Forward from: Aanolee
❤️Dhimmi barnootaa Dhimma mariif Dhiyaatuu miti I/A/P/M/N/Oromiyaa obb.shimallis Abdiisaa❤️
Finfinnee, Hagayya 16,2011(FBC) - Mootummaan
naannoo Oromiyaa dhimmi barnoota afaan Oromoo
dhimma mariif hin dhiyaanne ta'uu beeksise.
Itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo
Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan mootummaan
naannichaa guddina afaan Oromootif xiyyeeffannoo
addaa kennee hojjechaa akka jiruu fi gara fuula
duraattis akka laatu beeksisaniiru.
Caaseeffama barnoota Ityoophiyaa ilaalchisee
Ministeerri Barnootaa ibsi kannee fi odeeffannoon
afaan Oromoo waliin deemu gonkumaa kan hojii
qabatamaa jiru hin ibsineedha jedhaniiru obbo
Shimallis ibsa isaanitiin.
Dhimma afaaniirratti araaramni tokkolleen akka hin
jiraanne ummanni keenya hubachuu qabas
jedhaniiru.
Aangoon manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa
bulchuu, sirna barnootaa qopheessuu, qorumsa
kutaa 8ffaa qopheessuu, soroorsuu fi qabxii
murteessuu naannoof kan kennamedha jedhaniiru.
Kanatti eenyuyyuu bu’uu hin danda’us jedhaniiru itti
aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa
obbo Shimallis Abdiisaan ibsa isaanitiin.
Afaan Oromootin akkuma kana duraa barnoonni
kennamu itti fufa.
Mootummaan naannoo Oromiyaa afaan Oromoo
guddisuuf hojii hoojjetu daran babal'isee bakka kana
dura hin baratamnettillee akka baratamu taasisuuf
hoojjechaa jira.
Kanaafis waliin tumsuu qabna jedhaniiru obbo
Shimallis Abdiisaan.
Manneen barnootaa dhunfaa naannoo Oromiyaa
keessatti sirna barnootaa naannichaatin ala
hoojjetanirrattis barana tarkaanfii cimaa fudhatee
kan sirreessu ta’a jedhaniiru.