Istiraatejjii kaayyoo keenya milkeessuuf nu gargaaran 10n :
Milkaa'inni yaad-rimee nama hundaaf adda ta'eedha. Atileetiin shaampiyoonaa ta’uuf, xabattootni geeba kaasuuf, barattootni qabxii ba’eessa galmeessuuf, daldaltoonni bu’aa buufachuuf, hojjettootni gara Hojii gudda itti aanutti ce’uuf, dargaggoonni mana ykn maatii qabaachuus ta’e, milkaa’inni waan namni hundi galmaan ga’uuf carraaqudha. Galma kee irratti milkaa'ina yeroo argattu akka boontu sitti dhagahama, waan gaarii akka hojjettu si kakaasa akkasumas addunyaa dorgommii keessatti dhiibbaa akka uumte si beeksisa. Barreeffama kana keessatti gorsoota imala milkaa'ina keessaniif isin gargaaranin 10nin tarreesse kunooti:
1. IMALA IRRAA BARACHUU : Bu’aa ba’ii kee irratti cimsitee xiyyeeffachuu mannaa, tarkaanfiiwwan xixiqqoo milkaa’ina argachuuf barbaachisan hubachuun barbaachisaadha. Imala kee keessatti injifannoo xixiqqoo akka argattuuf yoo of hayyamte, karaa irratti wantoota haaraa fi gammachiisaa waan barattuuf akka nama tokkootti akka guddattu si gargaaruu danda’a.
2. BASHANNANAA IMALUU : Imalli waan tokko galmaan ga’uuf godhamu garmalee yoo nuffisiisa ta’e, milkaa’uun caalaatti qormaata ta’a. Milkaa’uuf waan hojjettuuf fedhii qabaachuu qabda malee of dhiphisuun hin barbaachisu.
3. WAAN GAARII YAADUU: Yaada gaarii horachuun ofitti amanamummaa fi dandeettii milkaa’ina qabaachuudha. Yaada gadhee kamiyyuu yaada gaariin bakka buusuun qormaanni akkamii yoo si mudate carraaqqii akka itti fuftu si taasisa.
4. ILAALCHA OFII JIJJIIRUU: Yeroo tokko tokko imala keessatti haala qormaataa gara fooyya’aa ta’etti jijjiiruuf ilaalcha kee jijjiiruu qabda. Yeroo guyyaa ykn torbanni hamaan si mudatu, Guyyootni ykn torbanoonni dhufaa jiran gaarii taʼuu isaa yaadi. Afaan gaarii qofa fayyadamuun guyyaan kee ykn torbanni kee hammam akka jijjiiramu ilaali. Yeroo dheeraaf irra deddeebiin kana gochuun jireenya kee guutuu jijjiiruu dandaʼa.
5. KUTANNOO QABAACHUU : Galma kaayyookeetiif Of kennuudhaan milkaa’ina hordofuuf kaka’umsa argachuu dandeessa.
6. OFII OFIITTIIF AMANAMUU: Galmi kee kan dhaabbate yoo taʼe, maaliif akkas akka taʼe ofitti amanamummaadhaan dubbachuu si barbaachisa. Erga wal hubannoo irra geessee booda gara milkaa'inaatti of dhiibuuf furmaata barbaaduuf yaali.
7. Wantoota yaada namaa hihhiran ofirraa fageessuu: Waatotni yeroo kee fudhatan; bilbila, sagantaa televijiinii ykn nama dhiphina sitti fidu illee ta’uu danda’a. Akkaataan ittiin wantoota yaada namaa jeeqan dhabamsiisuu dandeenyuus kunooti: yeroon galma keessan irratti xiyyeeffachuu yeroo ga'u Bilbila keessan cufaatii kutaa adda ta'e keessa kaa'aa. Televijiinii cufaatii rimootii gama biraa kaa'aa. Namoota jireenya keessan irratti dhiibbaa gaarii geessisan qofa waliin wal qunnamtii qabaadhaa.
8. Of irratti lakkaa'i : Kaayyoo kee galmaan ga’uuf namoota biroo irratti lakkaa’uu hin dandeessu. Hiriyaan kee daree seenee siif barachuu hin danda’u. Haati kee sadarkaa guddina siif argachuu hin dandeessu. Obboleessi kee ulfaatina dabalataa siif hir'isuu hin danda'u. Kun hundi wantoota ofuma keetiin hojjechuu qabduudha. Kufaatiin qaama milkaa'inaati. Duubatti deebi'iinsa xixiqqootiin gonkumaa abdii hin kutatin, isaan akka guddattuuf si gargaaru.
9. Karoora baafachuu itti fufi : Akka kalaandarii dhuunfaa keetii qormaata kanneen akka "Dhuma baatii kanaatti daqiiqaa torba nan fiiga" ykn "Dhuma waggaatti qarshii 5,000 nan qusadha" jedhu ofiif kenni. Galma sana galmaan gahuu baattus, Galma kee kalaandarii keessatti yoo karoorfatte fi hordofte, yeroo hunda guddina keetiif ragaa ni qabaatta. Waan qabatamaa qabaachuun gara milkaa’inaatti hojjechuu itti fufuuf kaka’umsa guddaadha.
10. Galmoota miidhagaa uumuu : Malli miidhagaan guddina kee madaaluu, milkaa'ina keetif itti gaafatamummaa akka qabaattu si dandeessisa. Galma yeroo gabaabaa fi dheeraa kaa’uun yaada milkaa’ina kee galmaan ga’uuf hojii fi galma irratti akka turtu si gargaara.
Galma kee irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa taʼus, galma kee irratti gubachuun garuu hin barbaachisu.
Galatoomaa!
🤝 Akkam bultan?
👋 Nagaan oolaa!