Forward from: Media Ko
#Oduu_Simbirtuu
Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan aangorraa kaafamuun isaanii kan hin oolle ta'uu keessa beektoonni mootummaa fi ODP akkasumas midiyaaleen hawaasa hedduun himaniiru.
Beektoonni akka jedhanitti torban kana keessa Mummeen Ministira Dr Abiyyi Ahmad qaamaan Inj. Taakkalaa waliin erga haasa'anii booda murtoo aangoo irraa kaasu fi bakka bu'ummaa aaddee Adaanach Habeebee itti himaniiru. Haa ta'u malee Inj. Taakkalaa Uumaan yeroo ammaan kana fedhii aangoo kana gadhiisuu kan hin qabaanne ta'uus ibsameera.
Hanga ammaatti garuu xalayaan ifatti barraa'ee Waajjira Kantiibaas ta'e itti aanaa kantiibaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa qaqqabe hin jiru jedhameera. Injiinar Taakkalaan bakka amma jiranii yoo ka'an barnootaaf gara Chaayinaa deemuu akka barbaadan himameera.
Itti aanaa kantiibichaa aangorraa kaasun maaliif akka barbaachise ifatti beekamu baatuus, shakkii komii "magaala Finfinnee keessa aangoo naaf maluu hin arganne" jedhu ADP irraa ka'uu tasgabbeessuuf ykn ammoo ODPrraa aaddee Adaanach Habeebee bakka buusuuf jedhu ka'aa jira. Aaddee Adaanach yoo bakka bu'u ta'e ammoo miseensa mana maree bulchiinsa magaala Finfinnee waan hin taanef, mana maricha irraa fudhatamummaa argachu qabu.
Hayyoota Siyaasaa tokko tokko ammoo MM Abiy Ahmad (PHD) angaa'ota Sabbonummaa Oromoo calaqqisiisan suuta suutaan balleessaa jiru jechuun qeeqa isaani ibsachaa jiru. Kun kanaan osoo jiru, Koreen Giddu Galeessaa ODP bakka Injinar Taakkalaa Uumaan argamanitti yaa’ii idileesaa Finfinneetti taa'aa jira. Koreen kun raawwii akka paartii fi Mootummaatti ture qorachuun hanqinaalee fi ciminoota jiranirraatti marii’atee kallatti ni kaa’a jedhameera.
Dhimma tokkummaa keessoo paartii fi rifoormiin paartilees ajandaa marii kanaati. Akkasumas dhimmoota jijjirama kanatti gufuu ta’anis adda baasuun kallaattiin ni kaa'amaa jedhameera.
@JIRRA_OROMIA