# Seenaa fakkaata yuusuf aleyhi salaam...!!
. ibnal qayyim kitaaba saa rowdatul muhabbin kessatti seena zamana umar binu kaxxab kessatti argamte takka dubbate.!!
Seenaan tun mucaa dardaraa ka rabbi sodaatu tokko wajjiin wal qabatti.
# umar mucaa kana kan jaalatu kan tottaohatu ture
Akkasuma kan isa gaggaafatu ture yeroo mucaa kana dhabe Sababaa sodaa rabbiti fi dalagaa gaari irratti arkuuf jecha..!!
# mucaa kana intalti dubraa bareeddun takka isa agarteeti isa jaalatte isatti rarraafamte.!
Karaa mucaa kana ittiin arkattu barbaadde .
Dullattin takka yeroo isii akkanatti jaalattu arkiteen anaatu mucaa kana siif fida jatteen...
# dullattin tun mucaa kana bira dhufteeti isaan jatte : ani nama dulloome ,re"ee takkaan qaba kaniin elmachuu hin dandeenye osoo dhufte na gargaarte ..siifis
Sawaabatu jiraa jatteen .
Mucaan nama akkaan keeyrirratti bolalu tahe haya Ja"eti mana isii dhufe yeroo mana dhufu re"e hin arkine .. Dullattin "amman fida asitti na eegi " jatteeni bira kutte.!
# intalti bareeddun San Isaaf mul"attee, lubbuu isaarra barbaadde ,isirraa garagale.!
Isirraa achi deemeti rabbi zakkarutti seene ..isa dura daddemteeti isaaf mumul"atte.
Inni gama dachi malee isitti hin mil"atu.
yeroo isarraa garaa muratte ni lallabde sagalee ol fudhatte : gurbaan kun manatti natti ol seeneti lubbu tiyya na barbaade jatte lallabde .
Namoonni isarratti ol seenaniiti isa tumanii isa hidhan harkaa fi miila isaa.
# guyyaa itti aanu umaritti fidan harkaa fi miila isaa hidhanii.
Umar " yaa rabbi yaadan an isa itti yaadu sanirraa nan hongooysin ja"e. "
Umar mucaadhaan : dhugaa naaf himi ja"en.?
Mucaan seenaa itti hime ...
# umar ollaa intala sanitti ergeeti ,dulloota naanno San jiru walitti na qabaa ja"en.
Mucaanis dulloota kessa dullatti mana isitti isa yaamte San beeke .
Umar : dullattin na dhugoomsi ja"en.?
Yeruma duraatti isaaf dhugaa himte.!
Umar : Rabbii fakkaata yuusuf nu kessatti godheef galanni haa galuu ja"e.!!
@alfannn@alfannn @alfannn