Mo'attoota | Winners


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


Channel kanaan,
👉barruuwwan barsiisoo
👉 Ergawwaan hayyootaa(qoutes)
👉Dubbiiwwaan kaka'uumsa (motivational speech)
👉Gorsa(advice)
👉Carraawwan hojii(job opportunity)
ni argattu
👉Karaalee milkaa'inaa(ways of success)
Join
👇👇👇👇👇
@beawinner14

Связанные каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


🎈📤🛫
Today, December 25, 2024, a training session is has been conducted by Mr. Netsanet Zenebe, who is our top trainer and hypnotherapist in our company for 300 Ethiopian Revenue Authority office; female top leaders at Capital Hotel.


Sagantaan keenya Marsaa 55 ffaa haala gaariin itti fufa!


Namoonni barbaadan @Tola_Abe_jibrilo keessan na dubbisaa






“Most people feel best about their work the week before their vacation, but it’s not because of the vacation itself. What do you do the last week before you leave on a big trip? You clean up, close up, clarify, and renegotiate all your agreements with yourself and others. I just suggest that you do this weekly instead of yearly.”


-- David Allen--
From the book Getting Things Done

                        ****
"አብዛኞቹ ሰዎች ከዕረፍት ጊዜያቸው አንድ ሳምንት በፊት ስለ ሥራቸው ጥሩ ስሜት ይሰማቸዋል፤ ነገር ግን በእረፍቱ ምክንያት አይደለም ጥሩ ስሜት የሚሰማቸው። ሰፊ የእረፍት ጉዞ ከመሄድዎ በፊት ያለው ሳምንት ላይ ምን ታደርጋለህ? ሁሉንም ስምምነቶችዎን ከራስዎ እና ከሌሎች ጋር ያጸዳሉ፣ ይዘጋሉ፣ ያብራራሉ እና እንደገና ይደራደራሉ። ስለዚህ ይህንን በየዓመቱ ሳይሆን በየሳምንቱ እንዲያደርጉ እመክራለሁ።"


--ዴቪድ ኤልን--
"Getting Things Done"


#MUL'ATA =  FAKKII SIRRII + KAROORA + ADEEMSA"

🌎 Dhalli namaa waan hedduu hojjachuu danda'a.
✧️ Nama uumama kamiyyuu caalatti  jiraachuu fi yaaduu kan isa dandeessisu mul'ata haaraa qabaachuu, waan fuuldura isaa jiru beekee xiyyeeffannoon jiraachuu fi itti adeemuu isaati.
═══════════
"Mul'ata = Fakkii sirrii + Karoora + Adeemsa"
═══════════
➊. Wanta ta'uuf jirtu maalitti akka adeemtu har'a irra dhaabbattee fakkii sirrii isaa arguu qabda.
➋. Karoorri kee (Abjuun kee) yeroo hundumaa hojii kee ta'uutu irra jiraata.
➌. Adeemsa kee mirkaneessaa (Challenge hir'isaa) adeemuu qabda.

🌿 Namni kamiyyuuu haa xiqqaatuu haa guddatuu mul'ata mataa isaa qaba.
I HAVE DREAM!

Ani mul'ata nan qaba yommuu jettu kanneen armaan gadii walbira qabi (consider) godhi!

The 3P Important for your Vision Development:
①. Mul'ata kee adda baasi! (Picture)
②. Kaayyoo fi Karoora Qabaadhu! (Plan)
③. Irratti Hojjadhu! (Process)

🌿Namoonni addunyaa keenya kana irratti beekamtii gurguddaa qaban hundi baratanii miti, mul'ata qaban akkaataa ta'uun itti
Leenjii ijaarsa dhuunfaa/Sammuu
Personal Development Training

Leenjii dhugaatti namni eenyummaa isaa beekuu fi abjuu isaa argatee fulduratti imaluuf garagaruuf leenjii Eenyummaa keenya gabbisuu fi caalaatti jabaanne akka tarkaanfannu nu godhudha.

Hiriyyoota kee #share gochuu hin dagatin!

Positive mind find opportunity in everything.

https://t.me/Fekede14


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Team Work

Teamwork refers to the collaborative efforts of a group of individuals who work together towards a common goal. It involves individuals pooling their skills, knowledge, and resources, and coordinating their efforts to achieve a shared objective. Effective teamwork often involves effective communication, cooperation, trust, and a division of tasks based on each team member's strengths and expertise. By working together, teams can leverage their collective abilities to accomplish tasks more efficiently and effectively than individuals working alone.


Qulqulleessaan Xiyyaara Balalisee Jedha Oduun…………………

akkamitti?


Si Fayyadaa Dubbisi‼️
🛬🛫🛩✈️🛬🛫🛩✈️🛬🛫🛩✈️🛬🛫🛩
📍Namni suuraa irratti mul'atu kun nama xiyyaara qulqulleessu yoo ta'u suuraan kun yeroo hojii idilee isaatiin kutaa balaliistotaa qulqulleessu kan kaafamedha.

📍Qulqulleessaan kun osoo hojii isaa hojjataa jiru kitaaba "How to Fly an Airplane - For Beginners, Volume 1" jedhu kutaa balaliisaa keessaa arge.

📍Kitaabicha yommuu banu, fuula jalqabaa irratti "Motora xiyyaarichaa kaasuuf furtuu diimaa gadi tuqaa" jedha; Innis butooni diimaa gadi dhiibee, motorri xiyyaarichaa battaluma sanatti jalqabe.

📍Qulqulleessaan kun waan ta'etti baay'ee gammadee fuula itti aanu bane.Fuula itti aanu irratti "Xiyyaaricha gara fuulduraatti sochoosuuf furtuu bifa Cuquliisa qabu gadi qabaa" jedha. Namichi akkuma butooni kana gadi dhiibeen xiyyaarichi hoggasuma imala isaa eegale.

📍Namichis gammachuudhaan fuula kitaabichaa isa itti aanu bane, akkaataa xiyyaaricha lafa irraa ol kaasuun balali'uu itti jalqaban irratti ajaja barreeffamaa biroo akka argatuu abdate.

📍Akkuma tilmaame qajeelfama "xiyyaara lafa irraa kaasuun balali'uuf furtuu magariisa gadi qabaa" jedhu argate. Achumaan funyaan xiyyaarichaa lafa irraa gara samiitti ol ka’ee, hoggasuma qaamni xiyyaarichaa guutuun qilleensa keessa saffisaan balali'uu jalqabe.

📍Namni kun waan ta’e hundumaatti baay’ee waan gammadeef gara daqiiqaa digdamaaf qilleensa keessa balali'e. Baayʼee gammadee, itti aansee qajeelfama dabalataa xiyyaaricha lafa busuuf kennamu dubbisuuf kitaabicha bane.

📍Fuula itti aanu irratti akkataa xiyyarri itti lafa qubatu beekuuf "Kitaaba kana Jildii 2ffaa mana kitaabaa bakka bu'aa isinitti dhihoo jiru irraa bitadhaa" jedha.... Achi booda maali akka tahe... isinumti tilmaamaa.

📍Asirraa Maal Baranna?

1) Odeeffannoo guutuu malee hojii tokko jalqabu akka hin qabne;
2) Gocha tokko beekumsa gartokkeen hojjechuun dogoggora qofa osoo hin taane, balaa hamaas akka qaqqabsiisu.
3) Naannoo ogummaa keenyaa isa sirriitti beeknuu fi waliin amaleeffaneeti daangefamuu akka qabnu nu barsiisa.


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Wantaa Barbaddee argachuuf arsaa sirraa barbachiisuu kanfaluun barbachiisadha....



Waan tokko gafaa gootu humnaan osoo hin tanee toftanii🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻

@Tola_Abe_jibrilo


📌 FURTUUWWAN MILKAA'INAA 6

1. HOJII CIMAA:- Carraa hin amanin, hojii cimaatti amani. Adeemsa ariifachiisuuf yaaluun ykn karaa gabaabaa barbaaduu dhiisi. Hin jiru.

2. OBSA:- Obsa dhabaa jirta taanaan lola dhabaa jirta. Jalqaba wanti tokkollee hin ta’u, achiis suuta jedhee akka tasaa yeroo tokkotti ta’a. Namoonni baay'een sadarkaa tokkoffaa irratti harka kennatu.

3. WAREEGAMA:-Yoo waan barbaaddeef wareegama hin baasne, wanti barbaadde wareegama ta'a. Wanti hundi gatii qaba. Gaaffiin jiru: Jireenya hawwitu sanaaf wareegama kaffaluuf qophoofteettaa?

4. WALSIMACHUU:- Walsimannaa jechuun giddu galeessa gara olaantummaatti kan jijjiirudha. Walsimannaa malee milkaa'ina caalu gonkumaa hin argattu.

5. NAAMUSA:- Kaka’umsi akka deemtu si taasisa, naamusni garuu akka guddattu si taasisa.

6. OFITTI AMANAMUMMAA:- Imala keetti sodaa malee dandeettii si keessa jiru bakkeetti baasuuf si gargaara. Via derejemieso


SAMMUUN KEE BAAY'EE GUDDAA DHA."

(Jecha harmee Tomas A. Edsen kan baay'ee namatti tolu!)

❏ Ampoolii fi Generetara nuti har'a itti fayyadamnu kana beekan uume Tomas Alva Edsen jedhama. Hayyuun kun ijoollummaa isaatti rakkina harkifata sammuu (autism) qaba ture.

■ Guyyaa tokko dura taa'an mana baruumsa isaa xalayaa barreessee "haadha keetti kenni!" jedhee itti kenne. Barreessuu fi dubbisuu kan hin dandeenye Edsen ergicha haadha isaa biraan ga'e. Haati isaas xalayicha dubbistee teessee yeroo boossu argee "Haadha koo maalif boossa xalayichi maal jedha?" jedhee gaafate.

■ Haati isaa deebistee "Mucaan kee SAMMUUN ISAA BAAY'EE GUDDAA WAAN TA'EEF MANA BARUMSAA KANATTI BARACHUUN ITTI XIQQAATA KANAAF OFII KEEF MANATTI QO'ACHIISI!" jedha jettee itti himte. Toomasis baay'ee gammadee haadha isaatin barachaa qaamanis sammuudhaanis guddachaa dhufe.

■ Sana booda Argannoowwan gurguddoo addunyaa kana jijjiiran 15 addunyaa keenyaf
gumaache. Teknolojiiwwan 1093 ta'anis fooyyessee beekamtii guddaa argateera.

■... Waggaa dheeraa booddee gara mana itti guddatee dhaqee waraqaa garaagaraa utuma ilaaluu waggaa dheeraa dura xalayaa haadha isaatif barreeffame sana argate.

■ Gaafa dubbisu akka haati isaa jetteen utuu hin taane faallaa isaati "MUCAAN KEE SAMMUUN ISAA HARKIFATAA WAAN TA'EEF LAMUU AKKA MANA BARUUMSA KEENYATTI HIN ERGINE." Jedha.

■ Yeroo sana haati isaa ati BEEKA DHA jettee beekaa akka isa goote, ati GUDDAA DHA jettee guddaa akka isa goote hubatee yaadannoo isaa irratti

➲ "Toma's Alva Edsen nama sammuu harkifataa ta'ee dhalate tattaafannaa haadha isaatin garuu BEEKAA GUDDAA jedhame." Jedhee barreesse.

■ Obbolee namichi kun gaafa dhalatu fayyaa isaa dhabee dhalate biyyaan jibbame. Kun baratee nama in ta'u jedhamee ari'ame. Jechi isaan jedhame manatti isa deebisee namaa gadi isa godhee akka inni uumamuu isaayyuu jibbuuf
ture. Garuu kan nama dhibu arrabuma maaddii barumsa isaa irraa ariisisee kichuutti kutee isa hambisuuf hima hadhaa'aa itti darbateetu deebisee ati BEEKA DHA ATI GUDDAA DHA. Jedhee, abdii isaa lalisiisee, eenyummaa isaa isa keessaa itti agarsiisee humna addunyaa jijjiire kana keessa kaa'ee, maqaan isaa seenaa keessatti akka dinqiitti akka haasa'amu isa godhe.

■ Nuti hoo har'a arraba keenyan beekaa biyyaaf ta'u baay'ee isaa cabsinee haamilee isaa, hunkuteessinee, haala isaa har'aa ilaallee ati "nama in taatu" jennee manatti deebisaa, jirra moo hir'ina isaa itti himaa, jabina inni qabuuf immoo
● "Ati cimaa dha,
● Ati nama guddaa dhas,
● Sichis guddaa taata,
● Ati beekaa dha,
● Jabaadhu,
● Haamileen kee in bu'in,
● Si bukkee jirra" jennee abdii isaa borii itti agarsiisaa jirraa?

■ Kana qofa miti dargaggeessi baay'een humna biyyaa ta'uuf male, jechoota dhibaa'ummaa arraba isaa keessaa yaa'un ofuma isaatif of cabsee golatti deebi'e baay'eetu jira. Baay'een keenya humna nu keessa jiru utuu hin beekin ofuma keenyaf gatii of dhabsiisna.

■ Yeroo baay'ee jechoonni arraba baay'ee keenya irra yaa'an:
• Ani gatii in qabu,
• Ani abdii in qabu,
• Ani nama gadiidha,
• Ani nama akkasumaanidha,
• Ani baduufan jedha,
• Ani dhukkubsataadha,
• Ani nan du'a fi kkf dha.

➲ Obbolaa koo arrabni humna guddaa qaba. Dhaabbitti ajjeesus, abdii namaa lalisiisee du'aa kaasus ni danda'a.

➲ Lafee hin qabu garuu lafee ribuu hunkuteessa. Arraba gaarii fi abdii dubbatu arraba caba namaa fayyisu Waaqayyoo nuuf haa baay'isu.



➲ Arrabni keenyas akka fayyuuf Waaqayyoo nuuf garagaaru

Hiriyyoota kee #add gochuu hin dagatin!

Positive mind find opportunity in everything.


Iccitii Milkaa'inaa /The secret to success/.

Dargaggeessa hojidhabeessa tokkotu ture. Dargaggeessi kun dinagdeedhaan milkaa’ee nama guddaa ta’uuf waan hawwii qabuuf hayyuun kalaqaa #Sooqiraaxos iccitii milkaa’inaa akka itti himu gaafata.
Irra deddeebiin milkaa’uun barbaadaa maaloo iccitii milkaa’inaa natti himi jedhee isa rakkise.

Sooqiraaxosis tole jedhee guyyaa ittaanu qarqara lagaatti akka dhufu; achittis akka isa gorsu itti hime. Dargaggeessichis tole jedhee ganameeffatee gara lagichaa deemee Sooqiraaxos eeguu eegale.

Sooqiraaxosis sa’aatii isa beellametti bakkichaatti qaqqabee uffatakee baasi jedheen. Ofiifis baafate. Dargaggeessichis Sooqiraaxosis baafatan. Harkasaa qabatees gara lagichaatti seenan.

Dargaggeessichis eessa nageessita? jedhee Sooqiraaxos gaafate. Bakka milkaa’inni jirun sigeessa jedhee ammas garuma gidduu lagaatti seensise.

Utuma bishaan jalqaba mogolee, jilba, mudhii, kokkee jedhuu dhumarratti gaafa isa liqimsuuf jedhu maaloo nabaasi, natti haahafu jedhee itti marame. Sooqiraaxosis didee gara handhuura lagaatti galchee keessatti gadi dhiibee (xillikse) ofirraa darbate.

Dargaggeessichis harkasaa facaasaa wixxifachaa bishaan isa liqimse keessaa ba’uuf harkasaa olii gadi raasaa lubbuu ofii baraaruu warraaquufi tattaafachuu eegale.

Gaafa lubbuun itti mi’ooftu Sooqiraaxos ittisiqee harkasaa qabee maal taate jedheen? Maaliif lagatti na darbatte jennaaniin inni deebisee ati maal barbaacha harkakee facaasta? jedhee gaafate.

Dargaggeesichis deebisee maaloo afuurri nacinnaan qilleensa fudhachuufan wixxifadha jedhee deebiseef. Sooqiraaxosis bishaan keessa qilleensi jiraa? jedhee gaafateen.

Maarree yoon wixxifadhe bakkeetti bahee qilleensa argadha. Kunoo wixxifannaan ukkaamsaa keessaa bahee afuura baafadhe jedhee deebiseef.

Sooqiraaxosis, egaa ilmakoo milkaa’inni akkasuma olii gadi fiiganii kufanii ka’anii dhama’anii mul’ata nama keessa jiruun hojjetanii malee taa’anii yoo eegan hindhufu kanuma gorsikoo jedheen. Dargaggeessichis guyyaa sanaa kaasee kufee ka’ee hojjechuun dureessa ta’e. Sooqiraaxosis galateeffate jedhama.

Dubbistootaa, dhaloota ammaa keessaa tokko tokko osoo mul’ata isa keessa jiruun dhama’ee, ifaajee milkaa’uu danda’uu kan baratee itti leenji’een qofa milkaa’uuf carraaqus eeggattummaaf saaxilamaa rakkoo hamaa keessatti dhidhimee dhaabachaa jira

Positive mind find opportunity in everything.
https://t.me/tolaaf


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Nothing is free. if you want to be successful, you have to pay a price.


"#Nama tokko umurii isaa guutuu #qurxummii nyaachisuu irraa gaaf tokko laga geessanii akka itti qurxummii qaban barsiisuu wayya jedhu. Chaayinoonni.


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Wantaa Barbaddee argachuuf arsaa sirraa barbachiisuu kanfaluun barbachiisadha....



Waan tokko gafaa gootu humnaan osoo hin tanee toftanii🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻


Kufaatii sodaachuu dhabuu.

Kufaatii sodaachun kun karaa addaa addaatin nu keessatti dhalachuu danda'a..

Fknf.. gaafa nuti daa'imaa yoo waan tokko hojjechuu dadhabne maatin keenya nuun lolu ykn nu garafu.
Mana barnootattis qormaata yoo kufne akkasuma.

Haalli kun kufaatii jabeessinee akka balaaleffannu nu godha.

Daa'imni tokko ol ka'ee deemuf kufaatii hedduu hangana hin je'amne booda dhaabbata akkasumas kufaatii hedduu booda tarkaanfii eegala, yeroo kufu sanitti "lakkii an hin danda'u, kun naaf hin umamne" ja'ee hin taa'u.

Sodaan kun guddina keenya keessa jechuun lakkuma guddataa deemnun isas baraa dhufna.

Fooyya'uu fi milkaa'inni bu'aa kufaatiwwan yeroo hedduuti. milkaa'inni keetis kan laalamu tattaaffi fi adeemsa isaa keessatti hangam takka kuftee kaate kan je'amuuni.

Dhimma tokko hanguma kufaatii isaatif hayyamamaa fi qophii taanefitti itti milkaa'uu dandeenya.

Kufaatii yeroo jabeessinee balaaleffannu sodaa yoon kufe hoo? Jechuutin waan haaraa mokkaruu irraa of qusanna, waanuma harkaa qabnu qofarratti goggoynee hafna, kufaatii dheeysutti milkiidhas walumaan dhabna.

Yoo kufte hoo maali? Kufuun kee dhuma addunyaati mitii bar ykn baasa si qofaan bahee miti eega ilmi namaa/ADAM uumame irraa kaasee waanuma  jiru.

Namni tokko dhimma tokkorratti yoo si caalee argame, waan saniif si caalaa kufee ka'ee jira jechuudha.

Akkasumas maddi sodaa kufaatii kun sababa gadhee nuti value jireenyaatif kanninu irraahi.

Fknf..Gatiin nuti ofiif qabnu/kanninu, hanga jaalalaa fi fudhatama namoota guyya guyyaan wal qunnamnuu irratti kan hundaa'u yoo ta'e, dhibbaan dhibbatti fedhiin keenya galma gahuu ykn kufuun isaa namoota  irratti hundaa'a. Nuti hin murteeffannu, control hin goonu.
Murtee namoota biraa kan eeggannu ta'a jechuudha Gatuma dhuunfaa keenyaatif.

📝📝 @Fekede14


Beautiful life, I deserve!


Waldaan Aksiyoona Breakthrough dhaabbata umurii waggaa 5 qabuufii Mul'ati isaa "dhaloota Mul'ata qabeessa,Qajeelaa,Fayyaaleessa fi Abbaa Qabeenyaa tahe uumuudha"

Turtii kana keessatti namoota 70,000 oliif leenjii qahumsa dhuunfaa afaanoota adda addaan hawaasa keenya bal'aa biraan gahaa jira.
Akkasumas carraa hojii inni uumeen dargaggoonni keenya baay'een hojii waliin hojjechaa jiru.
Kanneen galii xiqqaa hojii idilee isaaniin argatanis galii dabalataa argachaa jiru.

Ammas barattoonni hojii argachuun barumsa xumuruu qofaan miti,hojjetoonni galii argachuu wajjira qaama biroo keessa qacaramuu qofaan miti.
Sammuun keessan leenjisuun gahumsa keessan beekaa.
Network keessan gara Business jijjiruun galii argadhaa.

For more information👉 @Tola_Abe_jibrilo

👇🏽👇🏽👇🏽👇🏽👇🏽👇🏽👇🏽👇🏽👇🏽

See moore
@Tola_Abe_jibrilo


Gaaffilee Jireenya Milkaa'inaa Jiraachuuf Nama Kakaasan:

❏ Gaaffileen jireenyatti hiika godhan kunniin nama milkaa’ina hawwu tokkoof baay’ee murteessoo dha. 
⁃ Ani eenyu ?
⁃ Maalifan Uumame?
⁃ Ergamni koo maali?
⁃ Karoorri koo maali?
⁃ Mul'anni koo maali?
⁃ Kaayyoon koo maali?

√ Eessaan dhufe?
√ Eessan Jira?
√ Eessan Deema?

√ Har'a maalin hojjedhe?
√ Maal hojjechuun qaba?
√ Wanta haaraan hojjedhu maaltu jira?

❏ Jireenya kee keessatti wanta hojjettee itti gammadduu fi si hin gammachiifne tarreessuu dhaan addatti maal gochuu akka qabdu hundumaa dursuun sammuu kee waliin marii gaggeessi

Показано 20 последних публикаций.