Itoophiyaan niwukileera irraa aannisaa maddisiisuuf walgahii Veenaatti gaggeeffame irratti waliigaltee haaraa mallatteessite.
Oostiriyaa Veenaatti walgahii Ejensii Aannisaa Atoomawaa Idila Adunyaa 63ffaa gaggeeffamaa ture irratti Itoophiyaan hirmaachaa turteetti.
Walgahii kana irrattis Itoophiyaan karaa nagaa taheen aannisaa elektirikaa maddisiisuuf teeknoloojii niwukileraa fayyadamuufi karaa ifa taheenis hawwaasa adunyaaf beeksisuuf kan ishee dandeessisu waliigaltee ykn pirootokoolii haaraa mallatteessite.
Karaa nagaa taheen dhimmoota kaaniifis fayyadamuu akka danda'an ibsameera.
Waliigalticha mallatteessunis Itiyoophiyaan biyya 135ffaa taateetti.
@WALIF_OROMIA@WALIF_OROMIA