JECHOOTA XIIN-SAMMUU


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


Kaayyoo qabaachuu kee malee kaayyoo kee maal akka ta'e namatti hin odeessin. Maalif yoo jatte? Namni kaayyoo kee yoo itti himte karaa itti kuftu siif mijjeessa waan ta'eef

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Репост из: Hope Promotion
𝐂𝐇𝐀𝐀𝐍𝐀𝐀𝐋𝐈𝐈 𝐆𝐔𝐑𝐆𝐔𝐑𝐓𝐀𝐀


𝐍𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐂𝐡𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚𝐥𝐢𝐢 𝐁𝐢𝐭𝐮𝐮 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝐚𝐧 𝐆𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐌𝐚𝐝𝐚𝐚𝐥𝐚𝐰𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐂𝐡𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚𝐥𝐨𝐭𝐚 𝐀𝐫𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐆𝐚𝐝𝐢𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐀𝐫𝐠𝐚𝐦𝐚𝐧 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐁𝐢𝐭𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐃𝐚𝐧𝐝𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮

1.4𝐊
1.9𝐊
2.3𝐊
2.4𝐊
2.5𝐊
2.8𝐊
11.9𝐊


𝑵𝒂𝒎𝒏𝒊 𝑩𝒊𝒕𝒖𝒖 𝑩𝒂𝒓𝒃𝒂𝒂𝒅𝒅𝒂𝒏 𝑻𝒐𝒐𝒓𝒂 𝒂𝒓𝒎𝒂𝒂𝒏 𝑮𝒂𝒅𝒊𝒊 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒏 𝑵𝒖 𝑸𝒖𝒏𝒏𝒂𝒎𝒖𝒖 𝒂𝒏𝒅𝒆𝒆𝒔𝒔𝒖𝒖

┏━━━━━━━━━━┓
    𝐂𝐎𝐍𝐓𝐀𝐂𝐓 𝐈𝐍𝐅𝐎
┗━━━━━━━━━━┛

𝑷𝒉𝒐𝒏𝒆 𝑵𝒖𝒎𝒃𝒆𝒓 - 0901347788
𝑼𝒔𝒆𝒓𝒏𝒂𝒎𝒆 𝑻 - @Rafiqul_Islaam
𝑪𝒉𝒂𝒏𝒏𝒆𝒍 - @GurgurtaaChaanaalii
𝑬𝒎𝒂𝒊𝒍 - Furkanawel440@gmail.com


Репост из: Hope Promotion
𝐆𝐚𝐚𝐟𝐟𝐢𝐢 𝐀𝐫𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐆𝐚𝐝𝐢𝐢 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐇𝐢𝐫𝐦𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚. 

𝐌𝐚𝐬𝐣𝐢𝐢𝐝𝐚 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐉𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐟 𝐄𝐫𝐠𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢 (𝑺𝒂𝒍𝒍𝒂𝒍𝒍𝒂𝒂𝒉𝒖 𝒂𝒍𝒂𝒚𝒉𝒊 𝒘𝒐𝒔𝒔𝒂𝒍𝒍𝒂𝒎) 𝐌𝐚𝐝𝐢𝐢𝐧𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐈𝐣𝐚𝐚𝐫𝐚𝐧 𝐊𝐚𝐦𝐢𝐢??


Gaafa rakkinni sitti dhufu hin laafiin...

Jireenyi Addunyaa kanaa akka Ati yaaddetti osoo hin taane akka fedhii isheetti si jiraachisuu dandeessi.

Jireenya jettee ati addunyaa kanarratti jiraattu kun yeroo hundaa akka ati feete siif hin taatu. Wanti ati har'a of harkaa qabdu guyyaa tokko akka dhabdu beekuu qabda.

Mee fakkeenya tokkon siif fudhadha:- Nama ati hedduu jaalattu yeroo hundaa of biraa dhabuu hin feene yoo dhabdemmoo jireenyi kee hiika akka hin qabnetti fudhattee ija kee irraa buqqisuun illee si sassachiisu osoo of biraa du'aan dhabdehoo?? Ykn namni sun akka ati isa jaalatutti si jaalachuu dhiisee onneekee madeessee osoo deemehoo??

Argitee jireenya kana gaafa jiraattu dhiphinaaf, dhabaaf, gaddaaf, rakkinaaf qophaa'aa ta'uu qabda. Sababni isaas yeroo hundaa gammachuun hin jiru gaddi ni jiraata, jaalalli akkuma jiru jibbis ni jiraata, wal arguun akkuma jiru gargar bahuunis ni jiraata.
Nama jaalatturraa gargar bahuu yaaduun ulfaataa ta'us guyyaa tokko dirqama nama sanarraa adda ni baata kun seera uumamaati! Kanaaf gammachuun yeroo hundaa waan hin jirreef gaddaaf of  qopheessi.

Gaafa rakkinni sitti dhufu hin laafiin, jireenyi rakkina kanaa booda akka waan hin jirreetti fudhattee mataa hin cabiin jabaadhu. Bor guyyaa addaa ta'uusaa bari.

Jireenya addunyaa kanaa salphisuus ulfeessuus kan danda'u suma mataa keedha. Al tokko tokko rakkinoota nu quunnamanirra rakkinichaaf deebiin nuti kenninu hedduu nu miidhu kanaaf jireenya kee salphistee jiraachuu yoo feete wanta har'a argite boru akka hin jirre, akkasumas adda bahuu namni ati hin feene guyyaa tokko akka irraa adda baatu beektee yeroo hundumaa qophaa'aa ta'uu qabda

Halkan akkuma jiru bariin illee ni dhufee halkanicha akka seenaatt ni haasofta, hin darbu wanti ati jette darbee boqonnaa haaraatti ni ceeta guyyichas seenaa jettee dubbatatta. Kan jaalatte si jibbus kan abdatte si ganus godoon ati ijaarratte si jalaa diigamus guyyaa tokko hunduu darbee galmee seenaa keerratti ni galmaa'a

Kanaaf yeroo hundumaa ati nama jabaa akka taateefi rakkinni si moo'uu akka hin dandeenye ofiiti dubbadhu! Gochi ati gootu firii yaada kee waan ta'eef waan gaarii yaaduu shaakali yeroos waan gaarii hojjetta jireenya kees salphistee jiraatta.

Sababa malee namni kamuu addunyaa kanarratti hin uumamu atis akkasuma sababa dhalatteef qabda kanaaf gaafa rakkinni sitti dhufu guyyaa uumama kee hin abaariin! Dukkana booda ifni ni jira dukkanni har'aas darbee kaleessa ni ta'a isas borirra dhaabattee ni haasofta.... Ati uumama kaleessaafi boru walitti araarsitee har'a jiraachuu danda'udha kanaaf ati yeroo hundaa nama addaati!! Jabaadhu jireenya moo'i malee jireenyi sin moo'iin ergaa kooti.
 

@XIIN_SAMMUU
@XIIN_SAMMUU


Репост из: Hope Promotion
Ergaa kana Namaaf Affeeruun Badhaasa Torbee Kanaa Badhaafamaa.
Kun Baankii Oromiyaati

1. Dursa Liinkii armaan Gadii Tuqaa https://t.me/official_oromia_bank_bot?start=5728376436
2. Itti Aansuun Start kan jedhu tuqaa
3. Join Channel Kan jedhu Tuqaa
4. Gara BOT itti dubatti deebi'aa
5. Continue kan jedhu tuquun Liinkii ittiin namoota affeertan argattu
6. Liinkii argattan firaaf aantee keessaniif namoota qooda

Liinkii Kana yoo xiqqaate Namoota 50 f qoodaa
Hanguma Namootaaf qooddanniin hangi badhaafamtanis dabalaa deema.

Badhaasni keenya torbeetti yeroo hunda Badhaafamtoota ni qaqqaba

መልዕክቱን ያጋሩ፣ የዚህ ሳምንት ተሸላሚ ይሁኑ!
ይህ ኦሮሚያ ባንክ ነው!

1. በቅድሚያ ቀጥሎ ያለውን ሊንክ ይጫኑ https://t.me/official_oromia_bank_bot?start=5728376436
2. በመቀጠል Start የሚለውን ይጫኑ
3. Join Channel የሚለውን ይጫኑ
4. ወደ ቦቱ ይመለሱ
5. Continue የሚለውን ተጭነው የመጋበዣ ሊንክዎን ያግኙ
6. መልእክቱን ለወዳጅ ዘመድዎ ያጋሩ

መልዕክቱን ቢያንስ ለ50 እና ከዚያ በላይ ወዳጅ ዘመድዎ ሼር በማድረግ በየሳምንቱ ተሸላሚ ይሁኑ!

ሽልማቱ ሁሌም በየሳምንቱ አርብ ለተሸላሚዎች ይደርሳል፣


Репост из: DAANDII GUDDINAA
Waan hin dandeenye hin eegalani
Waan eegalte dadhabe jeette karaatti hin dhiisin
Miidhame jeette midhama keessa kee hin ilaaliin
akkuma cabdeetti okkolaa utaali hamma bakka yaade geetuutti.


Репост из: DAANDII GUDDINAA
Jechoota Saayikooloojii 7

 1. Qaanii kee gara namoota birootti hin fidin.
- Qaanii kee hin beeksifatin.
- Akka ati yaaddutti ifatti beekamuu dhiisuu danda'a.

2. "Qaafi" jettee of hin moggaasin.
- Tokkoon tokkoon keenya addaadha.
- Amala tokko osoo hin taane akka nama dhuunfaa addaatti of haa ibsamu.

3. Hafuura Gadi Fageenyaa Baafachuu.
- Waan tokko irratti yeroo rifachuun sitti dhaga'amu qaana'uu danda'a.
- Hafuura baafachuu, akka tasgabbooftuu fi akkasumas sirriitti akka yaaddu si gargaara.
- Akkasumas waan hojjechuuf jettu irratti ofitti amanamummaa akka sitti dhagahamu si gargaara.

4. Namoota Haaraa Wal Baruu.
- Ofitti amanamummaa guddaa akka qabaattu si gargaara.
- Namoota hin beekne itti dhiyaatanii waliin haasa’uu jalqabuun rakkisaa ta’uu danda’a.
- Hojjechuu jalqabi, kana yeroo baay'ee hojjechuu barbaadda.

5. Of Mul'adhu.
- Humna sammuu hin xiqqeessinaa.
- Uummata duratti dubbachuu, nama jaallattu waliin haasa'uu, namoota hin beekne waliin wal arguu, galma hojii kee galmaan ga'uu fi kanneen biroo hedduu ofitti amanamummaa qabaachuu kee kalaqaan of mul'isi.
- Ofitti amanamummaa si barbaachisu akka argattu si gargaara.

6. Akka gaariitti akka deemu karoorfadhu.
 - Qaanfachuun amala cimaa qorannoo gadhee garmalee tilmaamuun kan beekamudha.
- Yeroo hunda namoonni biroo karaa hamaa ta'een akka si madaalan sodaatta.
- Think pozaatiivii.  Wanti hundi akka gaariitti akka deemu yaaduu itti fufi.  Yaaddoo ni hir'isa.

7. Yeroo hundumaa fedhii beekuu qabaadhu.
- Namoota biroof fedhii dhugaa qabaachuu.
- Bilisummaadhaan haasa'uuf ni hayyama.

https://t.me/DaandiiGuddinaa


  Jechoota Mimmiidhagoo:

1. Namni utuu kitaaba dubbisuu danda'uu kitaaba hin dubbifne, nama dubbisuu hin dandeenyerra hin caalu.
2. Namoonni hedduun hamma maqaa isaanii hin ga'an. Maqaa isaaniitu isaan caala.
3. Milkaa'inni wanta namoonni hin argin arguu danda'uudha.
4. Dandeettii / ga'uumsa keessa kee jiru qofaan dorgomi! 
5. Beekumsa qaban irratti hundaa'ee namoota gosa 4 tu jira. Isaaniis:

Nama hin beekne , akka hin beekne, kan hin beekne.
Nama hin beekne, akka hin beekne, kan beeku.
Nama beeku, akka beeku kan hin beekne
Nama beeku, akka beeku kan beeku.
6. Yeroo hubachuu ilaalchisee namoota gosa 3 tu jira.

Har'a keessa ta'anii kaleessaaf warra jiraatan.
Har'a keessa ta'anii boriif warra jiraatan.
Har'a warra jiraatan.
7. Kaleessi dabreera, bor hin dhalanne, yeroon qabnu har'a qofa.
8. Eessa akka jirtu beekuu caalaa eenyu akka taate beekuutu si fayyada.
9. Diinni milkaa'inaa inni guddaan milkaa'ina mataa isaati.
10. Rakkinni namoota baay'ee humna dhabuu utuu hin ta'in akka humna qaban wallaaluudha.
11. Eenyuyyuu qofaa isaa jiraatee kan fiixaan baafate hin jiru.
12. Namni baay'ees si miidha baay'ees si fayyada. 
13. Bilchinaaf karaan qaxxaamuraa hin jiru.
14. Milkaa'inni 99% kufaatiidha.
15. Yaalii dadhabi malee yaaluu hin dadhabin!
16. Carraatti utuu hin ta'in hojiitti amani!

@XIIN_SAMMUU
@XIIN_SAMMUU


HUBADHU!

• Osoo fiiguu hin jalqabiniin dura kallattii kam akka fiigdu adda baafadhu!
• Osoo waan tokko hin murteessin dura, murtii booda waan dhufu tilmaami!

Amaloota sadi dhiisuu qabda:

➝ Abdii kutachuu,
➝ Hammeenya hojjachuu fi 
➝ Nama tuffachuu dhiisuu qabda.
Yeroo hedduu kan jireenya keenya jijjiiru humna alaa dhufu osoo hin taane humna sammuun keenya maddisiisudha; yaada namni biroo nuuf kennu irra yaada sammuun keenya burqisiisutu nu hooggana! kanaafuu waan gaarii gochuuf waan gaarii yaaduu qabna;
Akka saayinsiin jedhutti namni tokko jiraachuuf waantonni akka bu'uuraatti barbaachisan nyaata, uffataa fi mana jireenyaati jedhee lafa kaa'a; garuu jiraachuuf kun gahaa miti jiraachuuf Gammachuu qabaachuunis barbaachisaadha; namni gammachuu hin qabne, namni kolfi isaa harkaa bade jiraachuun hedduu itti ulfaata; du'uu filata (kana kan arge hubachuu danda'a).
JIREENYA GAMMACHUU QABU JIRAACHUUF:-
- Nama ta'uu kee yeroo hunda yaadadhu.
- Namoota Kamiinu qixa akka taate of amansiisi (namni eenyummaa isaan wal qixa; doktorii, pirofeserii, barsiisaa... waan fedhe haa ta'u kunneen eenyummaa isaa osoo hin taane maalummaa isaati. Namni kan madaalamu ammoo maalummaa isaan osoo hin taane eenyummaa isaani kanaafu ati Nama dha Amani).
- Akka duutus hin dagatiin.
- Namaaf ilaalcha gaarii qabaadhu.
- Nama gargaari (bay z way....gaafa nama tokko gargaarru isa gargaarame caalaa kan gammadu isa gargaaredha).
- Namoota si miidhaniif Dhiifama godhi (kun gammachuu dhokataa danuu qaba).
Na amani Warreeen armaan olii kana yoo raawwatte salphumatti nama gammachuu qabu taata.


@XIIN_SAMMUU
@XIIN_SAMMUU


  Gorsa Shan [5]  

1. Iddoo Hundumaatti gaarummaa hojjadhu! Yoos maqaan kee bakka gaaritti waamama.
2. Eenyummaan kee inni qajeelaan bakka oolteen utuu hin taane, hojii bakkichatti hojjetteen madaalama.
3. Amma dandeessu namoota onnachiisi! Nama tuffachuu hundumtuu gochuu danda'a waan ta'eef.
4. Gammachuu argachuu kan dandeessu gaafa kaayyoo keetiif jiraattudha.
5. Yeroo keetti fayyadami! (Use time wisely)

@XIIN_SAMMUU
@XIIN_SAMMUU


Of Jijjiiruuf Kallattilee Bu'uuraa 10

➛ Ati nama guddachuuf of qopheessuu jaalatuu dhaa? Karaa kamiiniyyuu of jijjiiruuf kallattii barbaadaa jirtaa? 

➛ Yeroo kamiyyuu kallattiin ittiin jireenya keenya jijjiiruu dandeenyu malli ni jira. 

➛ Dandeettiin nama keessa jiru daangeffamaa miti. Kanaafuu dhuma milkaa'insaa irra gaheera kan jedhu hin jiru. Tuqaan milkaa'insa isa dhumaas hin jiru.

Yommuu of xinxallu nuti nama gaariidha, gahoodhas.

➛ Kallattiin milkaa'inaa kennamu itti fufiinsaan of jijjiiruuf akka ta'uu fi yeroo hundumaa tarkaanfiin guddaan irratti dammaquu qabnu akka jirudha. Tarkaanfileen milkaa'insaa tokko tokko karaa salphaadhaan kan adeemsisu yoo ta'u, kan deeggarsa barbaachisus jiru.

1. Yeroo Hundumaa Dubbisi! (Read Every Day): Maddi ogummaa jireenyaa kitaaba dubbisuun ni argama. Hanguma baay'ina kitaaba dubbistu ogummaan horattus caalmaatti dabalamaa adeema. Guyyaa hundumaa kitaaba yommuu dubbistu sammuun kee beekumsa soorata. 

2. Afaan Haaraa Baradhu! (Learn New Language): Afaan dabalataa baruun dandeettii fi beekumsa dabalataa akka argattu si gargaara. Sammuu banamaan afaanii fi aadaa kanneen biroo barachuun muuxannoo jireenyaa gabbisa.

3. Fedha Haaraa of Keessatti Uumi! (Pick up a New Hobby): Fedha kee cinaatti fedha kanneen biroo fakkeenyaaf jabeenya qaamaa, walaloo barreessuu, horachuun yommuu hojii xumurtu shaakaluun dandeettii kee alaan, keessaan, yaadaadhaan ni guddifatta.

4. Barnoota Haaraa Fudhadhu! (Pick up a New Course): Barnoonni karaa ittiin beekumsa haaraa argatanii fi dandeettii ittiin of jijjiiranii dha. 

5. Kutaa Dadammaqiinsaa Uumi! (Create an Ispirational Room): Naannoon ati jirtu kaka'uumsa waan haaraa uumuf ati qabdu cimsuuf gahee qaba. Kan jirtu naannoo dadammaqiinsaaf si gargaaru yoo ta'e, yeroo hundumaa keessa kee haaressita. Kutaan mana kee keessa jiru duwwaa akkasumas toora kan hin qabne yoo ta'e, kutaa dadammaqiinsaa gochuuf wantoota dammaqiinsaf si gargaaran, jechoota barreessuun yookin fakkii kaasuun itti maxxansi!

6. Sodaa Kee Moo'adhu! (Overcome Your Fears): Dandeettii dubbii irratti, sagalee dhageessifachuu irratti sodaa qabda taanan, sodaan kee sadarkaa jijjiiramaa tokko irra akka turtuu fi of jijjiiruu irraa si dhoorka. Naannoo itti sodaa kee moo'achuu dandeessu uumuun irratti hojjedhu!

7. Sadarkaa Kee Ol Guddisi! (Level up Your Skills): Hojii kee irratti muuxannoo fudhachuun isa caalutti ol guddifachuu dha.

8. Ganamaan Ka'i! (Wake up Early!): Obboroon ka'uun bu'aa hojii fi of jijjiiruu irratti gahee olaanaa qaba. Ganamaan yoo kaatu yeroo gahaa itti of qopheessitu namoota kan biroo caalaa qabaatta. 

9. Sochii Qaamaa fi jabeenyaa Torbanii (Weekly Exercise): Qindaa'insaa fi bareedina akkasumas fayyina qaamaaf sosochiin qaamaa murteessaa dha. 

10. Kitaaba Jireenya Kee Eegali! (Start Your Life Handbook): Kitaabni jireenyaa of keessaa akkaataa jiruu fi jireenya kee itti jiraattu qaba. Fuula tokkoon tokkoon isaa irratti of qopheessuun, kaayyoo kee, bu'aa argattuu fi galma geessu madaalaa adeem
ta.

@XIIN_SAMMUU
@XIIN_SAMMUU


Jechoota Hayyoota Lixaa

"Beekumsi kennaa uumamaa si jalaa hin hatamneedha."
   — Albart Staayin

"Hiyyummaan hiyyuuma caalu hiyyummaa sammuuti."
  — Sooqiraxas

"Hanga lubbuun jirtutti waan gaarii hojjedhu!"
  — Abrahaam Linkan

"Yeroo dabarsuurra guyyaa beellamaa dabarsuu wayya!"
  — Abrahaam Linkan

"Beekaa jedhamuuf barumsa keessa darbuu osoo hin taane baruumsi si keessa darbuu qaba."
  — Abrahaam Linkan

"Sammuun qullaa ta'uu irra kiisiin qullaa ta'uu wayya."
   — Sheekispiir

"Boru kaleessaaf karoorfachuu hin dandeessu."
   — Edmand Bark

"Yeroo hunda tarkaanfii tokko yoo yaaddu qormaanni gufuun miilla kee irratti ni mul'ata."
   — Antoon Cheevak

"Nama irra yaaduf yaali! Garuu namarra beekadha ofiin hin jedhin!"
   — Wiiliyaam Jaamsi

"Horii kee waan barbaaddetti jijjiiruu dandeessa! Biyya kee garuu hin dandeessu."
   — Joon F. Keneediin

"Bareedinni sammuudhaa umurii wajjiin dabalaa yoo adeemu kan bifaa immoo hir'achaa deema."
   — Joon F. Keneediin

"Humna agarsiiftuu ol qabaadhu! Hamma beektu dubbadhu!"
   — W. Sheekispiir

Chaanaalii kana join share woliif godhaa

@XIIN_SAMMUU


 Gufuulee Milkaa'inaa... 

1. Ofittummaa.
2. Sodaa kufaatii.
3. Karoora qabatamaa qabaachuu dhabuu.
4. Galmaawwan beekamoo qabaachuu dhabuu.
5. Jijjiirama haala jireenyaa.
6. Waan har'a hojjechuu dandeenyu yeroo biraatti dabarsuu.
7. Hanqina karoora/qarshii.
8. Ittigaafatamummaa maatii.
9. Waan tokko irratti xiyyeefachuu dhabuu.
10. Faayidaa yeroof jennee mul'ata ykn kaayyoo keenya dagachuu.
11. Qofaa keenya hedduu hojjachuu.
12. Humna ofii ol yaaduu.
13. Kutannoo qabaachuu dhabuu.
14. Leenjii barbaachisaa qabaachuu dhabuu.
15. Sabrii dhabuu. 
16. Filannoo beekama ykn qabatamaa dhabuu.

https://t.me/XIIN_SAMMUU


WANTOOTA 6 NAMOOTATTI HIN HIMIN..!

Karoora kee.

Dadhabina kee.

Kufaatii kee.

Iccitii kee.

Sochii kee kan fuul-duraa.

Galii kee yookiin (qabeenya) kee hin himin.


       JAHAN KANA AMMOO HUBADHU!   

Yaadi malee hin dhiphatin!

Nama irraa baay'ee hin eeggatin!

Dandeettii keetti fayyadami!

Dogoggora kee irraa baradhu!

Ofitti amani!

Dandeettii kee beeki!

https://t.me/XIIN_SAMMUU


Kaayyoo kee galmaan gahuuf wantoota 5 kana godhi!

1. Jechoota namaa "Maal naan jedhan" sammuu kee ol otuu hin ta'in miila kee jala kaa'i.

2. Rakkina amma keessa jirtuu fi cinqii sitti jirtu kana kaleessa kee yaadachuun, Fuul-dura kee Abdachuun bira kuti.

3. Ogummaa keetii fi cimina kee namatti himuu osoo hin ta'in hojjachuun agarsiisi.

4. Kaayyoo qabaachuu kee malee kaayyoo kee maal akka ta'e namatti hin odeessin. Maalif yoo jatte? Namni kaayyoo kee yoo itti himte karaa itti kuftu siif mijjeessa waan ta'eef.

5. Taatee argamuu, (Ofitti amantummaan hojjachuu).

https://t.me/XIIN_SAMMUU

Показано 14 последних публикаций.

2 517

подписчиков
Статистика канала