Waadajaa


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


https://telegram.me/waadaja

Связанные каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Geerar geerar naan jettuu, Mee ka’ee geeraruuree….

Dhiirri geeraree hin quufne, hidhaa Qaallittii jiraa

Dhiirri geeraree hin quufne, Hidhaa Qilinxoo jira


Waliigaltee😀

Waliigalteen Garee buttaa(GB) tan Team Qicimee(TQ) fii Team Qamaatee(TQ) jiddutti bakka xaasaa fii garaabaan jirtutti godhamte nu yaachiftuus hanga Sijaajaa kabiiraa tuquun nu waywaachiftu san nun waywaachiftu.😱

Gareen tun shiitaa fi kaliixaa jalatti dahachuun fuula dhooyfattee wadaaja keeysa seentee akka daasaa fi deeraa nurratti kakaasaa turte ganamuma ija banaaf gaafa gad geenyu ija banannee laallee agarre.👁

Wadaajni duraanuu tana beekaaf badheeysa kute kana caayaa guddittitti kabiirotaa fii kaadimoota harkaan malee miilaan hin deemne walitti qabee kumsiyoona taa'ee jarri sun warra mirga mirga je'ee mirqaana humnaa oliitiif dargaa kakaasu jechuun maqaa baaseefii kaasaa mastiin akka fufataman labsaa fii lallabbii taasisee jira.

Ammallee Waliigaltee tana wadaajni ija sirriitiin laalee aggaammiin isaanii sijaajaa kabiirranii tahuu hubatee wareegaa fii wareegama barbaachisu kafalee akka sijaajaa baraaru Waywaata hamile caphaatiin isinitti waywaanna.😱

#TR Hagayya 11,2021.


Gaachana Daasaa:😀

Wadaajni akka dahoo isaaf tahuu daasa jaarrata. Daasni sun ammoo waan wadaaja kilaafaa tan akka Aduu fii Roobaa, Qabbanaa fii Qilleensaa wadaaja irraa eeguuf jaarama. Kanaafuu Daasaatu wadaaja eega malee wadaajni daasa hin eegu.😎

Yoo daasni wadaajni gaachana tahee na eegu malee je'e wadaajni Daasuma sanuu jiiysee ka Oowwaa fii Qabbanarraa gaachana tahee wadaaja eegu jaarrachuudha.🛖

Kanaafuu Daasaatu gaachana tahee wadaaja eega malee, Wadaajni gaacha tahee daasa hin eegu.🤔

TR, Hagayya 28,2021.


Репост из: Button Creator
Itoophiyaan #Facebook fi #Twitter guutumatti uguruuf waan karoorfatte fakkaata.
Kun balaa guddaadha. Gaaga'ama siyaasdiinagdee guddaatu asdeemuu heda.

China biyya guddatte waliin dorgomuun salphina biraa qaba.


Репост из: Jaalala Dhugaa
New ethiopia music Biyyaa Abba koo kana jedhu artisti jacky gose qabatee dhufa jira Maaree kan siinirha egamuu share like fi subscribe gochu hin dagatin


Dhaamsa Wadaaja Haqaa

Gareen Diina Mirqaana abaarsa wadaajatiin faayidaa ala baate maqaa wadaajatii ganda keeysa yayaate Ashiqee taate maqaa wadaajatiin daldalaa waan jirtuuf Iddoo jirtanitti Aashiqee tanarraa akka of qusattan
Gareen lulluuqattoota haqaa sadarkaa oromiyaatti of ijaartee hamma rabbi irraa waafunuu hin gallu jechuudhaan deera khaaliqa jirti Kanaafu wadaajni obsa irratti hoojjaa dhugaa hanga haaja baaneef galman geenyutti kadhaa irraa akka hin laafne isiniif dhaamna
Warri Obsa hin qabne maal akka isaan fafaahuuf taa'aniis waliin ilaalla
Mirqaana farshootiifi kan jima dhiiraafi joolleedha warri sakkaree ganda keeysa yaa'ee maqaa wadaajatiin Dubartoota iraa aanan coree manguddoo irraa jima guura jiru hundaas barree jirra gaafa si bira gahame maddi kijiba kee goge #Dhiiticha_Zarqaleeniitif if qopheeysi
Qama'aan ni kufa qamaatiin itti fufa

Kabiira wadaaja haqaa damee bahaa
Ancaar irra


WAYWAATA KABIIR JAALATAA FII GAREE BUTTAA😄

Gareen buttaa:👇

Gareen farra wadaajaa tan Harka harawaaca isii Raabse Toomaan dhooyte, tan kaadima hoojjaa buusuuf kaasaan darbatte, tan Kabiirota goobarraan laaluun kaadimoota ammoo ija diimtuun laalte, tan kaadimummaa diduun kabiirummaa kajeelte, tan leeccalloo wadaajaa tan nuti hurree ittisuuf ramadne waan akka kaasaa, makrajaa, girgiraa, libaanataa, kalooytaa fii imaamataa, darbannoo fi fooxaa hatuun jallaabaan dhooyte, ta harawaaca wadaajaatti gaaza rabxe, gareen buttaa akka jaaramaa jirtu mirqaana fagotti kajeellu saniin laallee arkineeti jirra. 👁

Gareen buttaa tun waytii muqaddamaati jennee nuti caayaa dhiifnee daasa gadiitti lulluiqachuu eegallaan caayaa guutumatti ifiin yaamteeti wal shuumtee nu shaartee gocha farra wadaajaa Shoorarkatti jirti jechuun miilli qallaan tulluu gubbaa gad laale daasatti nuun gayeeti jira.

Gareen kun garee buttaa kan wadaaja butuchuuf akka buutiitti bifa hin mullanneen sossooha godhu akka tahees warri waa akeekkatu qaaxa nu dinniinee yoo ammatti wadaaja dhaqqabuu baattan teeysanii fii ta wadaajaa dhukkeen kaarra nuun je'ee naasuun ala nu baase.😅
Kaayyoon garee tanaa kabiirota fonqolchuun boorotti lulluuqachuu waan taheef kabiirotaa fi booroo eewaluun ammoo wadaaja eewalutti waan lakkaawamtuuf, deeraa fii hagaan duula bannee booroo fii kabiirota eeguun waajiba akka tahe hubachuun waajiba.😪

Aaggannaa tana hunda firraa eeguus tahee firraa deebisuuf wadaajni akkuma jirutti kabiiraa kaadimni hundi waan qabuun duulee, Garee buttaa balleeysu qaba jennee iyyinee dubbanna. Yoo jilmumatti kaanee wadaaja eewaluu baanne gareen tun jilmatti ramiim nu godhu malti jenneetiis mala ni baafna.😉 Mala keenya kana dhooysuuf ammaas mala itti malu feeti jenneeti mala baafnee daasaa wal baafna jennee hin dubbannu. 🤫

Kanaafuu Wadaajni guutuun waan qabu fudhatee tan hin qabnees hatatee Wadaaja akka eewalu harka hurgufaati ija faffacaasaa isinitti waywaanna.🤣

#TR Hagayya 10,2021.


Репост из: Hik promo
Waraana Tigraay: Furmaanni waldhabdee daangaa Amaaraafi Tigiraay waraanaanimoo seeraan?




#Ethiotel

#dhaabanni itiyoo telekom tajaajiloota kuufama haraa fi isa duraan ture irratti 20% fooyya'iinsa taasisee jirachuu ibse. Dabalataanis #telebirr yoo fayyadamtan fooyya'insa 10% ni qaba.

#Appii olii kanaa fi *999# irratti bilbiluun kuufamoota jiran kessa bitachuun fayyadamaa.

🆕Version: 1.4.2(142)
☑️Updated: Aug 15, 2021
💳Size: 23.03MB


Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) fi TPLF dhimma waraanaa irratti wal tumsuuf waliigaluu isaanii gaggeesitootni dhaaba lamaanii himuu Rooyitasii fi AP gabaasan.

Kanaan dura motummaan Itoophiyaa garee kunneen waliin ta'un nageenyaafi tasgabbii biyyattii booreessuuf hojjataa jiru jechuun irra deddeebiin himataa kan ture yoo ta'u, ji'oota muraasaan dura ammoo lamaanuu garee shororkeessitootaa jechuun maan maree bakka bu'oota ummattota biyyaatiin farajuunsaa ni yaadatama.

Garee lamaan, WBO kan mootummaan Itoophiyaa ''ABO - Shanee'' jedhuunii fi TPLFn isaanii maddeen oduu Rooyitarsii fi AP gabaasaniiru.

Hogganaan Waraana Bilisummaa Oromoo kan motummaa 'ABO-Shanee' jedhuun, Kumsaa Dirribaa, ykn Jaal Marroo jedhamuun beekamu Asoooshetid Pireesitti (AP)tti, akkasumas hogganaan TPLF Dabretsiiyoon G/Mikaa'el ammoo Rooyitarsitti akka himanitti, dhimma waraanaa irratti wal tumsuuf walii galuuf adeemsii jiraachu mirkanneessan.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Lixaa fi Kibba biyyattii keessatti bal'inaan socho'aa kan ture yoo tahu yeroo dhiyoon as garuu gara gidduugaleessa Oromiyaa keessas akka socho'aa jiran himama.

Mootummaan ajjeechaa Lixa Oromiyaa bakka adda addaatti raawwataa tureef garee Waraanaa Bilisumaa Oromoo kana himatus isaan garuu irra deddeebiin gochaa kana haalaa turan.

Ji'a Sadaasaa eegalee mootummaa waliin waraana cimaa gaggeessaa kan ture TPLF ammoo gara naannoolee ollaa kan ta'an Amaaraa fi Affaaritti seenuun haleellaa gaggeessa jira.

''Amma furmaatni jiru afaan dubbachuu barbaadaniin dubbisuun aangoo irraa kaasuu qofadha,'' hogganaan WBO Marroo Dirribaa APtti himeera.

Jiraattonni kuma hedduu Kaaba Walloorraa waraana baqachuun magaalaa Dassee seenan
Kumsaa APtti akka jedhetti, gareen isaa waliigaltee irra kan gahe torbanoota muraasa dura gaaffii TPLF isaaniif dhiyeessen. ''Diina waloo keenya irratti keessumaa tumsa waraanaa gochuuf sadarkaa haasaatti waliigaltee irra geenyeerra,'' jechuun dubbate.

Madda Oduu Rooyitarsi waliin karaa bilbila saataalaayitiin kan dubbatan Dr Dabratsiyoon Garee WBO waliin haasaan taasifamaa jiraachu mirkanneessuun garuu balinsaa hin dubbanne.

Dubbii himaan garee TPLF Geetaachaw Raddaa akkasuma ''waliigaltee tokkorra gahuuf hojiin hojjetamaa jira,'' jechuun Rooyitarsitti himaniiru.

Dabaluunis ''egeree Itoophiyaa irratti warreen gahee qaban waliin hojjechuun waan haaraa miti,'' jechuunis dubbataniiru.

Kumsaa Dirribaan gamasaatiin Asooshiyeetid Pireesitti akka himetti wal-tumsa siyaasaa uumuuf haasaan taasifamaa jiraachuu himuun gareewwaan biroos haala wal-fakkaataan hirmaachaa jiraachuun,'' mootummaa amma jiru mormuuf wal-deeggarsa guddaa taha.

Dubbii himtuun ministira mummichaa Billanee Siyyuum gareewwan lamaan kana ilaalchisee deebii gama imeeliin kennaniin, TPLF fi WBO paarlaamaa biyyattiin shororkeessummaan labsamuu himuun alatti odeeffannoo dabalata akka hin kennine Rooyitars gabaaseera.

TPLF waggoota sadiin dura mormii taasifameeniifi jijjiirama dhaaba ADWUI keessatti godhameen shoora murteessaa mootummaa keessaa qabu dhabuun teessoo isaa Tigraay godhachuun mootummaa federaalaa waliin gara waraanaatti galeera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo waggoota dheeraaf teessoo isaa Ertiraa godhachuun qabsoo taasisaa kan ture yoo tahu, ABO'n waggaa sadiin dura erga biyya seene booda irraa adda bahuun waraanaa itti fufuu hime.


Репост из: Baytal Hikma promotion
Alex'sabda


🕋🕋🕋🕋 🕋🕋🕋🕋 🕋🕋🕋 🕋 🕋 🕋 🕋
🕋 🕋 🕋 🕋
🕋🕋🕋 🕋 🕋 🕋
🕋 🕋 🕋 🕋
🕋🕋🕋🕋 🕋🕋🕋🕋 🕋🕋🕋 Mubarak


Ziara yake katika jamii na taifa la Tanzania kwa ujumla katika kipindi hiki alexs kwa sababu ni kwamba


Репост из: @Manybot
Main Menu


Baasii interneetiif baastan isinitti cimtee?



Tarii isin, "Interneetiin amma kana ani bitadhe yoomittuu dhume?" Kaardii kanan bitadhe ar'a mitii, eessa dhaqe?" jettanii ofii keessan gaafachuun keessan hin hafu.

Bilbiloota keessan Androoyidiifi IOS ta'anirratti sirreeffamoota tokko tokko isin taasiftanii baasii keessan hir'ifachuu dandeessan isinitti himna.

Galmee bilbila harkaa tibbanaa dudduuba maaltu jira?

Android fi IOS maalidha?
Andirooyidiin Googiliin kan hojjetame ta'ee appilikeeshinii mobaayiloonni gosa gara garaa itti fayyadamanidha. Fakkeenyaaf, Saamsang, Huwaawwee, LG fi techno kanneen jedhamaniifi kan biroon hedduun appilikeeshinii Andirooyid jedhamu ni fayyadamu.

IOS Apple'n kan hojjetame ta'ee appilikeeshinii bilbiloonni akka iphone, ipad fi tachii itti fayyadamanidha.

Warreen akka 'facebook' fi 'WhatsApp' kanneen fakkaatan guyyaa guyyaan itti gargaaramnu appilikeeshiinii isaanii irratti sirreeffama salphaa ta'e taasisuun attamiin akka baasii interneetii keenyaa hir'isuu dandeenyu isinitti himna.

'Facebook'
Yeroo dhiyoo asitti 'facebook'n viidiyoofi suuraawwan sosocho'an akka ofumaan taphatan taasifameera. Viidiyoowwan kun akka ofiidhuma isaaniitiin hin taphanne taasisuudhaaf (Video Autoplay off) gochuudhaaf:

Bilbila Andirooyidiirratti kana hordofaa፡ bakka Setting and Privac' seenaa> Data Saver kan jedhu banaa (On) godhaa.

Bilbila IOS (iphone) irratti ammoo kana hordofaa: Setting > Media and Contact > (Video and Photos) > (Auto-play) > keessa seenaatii On Wi-Fi connections only kan jedhu banaa (On) godhaa.

Dabalataanis bilbiloota Andirooyidii keessanirratti daataa xiqqaa kan fayyadamu Facebook Lite kan jedhamu appilikeeshinii Facebook'n Google play keessa seentanii buufachuun/gayyaafachuun fayyadamuu ni dandeessu.

Filannoon biraaa ammoo appilikeeshinii 'Facebook' jedhu fayyadamuurra 'Opera Mini' appilikeeshinii interneeta ittiin sorooban(Internet Browser Apps) fayyadamuun baasii daataa hir'isuun ni danda'ama.

Kan hubachuu qabdan, 'Facebook' 'Facebook Lite' tiin ykn appilikeeshinii isaatiin yeroo fayyadamtan hawwatuumaafi filannoon jiru garuu hir'achuu ni danda'a.

"Robollamadas" maal? akkamiin irraa of eegdu?

'WhatsApp'
Garee WhatsApp meeqa keessa jirtu? Suuraawwaniifi viidiyoowwan kuusaa suuraa (Photo Gallery) keessa jiran heduudha jechuun daataa mobaayilaa hedduu fayyadamaa jirtu jechuudha.

Daataa WhatsApp fayyadamu hir'isuuf kana hordofaa.

Dura Setting banaa > Data and Storage Usage > kan jedhu keessa seenaa. Isaan booda appilikeeshinii Select Media Auto Download Options kan jedhu filachuudha > yeroo daataa mobaayilaa fayyadamtan (When Using Mobile Data) kan jedhu banuun No Media isa jedhutti jijjiiraa.

Caalaatti baasii daataa WhatsApp'n fayyadamu hir'isuudhaaf Call Setting isa jedha gara jalaatiin Low Data Usage filachuun ni danda'ama.

'YouTube'
YouTube fayyadamuun viidiyoo daawwachuun daataa hedduu fixa. Mobayilaan viidiyoo daawwachuu yoo barbaaddan, setting kan jedhu banuudhaan 240p ykn 144p isa jedhurra godhachuudhaan qulqullina gadi aanaa ta'een ilaaluudhaan %60 baasii dabaluu danda'u kan kan HD (720p) irraa hir'isuun ni danda'ama.

Filannoo biraatiin eyyama abbummaa yoo qabaattan viidiyoo jaallattan YouTube irraa bakka tajaajilli wi-fi'n jiru deemtanii buufachuun/gayyaafachuun guyyoota 30'f baasii tokko malee irra deddeebitanii daawwachuu ni dandeesu.

Appilikeeeshinii haaromsuu (Updating Apps)
Appilikeeshinoonni jiran yeroo baayyee dhaabbileen omishanii dhiyeessaniin fofoyyaa'uun ni dhiyaatu.

Appilikeeshinoota haaraa foyyaa'anii dhiyaatan kana fayyadamuun baasii interneetii guddaaf nama saaxila. Kana waan ta'eef, bakka tajaajilli Wi-fi jiru qofa deemuun haaromsachuutu wayyaa.

Appilikeeshinii haaromsachuuf Wi-fi qofa fayyadamuuf waan itti aanan kana hordofaa.

Bilbilawwan Andirooyidii irratti፡ Google Play Store banuun> Setting > seenaatii Auto-update apps > Auto-update apps over Wi-Fi only kan jedhau banaa On godhaa.

Bilbiloota ios irratti: Setting > iTunes & App Stores > keessaa Use Mobile Data banuun Off isa jedhurra godhaa.


Eid Mubarak, everyone! I wish you all a great, blessed time with your family and loved ones. Praying for the day we pray Eid in a free Oromia🤲🏻

#EidAlFitr #EidMubarak#Stop#OromiaGenocide


Facebook yoo baayyistuu fi Abbaa kee

Abbaa: Adaraa ilmako akkaataan itti facebook gargaaramtu kun gaarii miti yoo sitti hafehoo...?
Ilma: Abbaa ko comment kee fudhadheera. Garuu yoo mara online ta'uun maal rakkoo qaba.
Abbaa: Rakkoo qaba malee, Yeroo dheeraa facebook gubbaatti dabarsuu keerraan kan ka'e Aadaa dagattee jirta beeki..
Ilma: Hin dogoggorin abba an aadaa sirriittin beeka.
Abbaa: Mee erguma beeka jettee duraa duuba ittiin hoolaan qalamu natti himuu ni dandeessaa?
Ilma: Abba kun cimeetiiree..? Jalqabarra gabaa deemtee search goota..
Abbaa: Ni barbaadda jechuu keetii?
Ilma: Eeyyee abba.
Abbaa: Tole achiihoo..
Ilma: achiin booda mana fiddee lafarratti download goota.
Achiin boodas morma isaa cut gootee, gogaa isaa irraa remove goota..
Achiin booda garaasaa open gochuun applicationoota achi keessa jiran hunda gadi baasta.
Abbaa: ohoo.. kee raajuma itti aanseehoo..
Ilma: Itti aanseemmoo application baasne sana Foldera keessa keenya
Abbaa: Gabataa gubbaa goona jechuu keetii.. achiihoo
Ilma: Achiimmoo gosa foonii like goone filannee garaa keenyatti possatuudhaka abba..
.
.
.
.
.
.
.Abbaa: Waan tokko dagatte ilmako.. warri ollaa keenyaa share akka godhanitti invite gochuu qabna😂😍
......

Maal eegduree?
Share
Invite
👏👇👇👇👇👇👏


Israa'el yakka appaartaayidii Arabootarratti raawwachaa jirti-HRW - BBC News Afaan Oromoo
Israa'el yakka appaartaayidiifi dararaa suukanneessaa Arabootarratti raawwachaa jirti- HRW
Ibsa waa'ee suuraa,
Gochoota HRW balaaleffate keessaa tokko lammiileen Palastaayin sochii dhorkamuudha
Dhaabbati mirga dhala namaaf falmu Hiyuuman Raayitis Waach(HRW) Israa'eel sanyiifi bifaan adda qooduun Araboota irratti gocha bara appaartaayidii raawwataa jirti jedhe.
Aanga'oonni mootummaa Israa'el ammoo kun himannaa sobaafi lafaa uumamee qindaa'eedha jette.
Hiyuuman Raayitis Waach akka jedhutti, aanga'oonni Israa'el lafa humnaan qabatanii quubsuma isaanii godhatan kan yeroo ammaa Jerusaalam Bahaa jedhamuun beekamuufi daangaa isaanii keessatti namoota Araba ta'an adda fooyuun dararaa jiru.
Dhaabbati kun gabaasa isaa keessatti akka eeretti karoorri mootummaa Israa'el olaantummaa warra Jiwish warra Paalastaayin irratti mirkaneessuudha jechuun himate, kanaafis mootummaan Israa'el imaammata baasee hojjetaa jira jedha dhaabbati mirga namoomaa kun.
ICC'n Gaazaa fi Weest Baank keessatti qorannoo 'yakka waraanaa' eegale
'Qubattootni Israa'eel West Baanki keessaa seeran ala miti'
Agarsiistuuwwan dhiittaa mirga namoomaa kunneen akka mana Murtii Yakkoota Waraanaa Idil-addunyaa(ICC) dhaan qoratamanis gaafateera.
Ministeerri Dhimma Alaa Israa'el himannaa irratti dhiyaate waakkateera.
Inumaa Hiyuuman Raayitis Waach ''ajandaa faallaa Israa'el ta'ee yeroo dheeraaf oofaa jira, ragaa dhugaadhaan osoo hin deggerun akkanumaan duula maqaa balleessii nurratti oofa,'' jechuun himate.
Bakkeewwan Israa'el humnaan qabatte keessatti baay'ina saboota Arabaa dhibbeentaa 20 ta'u.
Kanneen keessaa miiliyoona 2.5 kan ta'an iddoo Israa'eliin qabame West Bank keessa jiraatu.
350,000 kan ta'an ammoo Jerusaalam Bahaa(East Jerusalem) keessa jiraatu.
Miiliyoona 1.9 kan ta'an Ulaa Gaazaa(Gaza Strip) keessa jiraatu, bakki kunis Israa'elootaan qabamuuf sodaa jedhu qaba Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii(UN).
Israa'el daangaawwan kunneen kan qabatte bara 1967 yeroo Waraana Baha Giddu-galeessaa ture.
Bara 2005 Gaazaa keessaa kan baafamte Israa'el garuu ammallee daangaa gara caalu to'attee jirti.


Israa'el yakka appaartaayidii Arabootarratti raawwachaa jirti-HRW -
Israa'el yakka appaartaayidiifi dararaa suukanneessaa Arabootarratti raawwachaa jirti- HRW
Ibsa waa'ee suuraa, be
Gochoota HRW balaaleffate keessaa tokko lammiileen Palastaayin sochii dhorkamuudha
Dhaabbati mirga dhala namaaf falmu Hiyuuman Raayitis Waach(HRW) Israa'eel sanyiifi bifaan adda qooduun Araboota irratti gocha bara appaartaayidii raawwataa jirti jedhe.
Aanga'oonni mootummaa Israa'el ammoo kun himannaa sobaafi lafaa uumamee qindaa'eedha jette.
Hiyuuman Raayitis Waach akka jedhutti, aanga'oonni Israa'el lafa humnaan qabatanii quubsuma isaanii godhatan kan yeroo ammaa Jerusaalam Bahaa jedhamuun beekamuufi daangaa isaanii keessatti namoota Araba ta'an adda fooyuun dararaa jiru.
Dhaabbati kun gabaasa isaa keessatti akka eeretti karoorri mootummaa Israa'el olaantummaa warra Jiwish warra Paalastaayin irratti mirkaneessuudha jechuun himate, kanaafis mootummaan Israa'el imaammata baasee hojjetaa jira jedha dhaabbati mirga namoomaa kun.
ICC'n Gaazaa fi Weest Baank keessatti qorannoo 'yakka waraanaa' eegale
'Qubattootni Israa'eel West Baanki keessaa seeran ala miti'
Agarsiistuuwwan dhiittaa mirga namoomaa kunneen akka mana Murtii Yakkoota Waraanaa Idil-addunyaa(ICC) dhaan qoratamanis gaafateera.
Ministeerri Dhimma Alaa Israa'el himannaa irratti dhiyaate waakkateera.
Inumaa Hiyuuman Raayitis Waach ''ajandaa faallaa Israa'el ta'ee yeroo dheeraaf oofaa jira, ragaa dhugaadhaan osoo hin deggerun akkanumaan duula maqaa balleessii nurratti oofa,'' jechuun himate.
Bakkeewwan Israa'el humnaan qabatte keessatti baay'ina saboota Arabaa dhibbeentaa 20 ta'u.
Kanneen keessaa miiliyoona 2.5 kan ta'an iddoo Israa'eliin qabame West Bank keessa jiraatu.
350,000 kan ta'an ammoo Jerusaalam Bahaa(East Jerusalem) keessa jiraatu.
Miiliyoona 1.9 kan ta'an Ulaa Gaazaa(Gaza Strip) keessa jiraatu, bakki kunis Israa'elootaan qabamuuf sodaa jedhu qaba Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii(UN).
Israa'el daangaawwan kunneen kan qabatte bara 1967 yeroo Waraana Baha Giddu-galeessaa ture.
Bara 2005 Gaazaa keessaa kan baafamte Israa'el garuu ammallee daangaa gara caalu to'attee jirti.

Показано 20 последних публикаций.

59

подписчиков
Статистика канала