🌲ONNACHÌÌFŤÙ JIŔÙÚ🌙🌙🔐


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


Waan nama

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Репост из: Shamarran jannata 😍😘
GUYYAA JUM'AA ======//===
قَالَ رَسُول الله ﷺ :

✍🌸,Eragamaan Rabbii ﷺni jedhan Guyyaa Jumu'aa keessa sa'aa takkatu jira, Allaahan gabricha Muslimaa sa'a san ni qunnamaa.

✍ 🍒Salaata salaatee, Allaaha Subhaana Wata'aala wahii takka yoo kadhatee, Raabbin isaaf kennu malee hin hafu waan inni kadhate san."
✍Guyyaa arraa kana keessatti
Hawwiikee kan galma siif gahuu dhabe mara RABBIIN galmaan siif haa gahu insha'allah.

✍ Ammas Nabiyyii irrattii guyyaa jum'aa salawataa busuu haa heddumessinuu .ﷺ

🌴 sadarkaa salaawaata nabi irratti buusuun qabdu keessa..ﷺ.

🌿 Namni yeroo tokko narratti salawaata buuse, rabbi ammo yeroo 10 salawaata isarratti buusaa jedhan.

☪Salawaanni rabbirraa gabrichatti rahmata isaaf godhuudha,
Malaa'ikarraa ammo istigfaraa isaaf kadhachudhaa........https://t.me/barsistu


Репост из: ABC PROMOTION BOT
🌹Wantoonni salaata keessatti jibbaman maal fa'i ?

➫Raka'aa lamaan duraa keessatti faatihaa qofa irratti gabaabbachuu.
➫Faatihaa irra deddeebi'anii qara’uu,Yoo haajaadhaaf irra deddeebi'an garuu homaa rakkoon qabu.
➫Haajaa malee salaata keessa olii gadi mimildhachuu.
➫Ija lamaaniin dunuunfatanii salaatuu.
➫yeroo sujuudaa ciqilee lamaan Afatanii salaatuu.
➫Salaata keessa sochii adda addaa heddummeessuu.
➫Kalee qabatanii salaatuu.
➫Uffata(fooxaa )dacheedhaan gahanii salaatuu.
➫Afaanitti haguuggatanii salaatuu.
➫Imaama dursuu.
➫Qubbiin harkaa walitti diruu.
➫Rifeensaa fi uffata qabuu (gadi dhiifamuu dhoorguu).
➫Bakka nyaanni qophaa’etti salaatuu.
➫Osoo fincaan nama qabee jiru(cinqaa jiru)salaatuu.
➫Salaata keessa ijaan samii keessa ilaaluu.
Itti fufa...............
Kana qofa miti


Репост из: HADIISA
🗡 BOODDEEN KEENYA HIN TOLU WANTA WARRI DURAA ITTIIN TOLEEN MALEE**

⚔ Yeroon amma nuti keessa jirru kun yeroo qormaatni baay'een gara adda addaatiin nutti baay'achaa jiraniidha. Fatanaan hedduun karaa aqiidaa namaa balleessuutiin, karaa sunnaa fii bid'aa namatti walfakkeessuutiin, Jiruu fii jireenya addunyaa ofii keessatti Fatanaa(qormaata) hamma kana hin jedhamneetu nuufii Obboleewwan keenyaa hedduu isaanii qunnamaa jira.

⚔ Yeroo kanatti fitinaalee hedduu jiran keessa kan yeroo hunda ofirraa eeguun dirqama ta'ee fii hamaan; fitinaa gara #aqiidaatiin dhuftu.

⚔ Yaa obboleewwan Karaan ittiin Fitinaa jana hunda jalaa ittiin nagaya bahan, Karaa ittiin warri gaggaari nu darban ittiin nagaya bahan sani. Innis waan dhufe hunda Madaala #QUR'AANAA FII #HADIISAA , Akkasumas hubannaa qur'aanaa fii hadiisaa kan Warreen gaggaarii nu dura darbanii irra khaayuudha.

⚔ aqiidaan gad dhaabbattuudha. Waan qiyaasni keessatti jiruu miti. Aqiidaa keessatti qiyaasni/yaadni mataa ofii hin dalagu. Yaada kitaabaa fii sunnaa irraa as dhufe yoo taate qofa malee.

⚔ Kanaafu Ati nama kitaabaa fii sunnaa beeku yoo taate, Waan gama kanaan dhufe kamuu Gara qur'aanaa fii hadiisaa deebisi. Yoo waan isaan lamaan keessa jiruun walgaxxame nu fudhatta. Yoo kana hin tahin gidaaratti gad dhiifta.

⚔ Yoo ati immoo nama Dhimma sitti dhufe san hin beekne, kan qur'aana fii hadiisaas hin beekne taate, gama beektota islaamaa wanta kanaan beekumsaa fii beekamtii qabanii deebisi. Isaan qur'aanaa fii hadiisirraa deebii quubsaa siif kennuu.

⚔ Hubadhu Aqiidaa qofa keessatti osoo hin taane Amrii tee hunda keessatti Waan hojjattuu fii dubbattu hunda miizaana Qur'aanaa fii Hadiisaa irra kaayi. Yoo walgaxxaman hojjadhu/dubbadhu. Yoo walhin gaxxamin achumatti ofirraa lakkisi.

⚔ Wantin kana dubbadheef Imaamu Maalik (Ra) akki jedhan(** booddeen ummata kanaa hin bareedu(hin tolu) waan ummanni duraa ittiin toleen malee***).
قال إمام مالك (ره) . (***" لا يصلح آخر هده الأمة إلا بما صلح أولها "***)

🛠 Kanaafuu khaatimaan keenyaa fii Haallumti keenya amma itti jirru akka toluuf, akka fitinaa irraa nagaya baanuuf, akka Waan namarrati walfakkaatu kan kaafirtoonni fii Warri bid'aa deemaniin hunda jalaa Nagaya baanee, injifannee irra Aanuuf Gara Wanta ummanni duraa ittiin tole sanitti haa deebinuu.

🔔 Wanti Warri duraa ittiin tole immoo #Qur'aanaa fii #Hadiisa . Nutiis Amrii Keenya kan diinii fii Duniyaa hunda Gara Qur'aanaa fii Hadiisaa haa deebisnuu. Miizaana qur'aanaa fii hadiisaatiin haa miizaannu. Ija Qur'aanaa fii hadiisaatiin haa ilaalluu.

✍By HadithOfficial Member.

🔑 join gochuuf____👉 @HadithOfficial
🔑 Yaada Keessaniif👉@hadithofficial_bot


​​Shamarraniif : Qadaa Ramadaanaa moo Sunnaa Shawwaal dura kafalla?
•••
Hadiisa Abuu Ayyuub al-Ansaariin odeyseen Ergamaan Rabbii (ﷺ )"namni Ramadaana Soommanee eeganaa jaha Shawwaal irraa itti aanse, akka nama amata guutuu Soommaneeti" jedhe. Muslimtu gabaase

Shawwaal, ji'a Ramadaanatti aanee dhufu irraa guyyaa 6 Soommanuun Sunnaa dha. Soommana Ramadaanaa waliin akka nama amata guutuu Soommanaa bahetti Ajrii arganna. Soommana 6n Shawwaal kana walitti aansinee ykn adda babaasneetis Soommanuu ni dandeenya.

"Qadaa Ramadaanaa moo Sunnaa Shawwaal dura kafalla?" gaafii jettuuf, namni Qadaa Ramadaanaa qabu dura isa kafala. Eeganaa Sunnaa Shawwaal kana Soommana. Osoo Soommanni dirqamaa nurra jiruu, kan Sunnaa Soommanuu hin qabnu. Ergamaan Rabbii ﷺ "namni Ramadaana Soommanee eeganaa jaha Shawwaal irraa itti aanse, akka nama amata guutuu Soommaneeti" ja'e. Kan Ramadaana hin guuttatin jalqaba haa guuttatu. Nama Ramadaana guutuu Soommaneetu, Soommana Sunnaa itti aansa. Dura Ramadaana xumurree, eeganaa kan Shawwaal kana Soommanna jechuudha.

Ramadaana keessa shamarran wanni aadaa itti dhufte ykn dhalte, kan imaltuu baheefi dhukkubsatees akkanuma godha. Dura Qadaa kafalee, eeganaa kan Sunnaa itti aansa.
@islamtub


Репост из: ABC PROMOTION BOT
💫Gabaabinnumaan Baatii Shawwaaliin Ilaalchisee;
*((أحكام مختصرة في شهر شوال))*


*«ﻣﻦ ﺻﺎﻡ ﺭﻣﻀﺎﻥ ﺛﻢ ﺃﺗﺒﻌﻪ ﺳﺘﺎ ﻣﻦ ﺷﻮاﻝ، ﻛﺎﻥ ﻛﺼﻴﺎﻡ اﻟﺪﻫﺮ».*
*❒ رواه ومسلم ٢٠٤ - (١١٦٤).*
"Namni baatii Ramadaanaa soomee,ergasii,bulti jahan shawwaal duubaan hordofsiise,akka nama waggaa guutuu soomeeti"jedhan ergamaan Rabbii(S.A.W).
➦Bulti jahan tana soomuun dhiiraa fi dubartii irraahis barbaachisaadha.
➦Namni sooma baatii ramadaanaa hin guuttatin Ajrii shawwaal hin argatu hanga qadaa ramadaanaa ufirraa kafalutti akka Imaam Ibnu baaz faanti jedhanitti.
Sooma waajibaa sunnaa dura ufirraa kafaluu qaba jedhan.
➦Bultii jahan kana akkamitti soomuun danda'ama?
( كيفية صيام الست من شوال؟)
Ibnu baaz akkana jedhan;
➦Baatii shawwaal guutuu irraa filataa jedhan.
★Yoo fedhe gara jalqabaa kana sooma.
★Yoo fedhe gara walakkaa achi hiiqsee sooma.
★Yoo fedhe gara xumuraa soomuu danda'a.
★Yoo fedhe addaan kutee soomuu danda'a.
★Yoo fedhe walitti aansee soomuu danda'a.
Walumaa galatti hanga baatiin shawwaal keessaa baatutti ufirraa xumuruu ni danda'a jedhan.
➦Garuu Kanneen hunda keessaa kamiin soomutu irra caala?
( ما الأفضل في صيام الست من شوال؟)
Ibnu baaz akkana jedhan;
"Gara jalqabaa kana(Ramadaanatti Aansanii)soomutu irra filatamaadha.
*❒ الفتاوى ❪٣٩٠/١٥❫.*
Ibnu Useyminis Iida booda walitti aansanii soomutu irra filatamaadha jedhan.
*❒ الفتاوى ❪٢٠/٢٠❫.*
➦Walitti aansanii soomuun dirqamaa?
walitti aansinee soomullee dandeenya,addaan babaafnee soomuullee ni dandeenya.
يجوز صيامها متتابعة ومتفرقة.
*❒ الفتاوى ❪٣٩١/١٥❫.*
➦Shawwaaliin bara hundaa soomuun namarratti dirqamaa?
*❉ قال ابن عثيمين:*
"Sunnaa waan taateefi bara tokko soomanii bara tokko yoo dhiisanis homaa dhiibbaa hin qabu jedhan".
*❒ الفتاوى ❪٢١/٢٠❫.
➦Ramadaana booda Bultii jahan shawwaal soomuun maaf karaa godhame?
( مالحكمة من صيام الست من شوال؟)
★waajibni ittiin haa guutamuuf,bultii jahaa ramadaana booda soomujn akka fakkeenya salaata waajibaa booda sunnaa salaatuuti!,
★Kana jechuun akka wanti waajiba keessaa nama jalaa hirdhate ittiin namaa guutamuufi jedhan.
By;Sheekh ibnu Useymiin.
*❒ فتاوى نور على الدرب شريط ❪٧٥❫.*

❈ هل يؤجر من صام ثلاثة أو خمسة أيام من الست من شوال؟
➦Namni guyyaa jaha keessaa guyyaa 3,5 qofa soome Ajrii argataa?
Eeyyee,ni argata garuu ajrii nama guutuu soomee kan ergamaan rabbii nuuf dabarsan sana hin argatu malee.
*❒ فتاوى نور على الدرب ش ❪٧٥❫.*
➦Bultii jahan tana bakka ramadaanaa buusanii qadaa ufirraa kafaluun danda'amaa?
هل يجوز جعل صيام الست عن قضاء رمضان؟
★Bultii jahan tana keessa qadaa kafaluun hin danda'amu,bultiin jahan tuni Ramadaana hordofti akkuma sunnaa salaata waajibaan boodaati.
*❒ فتاوى نور على الدرب ❪١٧٥❫.*
Warra itti fayyadamu rabbiin nu haa taasisu.


Репост из: ABC PROMOTION BOT
Ariifadhu

Hundi keenya ni dogoggorra. Dogoggora sanirraa ammoo dafnee toowbachuu qabna. Towbaa boruuf bulfachuun hin barbaachisu. Hagam akka turru wanti nutti himame hin jiru. Yoo waan kana argadhe toowbadha jettee karoorfattee jirta taanaan, sheeyxanatu sitti hasaasaa jira jechuudha. Waswaasa isaatii bakka hin kenniniif. Akka sheeyxaanni hallayyaa keessaa bahuun si dhibu keessa si fageessuu carraa hin kennin. Badiin dalagde hagamuu baay’atu yeroo hunda Rabbi toowbaa sirraa qeebaluuf qophiidha. Yeroo hunda natti deebi’i jedhee sitti himeera. Kanaafuu ulaagaa tarreessuu dhiisii, Towbaa kee dursi. Wanti ati yaadde hundi san booda sii guutti.

Waan cufa nuu haa laaffisu

By Abu Ibtisam


Репост из: Sabrii Hussein Kadimtu Diini islamaa
#Sunnaawwan_Guyyaa_Jumaa
1. Qaama dhiqachuu
2. Shittoo Dibachuu (dhiiraaf)
3. Rigaa fayyadamuu
4. Uffata qulqulluu uffachuu
5. Yeroon gara masjiidaa deemuu
6. Miilaan gara masjiidaatti deemuu
7. Masjiida eega gahanii booda gateettii namaa irraan
tarkaanfatanii nama rakkisuu dhabuu
8. Imaamni khuxbaa gochaa jiraatus tahiyyatu masjiid
salaatuu
9. Kuxbaan eegalamnaan fuula gara imaamatti deebi'anii
kuxbaa caqasuu
10. Yommuu kuxbaan godhamu haasawa kamuu gochuu
dhabuu
11. Sadaqaa heddummeessuu
12. Suuratul khahfiin qara'uu
13. Du'aa'ii heddummeessuu
14. Nabiyyii s.a.w irratti salawaata heddummeessuudha
Share godhaa Jzk......Sababni ati share gootuuf namni
tokko sababa keetiin itti hojjennaan mindaa san akka nama
mataa keetiin dalaheetti argatta jedhan ergamaa Rabbiiﷺ irratti Salawaata busaa?
`·.💌Join💌 Join 💌Join 💌👇
✯••┈┈┈┈••✦❤️✦••┈┈┈┈••✯
https://t.me/joinchat/AAAAAE3CKipf7Ps-Pis7LA


Репост из: Hadiisa
🌹 Mallattoo Nama Haala toluu.

☕1. Nama hedduu qaanfatu tahuudha.

☕2. Nama azaa nama godhuun isaa xiqqaattu ،
Nama waa toltuu dalagu
،
☕3. Nama arrabni isaa dhugaa dubbatu

🍨4. Nama dubbii xiqqaatu

🍨5. Nama dalagaan isaa baayyatu

🍨6. Nama mucuca xiqqaatu

🍨7. Nama Dalagaa xirfii xiqqaatu(dubbii tirfii,nyaata tirfii,hirriiba tirfii)

🍨8. Nama tola oolaa ,maxxanfataa

🏵 Nama Sabbaraa sabataa ta'e


🌸 Nama waan rabbiin isaaf kenne jaalatu fi Galata galchu

🌸 Nama gara laafu kan obsu

🌸 Nama of qabaa fii gara laafeessa tae

🌸 Kan Nama hin Abaarree,hin arrabsine

🌸 Kan nama walitti hin dirre,Kan nama hin hamanne

🌸 Kan Hin jarjarre, kan qiimii hun qabanne

🌸 Kan Hisdii hin qabne, Doqna kan hin taane

🌸 Nama bashaasha,Nama arjaa ta'e

🌸 Kan rabbiif jecha jibbuu

🌸 Kan rabbiif jecha jaalatuu


فهذا هو حسن الخلق .

[ إحياء علوم الدين ٣ / ٧٠ ]

---🌼_____________________________

🦄 @HadithOfficial
🦄 @hadithofficial_bot


Репост из: Hadiisa
****Onnee Kee keessa Deddeebisi Dubbii tana.***
****
*
*
☕ Anaa fii Sibaana natti fakkaata. Moo laata eenyuun jechaa jira?.


🍨 Ibraahiim Ibn Ishaaq Giddugala gabaa Magaalaa Basraa Keessa osoo darbaa jiruu,Nama isarratti walitti qabamanii " Yaa Abaa ishaq Nuti Duaaii ni kadhannaa Maalif Nuuf hin qeebalamu" jedhaniin.

Ibraahiim Akkana jedheen(**" Qalbiin keessan wanta kudhaniin Duute.
🌰1. Rabbi (sw) Bartanii kaatanii Haqa isaa ofirraa hin geessisne

🌰2. Ergamaa rabbii ﷺ jaalanna Jechuu himattan, Sunnaa isaa immoo ni lakkiftan.

🌰3. Qur'aana Qarataniiti itti hin Dalagdan.

🌰4. Ni'imaa Rabbii Nyaattaniiti, Galata hin galchitan.

🌰5. Sheeyxaanni Aduwwii keenyaa jettaniiti, Wanta inni Isin ajaju Dalagdan.

🌰6. Jannatni Haqa Jettaniiti, Isaaf homaa hin Dalagdan.

🌰7. Ibidda haqa jettaniiti, Irraa hin Baqattan.

🌰8. Duuti haqa jettaniiti isiidhaaf hin qophooftan.

🌰9. Yeroo hirriibaa dammaqxan Hir'ina namaatiin shaakhalamtan,hir'ina keessan dhiiftanii.

🌰10. Du'aa keessan ni awwaaltan Homaa keessa gad hin ilaalatan(waa irraa hin hubattan).
**).


🥛 @HadithOfficial
🦄 @hadithofficial_bot


Репост из: Sabrii Hussein Kadimtu Diini islamaa
Ergamaan Rabbii{ ﷺ } Guyyaa Jummaa Tokko Oso
Kuxuba Godhan Yeroo Sadii Amiiin Amiiin Amiiin
Jedhaan
Sahaban Yaa Ergama Rabbii { ﷺ } Yero kuxuba Gootan
Amiin Amiin Amiin Malif Jetan Jedhen Gafatan Ergaman
Rabbii{ ﷺ } Akkas jechudhan Debbisan Yeroo San Bar
Jiibirilii Naatti Dhufee Akkas Nan Jedhe Jedhan Nama
Maqan Kiyyaa Biraati Dubbatamee { ﷺ } Hin Jene Afaan
Isaa Biyyeti Haa Manxanu Amiin Jedhii Nan Jedhan
Nama Hadha fi Abba Ofitti Jirrudhan Dhaqabee Osoo
Araramaa Hin Gaffaane Isaa Biraa Du'an Afaan Isa Biyyeti
Haa Maanxanu Amiiin Jedhii Naan Jedhan
Nama Ji.aa Raammadana Itti Dhufee Osoo Hin Keyrii
Takka Keessa Hin Dalagatin Irraa Darbee Afaan Isa
Biyyeeti Haa maanxanu Amiin Jedhii Nan Jedhan

`·.💌Join💌 Join 💌Join 💌👇
✯••┈┈┈┈••✦❤️✦••┈┈┈┈••✯
https://t.me/joinchat/AAAAAE3CKipf7Ps-Pis7LA


Репост из: Sabrii Hussein Kadimtu Diini islamaa
↪ ergamaan Rabbiiﷺ Akkana ja,an Namni manamaan na arge Akka nama zaahiraan na argeeti Sheyxaanni natti fakkaatuu hin dandayuu

Yaa Rabbi nama ergamaa Rabbiiﷺ manamaan argu nu taasisis

Amiiiiiiiiiiiiiiiin Amiiiiiiiiiiiin Amiiiiiiiiiiiiiiiin Amiiiiiiiiiiiin Amiiiiiiiiiiiiiiiin Amiiiiiiiiiiiin Amiiiiiiiiiiiiiiiin Amiiiiiiiiiiiin Amiiiiiiiiiiiiiiiin
Yää Allaahummaa Amiiiiiiiiiiiiiiiin Amiiiiiiiiiiiin

`·.💌Join💌 Join 💌Join 💌👇
✯••┈┈┈┈••✦❤️✦••┈┈┈┈••✯
https://t.me/joinchat/AAAAAE3CKipf7Ps-Pis7LA


Репост из: Sabrii Hussein Kadimtu Diini islamaa
Warri qalbiin teessan Adiidhaa qofti Nabii mohammad 🕋S_A_W🕋 Irratti Salawaata Buusaa ♥۩ﷺ۩♥

Yää Ŕābbii amaas Jallalaa Rassulla ♥۩ﷺ۩♥
Onnee tennaa keessaan nuuf kayyii
yää Allaah🤲🤲

`·.💌Join💌 Join 💌Join 💌👇
✯••┈┈┈┈••✦❤️✦••┈┈┈┈••✯
https://t.me/joinchat/AAAAAE3CKipf7Ps-Pis7LA


Репост из: Sabrii Hussein Kadimtu Diini islamaa
Hadiisa Anas Ibni Maalik Irraa Odeeffamee Keessatti
Rasuulli ﷺ❤ Gaafa Tokko Dubartii Qabrii Wahii Bira Dhaabattee Boottu Itti Dhufee Rabbii Kee Sodaadhuu Obsi Jedheen. Booda Isiinis Rasuula Ta'uu Hin Beeyne Waan Ta'eef Narraa Achi Gori( Narraa Fagaadhu) Ati Musiibaa Ana Tuqe Kanaan Hin Tuqamne Dhugaa Qabda Jetteen.
Booda Isitti Himanii Namni Ati Narraa Achi Fagaadhu Jetteen Sun Bar Nabiyyii Rabbiittiiﷺ❤ Jedhaniin. Booda Gara Balbala Rasuulaaﷺ❤ Dhufte. Yeroo Dhuftu Balbala Duratti Warra Balbala Rasuulaa ﷺ❤Eegullee Hin Agarre Oluma Seentee Nijetteen Rasuulaanﷺ❤ Yeroo Narraa Achi Gori Jedhe San Sita'uu Hin Beeyne Nama Biraa Se'e Jetteen. Booda Rasuulliﷺ❤ Obsa Jechuun Kan Galata Rabbi Biraa Irratti Argatan Yeroo Dura Musiibaan Namatti Buutee San Yoo Sabbaraniidha Jedhaniin.

BUKARIIF MUSLIMTU GABAASE

Riwaaya Muslim Keessatti Qabriin Isiin Bira Dhaabattee Boottu Sun Kan Daa'ima Isiiti.

Hadiisa Kanarraa Maal Baranna?
Dubartiin Qabrii Ziyaaruu Akka Dandeettu Haala Haqa Jaarsaatii fi Haqa Rabbiillee Hin Balleessineen, Haala Dhiiraan Walitti Hin Dabalamneen, Haala Iyyitee Sagalee Ol Hin Fuuneen, Haala Osoo Achi Dhaabattu Salaata Hin Dabarsineen, Qabrii Isitti Dhihoo Jirtu Dhayxee Akka Qalbiin Isii Jiitu Ziyaartee Deebi'uu NiDandeettii Jedhan Ulamaa'iin. Qabrii Ziyaaruun Yaada Duniyaa Waggaa Dheeraaf Karoorfatan Gabaabsa Waan Ta'eef. Rasuulliﷺ❤ Rabbiin Sodaadhu Obsi Jedhaniin Malee Dubartiin Qabrii Ziyaaruuf Deemuu Hin Dandeettu Hin Jenneen Waan Ta'eef. Haata'u Malee Dubartii Qabrii Ziyaaraa Baay'istu Tan Osoo Achi Dhaabattu Salaanni Jala Taru, Tan Haajinabiin Walitti Dabalamtu, Tan Bakka Sanitti Sagalee Ol fuutu, Tan Achi Ooltee Haqti Jaarsaa Manatti Badu, Tan Akkanaa Tana
Rasuulliﷺ❤ Abaaranii Jiran.

Aaishaan R.H Gaafa Tokko Isii Qabriidhaa Deebitu Namni Tokko Argee Eessa Deebita Jennaan Qabrii Obbolleessa Kiyyaa Abdurrahman ibn Abi Bakrii Ziyaaree Deebi'aa jira Jetteen.
Maa Rasuulliﷺ❤ Ziyaaraa Qabrii Hin Dhoorginee Jennaan Erga Dhoorge Booda Hayyama Godhe Jetteen. Dura Wanti Dhoorgeef Namni Dhihoo Kufrii Keessaa Waan Baheef Qabrii Tanallee Homa Rabbiif Godhan Isiifillee Godhan Se'a Addaan Hin Baranne.Kanaaf Erga Namni Shari'aa Baratte Hayyama Godhe Rasuulli ﷺ❤ Jetteen.
Ziyaaraa Shari'aa Wanti Irraa Hamilan Yoo Islaama Ta'e Araarama Isaaf Kadhachuu Akkasuma Qabrii San Ittiin Gorfamuudha. Duuti Inni Du'e Sun Nafsee Teetiif Gorsa Siif Ta'uudha.
#Akeekkachiisa
Bakka Qabriitti Du'aa'itu Qeebalama Jechuun, Waan Ziyaaraan Deemnu Jedhanii Qarshii Walitti Qabuun Kun Waan Shari'aa Keessa Hin Jirreedha. Inumaa Deemtee Shirkitti Nama Oofti.
Rabbii Warra Irraa Gorfamu Nuhaa Taasisu
Aamiin Aamiin.
`·.💌Join💌 Join 💌Join 💌👇
✯••┈┈┈┈••✦❤️✦••┈┈┈┈••✯
https://t.me/joinchat/AAAAAE3CKipf7Ps-Pis7LA


Репост из: Sabrii Hussein Kadimtu Diini islamaa
Ergamaan rabbii nabi mohammad S A W akkana jedhan Guyyaa Aduun Isa keessa baatu kana hunda qabriin akkana jattee lallabdi ja'an

Yaa ilma Aadam ani mana Raammooti😭
Yaa ilma Aada ani mana jawweeti😭
Yaa ilma Aadam ani mana qajjeebuuti😭
Yaa ilma Aadam ani mana Rakkooti😭
Yaa ilma Aadam ani mana cinqiiti😭

Jattee lallabdi garuu nuti dhagayuu hin dandeenyu

Arrumama haa qophoofnuu Yaa obboleeyyan kiyya😭

Takka achi dhaqnaan as deebi'iin hin jirtu
Yaarabbi qabrii teenya Caffee Jennataa nuuf taasisi 🤲😭

Nabii keenarrati salawaata busuu akka hin daganne S.A.W share ......godhii obboleeyyan kee Yaadachiisi😭

`·.💌Join💌 Join 💌Join 💌👇
✯••┈┈┈┈••✦❤️✦••┈┈┈┈••✯
https://t.me/joinchat/AAAAAE3CKipf7Ps-Pis7LA


Репост из: Sabrii Hussein Kadimtu Diini islamaa
Ergamaan rabbii nabi mohammad S A W akkana jedhan Guyyaa Aduun Isa keessa baatu kana hunda qabriin akkana jattee lallabdi ja'an

Yaa ilma Aadam ani mana Raammooti😭
Yaa ilma Aada ani mana jawweeti😭
Yaa ilma Aadam ani mana qajjeebuuti😭
Yaa ilma Aadam ani mana Rakkooti😭
Yaa ilma Aadam ani mana cinqiiti😭

Jattee lallabdi garuu nuti dhagayuu hin dandeenyu

Arrumama haa qophoofnuu Yaa obboleeyyan kiyya😭

Takka achi dhaqnaan as deebi'iin hin jirtu
Yaarabbi qabrii teenya Caffee Jennataa nuuf taasisi 🤲😭

Nabii keenarrati salawaata busuu akka hin daganne S.A.W share ......godhii obboleeyyan kee Yaadachiisi😭

`·.💌Join💌 Join 💌Join 💌👇
✯••┈┈┈┈••✦❤️✦••┈┈┈┈••✯
https://t.me/joinchat/AAAAAE3CKipf7Ps-Pis7LA


Репост из: Sabrii Hussein Kadimtu Diini islamaa
#Ukhtii_qaalii_mee_Hadiisa_kana_Haaxinxallu.

✔Aaxis ilma abii rabaha nija,e : Abdalla ilma Abbas naan nija,e ja,e issan lachrrahu Rabbi haajjalatu: 🔜mee sigarsiisu #intala warra #jannata takka ? Nan ja,e ja,e , ee nagarsiisin ja,eni , nija,e: intala #gurratti tanaa , isiin tun Ergamaa Rabbitti ﷺdhufte nijette:
✔> Ergaan Allaahaﷺ nija,e
✅>ja,een
✅Nijetteni: Hayaa nin #Obsaa , garuu #Hijaabni akka narran saaqamne Rabbi naaf kadhu jetten , Rabbi nikadhatef. Bukari fi muslimtu gabaase

Yaa ukhtii fillaah mee haa laallu dhukkubarra obsu dandeyseti garuu #Hijaaba irraa saaqamuf yaaddoyte , laalatte,cinqamte ....
Yaa subhanalla iimaana akkam yoo qabaatte ...

Nuti garuu osoo fayyaa qabnu fedhii lubbu teenya qofaaf , jaalala namaa argachuu qofaf #Hijaaba firraa baafna , seera Rabbiitis cabsina .......

Yaa Allaah iimaana akka sahaaba san yomuma nuuf kennita laata!!!
Ukhtii fillaah warra #Hijaabaan faayame , kamaqaa isaa eegu , ka seera isaa eegu Rabbi nuhaa taasisu warra waan dhagahetti fayyadamu nuhaa taasisu
Amiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiin

Nama nifayyada jette yoo yaadde .....ukhtii teetif sheer ...godhi jzk keyran

`·.💌Join💌 Join 💌Join 💌👇
✯••┈┈┈┈••✦❤️✦••┈┈┈┈••✯
https://t.me/joinchat/AAAAAE3CKipf7Ps-Pis7LA


Репост из: Sabrii Hussein Kadimtu Diini islamaa
Baredini dubarti islama
hijjaban🧕

Yaa rabbii hijjaba kenya
nurratti jabesii👏🤲
`·.💌Join💌 Join 💌Join 💌👇
✯••┈┈┈┈••✦❤️✦••┈┈┈┈••✯
https://t.me/joinchat/AAAAAE3CKipf7Ps-Pis7LA




Репост из: Sabrii Hussein Kadimtu Diini islamaa
☆እውነተኛ የእምነት ቃል የያዘው ቁርአን ብቻ ነው።
I love you Quran ❣️
☆Join☆
`·.💌Join💌 Join 💌Join 💌👇
✯••┈┈┈┈••✦❤️✦••┈┈┈┈••✯
https://t.me/joinchat/AAAAAE3CKipf7Ps-Pis7LA


Репост из: Sabrii Hussein Kadimtu Diini islamaa
#Guyyaa_duute

-----------
→ Feesbuukii gubbatti offline taata
→ WhatsApp gubbatti offline taata
→ Viber fii Tango irratti offline taata
→ Twitter fii Instgram irratti offline taata
→ Sararri bilbilaa kee ni cufama
→ wantoota fesbuki gubbatti maxxansite irratti comment gochuu fii commentii deebisuu hin dandeessu
→ Hiriyyoota fii firoota kee irraa meeseejii fudhachuu hin dandeessu
→ Hiriyyootni kee, maatiin kee fii aduwwiin keetis lammata deebi'anii waan isin hin argineef ni booyu.

----------
Eega ati duute wantootni si duuka hafan maal fa'a?
→ Qur'aanni ati dubbisaa baate online tahee si eega
→ Salaatni awqaata 5 online tahee si eeggata
→ Zakaan ati baafte online tahee si eeggata
→ Dalagaaleen kheeyrii kee online tahee si eeggata
→ Soomnii ramadaanaa fii sunnaa online tahee si eeggata

→ Dalagaaleen ati Rabbiif jecha dalagde hundi qabrii keessa yommuu aseentu online tahanii si eeggatu. Kanaaf mee itti haa yaadnuu.....Nuti hunduu gara du'a keenyatti dhihaachaa jirra.

Maaliifuu duuti wanta lubbuu qabu hunda irratti waan dhugaa tahee dha. Saniif dha Rabbiin Qur'aana isaa keessatti Lubbuun hundi du'a dhandhamtuudha kan nuun jedheef. Kanaafuu maaliif sababni wanta qabattee deemtuuf kan hin qophoofneef? Maaliifuu du'a booda wanti hafu si qofa waan taheef. Namoota sodaachuu maaliif hin dhaabne? Namootni maal naan jedhan jechuu maaf hin dhaabne? Murtiiwwan guyyaa qiyaamaa si fayyaduu dandahan amma irraa jalqabee maaliif hin murteessine? Wanta qabrii keessatti si wajjiin hafuu dandahu maaf hin dalaganne? Walitti dhufeenya Rabbii kee wajjiin qabdu tolchitee maaliif nageenya qalbii hin arganne? Beeki ammas sitti barfatee hin jiru.
----------

Kan biroo immoo dhimmoota diinii keenyaa wajjiin wal qabatanii Feesbuukii irratti maxxanfamanii arginu nuti Timeline keenya gubbatti share gochuu ni sodaanna ykn immoo ni saalfanna. Maaliif yoo jenne Hiriyyoota feesbuukii keenya jidduu namootni muslima hin taane waan jiraniif. Gaafii tokko isin haa gaafadhuu - Rabbii nu uume sodaachuu qabna moo makhluuqa waan Rabbiin uume sodaachuu qabna? Rabbii nu uume yoo sodaannu tahe deebiin keenya yoomiyyuu wantoota namoota birootiif faayidaa qaban jennu share gochuu (qooduu) qabna kan jedhu tahuu qaba. Rabbiin nuuf haa laaffisu. (Redwan Shure)

`·.💌Join💌 Join 💌Join 💌👇
✯••┈┈┈┈••✦❤️✦••┈┈┈┈••✯
https://t.me/joinchat/AAAAAE3CKipf7Ps-Pis7LA

Показано 20 последних публикаций.

510

подписчиков
Статистика канала