@Oro true ways


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


Chanaalii sirriiti join godhaa.
For new information ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://t.me/orotrueways

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter




Pleas join๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡




Dhiittaa mirga namoomaa fi hidhaan itoophiyaa keessatti ta'aa jiru kan isaan yaachise miseensonni kongiransii amerikaa lama sec pompeo(security of state) fi manni hojii isaanii waan danda'an hunda akka godhan gaafatan .


Itti gaafatamaa waajjira KFO kan taโ€™an Obbo Xurunaa Gamtaa dhaabni isaanii marii fi waliigaltee paartilee Oromoofi Amaaraa tibbana xumurameefi akka paartiin isaanii qaama waliigaltichaa ta'etti gabaafame keessa hin jirruu jedhan.
Fuulbaana 23, bara 2020 dhaabbileen Siyaasaa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessa socho'an 10 dhimmoota waloorratti waliin hojjechuuf waliigalteerra gahuusaanii Paartii Badhaadhinaarraa mirkaneessineera.

Itti gaafatamaan damee idila addunyaa fi sabqunnamtii waajjira badhaadhinaa giddugaleessaa Biqilaa Hurrisaa (PhD) BBC'tti akka himanitti Marii kana irratti gama Oromootiin paartiilee akka ABO, Paartiin Biyyaalessaa Oromoo, Koongireesii Federaalawaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo - Tokkoome fi Paartiin Badhaadhinaa qooda fudhachu himanii ture.
''Dhimma faayidaa saba keenyaa hin eegnerratti, kaayyoo paartiin keenyaa hin geggessinerratti hirmaachuun fedhii keenya waan hin taaneef irraa gorreerra'' jedhu Obbo Dajaneen ammoo

@Orotrueways


#Oromiyaa

Ministeerri Barnootaafi Biiroon Barnootaa Oromiyaa waliin ta'uudhaan Manneen Barnootaa tibba darbe magaalota Nageellee Arsii fi Shaashamanneetti rakkoon irra gaheef meeshaalee barnootaa deeggaran.

Ministirri Deetaan Ministeera Barnootaa, Obbo Miiliyoon Maatiyoos deeggarsa amma kenname cimsanii akka itti fufan himaniiru.

Hogganaa Itti aanaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa, Obbo Alamaayyoo Asaffaa rakkoo mudateen hamileen abbootii qabeenyaa barnootarratti hojjatanii fi barattootaaf maatiin barattoota akka hin cabneef jajjabeessaniiru.

Hogganan Waajjira Barnootaa Godina Arsii Lixaa Aabbuu Osaa fi Kantiibaa Itti Aanaan Magaalaa Shaashamannee Ibraahim Kadiir deeggarsa manneen barnootatiif taasifameef galateeffataniiru.


Manneen barnootaa marsaa sadiin akka banaman murtaa'e.

1. Manneen barnoota baadiyyaa fi magaalota aanaa keessa jiran onkololeessa 9 bara 2013 irraa kaasee barnoota ni eegalu.

2. Manneen barnoota magaalota godinaa keessa jiran onkololeessa 16 bara 2013 irraa kaasee barnoota ni eegalu.

3. Manneen barnootaa finfinnee fi naannaawa finfinnee keessatti argaman onkololeessa 30 bara 2013 irraa kaasee gara barnootaatti akka galan murtaa'ee jira.




Qorumsa-Biyyaalessaa๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น

Guyyaa qorumsi biyyaalessaa kutaa 12ffaa fi 8ffaa itti kennamurratti yaadni dhiyaate qorumsi biyyaalessaa kutaa 12ffaa 28/03/2013-01/04/2013tti akka kennamu yaadni kan ka'e yoo ta'u Ministiriin kutaa 8ffaa immoo sadaasa 22fi 23 akka kennamu yaadni ka'eera jalqabbiin barnootaas haala naannoo jireenyaa irratti hundaa'uun yeroo yeroon akka jalqabu yaadni dhiyaateera.

1๐ŸŒฟNaannawa baadiyaatti Onkololeessa 9/2013 akka eegalu

2๐ŸŒฟMagaalotaafi naannolee hunda irratti Onkololeessa16 akka eegaluufi

3๐ŸŒฟGodina addaa Oromiyaa naannawa finfinneefi Magaalaa finfinneetti Onkololeessa 30 akka eegalu yaadni dhihaateera.
Please share for other friends
https://t.me/orotrueways


#แ‰ตแˆแˆ…แˆญแ‰ต_แˆšแŠ’แˆตแ‰ดแˆญ โ€ผ๏ธ

แ‰ตแˆแˆ…แˆญแ‰ต แ‹จแˆšแŒ€แˆแˆจแ‹ แ‰ แˆถแˆตแ‰ต แ‹™แˆญ แŠแ‹แข

1แŠ›-แŒฅแ‰…แˆแ‰ต-9
แฆ แ‰ แŒˆแŒ แˆญ แ‹จแˆšแŒˆแŠ™ แ‰ตแˆแˆ…แˆญแ‰ต แ‰คแ‰ถแ‰ฝ

2แŠ›-แŒฅแ‰…แˆแ‰ต 16
แฆ แ‰ แˆแˆ‰แˆ แ‹žแŠ•แŠ“ แŠญแˆแˆ แŠจแ‰ฐแˆžแ‰ฝ แ‹จแˆšแŒˆแŠ™

3แŠ›--แŒฅแ‰…แˆแ‰ต 30
:- Addis Ababa แŠ“ แ‰ แ‹™แˆชแ‹ซแ‹ แ‹จแˆšแŒˆแŠ™

๐Ÿ”— แ‹จ 8แŠ› แŠญแแˆ แ‰ฅแˆ„แˆซแ‹Š แˆแ‰ฐแŠ“ แˆ•แ‹ฐแˆญ 22-
แŠ“ 23 แ‰€แŠ• แ‹ญแˆฐแŒฃแˆแข
๐ŸŒฑแ‹จแˆแ‰ฐแŠ“ แ‹ญแ‹˜แ‰ฑ แ‹จ 7แŠ› แŠญแแˆ แ‰ตแˆแˆ…แˆญแ‰ต แŠ“ แ‹จ 8แŠ› แŠญแแˆ แŠฅแˆตแŠจ 1แŠ› แˆดแˆšแˆตแ‰ฐแˆญ แ‹จแ‰ฐแˆ›แˆฉแ‰ตแŠ• แ‹ซแŒ แ‰ƒแˆแˆ‹แˆ

๐Ÿ”— แ‹จ 12แŠ› แŠญแแˆ แ‰ฅแˆ„แˆซแ‹Š แˆแ‰ฐแŠ“ แˆ•แ‹ฐแˆญ 28-แ‰ณแˆ…แˆณแˆต 1 แ‰€แŠ• แ‹ญแˆฐแŒฃแˆแข
๐ŸŒฑแ‹จแˆแ‰ฐแŠ“ แ‹ญแ‹˜แ‰ฑ แ‹จ 11แŠ› แŠญแแˆ แˆ™แˆ‰ แ‰ตแˆแˆ…แˆญแ‰ต แŠ“ แ‹จ 12แŠ› แŠญแแˆ แŠฅแˆตแŠจ 1แŠ› แˆดแˆšแˆตแ‰ฐแˆญ แ‹จแ‰ฐแˆ›แˆฉแ‰ตแŠ• แ‹ซแŒ แ‰ƒแˆแˆ‹แˆแข

โš ๏ธแ‹จแˆšแ‰€แ‹จแˆญ แŠแŒˆแˆญ แŠซแˆˆ แŠฅแŠ“แˆณแ‹แ‰ƒแˆˆแŠ•แข


แŒฅแ‹ซแ‰„ แŠ“ แŠ แˆตแ‰ฐแ‹ซแ‹จแ‰ต แˆˆแˆ˜แˆตแŒ แ‰ต
ย 

ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย  Share share๐Ÿ™๐Ÿ™
แˆˆแ‰ฐแŒจแˆ›แˆช แˆ˜แˆจแŒƒ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://t.me/orotrueways


Yeroon qorumsi biyyaalessaa Itoophiyaa kutaa 8ffaa fi 12ffaa itti kennamuufi yeroo manneen barnootaa baadiyaafi kan magaala Finfinneetti eegalan ilaalchiisuun Ministeerri Barnootaa yaada dhiyeesse.

Haaluma kananis Sadaasa qorumsi biyyaalessaa Itoophiyaa kutaa 12ffa Sadaasaa 28 hanga Mudde 01 bara 2013 akka kennamu yaadni dhiyaate.


-ยป @bbcAfaanOromoo ..
========Read more===โคต๏ธ


Oromoo Maccaa
Oromoon Maccaa gosa Oromoo Oromiyaa Dhihaa keessa
Seenaa
Oromoon Maccaa naannoo kana kan qubate jaarraa 16ffaa walakkeessa lammaffaa keessa yeroo Oromoon gara kibba Mormoritti babaallachaa tureti. Mootummaan duraan naannoo san ture Impaayera Itoophiyaa fi Sulxaana Adaal bulchinsa Ahimad Giraanyi jalaltti waraana geeggeeffamen kan dadhabe yoo ta'u waraana fi buttaa garbaa kan abbootin waranaa warra Kiristaanaa geggeessaa turaniin ummannii duraan naannoo sana ture bayyee xiqqeesseti ture.
Qubsumni Maccii naannoo amma jiraataniitti godhe kun garee guguddaan odoo hin taane garee xixiqqoon kan godhame ture, maqaan gosoota Maccaa ammallee akka maqaa iddoowwaniitti bakka baayyeetti tajaajilaa jira. Ummanni afaan Omootiikii fi Naayiloo-Sahaara dubbatu kan duraan naannoo sana ture jalqaba gabaro (gabbara) yoo godhaman dhawaata garuu gosa Maccaatti makamanii Oromoo ta'an.
Oromoon Maccaa Oromoo Tuulamaa wajjin sirna Gadaa tokko kan qabu yoo ta'u caffeen isaan kibba Finfinnee harraa kana ture. Jaarraa 16ffaa gara dhumaa keessa, Oromoon Maccaa sirna Gadaa mataa isaa kan dhaabbate yoo ta'u Caffeen isaas Odaa Bilii /Tute Bisil ture; kunis yaa'aa olii Gibee keessatti argama. Makkoo Bilii gadaa Maccaa kana waame. Addaan bayiinsa kanaaf Maccaa fi Tuulamni walii walii isaanii itti gaafatamaa godhu.
Bara 1963tti, Waldaan Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa irra caalaa Oromootan yoo dhaabbatu dabalataan gosoota ummattoota kibba Itoophiyaas keessatti hirmaatanii jiru. Waldaan kun jalqaba waa'ee dhimmoota naannoo irratti kan socho'uu fi guddina kan jajjabeessu kan ture yoo ta'u, yeroo gabaabaa keessatti bilisummaa siyaasa fi aadaa Oromoo hundaaf falmuu jalqabe. Haaluma kanaan, bara 1967tti waldaan kun akka hin sochoone dhorkame; bara 1994tti waldaan kun lammata yoo dhaabbatu yeroo lammataaf bara 2004tti dhorkame.
Gosoota Maccaa
Macci ijoollee shan qaba, isaanis shanan Maccaa jedhamu. Shanan Maccaa kunis: Liiban, Jaawwii, Guduru, Daallee (Daadhii) fi Jidda.
Ijoolleen Maccaa shanan eenyuun horan jennee yoo gaafannu:
Sadan Liiban โ€“ Ammayya, Waliso fi Kuttaaye.
Ja'an Jaawwii โ€“ Amuuru, Horro, Jimma, Ebantuu, Libaan fi Jidda.
Torban Guduruu โ€“ Maloolee,Looyyaa, Aammillee, Illaamuu, Lukkuu, Sirbaa fi Hndaraasa.
Torban Daallee (Daadhii) โ€“ Obo, Sayyo, Sibuu, Tummee, Limmu, Noonnoo fi Daanno.
Arfan Jiddaa โ€“ Akaako, Jimma,Laaloo,Biloo,Qoree, Sadacha fi Badii.

#share godhi

https://t.me/orotrueways


Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin Ameerikaa keessatti duโ€™anii 200,000 akka caale ragaan yuunvarsiitii Joon Hoopkins agarsiisa.
Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamaniis miliyoona 6.8 darbuun, biyya addunyaa kamiyyuu dursaa jirti.

@Orotrueways
@Orotrueways


#661
Itoophiyaa (#Ethiopia)๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น

FULBAANA 13

โ€ขNamoonni qabaman = 71,083
โ€ขHar'a kan qabaman = +661
โ€ขQorannaan laabraatoorii har'aa = 8,115
โ€ขQorannaan laabraatoorii waligala taasifame = 1,226,297
โ€ขNamoonni du'an = 1,141
โ€ขHar'a kan du'an =+14
โ€ขNamoota bayyanatan = 29,253
โ€ขHar'a kan bayyanatan= +262
โ€ขNamoonni Yaaliraa kan jiran = 40,687
โ€ข๏ธHaala ulfatarra jiran = 269

@Orotrueways
@Orotrueways


แ‹จแ‰ตแˆแˆ…แˆญแ‰ต แˆšแŠ’แˆตแ‰ดแˆญ แ‹จแŠฎแˆšแŠ’แŠฌแˆฝแŠ• แŒ‰แ‹ณแ‹ฎแ‰ฝแŠ• แ‹ณแ‹ญแˆฌแŠญแ‰ฐแˆญ แˆแˆจแŒ“ แˆ›แˆž แˆˆแ‰ฒแŠญแ‰ซแˆ… แŠขแ‰ตแ‹ฎแŒตแ‹ซ แ‰ แˆตแˆแŠญ แŠฅแŠ•แ‹ฐแŒˆแˆˆแแ‰ต แฅ แ‹จแ‰ตแˆแˆ…แˆญแ‰ต แˆšแŠ’แˆตแ‰ดแˆญ แŠ แˆ˜แˆซแˆฎแ‰ฝแŠ“ แ‹จแŠญแˆแˆ แ‰ตแˆแˆ…แˆญแ‰ต แ‰ขแˆฎ แˆƒแˆ‹แŠแ‹Žแ‰ฝ แ‰ แ‰€แŒฃแ‹ญ แ‹จแ‰ตแˆแˆ…แˆญแ‰ต แˆแŠ”แ‰ณ แˆ‹แ‹ญ แ‹แˆณแŠ” แˆˆแˆ›แˆณแˆˆแ แŠฅแ‹ซแŠซแˆ„แ‹ฑแ‰ต แ‹ซแˆˆแ‹ แ‹แ‹ญแ‹ญแ‰ต แ‹›แˆฌ แŠ แˆแ‰ฐแŒ แŠ“แ‰€แ‰€แˆ แค แŠแŒˆ แŒฅแ‹‹แ‰ต แˆ˜แŒแˆˆแŒซ แ‹ญแˆฐแŒฃแˆ แ‰ฅแˆˆแ‹แŠ“แˆแข

แ‹จแ‰ฐแ‹ˆแˆฐแ‹ฐแ‹ แŠจTIKVAH


Ajajaan poolisii magaalaa Buraayyuu sababa ajaja mana murtii hojiirra hin oolchineef to'atamanii akka dhiyaatan ajaje!

Mishaa Cirrii mirgi wabii akka eegamu ajaja manni murtii dabarse hojiirra waan hin oolleef ajajaan Poolisii magaalaa Buraayyuu Poolisiin too'atamanii akka dhihaatan manni murtii ajaje.

Lammummaa Ameerikaa kan qabu Mishaa Cirrii meeshaalee teeknolojii heeyyama telekoomiin alatti diriirsuufi hojiirra oolchuudhaan kan himatame.

Abukaatoo isaanii Obbo Kadir Bulloo BBC'tti akka himanitti, guyyoota 15 dura manni murtii olaanaa federaalaa mormii abbaan alangaa fi abukaatonni dhiheessan erga dhagaheen booda Mishaa Cirrii wabii birrii kuma 20 tin akka lakkifamu ajajee ture.

Haa ta'u malee poolisiin ajaja manni murtii kenne kana hojiirra oolchuu dhabuudhaan osoo gadi hin lakkifamne hafe.

Manni murtii federaalaa dhadhacha Lidataa olmaa har'aatiin dhimma Mishaa Cirrii irratti poolisiin Federaalaa fi Poolisiin Oromiyaa maaliif ajaja mana murtii hojiirra akka hin oolchine gaafateera jedhan.

Poolisii federaalaa bakka bu'uun dhadhacha irratti kan hirmaatan himatamaan kuni akka hin gadhiisne abbaa alangaa irraa ajajni waan nutti kennameef osoo hin gadhiisin hafne jechuun dubbatanii jedhan.

Poolisiin Oromiyaa garuu dhadhacha har'aa irratti waamichi taasifamuufis osoo hin hirmaatin hafuus eeran Oboo Kadiir.

Abbaan seeraas ajaja manni murtii kenne hojiirra oolchuu dhabuudhaafi waamicha taasifame irraa hafuu isaanitiif ajajaan poolisii Magaalaa Buraayyuu beellama itti aanurratti poolisiidhaan to'atamanii akka dhihaatan ajajuu himan.

Manni murtichaa dhimmicha ilaaluuf Fuulbaana 13tti beellama kan qabe yoo ta'u, dhadhacha har'aa irrattis bakka bu'oonni Imbaasii Ameerikaa argamuu Obbo kadir Bulloo himaniiru.

Maddi: BBC

@orotrueways
@orotrueways


แˆ˜แˆแŠญแ‰ต แˆˆแˆแˆ‰แˆ แ‰ฐแˆ›แˆชแ‹Žแ‰ฝ โ€ผ๏ธ
#part_1

แ‹จ 8แŠ› แŠ“ 12แŠ› แŠญแแˆ แ‰ฅแˆ„แˆซแ‹Š แˆแ‰ฐแŠ“ แ‰ฐแˆแ‰ณแŠžแ‰ฝ แ‹จแˆ†แŠ“แ‰ฝแˆ แŠซแˆแŠ‘ แ‰ แ‰‚ แ‹แŒแŒ…แ‰ต แˆ›แ‹ตแˆจแŒ‹แ‰ฝแˆแŠ• แ‰ผแŠญ แˆ›แ‹ตแˆจแŒ แ‹ญแŠ–แˆญแ‰ฃแ‰ธแ‹‹แˆแข แ‰ แ‰ฐแˆˆแ‹ญ แ‹จ 12แŠ› แŠญแแˆ แ‰ฐแˆ›แˆชแ‹Žแ‰ฝ แŠ แˆแŠ• แŠซแˆ‹แ‰นแ‰ แ‰ต แˆตแŠแˆแ‰ฆแŠ“แ‹Š แ‰ฝแŒแˆญ แŠฅแˆซแˆณแ‰ฝแˆแŠ• แˆ™แˆ‰ แˆˆแˆ™แˆ‰ แ‹ˆแ‹ฐ แ‰ตแˆแˆ…แˆจแ‰ต แˆ›แˆตแŒˆแ‰ฃแ‰ต แ‹ญแŠ–แˆญแ‰ฅแŠ“แˆแข

แˆŒแˆŽแ‰ฝ แ‰ฐแˆ›แˆชแ‹Žแ‰ฝแˆ แ‰€แŒฃแ‹ญ แ‹จแ‰ฐแˆˆแ‹ซแ‹ฉ แˆแ‰ฐแŠ“แ‹Žแ‰ฝแŠ“ แŒซแŠแ‹Žแ‰ฝ แ‰ฐแ‹ฐแˆซแˆญแ‰ แ‹ แŠฅแ‹จแˆ˜แŒก แˆตแˆˆแˆ†แŠ แˆˆแˆ˜แ‰€แ‰ แˆ แ‹แŒแŒ แˆ˜แˆ†แŠ• แ‹ญแŠ–แˆญแ‰ฅแŠ“แˆแข

แŠจแ‰ตแˆแˆ…แˆญแ‰ต แŠ แˆˆแˆ แˆˆแˆตแ‹ตแˆตแ‰ต แ‹ˆแˆญ แ‹จแ‰ฐแˆซแˆซแ‰€ แŒญแŠ•แ‰…แˆ‹แ‰ต แ‰ แŠ แŠ•แ‹ด แ‹ˆแ‹ฐ แ‰ตแˆแˆ…แˆญแ‰ต แ‹ญแˆ˜แˆˆแˆณแˆ แ‰ฐแ‰ฅแˆŽ แˆตแˆˆแˆ›แ‹ญแ‰ณแˆฐแ‰ฅ แ‰ฐแˆ›แˆชแ‹Žแ‰ฝ แ‰ตแˆแˆ…แˆญแ‰ต แ‰คแ‰ต แˆณแ‹ญแŠจแˆแ‰ต แŠฅแˆซแˆณแ‰ฝแˆแŠ• แˆ›แˆณแˆ˜แŠ• แŠ“ แ‹ˆแ‹ฐ แˆ…แ‹ญแ‹ˆแ‰ณแ‰ฝแŠ• แŠฅแŠ•แˆ˜แˆˆแˆตแข
แˆณแ‰ตแ‹˜แŠ“แŒ‰ แŠซแˆแŠ— แˆฐแ‹“แ‰ต แŒ€แˆแˆฎ แˆ˜แŒฝแˆƒแแ‰ถแ‰ปแ‰ฝแˆแŠ• แˆ›แŒˆแˆ‹แ‰ แŒฅ แŒ€แˆแˆฉแข

Everyone #Share to all friends

https://t.me/orotrueways






๐Ÿ‘†Siidaan Artist #Hacaaluu Hundeessaa bakka hojjetame eebbifameArtisti
****************** **
Yaadannoo #Haacaaluu_Hundeessaaf Siidaa Yaadannoo Artisti Haacaaluu Hundeessaa fi Giddugala Aadaa fi Seenaa Oromoo Magaalaa Ambootti ijaaruuf dhagaan buโ€™uura kaaโ€™ame.

๐Ÿ“ŒYaadannoo Artisti Haacaaluu Hundeessaaf Siidaa Yaadannoo fi Giddugala Aadaa fi Seenaa Oromoo ijaaruuf pireezadantin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa guyyaa harโ€™a Magaalaa Ambootti dhagaa buโ€™uura kaaโ€™aniiru.

๐Ÿ“ŒSiidaan Artisti Haacaaluu Hundeessaa bakka awwaalchaatti hojjetame guyyaa harโ€™a eebbifameera.
Sirna kana irraatti Qondaaltoonni Mootummaa Olaanoon,Artistoonni fi dinqisifattoonni Artisti Haacaaluu Hundeessaa argamaniiru.

๐Ÿ“ŒYuunvaarsiiti Ambootti Kaampaasiin #Awwaroo maqaa Artisti Haacaaluu Hundeessaan akka moggaafamuu ibsameera.

@Orotrueways

20 last posts shown.

306

subscribers
Channel statistics