Qalbeessaa Dhangi'aa


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified



Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter
















Waajjirri ABO Oromiyaa bakkoota hedduutti banamuu gabaafame

Waajjirri Adda Bilisummaa Oromoo ABO, Oromiyaa bakka garaagaraatti guyyaa har'aa Mudde 22,2019 banamee jira jechuun gabaasan.

Haaluma kanaan Kaaba Shaggar Fiichee Salaaleetti guyyaa har'aa bakka hogganni ABO Miseensotni Shanee Gumii Gumii Sabaa ABO kan ta'an Jaal Ibsaa Nagawoo fi Jaal Jabeessa Gabbisaa bakka argamanitti sirna ho'aan eebbaan banamee jiraachuu nuuf himan.

Akkasuma magaalaa Sandaafaatti waajjirri ABO guyyaa har'aa kan baname yoo ta'u, uummatni Oromoo naannichaa sagantaa sana irraa qooda kan fudhatan ta'uu gabaasaniiru.

Kibba Lixa Oromiyaa Iluu Abbaa Booraa Aanaa Haluu keessattis waajjirri ABO guyyaa har'aa banamee jiraachuu gabaasan.

Kana malees Shaggar Lixaa Aanaa Calliyaa magaalaa Geedootti addi Bilisummaa Oromoo ABO'n waltjajjii marii bal'aa uummata waliin taasisuu nuu gabaasan. Sagantaa sana irraas jaal Amaan Filee miseensi Gumii sabaa ABO qooda kan fudhatan ta'uu gabaasaniiru.

Waajjirri ABO Oromiyaa bakkoota hedduu keessatti banamaa ture akkas itti fufee jiraachuutu gabaafame. Fuuldura kanattis Oromiyaa bakkoota garaagaraatti banamuu akka qabu irratti hojjetaa jiraachuutu himame.


fi kanneen hin banamiin banaa jirra. Hirmaannaan ummata keenya ummata Oromoo kan kaleessaa caalaa kan Baadiyyaa fi Magaalaa jiru cimee ABO waliin hojjechuu qabdu jechuun dhaamaniiru." Dhaamsa bal'aa uummata isaanii Oromootti dhaammatanii jiru jaal Araarsoo Biqilaa

"Tokkummaan yeroon itti filannoof of qopheessinuu fi ABO dhaaba dhugaa ummata Oromoo ifatti baasuuf wareegama qaalii kaffalaa turee fi itti jiru cinaa haa dhaabbannu" kan jedhan jaal Dabaloo Damee itti gaafatamaa waajjira ABO magaalaa Buraayyuu

Waltajjii kun bifa ho'aan gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, abbootiin Oromoo maanguddootni utuu hinafin xinnaaf guddaan Oromoo kutaa magaalaa Buraayyuuf naannoo isaa sagantaa kana irraa qooda fudhataa jira.

Gabaasaan Qalbeessaa Dhangi'aati


Waajjirri ABO konyaa magaalaa Buraayyuu keessatti baname

Guyyaa har'aa jechuun mudde 21,2019 waajjirri adda Bilisummaa Oromoo konyaa magaalaa Buraayyuu keessatti bifa onnachiisaadhaan banamee jira. Sagantaa kana irratti uummatni Oromoo kumootaan lakkaa'aman argamanii jiru.

Sagantaa kana irraatti argamuun hogganni ABO itti aanaan HD dhaabichaa Jaal Araarsoo Biqilaa fi akkasuma Miseensa Gumii Sabaa kan ta'an jaal Kemnasaa Ayyaanaa bakkichatti argamanii jiru.

Sagantaa kana irratti hogganoonni KFO (kongreensii federaalaawaa Oromoo) kutaa magaalaa Buraayyuu obbo Caalumaa Dhaabaa "Qarshiin huccuu fi kophee bita malee nama yeroo inni bitu hin garre" jechuun saganticha argamanii uummataafis haasaa taasisaniiru.

Akkasuma jaarmiyaa guddicha Oromoo hangafa jaarmiiyaalee Oromoo Waldaan Maccaaf Tuulamaa hogganni isaa Obbo Dirribii Damusee sagantaa kana irraa qooda fudhatanii jiru.

Kana malees Artistootni Oromoo hedduun bakkichatti argamanii miidhagina sagantichaaf gahee irraa eegamu bahatanii jiru. Artis Lij Yaared, Wellisaa Falmataa Kabbadaa, Wellisaa Caalaa Daggafaa, Wellisaa Mogoroo Jifaar fi kaan argamanii sagantaa sana miidhaksanii jiran.

Hogganni ABO haasaa uummataaf taasiseen itti aanaan Hayyu Duree ABO jaal Araarsoo Biqilaa "Waltajjii kana dhiigaan qabsoon arganne malee namni fedhiin nuuf hin kennine jedhan. Qabsoon arganne dhiigaan dhufe malee namni manaa nu baasee nuufin kennine jedhan." Jechuun haasaa taasisan

Itti fufuudhaan jaal Araarsoon "Kaayyoon ABO jijjiiramee gara biyyaa dhufne miti qabsoo dhiigaan as geesse karaa nagaan gaggeessuun ni dandahama jennee itti amannee dhufne." Jechuun akeeka ABO ganama ammallee jijjiiramee kan hinjirre ta'uu fi Xurree jaallan dhiigaan tattaraan sana dhugoomsuun ammallee qabsoo irra akka jiran haasaa isaaniin hubachiisanii jiru.

Itti Anaanaan HD ABO jaal Araarsoon "Waan dhufu hunda beeknee itti dhufne qabsoo keessa waanuma jirudha jennee amannee itti dhufne waan taheef waan tahaa jiruuf hin rifatiinaa beeknee amannee itti dhufne. Nuyi ummata Oromoo qofa bilisoomsuuf qofa hin qabsoofnu ummata cunqursamaaf ummattoota Ethiopia maraaf ni qabsoofna. Rakkoon lixa Oromiyaa fi kibba oromiyaa furmaata yeroo gabaabaa argachuu qaba jenna." Jechuunis haasaa isaanii keessatti rakkoo uummata keenya irra gahaa jiru caqasanii jiru

"Sabaa fi sablammootni naannoo Oromiyaa keessa jiraatanis sodaa tokko malee akka isaan nu waliin jiraatan cimsinee ni hojjenna akkasumas warra barcuma irra jiran ykn Aangoo of irraa qaban dabalatee akka seeraa fi heeraan tajaajilan ni qabsoofnaaf." Kan jedhan jaal Araarsiin

"Qeerroo Bilisummaa oromoo kan kaleessa jaallan keenya nu cinaatii wareegaman dagannu osoon taane kan Irbuu jaallan wareegamanii qabatee galmaan gahu tahuu qabdu. Qeerroo Bilisummaa oromoo isa dhugaa fi dhaabbataa Akeeka sabaa qabatee deemu tahuu qabdu." Jechuun Qeerroo Bilisummaa Oromoof dhaamsa dabarsanii jiru

"ABO fi ummatni oromoodhaa gaaffiin isaa amantii miti." Kan jedhan jaal Araarsoon "Warri faallaa keenyaa garuu Amantii dahoo godhachuun nurratti ololaa jiru. Kanaaf nuyi Hoggansii fi Miseensonni ABO kana irratti ejjennoo tokkoon ni qabsoofna. Olaantummaa kaleessaa Oromoo irratti fe'uuf jecha warri faallaa keenya maqaa amantiin nu diiguu barbaadu kanaaf iddoo hin kenninu warri kaleessa boolla tokkotti wareegaman amantiin gargar hin baanu jedhanii kaayyoo dhugaaf wareegaman nuyis har'a akkasuma Amantii fi gandaan gargar hin baanu." Jechuu akeeka dhokataa Amantaa dawoo godhatee biyyattii keessa facaa'aa jiru ilaalchisuun yaada olii ibsanii jiru

Dhimma filannoon wal qabsiisaniis uummataaf yaada ibsaniin "Ammaan dura filannoo gaggeeffamaa ture irratti nama ummatni hin beekne poostaan, xalayaan yeroo erganii kana filadhu jedhamu osoon taane kan beeknu kan nu fayyaduu filachuun yeroon isaa amma. Kan yeroo hin barbaanne of irraa ariinu, kan imaanaa ummataa irraa jallatu irraa kaasnu kan filannu tahuu qaba." Jedhu itti aanaan Hayyu Duree ABO jaal Araarsoo Biqilaa

"Erga boordii filannoo irraa waraqaa eeyyamaa argatee. Ummata keenya irra deemnee dubbisaa jirra, waajjiroota ABO cufamanii


Sagantaa Baniinsa waajjira ABO magaalaa Buraayyuu



















20 last posts shown.

500

subscribers
Channel statistics