FAKKAATAA_TALIILAA
Yaadaaf hawwiin namaa
Bulee Jijjiiramaa
Haalaaf Guyyaa dhufu
Faana Micciiramaa
Hiriyaan Sammuudhaan
Bulee sin Dagannee
Kan Gaddaaf Kolfakee
Qooddachuu hin Lagannee
Eessatti akka argamu
Innichati beektuu
Kan Qaamaan Dhabdullee
Yaadaan Itti Akeektuu
Kan Siif rifachuusaa
Fuulasaarraa Argituu
Kan Qaamaaf Qalbiinsaa
Rakkookee Balfituu
Fakkaataa Taliilaa
Kan Garaansaa Dansaa
Kan hammina hin qabne
Qabbana akka Baqsaa
Kan Gaaddidduun isaa
Fagoo siif Dirmatuu
Kan Dhiyoof Halaalaa
Dhimmakee Hirmaatuu
Cimsiitii Qabadhu
Gombisaa Namummaa
Kan uumaan Kabaje
Jagna Hiriyummaa.!
✍Umar Abdallaa
@hawi_official
@hawi_official
Yaadaaf hawwiin namaa
Bulee Jijjiiramaa
Haalaaf Guyyaa dhufu
Faana Micciiramaa
Hiriyaan Sammuudhaan
Bulee sin Dagannee
Kan Gaddaaf Kolfakee
Qooddachuu hin Lagannee
Eessatti akka argamu
Innichati beektuu
Kan Qaamaan Dhabdullee
Yaadaan Itti Akeektuu
Kan Siif rifachuusaa
Fuulasaarraa Argituu
Kan Qaamaaf Qalbiinsaa
Rakkookee Balfituu
Fakkaataa Taliilaa
Kan Garaansaa Dansaa
Kan hammina hin qabne
Qabbana akka Baqsaa
Kan Gaaddidduun isaa
Fagoo siif Dirmatuu
Kan Dhiyoof Halaalaa
Dhimmakee Hirmaatuu
Cimsiitii Qabadhu
Gombisaa Namummaa
Kan uumaan Kabaje
Jagna Hiriyummaa.!
✍Umar Abdallaa
@hawi_official
@hawi_official