Haqa Muslimaa Qofa Otuun Taane Haqa Obboleeyyan Keenya Amanti Biroo illee Eeguu Islaamummaan Nubarsiiste.
Seenaa Garaa Nama Nyaatu.Akkan Qalbii Nama Boojitu,
Abu Dujana sahaabaan jedhamu yeeroo hundaa salaata Subii Nabi Mohaammad Sallaallahu Aleyhi Wassallam boodaan dhaabbatee salaata ture. Garuu yeeroo hundaa akkuma Rasuulli Sallaallahu Aleyhi Wassallam Salaamata baafataniin fiigaa baha. Xiqqoos hin taa'u.
Gaaf tokko akkuma Rasuulli Sallaallahu Aleyhi Wassallam salaata geessanniin akkuma barate isaa fiigee bahu rasuulli Sallaallahu Aleyhi Wassallam arganii "Abu Dujanaa dhaabbadhu" erga jedhaniiniin booda "Maal ati Rabbiin hin barbaaddu moo maaliif yeeroo hundaa akkuma salaanni geeffameen osoo rabbiin hin kadhanne fiigaa kan baatuuf" jedhanii gaafatan.
Sahaabaan kun yoo deebisu "Yaa ergamaa Rabbii Sallaallahu Aleyhi Wassallam ani rabbiin waahundaa oli barbaada, garuu yeeroo hunda kan fiigaa bahuuf Damee muka Temiraa kan Kiristaanota ollaa kiyyaattu mooraa kiyya keessa jira. Dameen kun firii temiraa baayyee ofirraa qaba waan taheef firii halkan mooraa kiyya keessatti jige kana hatattamaan galee guuree ollaa kiristaanaa kiyyaaf deebisu malee ijoolleen koo kaatee nyaatti jedhee waan cinqamuuf akkasitti fiiga yaa Rasuula Rabbii Sallaallahu Aleyhi Wassallam jedheen. Itti dabaluun sahaabaan kun "Guyyaa tokko osoo ani hin argin daa'imni koo tokko haqa ollaa kirstaanaa kiyya kana nyaatee osoo inni liqimsuuf jedhu kokkee hudhee akka inni hin liqimsine godhee keessaa baase. Daa'imni booyee jennaan daa'ima koo ani abbaa daa'ima hattuu jedhamee fuula Rabbii dhaabachuu hin fedhuuf akkas godhe jedheen" jedhee Rasuulatti Sallaallahu Aleyhi Wassallam himan. Rasuullis baayyee gaddanii du'aa'ii godhaniif.
Namni dhugaan Rabbii isaatii gaafa bule akkana. Aniif ati maal keessa akka jirru of ilaaluu qabna. Haqa Musliimaa qofa osoo hin taane haqa amantaa biroo eeguus Islaamummatu nu barsiise.
@Ibnuteha