kutaa_89ffaa
#3_KATTICHATTI_DUBBADHU!
Waldaa kiristiyaana diiguuf wantoota baay’ee hamoo ta’an lama barannee jirra.namoonni hin dubbisne link kana seenaa dubbisaa!
kutaa jalqabaa argachuuf
https://m.facebook.com/story.php?story_fbid=pfbid0SpL6Qz4fyVZyMwAP3LYhZBNWQ7xbRXzhL7APTEFoRuWzX3ZdZ965vYPbAc6pdC7El&id=100081134633981
kutaa itti aanuu argachuuf
https://m.facebook.com/story.php?story_fbid=pfbid0jd93Kzpzbwounsg3mVfoQwpwCbHk1Bb2ycjwy3hbCowKUHsFkcXCAdUFwCaGCGuQl&id=100081134633981
Amma immoo isa saddaffaa kana sirriitti baranna.Museen kanaan dura Waaqayyo waliin seenaa danuu dabarseera. Milikkita hedduus Waaqayyo irraa argateera; Waaqayyo Museetti akkataa raajota kaan waliin haasa’u caalaatti Ofii Isaa akka nama fira-dhibantaa waliin dubbatuutti wajjin dubataa tureera; garuu raajoota keessa kan akka Musee dogoggora ulfaataa hojjete immoo hin argamne.
Haala hundumaa dandeessanii bara kam Kristos wajjin warra mo’attanii nagaan har’a warri geessan akkam jirtu? Waaqayyoof galanni haa ta’u ani nagaadha. Isa haala hundumaa keessa dabarsee har’aan nu ga’e Waaqayyoof galanni mudaa hin qabne haa ta’u!
Har'a kutaa xumuraa kana Kan ilaalluu waa'ee kattaa rukutuuf,Kattaatti dubbachuudha!
“Yeroo jalqabaa Museedhaan kattaa rukuti!” jedhe itti dubbata.caqasi!
“Kunoo, ani achi Siinaatti kattaa tokko irra si dura nan dhaabadha; ati immoo #kattaa_sana_in_rukutta, bishaan isa keessaa in burqa, jarris isa in dhugu" jedhe; Museenis ija maanguddoota Israa'el duratti akkasuma in godhe.”
— Bau. 17:6
Hiikni dubbii Kanaa inni dhokataan,Kutaa kana keessatti #kattaan Yesus Kristos bakka bu’a. Kana jechuun,Kattaan ulee rukkutamee bishaan baasuu qaba,Yesus humna seeraan rukutamee fayyina fiduu isaa agarsiisa. Al tokkicha rukutamee erga miidhamee,jireenyaaf nu waameera; lammaaffaa rukutamuu maaltu barbaachisa ree?Dubbii kana itti yaadi Mee!
Kanaaf al tokko seera sana balleesuuf rukutaameera; lammaffaa aarsaa ta’uun maaf barbaachisa ree?
“Inni akka angafoota lubootaa warra kaanii, guyyuma guyyaatti duraan dursee cubbuu ofii isaatiif kana booddees cubbuu sabaaf aarsaa dhi'eessuu isa hin barbaachifne; inni #ofii_isaa aarsaa_godhee, al tokkicha yeroo hundumaaf dhi'eesse.”
— Ibr. 7:27
dogoggorri musee inni Guddaan garuu,faalla Yaada waaqayyo rawwaate
Mee dubbisi kunoo!
“".... Ija isaanii durattis #kattichatti_dubbadhu, inni bishaan in burqisiisa; ati akkasitti katticha keessaa bishaan isaaniif baaftee, jarrii fi horiin isaanii akka dhugan in goota" jedhe.”
— Lak. 20:8
wanta waldaa kiristaana rakkisaa jiru Maali?raajonni baay’een waan Waaqayyo hin jenne "jedheera"jedhanii qilleensaan saba afuufanii garaa fi sammuu bokoksu. sagalee raajii sobaan erga saba bokoksee booda, sabni eegee eegee dadhabee raajiin sun gaafa raawwatamuufii didu waldaa dhiisee baha. Waaqayyo irraa waan dhaga’een unkurama miti namni; raajota sobaa irraa waan dhaga’een malee. Museen raajii sobdudha jechuu koo miti na hubadhaa! Garuu waan Waaqayyo godhi jedhe hin goone. Kunis biyya yaadame isa hankaakse. Waan Waaqayyo nu ajajeen alatti gaafa waa goonu biyya kakuu keenyaa hanqanna; dhalootas ni burjaajessina. Amma wangeela dhugaa hin lallabneetti kattaa sana keessaa burqaan sabaaf ba’uu hin danda’u. Irran deebi’a; hanga wangeela dhugaan hin lallabamnetti!.....
Yeroo baay’ee kadhannaan keenya kan deebii dhabuuf, waan kadhannu beekna; akka itti kadhannu garuu hin beeknu. Kana kan nu nu hubachiisu Waaqayyo Musedhaan maal jedhe? “Kattichatti dubbadhu” jedhe malee rukkuti hin jenne. Kun kadhannaa hubannaa hin qabne akka ta’e nuuf ibsa. Waaqayyo kattaa Isa ta’e Yesus Kristositti dubannee akka Isa keessaa bishaan dhugnu barbaada malee,Kadhata hiika hinqabne Akka kadhannu hin fedhu. Utuu kattaatti hin dubbatin wanti argamu hin jiru. Kanaaf kadhannaan keenya maqaa kattaa qabaachuu qaba.