📚 #Dubbisa 144ffaa
✅ HUBADHU ✅
✔️ Obbolaa koo: Biyyi lafaa keessa jiraannu kun damma fakkeessitee hadhaan isheen harcaaftu hundi isaayyuu biyya keenya isa galgalaa keessaa
harkisee nu baasufidha. Gaariin tokko illee keessa hin jiru waan hundi isheeyyuu du'a bara baraa of keessaa qaba. Gaafa ilaalan fuulli ishee kukkuulamaadha. Akka nama mararuu wayii gooti. Calaqqee baay'edhaanis faayyamteetti! Al-takka takka maal ta'a utuu du'uu dhiisanii, isheedhuma keessa jiraatanii nama jechisiisti.
Yaa nama sossobuu ishee immoo, fuulduraan gaafa ilaalan dirree bal'aa keessa gulufanii hin quufnetu jira. Dudduuba ishee garuu hallayyaa qililleetu jira. Nama dhibdiim fal'aanan nuuf kenniteetu hammaartudhaan nu harkaa sassaabbatti. Naaf darbeera jettee gaafa ati burraaqxu sitti darbeera gatii hin qabdu jetteetu haamilee kee hunkuteessiti. Si qabannaan immoo gadi si dhiisuu hin barbaaddu! Sitti fayyadamtee miseensa baay'ifachuu barbaaddi!
Gaafa si jajjabeessuu barbaadde immoo biyyoon ati irraa uumamte kun kan kooti. Natu mana siif ta'e anumatu waa'ee kee beekas siin jetti. As qabdee achi qabdeetuma umurii kee nyaachaa damma si arrabsiisaa soba dhugaa fakkeessitee dhugaa sobaan laaqxee gaafa haala kee barte biyya tokkotti visa sii rukutti. Biyyi sunimmoo biyya halkaniif guyyaa akka qoraanii keessatti boba'aniidha. Bara baraan gubachuudhakaa. Waanumti si irraa dhaamsu hin jirukaa calaqqeen asitti bareedina sitti fakkaate hundi isaayyuu achitti abidda lubbuu namaa waadu ta'anii argatta. Cal jedhanii wawwaachudha ilkaan qaruudha. Biyyi sun SI'OOL JEDHAMA.
✅ Obbolee koo warri tokko immoo jiru. Gaafa as jiraatan wanti biyya lafaa kun homaa itti hin fakkaatu. Dhabuuf argachuun, dhukkubni, gidiraan biyya lafaa kanaa isaaniif homaayyuu miti. Umurii jiraatan hundumaayyuu abdiidhaan jiraatu. Utuma gaaffiin irra tuulamee jiruu utuma rakkatanuu, utuma bitaaf mirgaan lolli itti banamee jiruu fuulli isaanii garuu akka bakkalchaa ifa. Kan nama
dhibu immoo du'a isa foonii kana in sodaatani! Sababni isaa lafa dhaquuf jiran beeku.
Isaaniif addunyaa haaraa biyya haaraatu qophaa'ee isaan eega. Biyyi sun immoo mootummaa Waaqayyoo jedhama. Warri keessa jiraatan immoo kiristiyaanota jedhamu.
✍️ Obboleessa koo obbolettii koo koottaakaa isinis gooftaa Yesuus qofatti amanuudhan miseensa kanatti makamaa! Ariifadhaa! Gowwoomsaa biyyi lafaa isinitti fakkeesssudhaan umurii keessan nyaachaa jirtu kana harkaa ba'uun ibbidda bara baraa lubbuu keessan waaduuf jiru harkaa miliqaa! Karaan gara jireenyatti geessu Yesus qofa.
✅ YESUS FAYYISAADHA!
✅ QORICHA BIYYA LAFAATI.
(Erg. 4:12, Yoh 3:16)
✅ Ergaa kana lubbuu tokkoof hiri!
✅ Yesusin Haa Labsinu!
Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!
@Getu_Official
@Getu_Official ✅