HADIISA


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


Hadiisawwan ergamaa rabbii irraa nugahan isiniin ga`uuf

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


🎐Haqiiqaan Addunyaa tanaa Dhumtuu ,Waan Hin jirre, waan faayidaa hin qabne ta'uu isiiti.

🎋Obboleewwan keenya Siiriyaa keessaa jiran kanneen Shira Mushrikootaatiin Balaa hamaadhaaf saaxilamaniif Du'aa'ii akka gootan isiniin jenna.

🎋Kaleessa jiruu bareedduu keessa turan. Mana oowwaa isaanii , tiraasii bareedduu boraafataa turan. Har'a garuu.......

🎋Duniyaan homaa miti. Haa tauu immoo Iddoo Irraa sinweeyfatani(Galaa qopheeffatanii) irraa imalani.


@HadithOfficial


#KANA_BEEKTU_LAATA
⬇⬇⬇⬇⬇⬇
➖➖#Kutaa_8ffaa➖➖
Kristaanoonni Garagarummaa Waaqayyoo tokkicha fi Yesusin addan baasan beeku hin
dandeenne.Jechi Sillaase jedhu Kitaabuma Macaafa Qulqulluu jedhamu keessa hin jiru.Formulan Sillaase tokkollee kan ifa tahe hin jiru.Dammeewwaan amanta Kiristaana yaada Sillaase jedhu irratti Garagarummaa guddaa qabu.Akkasumma Wangeela guutu keessatti iddoon yesus of isaatiif "Ani Waaqayyoodha "jedhe dubbate hin jiru.Mee Dogoggoora Kristaanoota yeroo gaafii gaafataman deebisan ilaala.
▶Muslim:- Waaqayyoon kee eennudha❓
↪Kristaana:- Yesusiidha.
▶Muslim:- Yesus ilma Maryam tahu ni amanta❓
↪Kristaana :- Eeyyeen
▶Muslim :-Kan Maryamiin Uume eennudha❓
↪Kristaana :- Waaqayyoo dha.
▶Muslim :- Waaqayyoon kee eennudha❓
↪Kristaana :- Yesusidha.
▶Muslim :-Yesus ilma Waaqayyoo moo miti jette amanta❓
↪Kristaana:- Eeyyeen ilma Waaqayyoo ti.
▶Muslim :- Abbaan isa eennudha❓
↪Kristaana :-Waaqayyoo dha
▶Muslim :- Waaqayyoo eennudha❓
↪Kristaana :- Yesusiidha.
▶Muslim :- Yesus fannifame du'e jette amanta moo hin duune jette amanta❓
↪Kristaana :- Lakki du'e ka'e jedhe amana.
▶Muslim :- Eennutu du'a kaase jette amanta❓
↪Kristaana :-Waaqayyootu du'a kaase.
▶Muslim :- Waaqayyoo eennudha ❓
↪Kristaana :-Yesusiidha.
▶Muslim:- Yesus ergamu isa ni amanta ❓
↪Kristaana:- Eeyyeen
▶Muslim :-Eennutu yesusin erge jette amanta ❓
↪Kristaana .Waaqayyoo dha
▶Muslim :-Waaqayyoo eennudha ❓
↪Kristaana :-Yesusiidha.
▶Muslim :-Yesus biyyaa lafarraa irraatti sirna Kadhanna (Waaqeeffanna) geggeessa ture❓
↪Kristaana :-Eeyyeen
▶Muslim :-Yesus eennuni kadhata(Waaqeeffata ) ture❓
↪Kristaana :-Waaqayyoon kadhata ture.
▶Muslim :-Waaqayyoo eennudha❓
↪Kristaana :-Yesusiidha.
▶Muslim :-Waaqayyoo jalqaba ni qaba❓
↪Kristaana :-hin qabu.
▶Muslim :-Kanaafuu kan Sadaasa 25 G.C dhalate jedhame kabajamu eennudha ❓
↪Kristaana :-Yesusiidha.
▶Muslim :-Waaqayyoo eennudha ❓
↪Kristaana :-Yesusiidha.
▶Muslim :-Waaqayyoo eessa jira❓
↪Kristaana :-Mootummaa Waaqayyoo keessa
▶Muslim :-Mootummaa Waaqayyoo keessa Waaqayyoo meeqatu jira ❓
↪Kristaana :-Tokko
▶Muslim :-Yesus hoo eessa jira❓
↪Kristaana :-Gara Mirga Waaqayyoo taa'ee.
▶Muslim .Kanaafuu Walitti Waaqayyoo meeqatu
jira ❓
↪Kristaana :-Tokko qofa.
▶Muslim :-Teessumma meeqatu mootummaa Waaqayyoo keessa jira❓
↪Kristaana:- Tokko qofa.
▶Muslim :- Kanaafuu yesus eessa jira❓
↪Kristaana :- Mirga Waaqayyoo
▶Muslim :- Akkamitti Teessoo tokkorraa ta'u ree❓
↪Kristaana:-_______________
↪Yaa Warra Kirisitaana ofin jettu Hubbadhu.Dogoggoora wajjiin hin jiratina.
Ergamni yesus xumurame jira.Inni warra mana israa'iili badan qofaf ergame. Mat 15:24.Kanaafu inni saba mana israa'iil bade duwwaadhaf karaas dhugaas jireenya ture.Saba amma biyyaa lafarraa jiru hundafu karaan tokkichi karaa Raajiichi Muhammad saw ittin Allaahaan erge qofadha.kanaf immoo yesusiyyuu raajii dubbate jira.yoh 14:16 fi Qur'an 61:6. Maaloo yaa lammii koota ilma nama waalalummaa waaqeeffachu dhiisa Gooftaa Waaqayyoo tokkicha maqaan Isa Allah tahetti amana!!!!!!
@Saahibuddiin28
@DrZakirNaikAfaanOromoo


😴Fokkotaa Kee akkam Godhuuf teeysa....Guyyaan san.....Maalumaan Dhoksita?🔞

⚠️ Aishaan (Ra) Ergamaa rabbii (saw) isaa akkana jedhuun Dhagahe jette:-(** Guyyaa Qiyaamaa Namni Walitti Qabamu Haala Kophee malee qullaa, Uffata malee qullaa ta'anii fii Hin kittaanaminiin.**).

⚠️ Aishaan (Ra) ni jette " Ergamaa Rabbiitiin (** Dhiiraa fii Dhalaaniis Hundi isaaniituu gariin garii ilaalaa?. *) jennan.

⚠️ Ergamaan Rabbii(saw) akkana jedheen:-(** Guyyaa san Dubbiin jabduudha waan gariin isaanii garii ilaalu irra(amriin ulfaataadha).**).



عَنْ عَائِشَةَ قَالَتْ سَمِعْتُ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ: ((يُحْشَرُ النَّاسُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ حُفَاةً عُرَاةً غُرْلاً)). قُلْتُ يَا رَسُولَ اللَّهِ النِّسَاءُ وَالرِّجَالُ جَمِيعًا يَنْظُرُ بَعْضُهُمْ إِلَى بَعْضٍ قَالَ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: ((يَا عَائِشَةُ الأَمْرُ أَشَدُّ مِنْ أَنْ يَنْظُرَ بَعْضُهُمْ إِلَى بَعْضٍ)).
رواه مسلم برقم «7377»

🙊 Yaa Nama Hadiisa Kana dhageessee Nama ati beektuu kan @Fokkotaa isaatiin waan haraam barbaaduu fii dalaguun, Mee Guyyaa Qullaa deemtuun san akkam ta'uuf jiraatta ? Jedhiin.

😴 Yaa Farjii(Fokkotaa) badii barte Guyyaa san akkamuma ta'uuf teeysa.

🙊 Cinqii Guyyaa sanii irraa rabbi nagaya nuhaa godhuu🤲🏻🤲🏻

┏━━━━━━━🍁━━┓
彡🍁 @HadithOfficial
     ┗━━━━━━━🍁━━┛


//* Balaa isiidhaan gara Rabbii Deebituutu, Ni'imaa Zikrii rabbii Si dagachiifturra caala...*//.



‏مصـــيبة تقبـل بهـا عـلى الله
‏خيـر لك من نعمــة تُنسـيـك ذكر الله


⚠️Sheekul Islaam Bin Teymiya.

🎋Kanneen Birootiif👇👇👇
‏📚 الوابـل الصيـب


🎋Waan akkanaatiif👇👇 join godhi👇👇👇👇👇👇👇👇
┏━━━━━━━🍁━━┓
彡🍁 @HadithOfficial
     ┗━━━━━━━🍁━━┛


🙊Qaanfadhu Kaa....


Ibnul Qayyim akkana jedhe:-

(**. Namni Yeroo Dilii Dalaguuf deemu rabbirraa qaanfate,

Rabbiiniis Guyyaa inni isa qunnamu san isa qunnamuu irraa qaanfata..**).

#قال_ابن_القيم - رحمه الله -

‏" مَن استحيا مِن الله عند معصيته ..

استحيا الله من عقوبته يوم يلقاه ..!"

🎋Obboleessoo Qaanfadhu Ma'asiyaa Dalaguurraa , Rabbilleen Guyyaa jabaa san si qixaaxuu sirraa qaanfata.

🤲🏻Warra Rabbitti Badii dalaguu qaanfatee , rabbiiniis isaan qixaaxuu irraa qaanfate yaa rabbi nu godhi.

🤲🏻🤲🏻🤲🏻🤲🏻

✒Yoo dhukkuba qalbii qabaattee fii Waan akkanaa hedduu dubbisuu feete👇👇.
📚 الداء والدواء

┏━━━━━━━🍁━━┓
彡🍁 @HadithOfficial. ⚖
 ⚖┗━━━━━━━🍁━━┛


☘️(**"Rabbittiin kakadha!. Warra Qabriitiin Osoo Hawwaa jedhameenii Silaa Ramadaana kana Hawwu..**)


تاللهِ لَو قِيلَ لأهلِ القُبورِ تَمنَّوا لتَمنّوا يومًا مِن رَمضان.


🎋Anaa fii ati immoo Ramadaanuma Silaa warri dueeyyu hawwu kana dhiisnee isa keessa maal hawwuuti jirra.

🎋Dammaqii. Akka rabbiin Nu dammaqsu 🤲🏻

📚Maddi.............👇👇👇👇
📚التبصرة لابن الجوزي

👇👇👇Join ,forward godhi
┏━━━━━━━🍁━━┓
彡🍁 @HadithOfficial
     ┗━━━━━━━🍁━━┛


🎋Dhiira jechuun:-

📚Ibnul Qayyim Al-Jowziin akkana jedhe.

🏆"Dhiirti..Du'a Qaama isaa osoo hin taane,Isa Du'a qalbii isaa Sodaatu....".


🌱قال ابن القيّم رحمه الله :

" الرجل .. هو الذي يخاف موت قلبه ؛ لا موت بدنه "

📔[ مدارج السالكين Dhaqii Bal'inaaf ]

👌Dhiirummaa Hubbattee amma?.

👌Dhiirummaan waa .... saniinii miti😁

┏━━━━━━━🍁━━┓
彡🍁 @HadithOfficial
     ┗━━━━━━━🍁━━┛


﴿لَئِن شَكَرْتُم لَأَزِيدَنَّكُم﴾

🎴 Yaa rabbi Si faarsina si galatoomfanna waan hunda irrattiyyuu.

🎴 Faaruun kan rabbiiti Qananii xiqqoo fii Guddoo irrattiis

🎴 Faaruun kan rabbiitii Bal'oo fii Guddoo waan nurratti arjoomtee irrattillee.

🎴 Faaruun kan rabbiiti Yoomuu, Zalaalam.




┏━━━━━━━🍁━━┓
彡🍁 @HadithOfficial
     ┗━━━━━━━🍁━━┛


#Dalagaa_Guyyaa_Qiyaamaa_Miizaana_irra_Hin_khaayamne

⚠️Rabbiin Hojii ilmaa namaa Kan hisaabaa fii Miizaanaan maletti Galata galchuutu jira👇👇👇

🤲🏻- #Namaaf_Irra_Darbuu.

♥️Rabbiin oltahe ni jedhe:
(*Namni Dhiifama godhee,Hariiroos tolche mindaan isaa rabbi irra jira.*)

🔺️ Rabbiin (sw) galata nama akkanaa daangaa itti hin goone.

قال تعالى:
{فَمَنْ عَفَا وَأَصْلَحَ فَأَجْرُهُ عَلَى الله}

🤲🏻#Sabrii_(Obsa)

🔺️ Rabbiin ( sw):

♥️(**. Warri obsan kanumman isaan galata galfamanuu Lakkoofsaan maletti.**)
قال تعالى:
{إِنَّمَا يُوَفَّى الصَّابِرُونَ أَجْرَهُمْ بِغَيْرِ حِسَابٍ}

🔺️ Rabbiin (sw) galata nama akkanaa kan Warra Obsuu kana daangaa itti hin goone.

🤲🏻- #Soommana.

♥️Ergamaan Rabbii(saw) ni jedhan:-(** Rabbiin oltahe ni jedhe:-
Hundi Dalagaa ilma aadama Matuma isaatiif ,soommana malee ; isa ammoo anaatu Galata galcha.**).


عن أبي هريرة رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
(قال الله عز وجل كل عمل ابن آدم له إلا الصوم فإنه لي وأنا
أجزي به)

🔺️ Rabbiin (sw) galata nama akkanaa Kan Warra Soomanuu daangaa itti hin goone.

||#Soommanaa_#Sabbaraa_#irraDarbaa. Galata (mindaa) lakkoofsa hin qabne san kajeeluuf jecha. Kuni Dalagaa Guddoodha.
«#صوموا و #اصبروا و #اصفحوا

☕Yaa Nama Barreeffama kana Dubbiste, mee irra Deebi'ii Dubbisii xiinxali. Maalumatu Diin islaama akkanatti Baarreeche. Laali Rahmata Rabbii. Ilaali Ajrii nama Soommanuu.

Soommana kana Soommani akka nama Waggaa kana booda hin soomneetti. Akka nama itti dhaammatuutti.

وصلى الله على سيدنا محمد وعلى آله وأصحابه أجمعين


╔══━▒๑•ั💗•ั๑▒━━═╗
🍇🍇@HadithOfficial🍑🍑
╚═━━▒๑•ั💗•ั๑▒━══╝


#Jazbummaa_Ramadaana_keessaa


🔺️#Habiibii Siin dhoorka Nama guyyaa ramaadaanaa Hirriibaa fii Dagannaa hamtuun dabarsu ta'uurraa.

🍐 Kan halkan Qaaxiraa bulu Ma'asiyaa (dilii) dalagaa waan akka Muuziqaa dhaggeeffachuu, qumaara taphachuu, Walgahanii nama hamachuu fii tapha hin barbachifne faadhaan yeroo halkanii gubuu.

🔷️ Rabbi nagaya nuhaa baasuu nama akkanaa tauurraa.

🕰 Yaa Sii bololi (sassati) guyyaa kee zikrii fii Qur'aanaan guutuu irratti.

🎁 Halkan kee ammoo Salaataa fii fuuldura rabbii dhaabbachuun. Rabbi nama akkanaa nuhaa taasisuu.



🔶🔶🔶🔶🔶🔶🔶🔶🔶


#رمضان_فرصة_العمر
#يا_باغي_الخير_أقبل
#وقتك_من_الماس_فى رمضان

*Hadiisni Rasuulaa
Keessa kee siyaalaa*
Forward gochuudhaan
Barsiisii wallaalaa**


╔══━▒๑•ั💗•ั๑▒━━═╗
🍇🍇@HadithOfficial🍑🍑
╚═━━▒๑•ั💗•ั๑▒━══╝


#Dagannaa guddoo 🌙

✌Yaadachiisaaf❗️

✨Dammaqi⚠️⚠️
** Soommanni Arkaana islaamaa irraa 4ffaadha.
**Salaatni immoo Arkaana islaamaa irra 2ffaadha.


‏فلا تفخر بصيامك..👌
Soommana keetiin Hin gammadin...👌

وأنت نائم عن صلاتك.- 😴
Kan Salaatarraa Raftee jirtu...-.😴


#رمضان_فرصة_العمر
#يا_باغي_الخير_أقبل


🍃🍃🍃🍃🍃🍃🍃🍃

*Hadiisni Rasuulaa
Keessa kee siyaalaa*
Forward gochuudhaan
Gargaari wallaalaa**

╔══━▒๑•ั💗•ั๑▒━━═╗
🍇🍇@HadithOfficial🍑🍑
╚═━━▒๑•ั💗•ั๑▒━══╝


💎وقتك من الماس فى رمضان
🍸Yeroon kee kan ramadaana Keessaa #Diamondii irraahi

🍸Yerooleen kun yeroolee lakkaawamtuudha Guyyaa 30 qofa.

🍸Yeroo kana hunda lubbuu kee oomisha waan kheeyrii irraa qooda fudhachiisi.

⚠️Hasan Al-Basriin(ra) akkana jedha.

🚹Yaa ilma Aadam Atii kun Guyyaawani, yeroo Guyyaan tokko darbe Gariin kee darbe(deemee) jira.

⚠️Ammas Hasan Al-basriin akkana jedha.

🚹Yaa ilma Aadam Guyyaan kee kun Keessummaa keeti tola itti ooli. Yoo ati tola keessatti dalagde si biraa deema Si faarsaa, yoo ati badii kessatti dalagde immoo ni deema sibiraa si arrabsaa. Akkanuma Halkan keetilleen."**🔹️

🔺️Kanaafuu Boojiadhu kheeyrii isa kheeysa jirtu.Waan badduu as keessa lubbuun kee hamiltu ,kan waswaasii sheeyxaanaatiin sitti dhuftu ammoo irraa fagaadhu. Akkaan irraa eeggadhu.

🏪 Kan guyyaa fii halkan yeroo biraatuu akkanaa Guyyaa fii halkan ramadaana keessaa hoo akkami?. Atummaan itti yaadi.

⚠️Ammaas Hasan Al-basriin ni jedhe.

《** 🐂Addunyan kun Guyyuma sadihi.

1.Kaleessa Inni darbee jira waan ati keessatti dabarsiteen.

2.Boru ,isa ammoo Dhaqqabuu keetuu hin beektu.

3.Har'a, isa kanaatu keetii Keessatti dalagadhu.

***》.

⚠️Abdallaa ibn Mas'uud (ra) akkana jedha.

🔺️****" Gaabbii takkallee hin gaabbine , Gaabiin akka Guyyaan Dheerinni ajala kiyyaa keessatti hir'ate kaniin ani dalagaa irraa homaa keessatti hin dabalatin kan Aduun Narrattii dhiite malee."***

⚠️Ibnul Qayyimiis(Ra) akkana jedha.

🕰Yeroo Balleessuutu Du'arra Hamtuu jabduudha. Yeroo balleessuun Rabbirraa si murti, Ammoo Duuti Addunyaa irraa si murti.

🏪 (***. Obboleewwan gaggaarii Kan yeroo birraa qisaaseeysuunuu Qixa kana Imaamman nu duraatu yaachiste. Nuti hoo yeroon ramadaanaa tun hangam takka nu yaachisuutti jirti?. Nu yaachisuu qabdi.

#رمضان_فرصة_العمر
#يا_باغي_الخير_أقبل


*Hadiisni Rasuulaa
Keessa kee siyaalaa*
Forward gochuudhaan
Gargaari wallaalaa**

╔══━▒๑•ั💗•ั๑▒━━═╗
🍇🍇@HadithOfficial🍑🍑
╚═━━▒๑•ั💗•ั๑▒━══╝


-*🍑Irraa Caalaa Warra Soommanee.....*-

-*🍑Ibnul Qayyim(R.A) akkana jedha.

-*🍑Irra Caalaan Warra Soommanee irra Baayyisaa isaaniiti Zirkii rabbii(sw) Soommana isaanii keessatti..

_*🌹 أفضــــل الصائميــن.*_


_*🌹 قــال العلامـة ابن القيـم رحمــه الله تعالى.*_

*🌹 فأفضــل الصائميــن أكثرهــم ذكــراً لله عــز وجــل فــي صومهــم.*

_*📚 |[ الوابــل الصيــب (ص ١٥٣) ]|*_

*🌹🍃اللهم انا نسألك الجنة...*
*🌹🍃Yaa Rabbi Jannata si kadhanna...⚠️.


*Hadiisni Rasuulaa
Keessa kee siyaalaa*
Forward gochuudhaan
Barsiisi wallaalaa**

╔══━▒๑•ั💗•ั๑▒━━═╗
🍇🍇@HadithOfficial🍑🍑
╚═━━▒๑•ั💗•ั๑▒━══╝




🏡🏡🏡🏡🏡🏡🏡🏡🏡


⚠️Yeroo Badee hojjettee booda 👇👇👇Yoo Dalagde.....

🔺️🔺️🔺️
🔺️🔺️🔺️
🔺️🔺️🔺️
🔷️(**" Gabrichummaan Kamiyyuu badii hojjatee, ergasii Xahaaraa (wuduu'a) bareechee tolfatee, Raka'aa lama✌ Salaatee, ergasii Rabbii isaa araarama gaafate; Rabbiin isaaf Araaramu malee(Isaaf araarama)."

🍇Rasuulullaah(saw)

▫️عن علي بن أبي طالب - رضي الله عنه، قال:

📝 #قال_النبي ﷺ :

"ما مِن عبدٍ يذنبُ ذنباً، فيُحسنُ الطُّهورَ، ثمَّ يقومُ فيُصلِّي رَكْعتينِ، ثمَّ يستغفِرُ اللَّهَ، إلَّا غفرَ اللَّهُ لَهُ "

📙 [رواه أبو داود(1521)، وصححه الألباني]


*Hadiisni Rasuulaa
Keessa kee siyaalaa*
Forward gochuudhaan
Barsiisi wallaalaa**


╔══━▒๑•ั💗•ั๑▒━━═╗
🍇🍇@HadithOfficial🍑🍑
╚═━━▒๑•ั💗•ั๑▒━══╝


Irra Caalaa waan Dalaguu qabnuutii👇👇👇👇👇

🔷️Yaa Obboleessa fii Obboleetti Islaamaa Anaa fii ati Ergamtoota Ergamaa Rabbii( saw) Nabi Muhammaditi(saw).

🔷️Kanaafuu Waan Rabbi nuuf laaffiseen Of-Yaadachiisuun,Wal-yaadachiisuun fii Nama Yaadachiisuun Nurra jirti.

🔷️Erga akkana tahee Wanti Ergamaa keenyaan Jedhamte Anaa fii atirrattis ni dabartii jechuudha.

🔷️Akkas taanaan gaa👇👇👇👇
🔺️فَذَكِّرْ إِن نَّفَعَتِ ٱلذِّكْرَىٰ
🔷️Yoo yaadachiisni kan fayyadu ta’e yaadachiisi.
🔺️سَيَذَّكَّرُ مَن يَخْشَىٰ
🔷️Namni Rabbiin sodaatu gorfamuuf jiraata.

♥️Yaadachiisi Namni Rabbi sodaatu kan qixaaxa rabbii sodaatu,kan Mindaa rabbirraa kajeeluu Gorsa kanaan ni fayyadamaa .

♥️Rabbiin warra Yaadachiisuun Fayyaduu fii Yaadachiisuun Nama fayyadu nuhaa taasisuu.


🔺️وَيَتَجَنَّبُهَا ٱلْأَشْقَى
🔷️Hoongaawaan isa irraa ni fagaata.

♥️Inni kun isa gorsarraa fagaatu, kan Nasiihaa isaaf gochuu hin barbaanne sana. Kaafirtoota Akka Abijahal fii Waliid ibn Mughiiraa faadha. Rabbi Najaa nuhaa baasuu.


*Hadiisni Rasuulaa
Keessa kee siyaalaa*
Forward gochuudhaan
Gargaari wallaalaa**


╔══━▒๑•ั💗•ั๑▒━━═╗
🍇🍇@HadithOfficial🍑🍑
╚═━━▒๑•ั💗•ั๑▒━══╝


📚Hikmaa Rabbiin luqmaan Al-haakimiif kenne irraa Qooda 2ffaa


🕹Gaaf tokko Namichi tokko isatti dhufeeti.

🍑 "Yaa luqmaan Ati Gabricha Ebeluu(nama akkanaa akkanaa) hin turree"? "Maaltuu Sadarkaa Guddoo (hikmaa) Sirraa mul'attu tanaan Sigahe ?"Jedheen.

🍑Luqmaaniis "Kuni Qadaraa Rabbiiti" erga jedhe booda. " Amaanaa Geessisuu,Dhugaa dubbachuufii Waan ana hin fayyadne ofirraa lakkisuuni". jedheen

🖊Hubadhu Bakka dubbii inni "qadaraa rabbiiti" jedhe san. Waan isatti buute hunda kheeyrii fii Sharrii irraahiis Rabbiraahi jedheeti fudhate. Isa kana qofaas miti Sababa Inni geessisee rabbiin Sababa sanaan Hikmaa isaaf kennees boodarra dubbate.

🖊Maali hikmaan akkanaa . Iimaanni keenya akka gaariitti guutamuuf hikmaa akka ajaaibaa nubarbaachisa . Rabbii hikmaa guddoo nuuf haa kennuu.

📚Maddi:- Kitaaba Tafsiir-alwasiit kan imaamu Xanxaawii Suuraa Luqmaan aayata 12 irratti kan dubbatame irraahi



*Hadiisni Rasuulaa
Keessa kee siyaalaa*
Forward gochuudhaan
Gargaari wallaalaa**


╔══━▒๑•ั💗•ั๑▒━━═╗
🍇🍇@HadithOfficial🍑🍑
╚═━━▒๑•ั💗•ั๑▒━══╝


✌✌Keessa Gad lallaali✌✌

Yaa ikhwanii wa akhawaatii Hin yaadin Jechi rabbii oltahee kan:-" إن الأبرار لفي نعيم . وإن الفجار لفي جحيم"
"Dhugumatti, warri toltuu hojjatan qananii keessa jiraatu ,Warri hamtuu hojjatan immoo ibidda keessa jiraatu." jedhu kun Ni'imaa aakhiraatii fii ibidda(Qixaaxaa) isii qofarratti gabaabbataa hin se'in.

Duuba isiin Ganda sadeenittuu nii jirtu.
Jechuun:- Addunyaa irratti, Qabrii keessattii, Ganda zalaalam keessattiis;

Gariin Namaa Ni'imaa(qananii) isaanii keessatti ta'aadha
Gariin Namaa immoo ibidda (qixaaxa) isaanii keessatti ta'aadha.

Fudhadhu:- Sa Qananiin Akka qananii qalbii ni jirtii?
Sa ammaas Qixaaxni akka qixaaxa
Qalbii ni jiraa?



*Hadiisni Rasuulaa
Keessa kee siyaalaa*
Forward gochuudhaan
Gargaari wallaalaa**



╔══━▒๑•ั💗•ั๑▒━━═╗
🍇🍇@HadithOfficial🍑🍑
╚═━━▒๑•ั💗•ั๑▒━══╝


😁Seeqi Seequun Sunnaadha😁

🖊Abbaa manaatu Gaaf tokko Haadha manaa isaatiin:-
//مذا تعرفين عن النحو والصرف؟
//Ilmii Nahwii fii Sarfii irraa Maal beekta? Jedheen.

😁😁😁😁😁😁😁😁😁
😁😁😁
Haati Manaatiis
🖊Ofitti Amanamummaa Ajaa'ibaatiin :-
☆ان تصرف راتبك على النحو الذي يرضيني
☆Mindaa kee gara waan na gammachiisutti jijjiiruudha(sarrafuudha)." Jetteen😁😁

💡Akkana jettanii Obbeettiileen keenya Qarshii abba Manaa keessanii Gara agartan hundatti hin sarrafinaa.



*Hadiisni Rasuulaa
Keessa kee siyaalaa*
Forward gochuudhaan
Gargaari wallaalaa**

🔹️🔹️🔹️@HadithOfficial


📚Hikmaa Rabbiin luqmaan Al-haakimiif kenne irraa Qooda 1ffaa

✒Abdallaa ibn abbaas(ra) akkana jedhe:- Luqmaan Garbicha habashaa Najjaara ture.

🖊Gaaf-tokko Bitataan (Gooftaan) isaa akkana jedheen:-

♥️(** Re'eettii nuuf qaliitii ,ergasii irra ajaa(badaa) waan isii keessa jiruu fidi .**) jedheen.

♥️Luqmaaniis Re'eetti qaleetii Arrabaa fii Qalbii isiitiin itti dhufe.

♦️Ergasii yeroo biraa ammas Gooftaan isaa

♥️(**. Re'eettii nuuf qalii ,irra bareedduu waan isii keessa jiruu fidii koottu.**) jedheen.

♦️Luqmaan ammas Re'eetti qaleetii Arrabaa fii Qalbiidhaan isatti dhufe.

♥️Gooftaan(Abbaan) isaa yaa luqmaan Maali akki kun jedheen(Yeroo lachuutuu waanuma walfakkaataan natti dhuftee)?.

Luqmaan ni jedhe:-

♥️(**. Yoo tolan wanti isaan lamaan kanarra bareeddu tokkolleen hin jirtu. Yoo fokkotaniis wanti isaan lameen irra fokkotaa tae hin jiru.*).

💡Maali hikmaan akkanaa tan rabbiin Luqmaan al-Haakimiif kenne.


📚Maddi:- Kitaaba Tafsiir-alwasiit kan imaamu Xanxaawii Suuraa Luqmaan aayata 12 irratti kan dubbatame irraahi



*Hadiisni Rasuulaa
Keessa kee siyaalaa*
Forward gochuudhaan
Gargaari wallaalaa**

🔹️🔹️🔹️@HadithOfficial


🔘Guddinaa fii Ajaaiba Qur'aanaa irraa🔘

Qur'aana keessatti Jechi "ثَقِيلَا" jedhu Yeroo lama qofa Dhufe Suniis:-

1.Suuraa Al-insan Aayata (* 27 *).

إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ يُحِبُّونَ ٱلْعَاجِلَةَ وَيَذَرُونَ وَرَآءَهُمْ يَوْمًا ثَقِيلًا

🔺️Dhugumatti, warri kun(Khaafirtootni) addunyaa ariifattuu jaalatu; GUYYAA ULFAATAA fuulduratti lakkisu (dagatu).

🔺️Iddoo kanatti jecha "ثَقِيلًا" jedhu Kana Hiika @Guyyaa_ulfaataa jedhu kenna kana jechuuniis Guyyaa qiyaamaa jechuudhaafi.

2.Suuraa Al-Muzzammil Aayata (* 5 *).

إِنَّا سَنُلْقِى عَلَيْكَ قَوْلًا ثَقِيلًا


🔷️Nuti sirratti buusuuf jirra(Deemna) JECHA ULFAATAA.

🔷️ Iddoo isa Kanatti immoo jechi "ثَقِيلًا" jedhu hiika @Jecha_Ulfaataa jedhu kenna. Jecha ulfaataa jechuun isaa Qur'aana jechuu isaati.

⚠️Waan Asirraa Fudhannuu:-

🛅Namni @GUYYAA_ULFAATAA cinqii fii
Yaaddoo isa keessaa irraa nagaya bahuu barbaadu @JECHA_ULFAATAA haa qabatuu.

🚹Guyyaa Qiyaamaa akka najaa baatuuf Qur'aana qabadhu.


*Hadiisni Rasuulaa
Keessa kee siyaalaa*
Forward gochuudhaan
Gargaari wallaalaa**

@HadithOfficial

Показано 20 последних публикаций.

1 669

подписчиков
Статистика канала