ᴅᴀᴀʀᴜ sᴀʟᴀᴀᴍ 🇵🇸


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


📖 ᴄʜᴀᴀɴᴀᴀʟɪɪ ᴋᴀɴᴀʀʀᴀᴛᴛɪ
    👉sᴇᴇɴᴀᴀ ʀᴀsᴜᴜʟᴀᴀ s ᴀ ᴡ
    👉sᴇᴇɴᴀᴀ sᴀʜᴀᴀʙᴏᴛᴀᴀ
    👉sᴇᴇɴᴀᴀ ᴍᴜsʟɪᴍᴏᴏᴛᴀᴀ
    👉ᴊᴇᴄʜᴏᴏᴛᴀ ʜᴀʏʏᴏᴏᴛᴀᴀ
    👉ᴡᴏʟᴀʟᴏᴏ ᴀᴅᴅᴀᴀ ᴀᴅᴅᴀᴀ
    👉ɢᴀᴀғғɪɪғɪ ᴅᴇᴇʙɪɪ ғɪ
    👉ᴢɪᴋɪʀɪɪᴡᴡᴀɴ
     👇ʏᴀᴀᴅᴀᴀғɪɪ ɢᴀᴀғғɪɪғ👇
      @Rafiqul_Islaam

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Haati Warraa Nabiyyii (Sallallaahu alayihi wossallam) Rabbiin (Subhaanahu wota'alaa) Samiiwwan Torban Gubbaa Irraa Nabiitti Heerumsiise Eenyu Isheen?
Опрос
  •   Zeyinabaa Bint Jahash (R.A)
  •   Hafsaa Bint Umar Bin Al-Kaxxaab (R.A)
  •   Fakhaataa Bint Abii Xaalib (R.A)
  •   Haliimatu As-saadiyyaa (R.A)
225 голосов

625 4 7 12 39

SIRRITTI NAAF HUBAADHU !!!


■◇-kan yeroo hundaa kolfu beekumsa of dhoowwa.
■◇-kan yeroo hundaa kadhatu kenna of dhoowwa.
■◇-kan yeroo hundaa kakatu amantii of dhoowwa.
■◇-kan yeroo hundaa jarjaru hiree of dhoowwa.
■◇-Dubbachuun immoo gootummaa mitii!
■◇Callisuun sodaaf miti !

■◇-Kaayyoo kee hin dagatiin!
■◇-DHaageesseef hin dubbaatin!
■◇-Argaateedhaaf hin nyaatin!
■◇-Waan xiqqoof hin gowwoomin!
■◇-Iccitti kee hin himatin!
■◇-Rakkoo kee hin dhokfaatin!
■◇-Hirriyyaa kee hin tuffatin!
■◇-Dhandhamachaa nyaadhu!

■◇-Tilmaamatti dubbaadhu!
■◇-Fakkeesitu hin ta'iin!
■◇-Dhugaaf falmuu  filaadhu!
■◇-Baay'ee dhageefadhuu!
■◇-Xiqqoo immoo dubbaadhuu!
■◇-Kan namaa hin dubbatin!
■◇-Kan kee hin dhisiin!
■◇-Nama hin sodaatin kabajii malee!

■◇-Ofi immoo hin tuffatin!
■◇-Gowwaa namaan hin jedhiin!
■◇-Beekaa ofi hin godhin!
■◇-Amaantii kee kabajii!
■◇-Kan nama hin tufaatiin!

Galatoomaa marree ergaa dubbistee sitti tolee booda hiriyoota kee kan jallattuuf #share godhii😍

https://t.me/DAARU_SALAAM

992 0 22 2 19



Gorsa Hayyoota Islaamaa


☞ Sodaa Rabbii keetii uffata godhadhu.

☞ Waan balleessite toowbatuuf jarjarfadhu.

☞ Zikrii baay'isuun fedhii lubbuu keetii injifadhu.

☞ An maaliifiin uumame jedhii of gaafadhu.

☞ Naamusaa fi kabajaa kee tikfadhu.

☞ Uzriin maletti salaata dabarsuu fi dhiisuu irraa of qusadhu.

☞ Yeroo baay'ee Rabbii kadhatuu amala taasifadhu.

☞ Rizqii yoo argatuu barbaadde, fira kee maxxanfadhu.

☞ Umrii dheeratuu yoo barbaadde, toltuu dalagadhu.

☞ Obbolewwan keetiif yaada gaarii qabaadhu.

☞ Haqaa fi baaxil ragaan adda baafadhu.

☞ Barnoota amantii keetii xiqqollee ta'u baradhu.

☞ Shari'aa diin keetii sirritti akeekkadhu.

☞ Kheeyrii keessatti umrii dheertuu kadhadhu.

☞ Waan qabdu irraa sadaqaa kennadhu.

☞ Kan dhukkubsate bira deemii gaafadhu.

☞ Kan kheeyritti si waame jalaa owwaadhu,

☞ Ilma namaa hundaaf kabajaa qabaadhu.

☞ Haadhaa fi Abbaa kee tola itti ooluun gammachiifadhu.

☞ Kan tola sitti oole hunda galateeffadhu.

https://t.me/DAARU_SALAAM


Gorsa Nabi Muhammad ﷺ Keessaa Muraasa


1. Salaata Fajrii fii zuhrii, magriibaa fii ishaa'ii gidduu rafuu irraa fagaadhu

2. Garaa keetiin gadi gara galtee hin ciisin

3. Hirriiba dura namoota waan gadhee dubbatan jidduu hin rafin

4. Harka bitaatiin hin nyaatin hin dhugin!

5. Nyaata ilkaan kee keessaa bahe deebistee hin nyaatin

6. Kophee kee uffachuun dura sirriitti ilaali

7. Yeroo Salaatu samii ol hin ilaalin

8. Mana fincaanii keessatti hin tufin

9. Azaanaa fi iqaamaa jidduu hin haasawin

11. Mana fincaanii keessatti hin haasawin

12. Kophaa kee imala hin deemin.

Rabbiin warra waan dhagahetti fayyadamu nu haa taasisu!

❤        ⎙          ⌲            🔔 
𝒓𝒆𝒂𝒄𝒕    𝒔𝒂𝒗𝒆     𝒔𝒉𝒂𝒓𝒆   𝒖𝒏𝒎𝒖𝒕𝒆 𝒄𝒉𝒂𝒏𝒏𝒆𝒍

https://t.me/DAARU_SALAAM


Yaadachiisa Gaarii Faayidaa Guddoo If Keessaa Qabu


1. Namni Qur'aana irraa suuratul kahafiin jum'a Jumu’aa qara'e fitnaa dajjaal irraa eeggama.

2. Namni suuratul Mulkiin halkan hunda qara'e fitnaa qabrii irraa eeggama.

3. Namni suuratul waaqi'aah halkan hunda qara'e Rabbiin hiyyummaa irraa isa eega

4. Namni suuratul ikhlaasiin si'a sadi qara'e akka Qur'aana guutuu kattametti laakkawamaaf

5. Namni halkan halkan ykn ganama aayatul kursii, suuratul Ikhlaas, suuratul falaq akkasumas suuratu naas qara'e fitnaa sheeyxaanaa irraa eeggama.

6. Namni salaata Ishaa'ii fii Subhii jama'aadhaan salaate akka waan halkan guutuu salaataa buletti laakkawamaaf.

7. Namni salaata subhii salaatee eegasii hanga aduun baatutti zikrii gochaa taa'e akka nama hajjii godhetti laakkawamaaf

8. Namni Baatii Ramadaanaa guutuu soomee eegasii immoo shawaaliin irraa guyyaa 6 soome akka nama waggaa guutuu soomaan dabarsetti laakkawamaaf

Rabbiin warra waan dhagahetti fayyadamu nu haa godhu.

https://t.me/DAARU_SALAAM

2.2k 0 26 12 55

Seenaa Islaamaa Keessatti Sahaabiin Yeroo Jalqabaatiif Woreegamuuf Of Qopheessee Ture Eenyuu?
Опрос
  •   Aliyyi Bin Abii Xaalib (R.A)
  •   Ja'afar Bin Abii Xaalib (R.A)
  •   Bilaal Bin Rabaah (R.A)
  •   Abuu Bakris-siddiiq (R.A)
639 голосов


YEROO HUNDA YAADADHU !!


Jiruun Addunyaa jalqabaa fi Xumura Qabdi.
Jalqabni isii guyyaa haadha kee garaa baatee

Qilleensa addunyaa kana fuunfachuu jalqabde yoo ta'u.

Xumurri ishee immoo Guyyaa malakul mowtu (malaayikaan du'aa) Lubbu kee fudhatee dha.

Jireenyi Aakhiraa immoo jalqaba malee Xumura hin qabu, Jalqabni isaa Guyyaa duutee qabrii seenti irraa eegala garuu xumurri isaaf hin jiru.

Kanaafuu yaa ilma namaa Jireenya kee kan jalqaba malee xumura hin qabne sana bareeffachuudhaaf, Jireenya kee kan har'aa gabaabaa kan Jalqabaa fi Xumura qabu kana keessatti waan Rabbiin sirraa jaalatu hunda Akkaataa Rabbiin si Ajajeen, haala Rabbiin sirraa jaalatuun hojjedhu.

Rabbiin (s.w) warra dalagaa garii boruuf isaaf toltu ol kaawwatu irraa Nu haa taasisuu inshaa allaah.

Obboleewwan keenya kan birootiif #Share gootu malee bira hin darbin jazakallaahu kheyr.

https://t.me/DAARU_SALAAM


Sahaabiin Yeroo Jalqabaatiif Islaamummaa Keessatti Dhalate Eenyuu??
Опрос
  •   Abdallaah Bin Mas'uud (R.A)
  •   Abdallaah Bin Zubeyiir (R.A)
  •   Abdallaah Bin Abbaas (R.A)
282 голосов


Haadha (Bakka Fedhettu Haati Haadhuma)
Seenaa Ajaa'ibaa Dubbisi ..... dubbisi


Translated by: - Abdulhakim shamsudin

Yeroo tokko mucaa tokko turee inni magaalaa biroo jiraata ummaan (haati) isaas magaala biroo jiraatti mucaan kun asirra haadha isaa tana gargaara kana gaafa tokko maallaqa haadha isaatif ergu dhabee waraqaa gara ummaa isaa barreeyse akkana jechuun

'Yaa ummaa koo jiddu kana waanin siif ergu waanin dhabeef dhiifama naaf godhi yeroo waa xiqqo keeysattin siif erga dalagaa duraan irra ture waanin jijjiirefi ' ja'ee barreeysee garuu waraqaa kana gara ummaa isaa erguu sodaatee wallet keeysa kaayee deeman ture wallet isaa keeysa waraqaa tanaafi qarshii 200 ture .

Kana guyyaa tokko wallet kun jalaa bade (hatame) innis hedduu rifate sababni isa rifachiise garuu qarshii 200 daran waraqaa barreysee osoo ummaa isaatif hin ergin ta'aa ture sani.

Kana mucaan hedduu rakkatee cinqamee akkana ja'ee 'qarshin dhibbi lama silaa waa faaydaallen qabdu garuu nama akka kiyya ka haadha isaa gargaaru kanaaf waan guddaadha

ja'ee. Mucaan torbaan guutuu hiraaramee cinqamee dabarse kana yeroo torbaan akkasi fixate

ummaan isaa waraqaa itti ergite kana inninis maallaqa na gaafachuufi ja'ee waraqaa oso hin banin hanga galgalaa eege halkan keeysa garuu banee laale yeroo banee laalu akkana jetti "Yaa ilma koo qarshii 500 ka naaf ergiteef hedduu galatoomi. Ammoo waraqaan ati wajji ergite
naaf dubbifamuu waan dideef achi deebise siif erga " jetteen .. mucaan hedduu gammadee booyee eenyuma ka umma tiyyaaf erge kuni ja'ee ajaa'ibe.

Kana waraqaan umman isaa
dubbifamuufi didde itti ergite isa geeyse yeroo banu akkana jetti "Wallet kee akkumaan si jalaa hateen qarshii 200 fi waraqaa arge ta haadha teetif erguu deemtu tahuu beeynan qarshii 300 irratti ida'ee ergeef .... haati namaa bakka fedhettuu haadhuma .. ana ka kiisha kee si hate " je'een .

Haati namaa bakka fedhettu haadhuma. Hattullen haadhaf ni rifatti .

Obboleeyyan keetif share godhi seenaa bareedduu tana.

Share & Join

@DAARU_SALAAM

Показано 10 последних публикаций.

1 424

подписчиков
Статистика канала