★ #Shira_Siyaasaa_Ethiopia.
Itti bahi lolaa #Nagaa dha jedhu hayyoonni. kana jechuun haala dirqii ta'e keessatti nagaa ijjibbaattame qawween waaressuun fala furmaata hin qabne jechuu dha.
Jecha nagaa jedhu tana barbaachaf kan akka keenya aarsaa kafale hin jiru. #Xaxaa Ogeessonni shiraa xaxan hedduu keessa hulluuqun har'a as jirra.
Yaalii Nagaa Waarsuf PP waliin yeroo lamaa oliif taasifne keessatti akkaatan itti isaan marii sana hiikkataniif dhugaan ture wal baqate. Mootummaan federaalaa Yoo WBOn walii gale #Buchillaan bakkan ani kaaye naaf teessu OPDOn gaggabdee na harkaa duuti, gaafa sana humni mootummaa waaltaa isaan jedhaanii laafee gaggaba shakkii jedhu qabaachaa turan.
OPDOnis Yoon ani warra kanaan walii gale boolla tiyya bishaantu duuda, namas lafas nan dhabaa, asiin dhabamuurra dhabamni koo dirqii ta'us loleen dhabama ejjennoo jedhu qabatte. Taatus fedhiin mootummaa waaltaf(central government) fi mootummaa naannoo(local government) wal dhiita ture.
Ammas manii Ajjeechaa bifa adda ta'een nuuf qopheessaa akka jiran quba qabna. Marii marsaa 3ffaa jedhan taan jechuu kooti.
Keessattu PPn jaarmiyaalee siyaasaa, Arrab-Qareeyyi fi namoota garaacha babal'atan waliin mariitti jiru.
Hawwii ni milkoofna jettus biishaan obaasaa jiru. Sanaaf Immoo bifa Adda ta'een keessoo mootummaa irratti, Ummata irratti, jaarmiyaalee siyaasaa irratti, Activist warra ni beeknaa ofiin jedhan irratti akkasuma W*O keessatti illee waa qicachuuf kuriphisaa jiru.
Fakkeessif Namoota marii Araara ifatti deeggaran jedhame dursaanii ajaja Abiyyuutin akka hidhaman taasisanii jiru. Fkn Aab #Taayyee. Akeekichi garuu namoota akkasii hidhuu osoo hin taane namoota marii sana dura dhaabbatan jedhame dhabamsiisuf ture. Kanaaf Shimee dabalatee Aangawoonni baay'en aangorraa kaafamanii jiru. Kan gaggeessuf xaalayaan qophawefii jirus hedduu dha. Shimallis Addisuu Araggaan akka bakka buufame odeeffamus aangoo hin gadhiisuf marii dhoksaan iddoo garaagaraatti tolchaa jiru.
Naanna'ee naanna'ee wanti naanno sanatti akka allattii foon argee lafa maraa jiru hunduu W*O manii ajjeechatti harkisuu fi gatii guddaa irraa argachuuf gabaa hoo'ituu keessa dhaabuf qiyyaafate. Siyaasni wal'aansoo sammuuti yaa sabaa. Mugdee jirta yoo ta'e, wanti sitti muul'atu abjuu hiika hin qabne qofa. Shira siyaasaa keessa hulluuqufis ta'e humna siyaasaakee sabateessuf #Dammaquun naannookee too'achuu qabda.
Dogongoraaf ofkaltii!