"Qormaatichi nagaan xumurame" - Waajjira Barnootaa
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Fulbaana 30 hanga Onkoloolessa 2, 2015tti qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa barattoota saayinsii hawaasaaf kennaa ture milkiin xumuramuu isaa waajjirri barnootaa magaalichaa ibseera.
Qormaanni kun Finfinneetti wiirtuuwwan qormaataa 9 keessatti akka kenname waajjirichi ibseera.
Qormaata fudhachuuf barattoonni saayinsii hawaasaa kuma 23 fi 208 kan galmaa’an yoo ta’u, isaan keessaa 22,533 qormaata kana akka fudhatan ibsameera.
Barattoonni sababa humnaa ol ta'een qormaata hin fudhannee fi ragaa barbaachisaa ta'e dhiyeessuu danda'an gara fuula duraatti akka qormaataman waajjirichi beeksiseera.
Barattoonni saayinsii uumamaa 25,995 Wiixata Onkololeessa 6/2015 dhaabbilee barnoota olaanoo qormaanni itti kennamu seenuun erga orijinteshiniin kennamee booda Onkoloolessa 8 hanga 11/2015tti qormaata akka fudhatan himaniiru.
@Gadaapost