Ogeettii_Show


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


1.Walaloo fi Asoosama
2.Hog-Barruu
3.Aartii
4.Barnoota
Contact @Ogeettii_bot
@hawi_official
@hawi_official

Связанные каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


FAKKAATAA_TALIILAA

Yaadaaf hawwiin namaa
Bulee Jijjiiramaa
Haalaaf Guyyaa dhufu
Faana Micciiramaa

Hiriyaan Sammuudhaan
Bulee sin Dagannee
Kan Gaddaaf Kolfakee
Qooddachuu hin Lagannee

Eessatti akka argamu
Innichati beektuu
Kan Qaamaan Dhabdullee
Yaadaan Itti Akeektuu

Kan Siif rifachuusaa
Fuulasaarraa Argituu
Kan Qaamaaf Qalbiinsaa
Rakkookee Balfituu

Fakkaataa Taliilaa
Kan Garaansaa Dansaa
Kan hammina hin qabne
Qabbana akka Baqsaa

Kan Gaaddidduun isaa
Fagoo siif Dirmatuu
Kan Dhiyoof Halaalaa
Dhimmakee Hirmaatuu

Cimsiitii Qabadhu
Gombisaa Namummaa
Kan uumaan Kabaje
Jagna Hiriyummaa.!


✍Umar Abdallaa

@hawi_official
@hawi_official


Nama dubbii danda'u ta'uu yoo barbaadde jalqaba calliinsa baradhu.
Yeroo cal jettu waan hundumaa qalbeeffatta.
Yeroo qalbeeffattu hundumaa barta.
Yeroo dhaggeeffattee qalbeeffattu akkamitti dubbachuu akka qabdu baratta. Erga isa barattee booda barumsichi yaada ati dubbattu siif ta'a.
Yaadni yeroo siif dhufuttimmoo dubbachuu jalqabda,dubbiin sin rakkisu.
sadarkaa kana mara eegdee dubbachuun booda gaabbii hin xumuramne keessa akka hin seenneef si gargaara.

@hawi_official
@hawi_official


Репост из: Siifan Promotion
Cubbuun sababii dhorkameef nama hin miidhu, sababii nama miidhuuf dhorkame malee.!

Beenjaamin Firaankiliin




Репост из: Galaana Walaloo
🎤🏨🅾🅾GG🅰NS🅰_C🅾♈️🆔 1⃣9⃣
🗣🤝➡️👺 👁👄

2019 Chaayinaatti Eegale
Ji'a Muddee Keessaa
Magaalaa Huwaanitti Murateem Uleesaa

Achumatti eegaleem
Hooggansa Olaanaa
Caasaasaa Diriirsee
Fooliis Fuudhee Faanaa

Garii Kaadhimatee
Kaan Galmeerraa Haqee
Kaan Ergama Du'aa
Ol fuudhee irra Naqee

Kaanimmoo Jeekkaraa
Godhee Kan Yaaddessee
Carraa Hawaasummaaf
Siyaasaa Daangessee

Guddina Diinagdees
Gaaffii Keessaa Galchee
Kunoo Ajandaa Waloo
Addunyaadhaaf Dhalchee

Tokko Lama Jedhee
Addunyaa Lakkaa'ee
Gulufee Naanna'ee
Hunduma Wal gahee


Dhibee Afaan Addunyaa
Dirqiidhaan tokkoomsee
Kan Qe'ee Dureeyyii
Miliyoonaan Onsee

Kan Biyyaa fi Biyya
Walirraa addaan Kutee
Kan Karoora Addunyaa
Karaatti Rukutee

Kan Harka Wal Qabuu
Dhorkamaa Taasisee
Kan Uummata Addunyaa
Saffisaan Naasisee

Biyya Isa Kaleessa
Siyaasaan Wal Qeequu
Isa Diinagdee Walii
Cabsuudhaaf wal Eeguu

Biyya boodatti Hafaa
Duroomuuf Carraaquu
Biyya Isa Dureessa
Hirreedhaan Mammaakuu

Diina Gaafa Nageenyaa
Fira Gaafa Dhiphuu
Ta'ee Gaafa Argamu
Taatee Nama Dhibuu

Kan Addunyaa Tokkoomsuuf
Gahee Faallaa Taphatee
COVID 19tu Addunyaaf Dhalatee

Biyyi dur Qofaashee
Karoora Baafattuu
Osoo Hojiitti hin hiikin
Martuu yoo Qaanfattuu

Filuu fi Filamuun
Yeroo karaatti hafuu
Hammeenyi Koronaa
Rabbii Uumaaf safuu

Uumaa Guddaa sana
Dur eenyutu beekaa?
Misaa'ela Gabbisee
Ittiin wal Akeekaa

Buluusaayyuu hin beekuu
Bulchuudhaaf Dhaadataa
Waaqa jabaa of godhee
Wal afoo Dhaabataa

Kan Jabeenya waaqaa
Martuu ittiin Hubatee
Kunoo koronaatu
Hooggansa fudhatee

Ogeessota fayyaa
Kan Didee Dhamaasee
Kan Beekaaf Wal'aalaa
Walitti Mancaasee

Xiqqaadhaafi guddaa
Dubartiifi Dhiiraa
kan cimsee Sakaale
Du'aadhaafi jiraa

Fuula Uumaa Teenyee
Kadhannee Qajeellaa
Koronaafis Dawaa
Isarraa Kajeellaa

Rabbii Nu haa Baraaru!


#GATII_JAALALLI_BAASU!

Walitti hidhaa namootaa
Qabaataa miira Lamaa
Garii jaalalaan Tursee
Kaanimmoo jibbaan Haamaa

Dogongoraan Abuuree
Gabaa Dhiphinaa Dhaabaa
Kara deemaa Afeeree
Narraa Usii Lallabaa

Akka tasaatti uumamee
Sarbee Onnee madeessaa
Qeerroof Qarrittii Keenya
Didee walitti hadheessaa

Tottolees Nii argama
Dhugaamashee Dubbannaa
Suuraa Jara Oliirraa
Nutiyyuu waa hubannaa

Jaalalleen walii kamuu
Yoo bareedan wal cinaa
Akka jara kanaatti
Bareechinee arginaa

Jaalalli hiyyeessa hin jedhu
Raatuu ykn Maraatuu
Guddaaf Xiqqaallee hin jedhu
Qoodameera maraafuu

Kanneen walaloo kana
Dubbisuu eegaltanii
Jaalallee keessan faana
Nagaadhaan kan jirtanii

Mee wal bira dhaabbadhaa
Suuraallee isin hin kaasuu
Warri Jibbaa haa shallaguu
Gatii jaalalli baasuu

Jibbi Durattuu hin jiru
Dogongoraan uumamee
Jaalalli ilma tokkichaam
Qoosaadha kan Luugamee

Jibbaaf jaalalli homaa
Lakkii wal hin beekanii
Kan jaallate Hin dhorkamuum
Eeboonuu yoo eeganii

Jibbi jaalala booda
Gonkumaayyuu hin jiruu
Ajaja Onnee keetii
Ulaagaa hin cabsin Tiruu

Nama onneen kee hin feene
Sossobdee Urursitaa?
Rakkoo Meeqa Xibaartee
Si cufnaan Furuursitaa?

Nan jibbe jettee hin himin
Durattuu ati Naafaa
Jibba hin jirre hin moggaasin
Jaalalaaf Qartee gaafaa

Sobaan jaalala bittee
Sobamaa Maraachitee
Madaa Jaalalaan Gubdee
Dhumasaa gadachitee

Jibba jettee Labsita
Waan durattuu si keessaa
Jalqabattuu hin jaallanneem
Luusuuko na dhageessaa

Hundasaa lafa kaa'ii
Jaalalatti Qajeelii
Tartiiba Ulaagaa Onnee
Eegii Miiraan Haleelii

Jaalala Dhugaa Madaqfadhu!

COVID 19 isin haa baraaru!


Репост из: Galaana Walaloo


Natti Siqi

Na dhiistee hin adeemin
Mogoleen na laafaa
Sirraa gargar baanaan
Na guba aduun saafaa
Keessakoo utuu beektuu
Nan godhin nam-haaraa
Ati yoo na gatte
Maaltu na baraaraa?
Anoo suman qabaa
Gaaddisa jaalalaa
Waanti kiiloo hin kaasne
Oduun maal madaalaa?
Jaalakoo abbaa biyyaa
Sirraan qaba abdii
Riqichikoos suma
Agarsiisaan daandii
Oduu sitti himame
Hin amanin xiiqii
Adaraa jaalalaa
Kottuu natti siqi.!

✍Daraartuu
@HumnaJaalalaa


Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Harka keenya saamunaan dhiqachuudhaan vaayirasii koronaa irraa of haa eegnu.!
#COVID19
#SafeHands

Via Jawar Mohammed

Waliif qoodaa
Odeeffannoo adda addaaf
@journalistnews
@journalistnews

https://t.me/joinchat/AAAAAFLyG9h9OwJGTvzERw
daawwadhaa.!


Ati Hin Dadhabdu.!

Hin qabnu mogolee
Yoo si ta'e malee
Dhukkuba barichaa
Furii si eeggachaa
Ati hin dadhabdu
Furmaatas hin dhabdu
Feetee laga gamaa
Hin gaafattu nama
Hunda injifatta
Ofiin fayyifatta
Harkakeen wallaanta
Jajjabina laatta
Sodaa dhibee hin kaasta
Garbummaadhaa hin baasta
Hundaaf garaa laafta
Du'aa lafaa kaasta
Kan ati hin dandeenye Takkaayyuu hin dhageenye
Nuuf eegi waan mara
Biyya keenya adaraa
Dhukkubicha hamaa
Diina ilma namaa
Kan lubbuu galaafatu
Ajjeesee boraafatu
Isa biyya qoraasee
Yaaddoon mar'imaan raase
Biyyatti rifuu kuusee
Inni balaatuu buuse
Siif salphaadha ya uuma
Siif kitilliyyuu kuma
Orma yoo eegne hin cabna
Nun gatinkaa si qabnaa.!

✍✍ @AbdiMegersa

@HumnaJaalalaa
@HumnaJaalalaa
@HumnaJaalalaa


Utuu Na Jaallattee

Boonaakoo bareedaa
Ilma abbaa sooraa
Jaalalakeen kufeen
Si barbaacha joora
Abjuun naan milkooftu
Irribni halkanii
Guyyaas suman yaada
Warruu na shakkanii
Manaa na baasanii
Hangan yaada dhiisu
Silaa dhugaasanii
Anis gad hin ciisu
Hangan si argadhu
Eessayyuu barbaadee
Onneenkoo si malee
Kan biraa yoom yaadee
Filannookooti ati
Murtii laphee koorraa
Duutillee nan hiru
Waanti fedhe sirraa
Situ naaf hin barre
Rakkinakoo malee
Utuu na jaallattee
Nan hora hamilee.!

✍✍ @Hiri_yaa

@HumnaJaalalaa
@Hawi_official
@Dhalootaaf


Edaa an dhuguma harreedha.!

Dur nan aaran ture
Yoo ati 'harree' jettee
Maqaa koo na dhooftu
Yooti waamicha keen
Oliif gad na ooftu
Harree ta'uu kootti
Gaaffiin kaasan ture
Gabaarran naanna'a
of bitee of gurguree
Bakka harree of buuseen
Komii kaasee herrega
Mana meeqa ijaareen
Galma meeqa diiga
.
Ati hin dogongorre
Natti fakkaatuyyuu
Dhugaa keedha haadhookoo
An harreerra hin wayyu
Maal atuu hin argituu
Maal atuu hin madaaltuu
Kanan baachaa jiru
Harreeniyyuu hin baattu
Akkaman dogongoree
Kun arrabsoodha jedha
Dhugaa keeti koodeekoo
Ani dhuguma harreedha
Ammas waa akka hubattu
Keessikoo na fedha
Sana hunda baachuun
Harree na taasisnaan
An dhuguma harreedha!!!

✍✍ @Nimogechew

@HumnaJaalalaa
@Dhalootaaf
@Hawi_Official


Har'a bor hin jedhu
Haasaa Tatarreessee
Eelaakoon seenessa
Guyyumaan barreessee

Gaafan siin wal bare
Jaalalli na qabe
Sobee kaabuuf miti
Onneekootu cabe

Aannan goromsaati
Kan namni obsu dhugu
Jedhee utuun si eeguu
Maaf kakuun kan jigu

Jettee kan dubbatte
Jirtaa mucaa nana
Amma utuun rafuun
Yaadadhe haasaa kana.!

@hiri_yaa
@HumnaJaalalaa
@hawi_official




Biiftuu.!

Jireenyakoo keessaa
Sumatu mul'ata
Siinan bahee gala
Siinan jiidhee lata
Siinan deemsa eegala
Siinan seenaa ijaara
Siinan karoorfadha
Siinan baha gaara

Situ ana keessaa
Calaqqisa bahee
Situ na jabeessa
Bakka hir'uukoo bu'ee
Situ oolmaa kootiif
Hiikaaf murtii laata
Situ jiruu kiyyaaf
Qabduu yeroo baata

Situ na gorfatee
Situ na adaba
Situ jireenyakoof
Kaayyoo gaarii qaba
Situ na bukeessee
Situ na bilcheessa
Siinan Onneeffadha
Biiftuu ibsaa hiyyeessaa.!

@AbdiMegersa

@HumnaJaalalaa


Na Dhoksi.!

Qorrasaan dadhabe
Guyyaas aduu gubaa
Ganamaaf galgala
Mataan na dhukkuba
Hin deemu danda'ee
Miillikoo na dide
Yaadnikoo si malee
Yoom waan ormaa fide
Waanin dhabeef fala
Natti hir'ate obsi
Adaraa jaalakoo
Golakee na dhoksi.!

✍Hiriyaa
@hiriaa
From AAU


Jaalalaan na hiite.!

Oromiyaa baldhoo
Biyya sirna gadaa
Onneekoorra jirta
Kanaafan gammada
Bakkan deemu hunda
Sin yaada ya aayyo
Jaalalakeen qaba
Uumama waaqayyoo

Ganamnis galgallis
Siin bari'ee dhiya
Lapheenkoo sibaree
Si godheera hiriyaa
Harmee garaa laaftu
Qabachuukoof boona
Rabbiin nu waliini
Guyyaa tokko hin moona

Yaadakoof qalbiikoo
Safuu keetiin guuttee
Jaalalaan na hiite
Jibba narraa abuurtee.!

@jituderartu
@HumnaJaalalaa


Eenyutu akka keetii.!

Bareedaakoo boonsaa
Ilma abbaa gadaa
Rabbi siin naaf kenne
Kanaafin gammada.

Dirqama lammummaa
Ofii keen ba'atta
Fakkeessuu hin beektu
Qomookeef quuqamta

Qixxeenkee hin argamu
Ati ilma gootaati
Miidhagina keetiif
Durbi wal kotaati

Baga kankoo taate
Mootii bareedinaa
Warri odeessitan
Na jelaa hin tuqinaa.

@hawi_official




Jiraadheera darbee
Boollaaf eeboo baraa
Uumaakoo Ulfaadhu
Firakoo gaaf-maraa
Situ anaa wajjin
Ganamaaf galgala
Kanaaf diinni aare
Cinakoo maggala
Ati garuu abbaakoo
Abbaa yeroo hundaa
Galatnikoo siifi
Ati hin qabdu mudaa
Mootiikoo siin jedheen
Kabajaan Si waama
Oolmaan narraa qabdu
Dhabeera tilmaama.!

@Dhalootaaf
@lalistuuf

Показано 20 последних публикаций.

396

подписчиков
Статистика канала