ℹ️mala karaa Ⓜ️ilkii


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


👉Walaloo
👉jechoota Hayyoota
👉Argaa_Dhageetti
👉seenaa Gootota
👉Gorsaa
For promotion contact admin
@GumiiGaayo
☑️OUR BOT @GumiiGaayoBot
🌟Aartiif Teekinoloojii Jechaaf Bareeffamnii safuu cabsuu dhoorkadha
*Join us only @SabbooGoonaa

Связанные каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций




DUBBISI

Jireenya keessatti waanti nuti akka karooraatti qabannu waanta lamatu jira.Inni jalqabaa waanta barbaannu argachuu yoo tau,Inni lammaffaan immoo waanta argannetti gammaduudha.Namoonni karoora isa lammaffaatti gammadan garuu beektota qofa.

Balaa namatti dhufe injifachuuf tarkaanfiin jalqabaa waanta raawwate galataan fudhachuudha.Rakkoo si mudate akkuma jirutti fudhachuuf eeyyamamaa tai.

-William James

Haala si mudatu waliin jireenta kee walfudhachiisuuf yaalii godhi malee akkan barbaadu tauu qaba hin jedhiin.

Abraham Liinkan

Namni hiriyaa isaatiif gammachuu hin yaadne rakkinaaf saaxilamaadha. Namni akkasii ofiisaa qofa osoo hin taane,namoota biroos ni madeessa.Kufaatiin namaas eenyummaa akkasii irraa dhufa.

-Alfred Adiler

Karaan ittiin gammachuu argatan tokkicha.Innis muddamaa fi sodaa human keenyaa olitti nutti dhufan jalaa miliquudha.

-Monten

Yeroo hundumaa tarkaanfii tokko tarkaanfachuu yommuu yaaddu,gufuu tarkaanfii tokko si ittisuu dandautu si dura dhaabbata.

-Antuwan Tekov

Sammuun kee foddaa ati ittiin addunyaa kana ilaaltu waan taeef yeroo hundumaa banaa taasisi.

-George Barnaad show

Waanti nama beekamaa si taasisu waanta ta'uu barbaaddu taatee argamuudha.

-Sokirates



Irra deddeebianii yaaluun salphina miti.Carraa gaarii tauusaatu ittiin safarama.

-Joorjii maatiyaas

Miirri injifannoo kan madaalamu injifachuu qofaan osuu hin taane,yommuu kufanis tattaaffii gochuudhaan ni madaalama.

-Oliver Gold Smiz

Dadhabinni jireenya keessatti nama quunnamu tokko qofa.Innis waan beekuu qaban beekuu dhabuudha.

-Kanan Frederik Furar

Namni namoota injifatu nama cimaadha. Namni ofiisaa injifatummoo nama hundumaa caala.
-Laawoo 8ffaa



Akkuma sibiilli yoo qarame malee hin calaqqifne akkasuma namnis yoo rakkinaan qoramee bahe malee addunyaatti mulachuu hin dandau.

-Konfiishiyees



Baayinni rifeensaa,baayinni copha bokkaas, akkuma beekamuu hin dandeenye baayinni rakkinaas sammuu nama mul'ataa xureessuu hin dandau. Namni akkasii madaala jireenyasaatii ni eega.
-Seeneka



Namoonni hedduun abdii fuula duraa qaban abjootanii yeroo gammachuu abdiidhaan eeggatu. Garuu guyyaan haraa guyyaa hundumaarra guyyaa addaati. Sababnisaa guyyaan haraa harka kee keessa seentee jirti.

-Charles Koltan)

Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane,waanta namaaf gochuufii dandeenyu yoo dhiifne burqaa gammachuu tokko Akka gogsine beekuu qabna.

-Rey Liiman Wiilber

Namni dogoggorasaa mul'isee himatu akka nama kosii manaa haruuti.

-Maataammaa Gaandii

Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha.Namni waan argachuu danda'u qofa hawwummoo nama ogeessadha.

-Jecha warra Aayilaandii

Daandii bakka yaadde si geessitu osuu hin beekiin adeemsa hin jalqabiin.

-Jecha warra Ingilizii

Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu.
-William shekispir

Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa haraa balleessuudha.
- Maaksim Troobey

Sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka'i.
-Jecha warra Ingilizii

Nama tokko gargaarun addunyaa guutuu jijjiiruu dhabuu danda'a. Garuu nama tokkoof addunyaa isaa jijjiruu danda'a!!

Waan barbaadde tokkoof hin qabsoofne yoo ta'e Waan dhabdeef hin gaddin!!

Maddi
@SabbooGoona




Репост из: Tache Jilo Foundation
✍GADAAMMOJJII✍

Part One!

Gadaammojjiin sirna aadaan Oromoo ittiin geggeefamtu keesaa isa tokko.
Gadaammojjii: jechuun jaarsa mataa buufateedha.
Marii buufattoo goggeessa( lubaan )kan maruu yoo ta'uu,fakkeennaaf gadaammojjiin bara 2011tti mataa buufatte sun gadaammojjii lubaa #JILOO #HAAGA #ADIIti.
Gadaamojjiin gaafaa marsaan goggeessaa isii ga'uu mataa buufatti.
Namii goggeessii isaa jalaa darbee goggeessaa dhibii keessa buufachuun #GUULTUU jedhama.
#GADAAMMOJJII: Nama mataa buufatuudha.
#QOMICHA: Ilmaan nama mataa buufatuuti.

Adeemsa namii mataa buufatu keessa dabruu qabu:-
1⃣ Marii gogeessa isaa yoo ga'uu qaraa fiixee rifeensa mataa guddifata.
√. Rifeensii akka dibannaaf (gundoo) irratti hodhuufi tolutti.
√. Kallacha fudhataa.
√. Nyaata fi dhugaatii keessummaan offirraa galchuu qopheeffataa.
√. Sangaa baraartii qopheeffataa.
√. Hoolaa fi kkf qopheeffata.

Gaafa mataa dibadhaa jedhanii qoonqoon gadaa dhuftu:-
2⃣. Qumbii fuudhanii.

#Qumbii Digaluu fi Maxxaarrii gogeessa sunii ta buufattoo waliin qophaa'an irraa fudhatani.
Gaafa qumbii fuudhuu deemanii kallacha gadaammojjiichaa mucaa isaa kan waliin deemanitti mataatti hidhata.
Kallachii ganama eegii gadaammojjichii #Guduruu takaalatee kallacha irraa fudhatee #RUUFA kenneefi, tufeefii akkaa kiyyaa ga'ii mataa buufadhuu jedheenii eebbisaafii.

@XachishaBorena
@XachishaBorena




#Abbootii_Gadaa_Oromoo_Booranaa_(1458-2025)

1. GADAYO GALGALO DAMBITU W/GU FULASA
1458-1465
2. YAYA FULELE YAYA GALANTU BERITU MARDIDA
1466-1473
3. JARSO BABO GANNO GALANTU LUKU DARARA
1474-1481
4. DAWA BORBOR DAWA DAMBITU W/GU LIBASA
1482-1489
5. DIDA NAMADURRI ANNA DIGALU EEMAJI
SABAQA1490-1497
6. ARERO BORU BAKACHA DAMBITU OBITU
MOGASA 1498-1505
7. TITILE DULACHA SIRAYU KOLA MAKULA
1506-1513
8. LUKU JARSO BABO GALANTU LUKU FULASA
1514-1521
9. DADA IDO DAMBITU W/GU MARDIDA 1522-1529
10. KURA ALA DIGALU EEMAJI DARARA 1530-1537
11. DAGALE YAYA DAMBITUOBITU LIBASA
1538-1545
12. OSOSA TITILE SIRAYU KOLA SABAQA 1546-1553
13. BORO LUKU JARSO GALANTU LUKU MOGASA
1554-1561
14. ABAYI ORO DULACHA DIGALU LUKU MOGASA
1562-1569
15. BISU DHOQE RASO KARAYU WA/KU
FULASA1570-1577
16. ORO DULACHA YAYA DAMBITU OBITU MARDIDA
1578-1585
17. YAYA OLE BONAYA DIGALU TITI DARARA
1586-1593
18. DOYO RORO LUKU GALANTU LUKU LIBASA
1594-1601
19. BACHO NADI DIGALU DADO SABAQA 1602-1609
20. URGUMESA IGU DIGALU EEMAJI MOGASA
1610-1617
21. BABO ORO DULACHA DAMBITU OBITU MAKULA
1618-1625
22. BABO SIBU BERE GALANTU BERITU FULASA
1626-1633
23. HINDHALE DOYO BORO GALANTU LUKU
MARDIDA 1634-1641
24. HACHU ABIYU BACHITU SAQUTA DARARA
1642-1649
25. ABALAKU MORMA QARCHABDU BUY LIBASA
1650-1657
26. ABAY BABO ORO DULACHA DAMBITU OBITU
SABAQA 1658-1665
27. ALE KURA RETE DIGALU TITI MOGASA
1666-1673
28. YAYA HIRU MALELE MATARI META MAKULA
1674-1681
29. MOROY ABAY GALANTU BERITU FULASA
1682-1689
30. GOBA ALA NURA DIGALU TITI MARDIDA
1690-1697
31. DAWE GOBO YAYA QARCHABDU BUY DARARA
1698-1705
32. JARSO IDO YAYA SIRAYU KOLA LIBASA
1706-1713
33. WALE WACHU ROQA DIGALU UDUMTU SABAQA
1714-1721
34. SORA DHADACHA ILU WARJIDA ANNA MOGASA
1722-1729
35. DHADACHA ORA MOROWA DIGALU EEMAJI
MAKULA 1730-1737
36. HALAKE DOYO HARELE GALANTU LUKU FULASA
1738-1745
37. GUYO GEDO WALE SIRAYU KOLA MARDIDA
1746-1753
38. MADHA BORU DADA NONITU AMOYE DARARA
1754-1761
39. SORA DIDO QARSA GALANTU LUKU LIBASA
1762-1769
40. BULE DABASA BULE DIGALU EEMAJI SABAQA
1770-1777
41. LIBAN WATA NAFUR DIGALU WALAJI MOGASA
1778-1785
42. WAYU RALE CHANA DAMBITU OBITU MAKULA
1786-1793
43. BORU MADHA BORU DADO NONITU AMOYE
FULASA 1794-1801
44. UNGULE HALAKE SADE GALANTU BERITU
MARDIDA 1802-1809
45. SAQO DADACHA GAMADU MACHITU JAWITU
DARARA 1810-1817
46. JILLO NYENCHO SORA DIGALLU TITI LIBASA
1818-1825
47. SOKORE ANNA BORBOR MATARI META SABAQA
1826-1833
48. MADHA BORU MADHA NONITU AMOYE MOGASA
1834-1841
49. LIBAN JILLO HADHAWA DAMBITU WA/GU
MAKULA 1842-1849
50. JALDESA GUYO DABASA QARCHABDU BUY
FULASA 1850-1857
51. DOYO JILLO NYENCHO DIGALU TITI MARDIDA
1858-1865
52. HARO ADI LIBAN GALANTU BERITU DARARA
1866-1873
53. DIDA BITATA MAMO NONITU AMOYE LIBASA
1874-1881
54. GUYO BORU UNGULE GALANTU BERITU SABAQA
1882-1889
55. LIBAN JALDESA GUYO DABASA QARCHABDU BUY
MOGASA 1980-1897
56. ADI DOYO JILLO DIGALU TITI MAKULA
1898-1905
57. BORU GALMA DOYO GALANTU BERITU FULASA
1906-1913
58. LIBAN KULE LIBAN DIGALU DADO MARDIDA
1914-1921
59. ARERO GEDO LIBAN DAMBITU WA/GU DARARA
1922-1929
60. BULE DABASA BULE DIGALU TITI SABAQA
1930-1937
61. AGA ADI DOYO DIGALU TITI SABAQA 1938-1945
62. GUYO BORU GALMA GALANTU BERITU MOGASA
1946-1953
63. MADHA GALMA TORE NONITU AMOYE MAKULA
1954-1961
64. JALDESA LIBAN GUYO GALANTU BERITU FULASA
1962-1969
65. GOBE BULE DABASA BULE DIGALU EEMAJI
MARDIDA 1970-1977
66. JILLO AGA ADI DIGALU TITI DARARA
1978-1985
67. BORU GUYO BORU GALANTU BERITU LIBASA
1986-1993
68. BORU MADHA GALMA NONITU AMOYE SABAQA
1994-2001
69. LIBAN JALDESA LIBAN GALANTU BERITU
MOGASA 2002-2009
70. GUYO GOBA BULE DIGALU EEMAJI FULASA
2010-2017
71. KURAA JARSOO KURAA
2018-2025

Horaa Bulaa Deebana

#By_Boruu_Sabboo_Goona
👉👉👉👉Join👈👈👈👈
@SabbooGoona
@SabbooGoona


#Abbootii_Gadaa_Oromoo_Booranaa_Jalqabaa_Irraa_Kaase_Hangaa_Amaatti_jirani_kunootti.
🖊 🖊 🖊 🖊 🖊
@SabbooGoona


#BAGAA_GEESANI_HORDOFTOOTI_AMANTAA_CHIRISTANA_HUNDII.
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>
Baga Geessan Qillee

Ayyaanna waggaa
Ayyaantutu argaa
Baga geessan hunduu
Yaa ta'u kan nagaa

Guyyaa dhalatetti
Mootiin samiif lafaa
Gaarii qofa argaa
Dhippuu irraa afaa

Faarsoodha unattuu
Daadhidhaaf birillee
Maatiin kiristaanaa
Baga geessan qillee

✍✍✍✍✍✍
@SabbooGoona


MM Dr.Abiyyi Jabdu uummata Booranaa saade, jabduu
leellisee maadeffate, Booranii aadaa jajjabaa fi beekkumsa
addaa ka akka daawwitii namii cuftii keessatti laalee irraa
barachuu qabu qaba. Booranii haasaa isaa keessaa Nageenni
Badhaadhaa indhabu, kun ammoo akkam nagaa akka jaalatuu
fi madda nagaa akka ta’e mirkaneessa jedhe. Nulleen Nagaa
Booranaa kana bu’uura godhannee labsuun Addunyaa biraa
Badhaasa Nagaa ( Nobel Prize) arganne jedhe. Kana qofaanit
Maqaa Paartii teenna haaraayyuu aadaa nagaa Booranaa ka
“Nageenni Badhaadha” jedhu irraa fudhanne “Paartii
Badhaadhinnaa” jennee moggaafanne jedhe. Addunyaa tana
gubbaa uummata akka Booranaa Bulchaa dhufu ganna 21 dura
filatu takkaa garree indhageenne kun waan maadee ka nama
cufaa barumsa ta’uu qabu jechuun guddoo dinqisiifate. Nu
ganna diddimaa dhiisii ganna tokkoo dursinee bulchaa dhufu
filachuu indandeenne, Booranii garuu abbaa Gadaa ganna 21
duuba Baallii fuudhu ammaa ya filatee kun guddoo nu
mamsiifte jedhe. Muummichii Ministera Biyyaa akkana dhufee
aadaa uummata keennaa saaduun jaalachuun akka malee
nama gammachiisa. Namii kanatti in gammannee waan jiru
inse’u.
Garuu akkuma Booranaa saade kana rakkoo uummata kanaa
furuuf ojjachuu qaba. Saadaan afaanii nama oolchiti malee
nama inbulchitu, gurra namatti horti malee liqimsaa taatee
beelaa dheebuu nama imbiiftu. Kanaaf akkuma Afaaniin
uummata keennaa faarse hojiin rakkoo uummata kana yoo fure
nulleen isa faarsina. Kanaaf Kabajamoo Muumicha Ministeraa,
bulchoota Naannoo fi Goodinaatiif wannii nu dhaamnu akkuma
aadaa fi duudha uummata Booranaa kana jaalattanii faarsaa
saadaa ooltani rakkoolee bu’uura ka hanqinnoota misoomaan
wal qabatanii ka uummata kana miidhaa jiraniif xiyyeefannoo
kennatanii kutannoon akka hojjataniidha. Yoosi uumatilleen
onnee irraa isan saadaa.
Horaa bulaa deebanaa
Join👇
Join👇
Join👇
@borananews
+++++++++++
@SabbooGoona
@SabbooGoona


Репост из: Borana News, Knowledge and Fun
MM Dr.Abiyyi Jabdu uummata Booranaa saade, jabduu
leellisee maadeffate, Booranii aadaa .. itti Fufaa
Join 👇👇👍
@borananews
@borananews


Репост из: Gadaa Post
Guyyaan Sirni Gadaa Oromoo Dhabbata Saayinsii, Barnootaa fi Aadaatti hambummaan itti galmaa’e waggaa 3ffaan godina Booranaa magaalaa Yaaballootti kaleessaa eegalee kabajamaa ture har'a xumurama. Ayyaanni sirna Gadaa kaleessaa eegalee sirnoota addaddaan kabajamaa ture guyyaa har'a bakka keessummoonni kabajaa fi abbootiin Gadaa Oromiyaa guutuu jiranitti sirna ho'aan kabajamee ni xumurama.

Madda: BDhKMNO
@Gadaapost
@Gadaapost


#KFO
#BOORANA , #WALLO & #DIRRE_DHAWAA
★★★★★
Waajjira KFO torbaan tokko yeroo hin caallee keessatti kan saaqnu ta'ee hangasiif qindeessitoonni kunooti. Bilbilaa, dubbisaa, gargaaraa woliin haa saaqnu.
1. Boorana, Yaa'aa Balloo, Boruu Dabbasoo, 0934139383
2. Wallo, Kamisee, Taaddesee, 0913484628
3. Dirre Dhawaa, Anuwaar Saanii, 0954595225
Kan dura maxxansinee sun iddoo koree dhaabbatee fi waajjirri itti saaqame malee waajjira banuuf sochiin achirratti dhaabbata jechuu miti. Magaalotaa fi aanaalee adda addaatti akkuma saaqneen ifa goonaa. Oromoon Tigraay, Kibba, Beenishaangul Gumuz fi Gambeellaa keessallee waan jiruuf waajjira banuun itti fufa.
Nuuf Obsaa.
©Addisu Bullalla'tiin

https://t.me/taphaakoblabooranaa


ee Jeneraala Dubbaalee Dheeressaa (Lieutenant- General Dubale Deresse) rakkoolee tana akka qoratuuf erge. Loltoonni nyaliisaaf lubbuu hin qamnee kunakkuama Kumaalaa Dubbaalee Dheeressaa dhufeen atis waan nu garre argii jechuun hidhan. Akkuma inni waan warri nyaate nyaatee, waan warri dhugu dhuugee rakkinna warraa hubatuuf harka wayaa jalaatin ministera humna ittisaa biyyaa waliin waliigaluun saatii saddeetiif akka finqilaa horii mukaatti oolchan. Mootiin Hayilee Sillaasee ka dallansuu ijjeeftee ogeeyyoota bombii harkaa fi leenjiin hedduu qaban gara waraana lafoo kanatti erguun Kumaalaa Dubbaalee akka gad dhiisan tolche. Tarkaanfii kun yeroof sodaachiisaa ta’us loltoonni tokkolleen akka hin adabmne mootichii ofumaa isaati waan dhaameef haalli ture martii yeroof qabbanaa’e.
Ganna 1977 loltoonni Ogaadeenaa fi waraanni Soomalii guddaan Soomalii gudditti ijaarra jedhu magaalaa Nageellee Booranaa qabachuuf lola cimaa bane. Taatullee gootonni ilmaan Booranaa fi milishoonni gandaa kanneen moonaa waraanaa Xoophiyaa 43eessoo keessaa yeroof jiran waliif hirmaachuudhan loltoota diinaa waan arganii dhaban fakkeessanii qileetti naqan. Akkanaan gootonni warra Liiban magaalaa Nageellee Booranaatti cibranii lubbuu qaalii itti wareeganii harka diinaa seenuu dhowwan. Eessaattis ta’u yoomiyyuu tanaan yoo maqaa Nageellee Booranaa yaaman gootota Booranaa kanneen magaalaa seenaa qabeetti tana tissanii dhalootan gahan yaadachuun barbaachisaadha.
Ammaayyuu dhaamsi kiyya magaalaan Nageellee Booranaa akka seenaa,maqaa fi ganna isiitti haqqii dhaloota Qubee kana irraa argachuu malte akka argattu hirriba aga Aadaa malee ka hiyyummaa guddaa lagachuu malle.
Ka’ii ka’ii hin rafini jamaa
Guddinni biyyaa keetii
Simalee hin qabu ka biraa
Dhaloota Utuu bira dabrii
Kankee yeroon ammaaa
Wannii gumaata keetii
Akka sirraatti hin hamne
Hirribaa dammaaqii
Kayiimee barraaqaan
Ol jedhi utaalii banii karraa saayyaa
Hidhaanaa hidhadhii ariyii hiyyummaa"

@XachishaBorena
@XachishaBorena
+++++++++++++++
@SabbooGoona
@SabbooGoona


Репост из: Tache Jilo Foundation
baqateetti buufata Fayyaa ummataaf banuudha. Buufati fayyaa kun aga bara 1956 Ministeera Fayyaa Ummataa jala galuutti akka dansaa ummataaf tajaajila kennaa ture.Bara 1958tti magaalli Nageellee Booranaa magaaloota Xoophiyaa kan sadarkaa duraa irratti argaman 27 keessaatti ramadamte. Magaalli ganna 50eessoo kanaa magaaloota gugurdoo Xoophiyaa keessaatti ramadamtee turte tun magaalaan Nageellee Booranaa hardha maal fakkaattii, akkam jirtii jennee yoo ilaalle waan nama ceersuu irra dabree of nama dhaajifachiisa. Mani Fayyaa sun aga ammaatti Qoollajjii Fayyaa takkatti achi keessaattii banamteen ala akkuma ganna jatamoota dabranii sun jira. Safuu! Magaalaan Nageellee Booranaa mootummaa bulguu xoophiyaa wayyaaneedhaan akka lama miidhamte. Ta qaraa baroota 1990 G.C keessaa mootummaan Wayyaanee yeroo Dargii irraa aangoo fudhatu ture. Yeroo kana magaalaa Nageellee Booranaa Waraanaa Adda Bilisummaa Oromootu jiraa jechuun gama kaaniin ofii isaati waraanaa gama kanaaniin loltoota Soomalii horsiisee bultoota Booranaatti bobbaasaa magaalaa Nageellee Booranaa dirree waraanaa taasise.
Ardaawwan akka Boobaa fi Goda Ookkoo, Qilee Akkoo Aamanoooyyee fi Baddaa mana-quubsaa keessaa yeroo hedduu namaaf lubbuun qabeeyyiin dhuugii biqiloota dabalatee waraana wayyaanee kanaan miidhamaniiru. Haalli kun daandii daldaltoonni magaalaa Nageellee Booranaati fi karaa Dooloo hojjatan akka balaaf saaxilaman gochuun haala sochii dinagdee magaaliitti yeroo adda addaatti kan qabbanneesseedha. Lammeessoo magaalaan Nageellee Booranaa eegii bara 1995 dheeda Dirreetin adda baatee waan isiin hin eegiinitu qunname. Nageellee Booranaa magaalaa guddittii godinaati. Magaalaan guddoon godina ammoo misoomaa magaaloota godinaaf dhufan mataa qaraa waan argattuuf carraa kana eegaattee turte. Wantichi garuu, akka magaalli Nageellee Booranaa eedde hin turre. Akkuma ilmaan Diidaa Bittaataa karra ceersinee fuloon horii bobbaamne jette taate. Misoomni maqaa qabuufi ila guutuu marti Nageellee Booranaa dhufee gara boodaatti deebiya. Tokko tokko ammoo ‘akkuma gara Finfinneetii dhufaniin wantoonni magaalaa Nageellee Booranaa ijaaruuf dhufan karaatti liqimfamanii hafuu’ jedhu. Eega akkuma namnis waan isaa male dhabuu hin malin, Nageellee Booranaalleen waan isiif dhufe dhabuu hin malle.
Haala kanaan guddinnii magaalaa Nageellee Booranaa fi miidhaginni isii gannaa fi haala teessuma isiitin daalateenna qorqoorotin irraan kan hafe walmorma.
Hamtuun garuu, dhaabbabaatanii hafuudha. Kanaafuu amma dhaloonni qubee magaalaa seenaa qabeetti kana wantoota isiif barbaachisan guutuufiif yoomiyyuu caalaa carraaquu qaba. Gaafii
1. Magaalaan guddoon godina tokko yoo bisaan dhugaatii hin qamne, yoo mana fayyaa ka maqaa malee hin qamne akkam ha taatuu?
2. Magaalaan ganna 50n dura magaaloota Xoophiyaa keessaa sadarkaa qabdu hardha silaa yoo akkam diqqaate akka Afrikaatti sadarkaa qabaachuu malteeniiti? Garuu, Nageellee Booranaa hardha magaaloota gugurdoo Xoophiyaa keessaatti ramadamuu miti gabayaa isaaniitu dhaxxii? Bittaa ibboo Oromoon akka guubee dabde!
Ammajii 12, 1974 namoonni muraasni kolonneeffattota Ingiliizii kan Birigaadeer 4ffaa waraanaa Xoophiyaa kan Nageellee Booranaa kaambii 43eessoo waliin haala jireennaa irratti waldhaban. Loltoonni haala cimaa fi womtu namaaf hin mijanne keessa oolaa turaaniyyuu womaa hin taanee jedhan. Garuu warroota Ingiliizaa kanneen Maarinaa fi Daviid Ottoowaa jedhamaniif, sagaleen, bisaanii fi haalli qilleensaa tolaa hin turre. Keessmmattu bisaan dhabuun guddoo warra duute. Yeroo butteen bisaan waraana Xoophiyaa fooqqatee fi takka duraa caccabxeetti warrii beeroo Ingilizootaa kun waraana Xoophiyaa bisaan dhowwatan. Eela warraa akka hin waraabbanne harkuma biyyee keeyyatanii gussuu jalqaban. Gochaan kun loltoota Xoophiyaa ila dhiiga facaafachiise. Sababa dallansuu tanaatin waraanni nyalee nyanyee bisaanii midhaan dhabe kun geggeessitoota Ingiliizaa kanneen hidhuudhaan, xaalayaa akka warroota kan adabanii fi waan warrii irraa fittee qabu guutaniif gara mootii Haayilee Sillaasee ergatan.
Mootiin Haayilee Sillaaseen akkuma xaalayaa kan argateen nama ajajaa Kumaa ta’


Репост из: Tache Jilo Foundation
tni Xaaliyaanaa yeroo kaambii gad dhiisaan Booranii ona Xaaliyaanaa sun cufaa gubee akka bardeessee waan hubatteef hidda jabeeffannee ummata Nageellee Booranaa qabanna yaada jedhu murteeffatan. Taatullee gootonni Nageellee Booranaa kan waraanaa wanteen lolan kolonneeffaattoota Ingiliizii kannallee quphansuu dhowwan.
Akka namichi ‘Daviid Buuksixooni (David Buxton)’ jedhamu bara 1943 Nageellee Booranaa daawwate jedheetti humni lafoo waraanaa Xoophiyaa ona caccabaa Xaaliyaanaa kan gama tokko daheeffatanii humna jabeeffachuu jalqabaniiru. Ammallee Daviid Buuksixooni humni waraanaa Xoophiyaa sun Booranaa malee akka of hin dandeennee fi Booranii gosa gootaa warrii inni goleef milkaawuu fi warri inni irraa gore dhukkaawu ta’u himeera jedhu (Wikepedia, Nagelle Borana @British Gold Coast Brigade)
Dhugumaanu akkuma faranjichi bisii dhufeelleen dubbate Booranii gootummaan eennuunu wal hin gitu. Keessumattu warri Liiban jannummaa isaatin maqaa Nageellee Booranaa kolonneeffattoota biyya keessaa sanyii habashoota Minilikii fi Hayilee Sillaasee jijjiiruu dhowwee; maqaan magaloota Oromiyaa fi kutaalee Xoophiyaa kanneen biro gara maqaa Habashaatti yeroo jijjiiraman Nageellee Booranaa maqaa seenaa qabeessa kan qabattee jaarraa 21ffaatti fullaate. Kun gootummaan Booranaa Liiban gootummaa eennuutiniyyuu qixxee akka hin taanee fi maqaan Nageellee Booranaa maqaa seenaa cimaa qabu fii wareegama qaaliin turee hardha ga’e ta’uusaa nuuf mirkaneessa.
Garuu kun kanaan adoo jiruu wayyaaneen yookaan bulguun Xoophiyaa nyaattuun sanyii ilmaan namaa Oromoo walitti buusuuf jaarraa 21ffaa keessaa maqaa Nageellee Booranaa dhoqqee dibuuf yaaliin isiin hin godhin hin jiru. Ammayyuu addaan hin cinne.
Oromoo baayinnaan naannoo Magaalaa Nageellee Booranaa jiraaatan Booranaa fi Gujii walitti buusuun bara 2014/15 lubbuun ilmaan Oromoo Booranaa fi Gujii waliin raasaatti dhumte. Eegii mootummaan Qoodhabee akka ennaa Xoophiyaatti bara 1983 Xoophiyaa qabatee booda ganna 13eessootti (1995) godini Booranaa akka lama ta’u OPDOn tolchite. Godini tokko Booranaa jedhamee dira guddaa Yaaballaa ka gama Dirreetti bula. Godini lammeessoo godina Gujii jedhamee diri guddaan isaa ammoo Nageellee Booranaa jedhame. Ummata kana adoo inni nagaan jiraatuu eegii ganna 9 bahan akka enna Xoophiyaatti bara 2004 keessaa wayyaanoonni yeroo qabsoon Oromoo itti cimtee kufaatiif of soodataniitti shira xaxuudhaan maqaa Nageellee Booranaa jedhu biraa Booranaa haquun Nageellee kan jedhu qofa lakkisan. Kun akkuma maqaan atin ittiin yaamamtuuyyuu yoo falman falmiisisaa ta’u falmii fuula hin qamneef karaa banuun namoonni shiri wayyaanee kun hin galiiniif irratti hirmaachuun dhibi kun uumame.
Dhiba kanallee Oromoon lamaan dhugaa fi Aadaa, Gadaa fi seeraa badhaadhaa qabuun hiikachuuf daandii qajeelaa imala tokkummaa jalqabaniiru. Gochoota san keessaa kanneen harkaa qaba bulchiinsota godina lamaanii kan yeroo sanaa (2006 ec) akkasums miiltoowwan isaanii seenaan Oromoo fi dhiigii ilmaan Oromoo akka warra ha gaafatu.
Dhaamsii kiyya ka lammeessoo ammoo Ummanni Oromoo jaarraa 21eessoo kana keessaatti shira wayyaanee kan kallattii kamiinuu dhufu ofirraa eeguudhaan yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaa isaa cimsachuu akka qabuudha.
Nageellee Booranaa burqa ilmaan goototaa
Nageellee Booranaa guddayyoo ardaa jilaa
Liiban ardaan jilaa gaaddisa bonaa gannaa
Ardaa seenaa qabeessaa angafoota Oromoo
Keessaa maqaa dhayaa maaloo
Angafa gootota Oromoo!
Diidoo Gaawwalee Diidoo
Salleessaa Jaloo Boqoo
Boruu Dinnee Saakkoo
Ibroo Dooyyoo Urjii
Loltuu akka kanniisaa
Madha Boruu Daadoyii
Jabaa akka dhakaachaa
Liiban Waata Nafurii
Qaroo akka Billaachaa
Walee Waaccuu Roqaa
Janna ila Qeerramsaa
Dhaddacha Guyyoo Dhaddachaa
Gootota Nageellee Booranaa
Seenaan isanyaadata sanyii warra angafaa!
Ganna 1949 keessaa lallaabbabadoonni dubbii Waaqaa kitaaba qulqulluu (wengelaa) lammii biyya Noorweyii (Norwegian Lutherian Mission) kan Waldaa Warra Wengelaa Makkaanaa Yesuus magaalaa Nageellee Booranaa qubatan. Wanni ila nama guutaa dubbii Waaqaa himuun wengela namaatti haasa’un alaatti kan isaan ummataaf tolchan ona waraanii Xaaliyaanii keessaa


Репост из: Tache Jilo Foundation
©© Shalom BG Jato
Magaalaa_Nageellee_Booranaa
Murnya qaraa!

Nageellee Booranaa: Nageellee Booranaa dira guddaa Booranaa Liibaniiti. Magaalli Nageellee Booranaa magaalaa kibbaa bahaa Xoophiyaa kan ganna dheeraa qabdu keessaa tokko. Magaalaan Nageellee Booranaa akka enna Xoophiyaatti naannoo bara 1910 keessaatti hundeeffamte. Magaalaa tun magaalaa Booranaa tan angafaati jedhu Oromoon Booranaa. Sababani isaas akka ummannii Booranaa amanutti:
Lafaa Liibeen angafa
Waaqaa Boruun angafa.
Kanumaafuu magaaloonni biraa hundeeffama umriitin dursaniyyuu sababa ardaa Liibaniitin magaalaan Nageellee Booranaa magaala Booranaa isii angafaati. Haalli teessuma lafa Nageellee Booranaa baddaa daree fi qilleensaa badhaadha. Horsiisaa horii fi qotiisaafis baayyee mijooftuudha. Dheedii Nageellee Booranaa yookaan Liiban Golbaa fi Diida qaba. Magaalii Nageellee Booranaa quftuma gama diida Liiban kanaan gara baddaa Liiban gulaan argamtti. Nageellee Booranaa magaalaa gurra guddaa qabduudha. Keessumaattu yeroo Warraaqsota Xoophiyaa keessaatti baayyee beekamti. (Wikepedia). Baroota 1960 keessaa tajaajjiloota Ibsaa, Teleephoonaa, Poostaa, Manneen Barannoota sadarkaa 1ffaa fi Marsaa 2ffaa argatte. Tajaajila Dirree Xayyaaraa (diida Xuyyuuraa) bara 1961 keessaa argatte. Kunis ummataaf osoo hin tayin tajaajila humna Waraanaa Xoophiyaatiif miyooftuu waan taateef Kaampiin waraanaa Xoophiyaa 43ffaa Xoophiyaa kibba Bahaa magaalaa Nageellee Booranaatti hundeeffamte.
Kanaaf buufata Xayyaaraa Nageellee Booranaatin akkas jedhu “Ethiopian Milatarry Based Airport” jedhan. Qorataan seenaawwan Bahaa Africaa kan Philiphi Birigger jedhamu magaalaa Nageellee Booranaa akkana jechuun ibse “Nagelle Borana town is something of a frointer town, a cultural boiling pot that’s predominantly Borana (Oromo), but also has strong Somali, Borana, and muslims influence, …….” Kana jechuun magaalaan Nageellee Booranaa magaalaa fiixee ykn qarqara daangaa taatee handhura Aadaa oowwitu irra guddinnaan Booranaan guutamte yoo taatu qoxxeen jajjbduun Soomalii, Booranaa fi Islaanaa irraa itti calaqqqiftuudha.
Magaalaan Nageellee Booranaa akka maanguddoonni Booranaa ibsaniitti dheeda Booranaa isaa ila boruutti dira guddaa yoo taatu; Fiiltuu keessaa baatee dabartee galaanaa Daawwaa fi Gannaalee of keessaatti qabachuun galaanaa Jubaa qaxxaamurtee aga biyyaa Soomalii ammaaatti dheeda Booranaati. Kunis dhugaa akka taye ragaaleen barreeffamaa tokko tokko marsaariiti fi toora interneetaa irra ni jiru. Akka namni qorataa seenaa lammii biyya Swiidish Dr. F Hylander jedhamu bara 1934 keessaa oduu afaan Amaaraa (Amaaraa News) jedhamtuuf ibsa kennannitti “magaalli Nageellee Booranaa jaarraa 20ffaa keessaa kan dhaabbabaatte yoo taatu aga Laga Jubaa fullaate kan argamtu fi daandii bahiisaaf seenisaa Jubaalaandiiti”. Akka Jaarroleen Abbaa Liibee jedhaniitti namtichi Habashaa kan Dastaa Daamxoo jedhan yeroo waraana Xaaliyaanii fi Xoophiyaa ka lammeessoo cibraa isaa magaalaa Nageellee Booranaa keessa tolfate.
Boorani ammoo fardoolee yaabbatee waraanaa wanteen aga Fiiltuu fi Dooloo ardaawwan dhuuga keessaatti Xaaliyaaniin wal hadhaa ture. Kunis akka enna Xoophiyaatti Onkololeessa 04, 1935 waraanni lammeessoo Xoophiyaa fi Xaaliyaanaa irba walitti kaachise.
Waraanni Xoophiyaa kan Raas Dastaa Daamxoow magaalaa Nageellee Booranaa yoo maandheffatu waraani Xaaliyaanaa kan Jeneraal Rudoolfoo Giraaziin durfamu achuma dheeda Booranaa ka Dooloo maandheffate. Waraanni kun waraana Booranaa kan Waraanaa fi wantee qofaa raaba doorii Gannaaleetti lolee dabsate. Achumaan Gaannalee Dooriyaa jedhanii moggaasan. Achuma Dirree Gannaalee Dooriyaatti waraanii Jeneraal Rudoolfo Giraaziin waraana Raas Daastaa Daamxoow dabasachuun waraana kibba bahaa Xoophiyaa dadhabsiisuun magaalaa Nageellee Booranaa qabate.
Bitootessa 27, 1941 magaalaan Nageellee Booranaa garee koloneeffattoota Ingiliizii kan Dooloo irraa karaa mirgaatin dhiibamanii dhufan “Biriitishi Gooldi Koosti Birigedii (Britsh Gold Coast Brigade)” jedhamaniin qabatamte. Tokkummaan kolonneeffattoota Ingiliizii Nageellee Booranaa dhufuun dura guyyoota kudhaniif kolonneeffattoo


WALII HAA BARRUU!

#Ani_enyuu🙅 #Atu_eenyu💆

ani muca hortee kushitiki
Oduu kitaba malee
Hin beeku semetik
#DNA oromoo qaba
Hin jijjiru minilikiti
Ofii ta'eeni jiradha
Hin fakadhu Fashinisti
Seenaafi aadaa qabaa
hin alchuu faranjiti
Intalaa sanyii tiyyaa malee
Hin jaaladhu amaartiti
Galata aalo beeka
Hin gaafadhu aktivisti
Ado ka yakka jiru
Hin adabu ergamtiti
Sodaa seenaa malee
Hin qabuu sodaa qalitti
Sabaa kootini alaa
hin barbadu siyaasa dhibi
Ta'eeni argama malee
Hin afuu agaa afaaniti
Duuba addoo ka aalo bojii jiru
Qublaa qalee hin geeraaru Lafe kootitti
Kiyya yoo hardhaa fixadhe
naafi hin ergamu borii nafxanyichi
Yoosi #gaara taate dhalatte
Gudachuu hin mallee gara xuxiti
Yeroo tuula baadalatti
Yarachuu hin mallee silaa angaftichi
Kanaafi anaafi ati tokkoo
Wali haa qussannuu akkaa nama ofiitti.

#BY_Boruu_sabboo_Goona
🔽🔽🔽#please_join🔽🔽🔽

🔜 🔜🔜 @SabbooGoona
🔜🔜🔜 @SabbooGoona




🏊🏊🏊🏊🏊🏊🏊🏊🏊🏊🏊
Mee naa Dammaqii gosa tiyya!
°==========================°
Gochii Muraa hin qabnnee
Isiittuu murttii hin qabnee
Gosaa murttiin irraa diigattee
Isiittuu namaa hin qabnee
Namii gosaa hin beenne
Isattuu #bacii hin qabnee
Namii baciin dhalatee
Isattuu tan hin dhamnnee
Namii #waa barbaaduu
Isattuu bulee hin rafnee
Namii yaada hin qabnnee
Isattuu irriibaa hin dhamnee
Yoo atin kaatee #hin barbaadin
Simattii waan badee hin garree
Badiin barbaada qabduu
Isumattii galuu hin dhamnee
Gosaa #walii galttee qabdduu
Rakkomuttii kaarra hin gallee
Gochii waligalttee hin qabnnee
Rakkumattii jidduu hin baane
Gochii #malaa marii hin qabnnee
Isiittuu #Gaaddisaa hin qabnee
Dubbiin gaadisatii fulaa dhabdee
Isiittuu dhugaa hin qabnee
Warrii dhugaa hin qabnnee
Isattuu Finnaa hin qabnee
Warrii finnaa hin qabnnee
Isattuu bultii hin qabnee
Bultii tee balleesuuf
Nyaaphii kee bulii ramnee
Eelii Afaan hin qabnnee
Isattuu obaa hin qabnee
Karaan #daando hin qabnee
Isattuu namaa hin qabnee
Karritii #cufanaa hin qabnnee
Isumattii #Adiyyoo hin dhamnee
#Tokkummaan kee cufanaa keeti
Kha Namuu irraan cabssee hin galle
#Laftii tee#Lafee teetii
Nuu maaf tan ta'uu hin garree???
#Laawween tee #ibsee keetii
Maaf akkaa dansaa #hin qarree??
Daba #Killichaa harkaa sii qabuu
Maaf millattee hin garree?????
Rakkoon #gaaffii hin qabnnee
Isumattii #Deebii hin qabnee
Gochii #Sagalee hin qabnnee
#Takkaayyuu #Tuffii hin dhamnee
Waan nuu ufii goone malee
#Yaruu waaqii waliin nu hin dhallee
Nuu Warraa ufii irraa #Waaree
# kha Soqellee ufii hin dhamnnee
Mee #Dammaqaa#Gosa tiyyaa
Akkii kun siif hin mallee!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!..

©©©HORAA BULAA©©©

🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽🔽

@SabbooGoona
@SabbooGoona



Показано 20 последних публикаций.

255

подписчиков
Статистика канала