Репост из: Seenaa Jaalalaa ❤️
Silaa sin liqimsa
Nan dabartu qoonqoo
Baayyeen si jaaladha
Dhugaa rabbii foonkoo
Gar-tokkee qaama koo
Mi'eessituu jiruu
Yoomiyyuu yoo ta'e
Sirraa garaa-n hiruu!
Ijjikee biiftuudha
Uumamaan kuulame
Wanti miidhaginaa
Sumarra tuulame!
Nyaarri kee gobbuudha
Funyaan keemmoo qaraa
Addeenyi ilkaan keetii
Nama raasa garaa!
Haadha simboo tiyya
Magaallee koo qalloo
Gubaan jaalala kee
Jabaateehoo malloo?
Suma bira taa'een
An sin ba'u dharraa
Yoomuu hin eeyyamu
Fagaachuu kee narraa
Halkan dugdaan ciiseen
Yaada kee aboota
Siif of dhabaan jira
Maaf akkas nagoota?
Otuman siyaaduu
Biiftuun baati barii
Siif hirriba dhabeen
Huqqataara tarii,
Sidhabee hin jiraadhu
Jiruu hiika hin qabne
Atis na jaalatta
Beeka akkan sin dhabne
Laga tokkoo baane
Sumatu naan mala
Barana sin baasu
Fuudheetan siin gala!
✍️
@seenaajalaala
@seenaajalaala
Nan dabartu qoonqoo
Baayyeen si jaaladha
Dhugaa rabbii foonkoo
Gar-tokkee qaama koo
Mi'eessituu jiruu
Yoomiyyuu yoo ta'e
Sirraa garaa-n hiruu!
Ijjikee biiftuudha
Uumamaan kuulame
Wanti miidhaginaa
Sumarra tuulame!
Nyaarri kee gobbuudha
Funyaan keemmoo qaraa
Addeenyi ilkaan keetii
Nama raasa garaa!
Haadha simboo tiyya
Magaallee koo qalloo
Gubaan jaalala kee
Jabaateehoo malloo?
Suma bira taa'een
An sin ba'u dharraa
Yoomuu hin eeyyamu
Fagaachuu kee narraa
Halkan dugdaan ciiseen
Yaada kee aboota
Siif of dhabaan jira
Maaf akkas nagoota?
Otuman siyaaduu
Biiftuun baati barii
Siif hirriba dhabeen
Huqqataara tarii,
Sidhabee hin jiraadhu
Jiruu hiika hin qabne
Atis na jaalatta
Beeka akkan sin dhabne
Laga tokkoo baane
Sumatu naan mala
Barana sin baasu
Fuudheetan siin gala!
✍️
@seenaajalaala
@seenaajalaala