Gadaa Post


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


Facebook: facebook.com/gadaapostcom
Website: https://www.gadaapost.com
Twitter: www.twitter.com/GadaaPost
App: https://play.google.com/store/apps/details?id=com.ot.gadaapost
Contact: @gadaapostbot
Beeksisaaf(Ads): @Gadaapostbot

Связанные каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Raayyaan Ittisaa Magaalota Naannoo Tigraay to’achuu itti fufe 

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa haalaa yeroo ilaalchisee ibsa baaseera.

Tajaajilichi ibsa baaseen Raayyaan Ittisa Biyyaa Magaalota Naannoo Tigiraay to’chuu itti fufuu eereera.

Raayyichis magaalotatti waraanaa utuu hingaggeessiin tooftaa humnoota garee shororkeessaa ABUT dadhabsiisuu fayyadamuu ibseera.

Mootummaan Ityoophiyaa dhaabbilee deeggarsa namoomaa waliin qindoomuun naannawaa to’annoo jala oolchetti deeggarsi namoomaa akka qaqqabu hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Hawaasa naannawichaa waliin mari’achuun, caasaan bulchiinsa ummataa akka gurmaa’uuf daandii mijeessaa jiraachuu ibseera.

Kun utuu kanaan jiruus Gamtaa Afrikaatiin mariin nageenyaa Afriikaa Kibbaatti gaggeeffamurratti kan hirmaatu ta’uu ibseera.

Jilli Ityoophiyaa marii nageenyaarratti hirmaatus har’a ganama gara Afrika Kibbaatti qajeeluu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

@Gadaapost
@Gadaapost


Marii nagaa Kaaba Itoophiyaaf bakka buutonni Afrikaa Kibbaa galan

Waraana Kaaba Itoophiyaa karaa nagaa xumuruuf marii nagaa isa jalqabaa Gamataan Afrikaa qopheesserratti hirmaachuuf bakka buutonni TPLF Afrikaa Kibbaa galuun gabaafame.

Miseensi koree giddugaleessaa TPLF Piroofeesar Kindiyyaa G/Hiyoot bakka buutonni TPLF Afrikaa Kibbaa galuu isaanii tiwiitara isaanii gubbaatti maxxansan.

Mariin mootummaa Itoophiyaa fi aanga'oota TPLF gidduutti jaarsummaa Gamtaa Afrikaan gaggeefamu amma dura guyyaan murameefii osoo hin milkaahiin sababii rakkina loojistikii jedhuun hafunsaa ni yaadatama.

Mariin jalqabaa waraana waggaa lamatti dhiyaate booda gaggeefamu har'a kan adeemsifamu yeroo ta'u, Mootummaan Itoophiyaas irratti hirmaachuuf murannoo akka qabu beeksisee ture.

Mariin jalqabaa kun kan gaggeefamuuf jedhu humnoota mootummaafi hidhattoota Tigraay gidduutti waraanni jabaan adeemaa jiraachuun wayita dhagaahamaa jirutti.

Obbo Getaachew Raddaafii hogganaan waraana Itoophiyaa duraanii Janaraal Tsaadiqaan Gabratinsaa'ee Tigraayiin bakka bu'anii warra marii nagaarratti kan hirmaatan ta'uu TPLF amma dura beeksisee ture.

@Gadaapost
@Gadaapost


Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiipiing yeroo 3ffaaf filannoo Pireezidaantummaa biyyattiin filatamaniiru.

Yeroo 3ffaaf irra deebiin filatamuu isaanii hordofee kaabinee isaanii haaraa gurmeessuu Reewutars gabaaseera.

Sosochiin Zeroo Koroonaafi milkaa’inoonni dameewwan garaagaraarratti galmeessisan bilchina hoggansa isaanii kan argisiise ta’uu ibsameera.

@Gadaapost
@Gadaapost


Afaan Oromoo Ameerikaa, Yuunivarsiitii Istaanfoorditti barsiifamu eegaluu isaa ibsameera.

Afaan Oromoo Afaanota Afrikaa fi Baha Giddu Galeessaa Yuunivarsiiticha keessaatti kennaman keessaa isa tokko ta’uu yunivarsiitichi beeksiseera.

Yuunivarsitichi iyyata barattoonni maqaan isaanii Saaron Saamu’eel fi Ebaa Ibsaa jedhaman Yuunivarsitichaaf dhiyeessan fudhachuun Afan Afaan Oromoo akka barsiisu murteesse eeranii jiru.

@Gadaapost
@Gadaapost


Oduun Artisti Alii Birraa Boqateera jechuun Sooshaal miidiyaa irra deemaaru oduu sobaati.

@Gadaapost
@Gadaapost


Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa milkaa’inaan xumurameera

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara  2014 milkaa’inaan xumuramuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Guddinniifi badhaadhinni biyyattii kan mirkanaa’u humna namaa naamusa gaariifi beekumsa qabuun ta’uu eeruun, biyyattiin imaammataafi hojimata bifa kanaan bocuu ibseera.

Jalqabbiin kun karoora barnootaa gadi fageenyaan qoratameen hojiirra oolee mul’achuu eerameera.

sirna barnootaa haaraa qopheessuun hojiirra oolchaa jiraachuu ibsuun, hoggantoonni barnootaa, barsiisonniifi maatiin qindoomina olaanaan hojjechaa jiraachuu kaaseera.

Qaama hojii jijjiiramaa kanaa kan ta’e hojiin barattootaa haqa qabeessummaaniifi karaa saayinsawaa ta’e madaaluu jijjiirama guddaa agarsiisuu ibseera.

@Gadaapost
@Gadaapost


Magaalaan Shiree humna waraanaa Itoophiyaan to'atamuun gabaafame

Humni waraanaa Itoophiyaa magalota gurguddoo naannoo Tigraay keessaa tokko kan taate Shiree to'achuun gabaafame.

Rooytars maddeen dipplomaatiifi dhaabbilee deeggarsa namoomaa waabeefachuun akka gabaaseetti, waraanni mootummaa Itoophiyaafi humnoonni isa tumsan Onkolooleessa 17, 2022 magaala Shiree to’atan.

Humnootiin Tigraay ibsa Onkolooleessaa 17, 2022 baasaniin, Magaalli Shiree "hunmoota waloo Itoophiyaafi Eritraa" galuu mirkaneesseera.

Dabalataan humnoonni TPLF mootumaan Itoophiyaafi Ertiraa waliin ta'uun 'namoota nagaa ajjeesaa jiru' jechuun erga himateen booda, jiraattonni naannichaa jiraachuudhaaf jecha waraana akka itti fufaniif waamicha taasiseer.

Dhimma magaalli Shiree to'atamuu ilaalchisee mootummaa Itoophiyaa irraas ta’e gama mootummaa Ertiraa irraa kan jedhame hin jiru.

Mootummaan Itoophiyaa ibsa Onkoloolessa 17, 2022 baaseen, haleellaa bal'aa humnoonni TPLF gaggeessaa jiran, qaamolee diinaa alaatiin deeggarama jechuun walabummaa biyyaatiif tarkaanfiin kaaba biyyattiitti fudhatamu itti fufe jedheera.

Kanaaf ammoo buufataalee xiyyaaraafi dhaabbilee federaalaa naannoo Tigraay keessatti argaman atattamaan to’achu akka barabaadu ibseera.

Humnoonni mootummaa Federaalaa magaalaa Shiree to'achuun kan dhaga'ame wayita biyyoonniifi dhaabbileen idil-addunyaa waraanni atattamaan dhaabbatee gare marii nagaatti akka deebii’amuuf gaafataa jiranitti.

@Gadaapost
@Gadaapost




Muusaa Faaqii Mahaameet, mootummaan fi TPLF marii nageenyaa Afrikaa Kibbaatti waamame irratti akka dhufan waamicha dhiyeessaniiru.

Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa obbo Muusaa Faaqii Mahaameet waraana kaaba Itiyoophiyaa keessatti bifa haaraan eegale ilaalchisee kaleessa ibsa kennaniiru.

Dura taa'aan kun ibsa kennaniin waraana kaaba Itiyoophiyaa keessatti haaromfame hordofaa akka jiran fi baay'ee yaaddoo akka qaban ibsaniiru.

Akkasumas, mootummaa fi TPLF marii nageenyaa Afrikaa Kibbaatti waamame, bakka bu’aa olaanaa gaanfa Afrikaatiin durfamuu fi hawaasa addunyaatiin deeggaramuun gaggeeffamu irratti akka dhufanis waamicha dhiyeessaniiru.

@Gadaapost
@Gadaapost


Boombiiwwan 51  shakkamtoota afur waliin Magaalaa Mojootti  to’ataman.

Magaalaa Mojootti, boobiwwan to’annoo jala kan oolan  guyyaa har’a gara barii sa’aatii 11:00 hordoffii taasifameen ta’uun eerameera.

Kanaanis  boombiiwwan 51fi boombichaa kanneen daddabarsaa turan shakkamtoonni afur to’atamuu maddeen nageenyaa eeraniiru.
(Obn)

@Gadaapost
@Gadaapost


Shaashamanneetti gidaara jigeen lubbuun barataa darbe

Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetti gidaarri (girgiddaa) daree barnootaa jiguun lubbuun barataa tokko darbe.

Balaan kun kan mudate mana lamaa walitti deebisuu fi gidaarri muramee gara oliitti hafe jiguun ta'uu Waajjira Poolisii Aanaa 2ffaatti Hoggaanaan Diviizhinii qorannaa yakkaa fi murtii haqa kennisiisaa Gargaaraan Inspeektaraa Birhaanuu Mangistuu eeraniiru.

Balaa kanaan lubbuun barataa tokkoo yoo darbu barattoota sadirra miidhaan qaamaa ga’uun ibsameera.

Itti Aanaan Dura Bu'aa Mana Barumsaa Biraayit Obbo Garoo Dullee gidaarri kun waan golgameef jiraachuu isaa akka hinbeekne himan.

Balaan akkanaa akka hinmudanne sakatta'iinsa taasisuu fi qulqullina daree mirkaneessuun barbaachisaa ta'uun himameera.

Maddi:-FBC

@Gadaapost
@Gadaapost


Magaalaa Finfinneetti tajaajilli waraqaa eenyummaa haaromsuu dhorkamee ture xumura baatii Onkoloolessaa kan eegalu ta’uu Sadarkaa Itti aanaa Kantiibaatti Hojii Gaggeessaan magaalaa Finfinnee Obbo Xiraatuu Bayyanaa ibsan.

Magaalichatti kenniinsaafi haaromsa waraqaa eenyummaan walqabatee hojiimaatilee badaa uumamaniif furmaata waaraa kennuuf tajaajilli kenniinsaafi haaromsa waraqaa eenyummaa yeroo murtaa’eef akka dhaabbatu taasifamuun isaa kan yaadatamudha.

Bulchiinsi magaalichaa hoggantootaafi hojjettoota gochicharratti hirmaatan adda baasuun akka itti gaafatamaniif hojjechaa turuu ibsameera.

Kutaalee magaalaa hunda keessatti aanaalee rakkichi irra jireessaan mul’ate 37tti hordoffii taasifameen hoggantootaafi ogeeyyii 90 irratti hojjiin akka itti gaafataman taasisuu hojjetamuu eeraniiru.

@Gadaapost
@Gadaapost


Sagantaa Qormaata kutaa 12ffaa Barattoota Saayinsii Uumamaaf

Qormaanni barattoota saayinsii hawaasaa guyyaa kaleessa xumuramee jira.

Barattoonni Saayinsii uumama Onkoloolessa 5 fi 6 gara mooraa itti ramadamanitti kan seenan yoo ta'u, Akkaata sagantaa armaan gadiitiin qormaata kan fudhatan ta'a.

Qormaanni guyyaa Kibxataa, Onkoloolessa 8 eegala.

Exam Time Table👇

Kiibxata  Guyyaa 08/02/15
      ~ 3:00 - 5:00 English
      ~ 9:00 - 12:00 Mathematics

Roobii, Guyyaa 9/02/15
~3:00-5:00 Aptitude
       ~9:00 -11:00 Physics

Kamisa, Guyyaa10/02/15
 ~ 3:00 - 5:30 Chemistry
      ~ 9:00 -11:00 Biology

Jimaata, Guyyaa 11/02/15
~ 3:00 - 5:00 Civics

Barattoota saayinsii uumamaa hundaaf carraa gaarii hawwina.

@Gadaapost
@Gadaapost


Barattoonni qormaata adda kutanii bahan carraan hoomtuu hin laatamuuf.

Ministeerii Barnoota ibsa galgala kana baaseen Naannoo Amaaraa Yunversitii Maqdalaa Ambaa, Dabra Maarqoos, Bahaardaar, fi Dabraa Taaboori barattoonni kuma 12 fi 787 qormaata adda kutanii bahaniif carraan bira akka hin jire ibsameera.

Madda AMN

@Gadaapost
@Gadaapost


"Qormaatichi nagaan xumurame" - Waajjira Barnootaa

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Fulbaana 30 hanga Onkoloolessa 2, 2015tti qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa barattoota saayinsii hawaasaaf kennaa ture milkiin xumuramuu isaa waajjirri barnootaa magaalichaa ibseera.

Qormaanni kun Finfinneetti wiirtuuwwan qormaataa 9 keessatti akka kenname waajjirichi ibseera.

Qormaata fudhachuuf barattoonni saayinsii hawaasaa kuma 23 fi 208 kan galmaa’an yoo ta’u, isaan keessaa 22,533 qormaata kana akka fudhatan ibsameera.

Barattoonni sababa humnaa ol ta'een qormaata hin fudhannee fi ragaa barbaachisaa ta'e dhiyeessuu danda'an gara fuula duraatti akka qormaataman waajjirichi beeksiseera.

Barattoonni saayinsii uumamaa 25,995 Wiixata Onkololeessa 6/2015 dhaabbilee barnoota olaanoo qormaanni itti kennamu seenuun erga orijinteshiniin kennamee booda Onkoloolessa 8 hanga 11/2015tti  qormaata akka fudhatan himaniiru.

@Gadaapost
@Gadaapost


Boordiin Filannoo Biyyaalessaa murtoo Uummataa Naannoo Sabaa, Sablammootaa fi Uummatoota Kibbaatti gaggeeffamu ilaalchisuun qooda fudhatoota waliin Magaalaa Finfinneetti marii'achaa jira.

Marii kanaanis murtee Uummata Godinaalee 6 fi Aanaalee addaa 5 irratti gaggeeffamuuf qabame akkaataa raawwii isaarratti karoorri Boordii Filannoon dhihaatee irratti marii'achaa jiru.

Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Aadde Burtukaan Midhagsaa akka jedhanitti, Gaaffii uummataarratti hundaa'uun murtee Mana Maree Federeeshinii irraa nu gaheen Godinaalee 6 fi Aanaalee Addaa 5 irratti Boordichi murtee uummataa filannoon gaggeeffamuuf karoora raawwii baafachuun hojjechaa jiraachuu himanii, waltajjiin kunis qooda fudhatoonni yaada isaanii akka irratti kennaniif ta'uu himaniiru.

@Gadaapost
@Gadaapost


Maqaan barattoota kutaa 12 guyyaa hara Yunvarsitii Hawaasa riqicha Kaampaasii tokko gara bira geessu cabuun midhaan irra gahee Hospitaala Rifiraala Hawaasa kessatti Yaalii argachaa jiran ifa godhameera. Barattoonni yeroo ammaf yaalii fudhachaa jiran 258 ta'u Hospitaalichi beeksiseera.

@Gadaapost
@Gadaapost


Mootummaan Itoophiyaa adeemsa marii TPLF waliin jalqabe akka itti fufu beeksise

Mootummaan Itoophiyaa nagaa buusuuf jecha TPLF waliin marii taasisu akka itti fufu Pireezidant Sahaalawarq Zawudee ibsan.

waliinii mana maree bakka bu’oota uummataafi federeshinii jalqabaa bara hojii waggaa lammaaffaa irratti pireezidantittiin haasaa taasisaniin dhimmoota bara kana mootummaan irratti xiyyeefatu yeroo ibsan kana dubbatan.

'‘Haala faayidaa biyyattii kabachiiseen,’’ akkasumas '‘akkaataa waaraa,’’ taheen  marii TPLF waliin taasifamu akkatti fufu ibsaniiru.

Pireezidantittiin akka jedhanitti mootummaan marii itti fufu illee,’’karaan nagaa dhiisamee qoccollaan yoo raawwate tarkaanfiin ni fudhatama,’’ jechuunis ibsaniiru.

Dabaluunsi mootummaan haal-duree tokkoyyuu malee, marii’achuuf fedhii qabu ibsun,’’hulaan nagaa hin cufamu,’’ jechuun jala muraniiru.

Garaagarummaan kamiyyuu hiikuuf,’’ haal-duree tokko malee marii’achuuf ammallee mootummaan waamicha dhiyeessa,’’ jechuun pireezidantittiin dubbataniiru.

Waamicha marii Gamtaa Afrikaa torbee darbee hordofee mootummaan Itoophiyaa haal-duree iddoo fi yeroo kamittiyyuu marii taasisuuf qophii tahuu affeerraa marii nagaa fudhachuu beeksisee ture.

Haala wal-fakkaataan TPLF illee jaarsummaa Gamtaa Afrikaan marii Afrikaa Kibbatti taasifama jedhamerratti hirmaachuuf qophii tahuu ibsee ture.

Haa tahu malee mariin sabattan darbe taasifama jedhame rakkoo loojistiksiin otoo hin adeemsifameen hafeera.

Pireezidant Sahaaliwarqeen bara kana biyyattiin waraana keessaa akka baatuuf fedhii akka qabdu eeranii, Gamtaan Afrikaa tattaaffii nagaa taasisu akka itti fufus abdiin akka jiru himaniiru,
Kana malee haasaa mana maree lameeniif taasisaniin, marii TPLF waliin taasifamuun dabalataan Komishinii Marii Biyyaalessaa garaagarummaa yaadaa akka biyyaatti jiru furuuf tattaaffii taasisu mootummaan akka deggaru ibsaniiru.

'‘Waraanni dhiiga dhangalaase hammeenya uumeefi marammartoo lolaa keessa bahuuf,’’ koomishinicha cina dhaabbachuun akka barbaachisu himaniiru.

Walgahii har’a sa’aa booda taasifameen, dhimma siyaasaa, hawaassummaa akkasumas diinagdee irratti karoora mootummaan qabate pireezidantittiin ibsamaniiru.

@Gadaapost
@Gadaapost


#Yunversitii_Hawaasa
Odefannoo hanga ammaa jiruun balaa Yuniversitii kessatti qaqabeen  lubbuun nama tokko yoo darbu midhaa hamaa lamaa fi midha sasalphaa gahuun ifa godhameera.

@Gadaapost
@Gadaapost


#Kuta_12
Barattoonni Kutaa 12 Yunversitii Walaayittaa kessatti ramadaman qormaata haala kanaan fudhachaa jiru.

@Gadaapost
@Gadaapost

Показано 20 последних публикаций.

46 028

подписчиков
Статистика канала