
olaanaa 3.4 Yuunvarsiitii Jimmaa irra erga eebbifamtee booda, Ciminaaf dandeettishee
akkasumas Piroojektishee ilaalee
Yuunvarsiitii Wallagga Lecture godhe ishee qacare. Boonaanis erga eebbifamee Booda
dorgommii barsiisummaa Yuunvarsiitii Wallagga baasee dorgomee waan darbeef carraa Siifan duukaa wal arguu hin
bal'ateef. Boonaaf Siifan carraa argatan kanaan Waaqa galateeffachaa yeroo boqonnaasaanitti wal barbaadani iddoo tokko ta'ani haasa'u.
Jaalall