Nuyi garuu, Kristos isa fannifame in lallabna. ✅
#እኛ_ግን_የተሰቀለው_ክርስቶስ_እንሰብካለን
“Inni tuuta jaraa bartoota isaatii wajjin ofitti waamee, "Namni tokko illee ana duukaa bu'uu yoo barbaade, waa'ee ofii isaa dhiisee, fannoo isaa [isa anaaf jedhee baatu] of irra kaa'atee, ana duukaas haa bu'u!”
— Mar. 8:34
#Waa'ee ofii isaa haa dhiisu (#ራሱን_ይካድ_ማለት_ምን_ማለት_ነው?) jechuun maal jechuudha? Yesus duuka buutota isaatiin akka dhiphatuu fi akka duʼu itti hime. Amma garuu waan kanarra caalaa ulfaataa ta'e itti himuuf deema. Isaan rakkina isaan eeggatu ofii isaanii fudhatu, du’uu illee danda’u. “Namni fannoo isaa (isa anaaf jedhee ol fudhatu) baatee ana duukaa hin buune anaaf kan male miti.” (Maatewos. 10:38; Luqaas. 14:27)
Na duukaa bu'uu kan barbaadu yeroo jedhu kiristaanota hunda jechuu isaati. Kiristaanonni hundinuu duuka buutota akka ta’aniif waamamaniiru. Kiristaanonni gosa adda addaa lama, tokko Yesus duukaa bu’anii kan rakkina simatan, inni kaan immoo jireenya salphaa fi mijataa jiraatu jennee gonkumaa fudhachuu hin qabnu. Kiristaanummaan gosa tokko qofadha. Kana jechuun Kiristaana duuka buutotaa ta’uudha.
#Namni na hordofuu barbaadu yoo jiraate of haa ganu. Namoonni baay'een "Ani Kiristoosiin duukaa bu'uu nan barbaada" jedhu. Dhumarratti garuu isa hordofuu hin barbaadan. #Maalif? Kiristoos "of haa ganu" waan jedheef. Kana jechuun, warri Kiristoosiin duukaa bu'uu barbaadan fedhii fi yaada ofii dhiisanii akka fedha Kiristoositti jiraachuu qabu. Gammachuu qaama keenyaa, dantaa ofii, mijaa'ummaa ofii keenyaa hunda ganuu qabna. Kiristaana taʼuu keenyaan dura ofii keenyaaf jiraanna turre; Kiristaana erga taanee Waaqayyoof jiraachuu qabna jechuudha. Sababa kanaafidha namoonni hedduun jalqaba gara Kiristoositti dhufanii, booda jireenya isaanitiin isarraa kan deebi’an. Akkaataa yaada isaaniitiin Kiristoosiin duukaa bu’uun baay’ee rakkisaa waan ta’e itti fakkaata.
#Nuyi_garuu_Kristos_isa_fannifame_in_lallabna; ✅
@Getu_Official
@Getu_Official ✅