Israa'el yakka appaartaayidii Arabootarratti raawwachaa jirti-HRW - BBC News Afaan Oromoo
Israa'el yakka appaartaayidiifi dararaa suukanneessaa Arabootarratti raawwachaa jirti- HRW
Ibsa waa'ee suuraa,
Gochoota HRW balaaleffate keessaa tokko lammiileen Palastaayin sochii dhorkamuudha
Dhaabbati mirga dhala namaaf falmu Hiyuuman Raayitis Waach(HRW) Israa'eel sanyiifi bifaan adda qooduun Araboota irratti gocha bara appaartaayidii raawwataa jirti jedhe.
Aanga'oonni mootummaa Israa'el ammoo kun himannaa sobaafi lafaa uumamee qindaa'eedha jette.
Hiyuuman Raayitis Waach akka jedhutti, aanga'oonni Israa'el lafa humnaan qabatanii quubsuma isaanii godhatan kan yeroo ammaa Jerusaalam Bahaa jedhamuun beekamuufi daangaa isaanii keessatti namoota Araba ta'an adda fooyuun dararaa jiru.
Dhaabbati kun gabaasa isaa keessatti akka eeretti karoorri mootummaa Israa'el olaantummaa warra Jiwish warra Paalastaayin irratti mirkaneessuudha jechuun himate, kanaafis mootummaan Israa'el imaammata baasee hojjetaa jira jedha dhaabbati mirga namoomaa kun.
ICC'n Gaazaa fi Weest Baank keessatti qorannoo 'yakka waraanaa' eegale
'Qubattootni Israa'eel West Baanki keessaa seeran ala miti'
Agarsiistuuwwan dhiittaa mirga namoomaa kunneen akka mana Murtii Yakkoota Waraanaa Idil-addunyaa(ICC) dhaan qoratamanis gaafateera.
Ministeerri Dhimma Alaa Israa'el himannaa irratti dhiyaate waakkateera.
Inumaa Hiyuuman Raayitis Waach ''ajandaa faallaa Israa'el ta'ee yeroo dheeraaf oofaa jira, ragaa dhugaadhaan osoo hin deggerun akkanumaan duula maqaa balleessii nurratti oofa,'' jechuun himate.
Bakkeewwan Israa'el humnaan qabatte keessatti baay'ina saboota Arabaa dhibbeentaa 20 ta'u.
Kanneen keessaa miiliyoona 2.5 kan ta'an iddoo Israa'eliin qabame West Bank keessa jiraatu.
350,000 kan ta'an ammoo Jerusaalam Bahaa(East Jerusalem) keessa jiraatu.
Miiliyoona 1.9 kan ta'an Ulaa Gaazaa(Gaza Strip) keessa jiraatu, bakki kunis Israa'elootaan qabamuuf sodaa jedhu qaba Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii(UN).
Israa'el daangaawwan kunneen kan qabatte bara 1967 yeroo Waraana Baha Giddu-galeessaa ture.
Bara 2005 Gaazaa keessaa kan baafamte Israa'el garuu ammallee daangaa gara caalu to'attee jirti.