Shamarran jannata 😍😘


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


✍O Allah forgive me,
✍have mercy on me,
✍guide me,
✍ support me,
✍protect me,
✍provide for me and
✍elevate me.
✍Amen ya Rabbii
✍اللهم إني
✍ أسألك إيمانا دائما
✍وأسألك قلبا خاشعا
✍وأسألك علما نافعا
✍وأسألك يقينا صادقا

Связанные каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


GUYYAA JUM'AA ======//===
قَالَ رَسُول الله ﷺ :

✍🌸,Eragamaan Rabbii ﷺni jedhan Guyyaa Jumu'aa keessa sa'aa takkatu jira, Allaahan gabricha Muslimaa sa'a san ni qunnamaa.

✍ 🍒Salaata salaatee, Allaaha Subhaana Wata'aala wahii takka yoo kadhatee, Raabbin isaaf kennu malee hin hafu waan inni kadhate san."
✍Guyyaa arraa kana keessatti
Hawwiikee kan galma siif gahuu dhabe mara RABBIIN galmaan siif haa gahu insha'allah.

✍ Ammas Nabiyyii irrattii guyyaa jum'aa salawataa busuu haa heddumessinuu .ﷺ

🌴 sadarkaa salaawaata nabi irratti buusuun qabdu keessa..ﷺ.

🌿 Namni yeroo tokko narratti salawaata buuse, rabbi ammo yeroo 10 salawaata isarratti buusaa jedhan.

☪Salawaanni rabbirraa gabrichatti rahmata isaaf godhuudha,
Malaa'ikarraa ammo istigfaraa isaaf kadhachudhaa........https://t.me/barsistu


Seenaa ergamaa Raabbii(SAW) kutaa 16ffaa.
===================//////===========
Kennaa Rabbiin gaafa san ummata Muhammadiif sallallaahu aleeyhi wasallam. kenne irraa:
• Salaata Shanan
• Muslima hundaaf cubbuu guddoo ni araaramaaf, Akkas jechuun Ibidda keeysa abad hin turan waan towhiidarratti shirkii osoo hin dalagin du’aniin.
• Aayaata lamaan xumura Suuraah Baqaraah.
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam eega Rabbiin Isa dubbise booda gama Jibriil deebi’e. Eegas gama Masjida Al-Aqsaa gad bu’e, san booda “Buraaq” yaabbatee gama Makkaah deebi’e.
Deemsi suni fii wanni odeeyfame hundi halkan takka keeysatti gaggeeyfame. Israa’a fii Mi’raaj hagam takka Mu’jizaa guddoo akka taate beekhuuf yeroo gabaabaa isiin kheeysatti gaggeeyfamte laaluun siif gaha!.
Saniif Rabbiin Quraana keeysatti isii dubbate.
Eega Israa’i fii Mi’raaj raawwatte guyyaa itti aanu Jibriil Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam bira dhufee Yeroolee salaata shananii ibseef.
Akkaataan Salaanni Shanan Israa’i fii Mi’raaj keeysatti dirqama ittitaate raka’aa lama lama ture, salaata maghribaa malee, isiin
gaafasillee rak’aa 3 turte.
Qiblaanis gama Beeyta Al-Maqdis ture. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Ka’abaa if dura aansee jihaa Beeyta Al-Maqdis gargalee salaatuu ture. Qureeyshiin Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam irraa Mu’jizaa qaama miiraa shananiin beekan akka isaan agarsiisu gaafatan. Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam: “Yoon Ji’a bakka lamatti isiiniif adda qoode ni amantanii?” jechuun gaafate. “ee” ja’aniin.
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Rabbii waan hundarratti dandahaa tahe akka Ji’a bakka lamatti addaan isaaf qooduu khadhate, Rabbiin ol tahe Ji’a bakka lamatti osoo Isaan argan addaan baaseef. Qureeyshiin hoggaa Mu’jizaa guddoo san agart: “Wallaahi ati Falfalaadha.” ja’aniin. Qureeyshiin Mu’jizaa Guddoo argan san ni kijibsiisan. Mu’jizaa agarru ni amanna jechuun Isaanii kijiba taate.
Rabbiin ol tahe Qur’aana buusee akkana je’e:
اقْتَرَبَتِ السَاعَةُ وَانشَقَ الْقَمَرُ (1 (وَإِن يَرَوْا آيَةً يُعْرِضُوا وَيَقُولُوا سِحْرٌ
مُسْتَمِرٌ
“Qiyaamaan dhihaatte, Ji’inis Adda dhohe (baqaqe).Isaan yoo Aayata/mallattoo argan gargalanii Sihrii dabraadha (deemaadha) ja’an.”
Suuraah Al-Qamar: 1-2
.
.
.
.
.
Itti fufaa share waliif godhaa galatomaa ulfadhaa hundii kessanuu obboleyyan kiyya .


Репост из: ABC PROMOTION BOT
🌹Wantoonni salaata keessatti jibbaman maal fa'i ?

➫Raka'aa lamaan duraa keessatti faatihaa qofa irratti gabaabbachuu.
➫Faatihaa irra deddeebi'anii qara’uu,Yoo haajaadhaaf irra deddeebi'an garuu homaa rakkoon qabu.
➫Haajaa malee salaata keessa olii gadi mimildhachuu.
➫Ija lamaaniin dunuunfatanii salaatuu.
➫yeroo sujuudaa ciqilee lamaan Afatanii salaatuu.
➫Salaata keessa sochii adda addaa heddummeessuu.
➫Kalee qabatanii salaatuu.
➫Uffata(fooxaa )dacheedhaan gahanii salaatuu.
➫Afaanitti haguuggatanii salaatuu.
➫Imaama dursuu.
➫Qubbiin harkaa walitti diruu.
➫Rifeensaa fi uffata qabuu (gadi dhiifamuu dhoorguu).
➫Bakka nyaanni qophaa’etti salaatuu.
➫Osoo fincaan nama qabee jiru(cinqaa jiru)salaatuu.
➫Salaata keessa ijaan samii keessa ilaaluu.
Itti fufa...............
Kana qofa miti


Репост из: ABC PROMOTION BOT
💫Gabaabinnumaan Baatii Shawwaaliin Ilaalchisee;
*((أحكام مختصرة في شهر شوال))*


*«ﻣﻦ ﺻﺎﻡ ﺭﻣﻀﺎﻥ ﺛﻢ ﺃﺗﺒﻌﻪ ﺳﺘﺎ ﻣﻦ ﺷﻮاﻝ، ﻛﺎﻥ ﻛﺼﻴﺎﻡ اﻟﺪﻫﺮ».*
*❒ رواه ومسلم ٢٠٤ - (١١٦٤).*
"Namni baatii Ramadaanaa soomee,ergasii,bulti jahan shawwaal duubaan hordofsiise,akka nama waggaa guutuu soomeeti"jedhan ergamaan Rabbii(S.A.W).
➦Bulti jahan tana soomuun dhiiraa fi dubartii irraahis barbaachisaadha.
➦Namni sooma baatii ramadaanaa hin guuttatin Ajrii shawwaal hin argatu hanga qadaa ramadaanaa ufirraa kafalutti akka Imaam Ibnu baaz faanti jedhanitti.
Sooma waajibaa sunnaa dura ufirraa kafaluu qaba jedhan.
➦Bultii jahan kana akkamitti soomuun danda'ama?
( كيفية صيام الست من شوال؟)
Ibnu baaz akkana jedhan;
➦Baatii shawwaal guutuu irraa filataa jedhan.
★Yoo fedhe gara jalqabaa kana sooma.
★Yoo fedhe gara walakkaa achi hiiqsee sooma.
★Yoo fedhe gara xumuraa soomuu danda'a.
★Yoo fedhe addaan kutee soomuu danda'a.
★Yoo fedhe walitti aansee soomuu danda'a.
Walumaa galatti hanga baatiin shawwaal keessaa baatutti ufirraa xumuruu ni danda'a jedhan.
➦Garuu Kanneen hunda keessaa kamiin soomutu irra caala?
( ما الأفضل في صيام الست من شوال؟)
Ibnu baaz akkana jedhan;
"Gara jalqabaa kana(Ramadaanatti Aansanii)soomutu irra filatamaadha.
*❒ الفتاوى ❪٣٩٠/١٥❫.*
Ibnu Useyminis Iida booda walitti aansanii soomutu irra filatamaadha jedhan.
*❒ الفتاوى ❪٢٠/٢٠❫.*
➦Walitti aansanii soomuun dirqamaa?
walitti aansinee soomullee dandeenya,addaan babaafnee soomuullee ni dandeenya.
يجوز صيامها متتابعة ومتفرقة.
*❒ الفتاوى ❪٣٩١/١٥❫.*
➦Shawwaaliin bara hundaa soomuun namarratti dirqamaa?
*❉ قال ابن عثيمين:*
"Sunnaa waan taateefi bara tokko soomanii bara tokko yoo dhiisanis homaa dhiibbaa hin qabu jedhan".
*❒ الفتاوى ❪٢١/٢٠❫.
➦Ramadaana booda Bultii jahan shawwaal soomuun maaf karaa godhame?
( مالحكمة من صيام الست من شوال؟)
★waajibni ittiin haa guutamuuf,bultii jahaa ramadaana booda soomujn akka fakkeenya salaata waajibaa booda sunnaa salaatuuti!,
★Kana jechuun akka wanti waajiba keessaa nama jalaa hirdhate ittiin namaa guutamuufi jedhan.
By;Sheekh ibnu Useymiin.
*❒ فتاوى نور على الدرب شريط ❪٧٥❫.*

❈ هل يؤجر من صام ثلاثة أو خمسة أيام من الست من شوال؟
➦Namni guyyaa jaha keessaa guyyaa 3,5 qofa soome Ajrii argataa?
Eeyyee,ni argata garuu ajrii nama guutuu soomee kan ergamaan rabbii nuuf dabarsan sana hin argatu malee.
*❒ فتاوى نور على الدرب ش ❪٧٥❫.*
➦Bultii jahan tana bakka ramadaanaa buusanii qadaa ufirraa kafaluun danda'amaa?
هل يجوز جعل صيام الست عن قضاء رمضان؟
★Bultii jahan tana keessa qadaa kafaluun hin danda'amu,bultiin jahan tuni Ramadaana hordofti akkuma sunnaa salaata waajibaan boodaati.
*❒ فتاوى نور على الدرب ❪١٧٥❫.*
Warra itti fayyadamu rabbiin nu haa taasisu.


Репост из: ABC PROMOTION BOT
Ariifadhu

Hundi keenya ni dogoggorra. Dogoggora sanirraa ammoo dafnee toowbachuu qabna. Towbaa boruuf bulfachuun hin barbaachisu. Hagam akka turru wanti nutti himame hin jiru. Yoo waan kana argadhe toowbadha jettee karoorfattee jirta taanaan, sheeyxanatu sitti hasaasaa jira jechuudha. Waswaasa isaatii bakka hin kenniniif. Akka sheeyxaanni hallayyaa keessaa bahuun si dhibu keessa si fageessuu carraa hin kennin. Badiin dalagde hagamuu baay’atu yeroo hunda Rabbi toowbaa sirraa qeebaluuf qophiidha. Yeroo hunda natti deebi’i jedhee sitti himeera. Kanaafuu ulaagaa tarreessuu dhiisii, Towbaa kee dursi. Wanti ati yaadde hundi san booda sii guutti.

Waan cufa nuu haa laaffisu

By Abu Ibtisam


Репост из: ғᴀsᴛ ᴘʀᴏᴍᴏ 
👉👉Waa'ee barnoota waligalaa Ni barbaduu???????




Репост из: Неизвестно
Chenal keessan ergaa bareedaafi Jechoota gaggaarii
Barnoota babbareedaa isiniif qabatee dhufeera
⤵️⤵️JOIN ⤵️ ⤵️ godhaa


Репост из: Taateewwan dinqisiisaa
💦💦💦💦💦💦💦💦💦💦💦💦⚪️⚫️🔴⚪️⚫️🔴⚪️⚫️🔴⚪️⚫️🔴

❕❕❕❕❕❕❕❕❕❕❕❕

Channalotin Armaan gadii Channalotaa dhugaa dhaa join godhadhaa Hordoftotaa kenyaa

❕❕❕❕❕❕❕❕❕❕❕❕

❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️

♻️✅ Filadhaa fayyadamoo ta'aa 👋👋
Maal barbaaddu?
Hunduu jiraa. Waliin tanee Afaan kenya ha gudiis nu.
Warren. Channel kessan nu wallii beksiisu fettan gara kanan galmaa'u dandesan @walaaoromo
Warren VIP barbaadan garaa @walaaoromo nu kunamu ni dandesan
@walaaoromo
😜 @walaaoromo

🗣🗣🗣🗣🧣🧣🧣🧣🧣🧣🧣🧣🧣🧣🧣🧣
🌹🌹🌹🌹🌹
Chanaalota Gurguddoo Aadaa Seenaa fi Duudhaalee umaaata Oromo Dagaagsan Kan Isiin Join Gochuu qabdan

🌹JOIN 🌹
🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣

Channel Keessan bekksifachuuf galmaa

⚡️: @walaaoromo
⚡️: @walaaoromo
⚡️: @walaaoromo

✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅

JOIN

✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅


Репост из: 😢Imimmaan Haadhaa😭
😇😇😇😃😇😃😃

🙈 Kabbajamo hordotoota keyya
.
.
.
.
Qube A_Z jirru kessa maqan ke Qube kamin jal qaba ?




Репост из: Wálàä👊 Örômø
🎼🎼🎼🎼🎼🎼🎼🎼🎼🎼🎼🎼
#Beeksisaa

🎧Sam Samiiree™🎧|Channelii Nashiidaa fi hadiisaale Adda Addaa karaa Telegramiin isiiniif qabannee dhufneera.

Fayyadamtoonni Telegramii hundii JOIN gochuun Amantii keenya waliin haa guddifnuu!


Rasuulli Rabbii ﷺ guyyaa lama walitti aansanii quufanii nyaatanii hin beekan.

Mana isaanii keessatti ji’a lamaaf ibiddi nyaata bilcheessuuf qabsiifamee hin beeku. Ji’a lamaaf Tamiraa fi Bishaan qofaan jiraatan. Jiini lammaffaan dhumee sadaffaan eega seeneen booda ibiddi qabsiifama.

Nabiyyii akkanatti guyyaa lamaaf walitti aansanii quufanii nyaatanii hin beeknetu, islaamummaa bareedduu tana, irratti tumamanii, irratti dhiiganii, irratti arrabsamanii, biyyaa ari’amanii nu gahan. Harra yeroo adawwiin maqaa isaanii xureessitu arguun imimmaan bira darbee silaa dhiiga nama boochisa. Iimaana keenyatu laafaadha. Jaalala isaaniif qabnutu dadhabaadha. Hundaafuu Rabbi jaalala isaanii ta arrabaa osoo hin taane ta dhugaa qalbii keessa nuu haa kaayu.

Mee al takka Salawaata isaanirratti haa buusnu.

By: Abu Ibtisam


Репост из: Keyral_umma Ťùbe
🗝 ❂͟͞f͟͞a͟͞z͟͞z͟͞a͟͞k͟͞k͟͞i͟͞r͟͟͞͞/͟͞y͟͞a͟͞a͟͞d͟͞a͟͞c͟͞h͟͞i͟͞i͟͞s͟͞i͟͞❂ 🗝
▣▬▬▬❁▬▬◤◢▬▬❁▬▬▬

▣Kanuma ruuhiin nama keessa jirtu qalbiin namaa ni duutii beeki: waan isii irraa eeggamu gochuu dadhabdee dhukkuba gaflaatiin duutii, Namni waan rabbiitiin gorfamu, Namni waan aakiraatiifi diiniin gorfamu nama qalbii fayyaa qabu nama qalbiin isaa ma'asiyaan/shirkiin/jallinaan/bid'aadhaan hin du'ini.

▣ beekkumsi hadiisaa fi qur'aanaa ta'e tun qalbii nama jiraachifti waan fokkatarraa qalbiin fagaattee akka haala bareeda qabaattu taasifti soba →dhugaa, dadhabbii→jabeenyaa, daguu →dammaqqii, laafinsarra →ciminaa. Haalota badaa irraa gama guddinaa akka namni bahu ilmii nama barsiifti ilmiin islaamaa tun.

▣Namni waa beekuu fi hin beekne way wal qixxaataa? jedhe rabbiin keenya s.w Wal hin qixxaatu. Namni gorfamu, warra aqlii yookaa lubbuu qabu.
↑Faayidan barnoota diin kan fa'a jechuudha, yaa rabbi barachuu nuu laaffisi.

« قل هل يستوي الذين يعلمون والذين لا يعلمون إنما يتذكر أولو الألباب »
▣▬▬▬❁▬▬◤◢▬▬❁▬▬▬▣




Репост из: KENNAA
NABIYYU ARRAHMAA
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
Bismillaah maqaa Rabbiitiin eegalla
♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡

✍by Abdulaziz Ahmeddiin
♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤

#Kutaa_2ffaa fi kan Xumuraa

Erga dubbiftanii hiriyyoota keessaniif share godhaa 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇


🌹Haati Abuu bakri Ummu Jamiilitti dhufte “Abuu Bakri Muhammad maalitti jira sin je’e” jechuun itti himte. Ummu Jamiil “Ani Mucaa keetii fii Isa sanis beeku garuu yoo wajjiin akka deemnu feete si wajjiin dhaqee mucaa kee laala.” Jetteen. Tole je’anii wajjiin dhufan. Abu bakri akka malee tahee cisaa jira. “Rasuulli s.a.w maalirra jira, nageenyi isaa akkami” jechuun ammaa amma gaafata. Nagaya qaba jechu himteef. Isin lamaan na gargaaraati gamaa gamana na qabaa itti na geeysaa jechuun kadhate. Halkan hoggaa miilli namaa cal je’e fuudhanii itti geeysan. Abu Bakri hanga kana hunda hin nyaanne, hin dhuyne. Yaanni Isaa guddaan, nyaanni Isaa, dhugaatiin Isaa hundi Rasuula s.a.w ijaan arguu qofa.

Rasuulli s.a.w hoggaa Isa argu ifitti qabe, Muslimoonni gaafas adunyaa tanarra jiran nama 40 hin guutan ture. Hundi hoggaa haala Abu Bakri keeysa jiru argan booya if qabuu dadhaban.

Abu bakri Yaa Rasuula Rabbi s.a.w atummaan nagaya naaf qabaannaan ani humaa miti jechuun booye.

Manni Isaan keeysatti dhukatanii wal gayan ganda Ibnul Arqam( daarul arqam) je’ama.
Haati Abuu Bakrii guyyaa san Rasuulli s.a.w du’aaii godheefii Islaamummaatti yaamnaan amante.
Abuu Bakri Jaalala Rasuulaaf qabu rakkoon irrisuu hin dandeenye. Osoo gaggabee jiruu Rasuula s.a.w arguuf hawwa, Karaa Isaarratti nama yaamee cafaqamus amantii Rabbii sakandii takkaaf hin shakkine. Kaabineen Isa tumtee itti dhaadattus hin kafarre. Jaalala Rabbii fii Rasuulaatu onnee Isaa guute.

Mee obboleessa koo atis obboleettii too
Seenaa kana irraa maal hubannaa!!!!!!!!!!!

Harra meeqaatam keenyatu otoo maqaan ergamaa Rabbii (s a w) isa biratti arrabsama.
Meeqatu ofumaafuu islaama ofiin jechaa ergamaa Rabbii (s a w) arrabsaa oola.

Harra jaalalli nuti ergamaa Rabbiitiif agarsiisuu qabnu sunnaa isaanii bid'aa irraa adda baafne
Sunnaa sana qarrinfaan qabannee hordofuudha, amma amma salawaata irratti heddummeeysuudha, seenaa isaanii isa sirrii fi qulqulluu baruu fi maatii keenyas barsiisuudha.

Hunda caalaa immoo ergama(Amantii) isaan Rabbii irraa nuuf fidanii dhufan kana irratti jabaannee ittiin milkaa'udha.

@Kennaapost @Kennaapost
@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost


Репост из: KENNAA
NABIYYU ARRAHMAA
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
Bisimillaahi maqaa Rabbiitiin eegala.
Jaalala Sahaabaan Rasuulaaf qaban.

#KUTAA_1FFAA
✍by Abdulaziz Ahmeddiin
♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤

Dubbisii share hiriyyaa kee/tee tiif qoodi

Gaafa Ergamaan Rabbii (Nagaa fi Rahmanni Rabbii isaanirra haa jiraatuu) Makkatti lafaa ka’ee da’waa godhe.

✅Islaamummaatti koottaa, haqaan gabbaramaan Rabbii tokkicha malee hin jiru, wanni biraa Rabbi wajjiin waammachuun shirkiidha. Jechuun Qureeyshiitti lallaba. #Abu_Jahal kan jedhamuu fi Firo'oownaa ummata kanaa kan jedhame dhufee aariidhaan ergamaa Rabbii (s a w) duubaan qabee carqiidhaan morma isaanii hudha.

#ABUBAKRI_ASSIDDIIQ Dhufee Abujahal ergamaa akka gad dhiisuuf jedhee darbatee lafatti kuffisee akkana jedhe
"Muhammed (s a w) ajjeeftuu?, waan rahima maxxanfadhaa jedheef, waan Rabbii tokkicha gabaabaa jedheef, waan namni wal qixa jedheef??"

Waaqeefattoonni Makkaa wal guurratanii dhufanii ergamaa Rabbii (s a w) dhiisanii Abubakri reebuu jalqaban.

✅Hanga if wallaalee lafa dhahutti. Kaabineen biyya Makkaa kan Utbaa binu Rahii’aa je’amuun beekkamu tumee aara bahuu dadhabnaan kophee Isaatiin fuula Abu Bakrii irra dhaabbatee lafatti tumuun waan biraatti deebise. Hanga dhiiga Isarraa yaa’uuf funyaanii fii waan biraa addaan wallaalan gahe. Gosti Abuu Bakrii dhufanii kan gaggabe fuudhanii manatti galchatan. Yoo Abuu Bakri du’e akka Utbaa ajjeesan dhaaddatanii beeysisa baasan. Abuu Bakri guyyaa guutuu if wallaalee humaa hin dubbatu. Halkan hoggaa dhiyaate xiqqo beeyfatee dubbachuu jalqabe.

Maaluma dura dubbate sitti fakkaata?

✅“Rasuulli Rabbii s.a.w nagaya qabaa?, Rasuulli s.a.w maalirra jira?” jechuun haasawa isaa jalqabe. Kan Inni tumameef, cafaqameef Amantii Rasuulaa s.a.w qeebaluu fii itti nama yaamuudha. Eega balaan guddoon akkasii Isa qunnamte booda gaafiin inni gaafate gosa Isaa tan du’a Isaa eegaa jirtu waan dallansiiseef dhiisanii biraa kutan. Haadhaan waan dandeeysu gargaari, kuni nama faayidaa qabuu miti je’anii biraa dabran.

Abu Bakri haadhaan maal jedhe sitti fakkaata?


✅“Rasuulli s.a.w maalirra jira, nageenyi Isaa?” jechuun gaafate. Haati isaa akka hin beyne itti himte. Abu Bakri “yoon Rasuula s.a.w hin agarre nyaata takka afaaniin akkan hin tuyne Rabbii kiyyaan kakadha” jechuun haadhatti hime. Haati maal akka gootu wallaalte teeysi. Haati Isaa Ummul Kheeyr mala wallaate osoo teeysu, Abu Bakr mala yaada Isaa ittiin guuttatu himeef. “Ummu Jamiil bintul Khaxxaab bira dhaqii waa’ee Rasuulaa s.a.w naaf gaafadhu.” Jechuun haadha Isaatti himate!!

Maaltu itti aana laata???????👇👇👇👇👇

#Kutaan_2ffaan_itti_fufa
Join 👉@Kennaapost
T.me/Kennaapost


Репост из: Barsistuu Afaan oromoo
Hikkaa qur'anaa Ykn tafsiraa Qur'anaa Suraa muzammil
بسم الله الرحمن الرحيم

يَـٰٓأَيُّهَا ٱلۡمُزَّمِّلُ

1, Yaa mammarataa! 


قُمِ ٱلَّيۡلَ إِلَّا قَلِيلٗا

2, Xiqqo malee halkan guutuu dhaabbadhu .


نِّصۡفَهُۥٓ أَوِ ٱنقُصۡ مِنۡهُ قَلِيلًا

3, Walakkaa isaa (dhaabbadhu) yookiin xiqqoo isa irraa hir’isi.

أَوۡ زِدۡ عَلَيۡهِ وَرَتِّلِ ٱلۡقُرۡءَانَ تَرۡتِيلًا

4, Yookiin isa irratti dabali Qur'aanas suutaan dubbisii.

إِنَّا سَنُلۡقِي عَلَيۡكَ قَوۡلٗا ثَقِيلًا

5, Nuti jecha ulfaataa sirratti buusuuf jirra. 

إِنَّ نَاشِئَةَ ٱلَّيۡلِ هِيَ أَشَدُّ وَطۡـٔٗا وَأَقۡوَمُ قِيلًا

6, Dhugumatti, ka'umsi halkanii (arrabaafi qalbii) wal simachiisuutti akkaan jabaafi dubbisuufis qajeelaadha. 

إِنَّ لَكَ فِي ٱلنَّهَارِ سَبۡحٗا طَوِيلٗا

7, Guyyaa keessa (dhimma jireenyaatiif) sochii dheeraatu siif jira. 

وَٱذۡكُرِ ٱسۡمَ رَبِّكَ وَتَبَتَّلۡ إِلَيۡهِ تَبۡتِيلٗا

8, Maqaa Gooftaa keetiis faarsi; gara isaattis citiinsa citi.


رَّبُّ ٱلۡمَشۡرِقِ وَٱلۡمَغۡرِبِ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ فَٱتَّخِذۡهُ وَكِيلٗا

9, (Inni) Gooftaa bahaafi dhihaatiIsa malee gabbaramaan dhugaa hin jiru; hirkoo isa taasifadhu. 


وَٱصۡبِرۡ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَٱهۡجُرۡهُمۡ هَجۡرٗا جَمِيلٗا

10, Waan isaan jedhan irratti obsi; fageenya gaarii isaan irraa fagaadhu. 


وَذَرۡنِي وَٱلۡمُكَذِّبِينَ أُوْلِي ٱلنَّعۡمَةِ

وَذَرۡنِي وَٱلۡمُكَذِّبِينَ أُوْلِي ٱلنَّعۡمَةِ وَمَهِّلۡهُمۡ قَلِيلًا

11. Anaafi sobsiiftota warra qananii walitti Na dhiisi; beellama xiqqoos isaaniif qabi .

إِنَّ لَدَيۡنَآ أَنكَالٗا وَجَحِيمٗا

12, Dhugumatti, Nu bira sakaallaa ulfaataafi ibiddatu jira.


وَطَعَامٗا ذَا غُصَّةٖ وَعَذَابًا أَلِيمٗا

13, Akkasumas nyaata nama hudhuufi adabbii laalessaa ta'etu (jira


يَوۡمَ تَرۡجُفُ ٱلۡأَرۡضُ وَٱلۡجِبَالُ وَكَانَتِ ٱلۡجِبَالُ كَثِيبٗا مَّهِيلًا

14, Guyyaa dachiifi gaarreen hurgufamaniifi gaarreen tuulaa cirracha yaa'uu ta'u keessa (sakkaalamu) 


إِنَّآ أَرۡسَلۡنَآ إِلَيۡكُمۡ رَسُولٗا شَٰهِدًا عَلَيۡكُمۡ كَمَآ أَرۡسَلۡنَآ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ رَسُولٗا

15, Nuti akkuma gara Fir'awn Ergamaa erginee turre gara keessanittis Ergamaa ragaa isin irratti ba'u erginee jirra. 


فَعَصَىٰ فِرۡعَوۡنُ ٱلرَّسُولَ فَأَخَذۡنَٰهُ أَخۡذٗا وَبِيلٗا

16, Fir'awnnis Ergamicha faallessee (didee) qabaa cimaa isa qabne 



فَكَيۡفَ تَتَّقُونَ إِن كَفَرۡتُمۡ يَوۡمٗا يَجۡعَلُ ٱلۡوِلۡدَٰنَ شِيبًا

17,Yoo kafartaniif, (adabbii) Guyyaa ijoollee arrii taasisuu akkamitti eeggattu? 

ٱلسَّمَآءُ مُنفَطِرُۢ بِهِۦۚ كَانَ وَعۡدُهُۥ مَفۡعُولًا

18, Samiin isaan (guyyaa sanaan) dhodhootuudhaBaallamni Isaa raawwatamaa ta'e. 

إِنَّ هَٰذِهِۦ تَذۡكِرَةٞۖ فَمَن شَآءَ ٱتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِۦ سَبِيلًا

19, Dhugumatti, isheen kun gorsaNama fedhe gara Gooftaa isaatti karaa godhata. 

۞إِنَّ رَبَّكَ يَعۡلَمُ أَنَّكَ تَقُومُ أَدۡنَىٰ مِن ثُلُثَيِ ٱلَّيۡلِ وَنِصۡفَهُۥ وَثُلُثَهُۥ وَطَآئِفَةٞ مِّنَ ٱلَّذِينَ مَعَكَۚ وَٱللَّهُ يُقَدِّرُ ٱلَّيۡلَ وَٱلنَّهَارَۚ عَلِمَ أَن لَّن تُحۡصُوهُ فَتَابَ عَلَيۡكُمۡۖ فَٱقۡرَءُواْ مَا تَيَسَّرَ مِنَ ٱلۡقُرۡءَانِۚ عَلِمَ أَن سَيَكُونُ مِنكُم مَّرۡضَىٰ وَءَاخَرُونَ يَضۡرِبُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ يَبۡتَغُونَ مِن فَضۡلِ ٱللَّهِ وَءَاخَرُونَ يُقَٰتِلُونَ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِۖ فَٱقۡرَءُواْ مَا تَيَسَّرَ مِنۡهُۚ وَأَقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتُواْ ٱلزَّكَوٰةَ وَأَقۡرِضُواْ ٱللَّهَ قَرۡضًا حَسَنٗاۚ وَمَا تُقَدِّمُواْ لِأَنفُسِكُم مِّنۡ خَيۡرٖ تَجِدُوهُ عِندَ ٱللَّهِ هُوَ خَيۡرٗا وَأَعۡظَمَ أَجۡرٗاۚ وَٱسۡتَغۡفِرُواْ ٱللَّهَۖ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمُۢ

(Yaa Muhammad SAW!) Dhugumatti akka atiifi warri sii wajjin ta'an irraa gareen wahii, lama sadaffaa halkanii, walakkaa isaatiifi tokko sadaffaa isaatii gadis dhaabbattan Gooftaan kee ni beekaRabbiin halkaniifi guyyaa ni shallagaAkka isin isa safartanii waliin hin geenye beekee tawbaa keessan isin irraa qeebaleQur'aana irraas (salaata keessatti) waan isiniif laafe qara'aaIsin irraa dhukkubsataan akka jiraatu, warri biraa immoo tola Rabbii barbaacha dachii keessa akka deeman, warri biraas karaa Rabbii keessatti akka lolan beekeeti (isin irrraa salphise)Kanaafuu, isa (Qur'aana) irraa waan isiniif laafe qara'aatii salaata dhaabaa; zakaas kennaaLiqii bareedaas Rabbiif liqeessaaToltuu irraa waan lubbuu keessaniif


Репост из: TOOFTAA JIREENYAA
💦💦💦💦💦💦💦💦💦💦💦💦⚪️⚫️🔴⚪️⚫️🔴⚪️⚫️🔴⚪️⚫️🔴

❕❕❕❕❕❕❕❕❕❕❕❕

Channalotin Armaan gadii Channalotaa dhugaa dhaa join godhadhaa Hordoftotaa kenyaa

❕❕❕❕❕❕❕❕❕❕❕❕

❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️

♻️✅ Filadhaa fayyadamoo ta'aa 👋👋
Maal barbaaddu?
Hunduu jiraa. Waliin tanee Afaan kenya ha gudiis nu.
Warren. Channel kessan nu wallii beksiisu fettan gara kanan galmaa'u dandesan @walaaoromo
Warren VIP barbaadan garaa @walaaoromo nu kunamu ni dandesan
@walaaoromo
😜 @walaaoromo

🗣🗣🗣🗣🧣🧣🧣🧣🧣🧣🧣🧣🧣🧣🧣🧣
🌹🌹🌹🌹🌹
Chanaalota Gurguddoo Aadaa Seenaa fi Duudhaalee umaaata Oromo Dagaagsan Kan Isiin Join Gochuu qabdan

🌹JOIN 🌹
🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣

Channel Keessan bekksifachuuf galmaa

⚡️: @walaaoromo
⚡️: @walaaoromo
⚡️: @walaaoromo

✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅

JOIN

✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅


Seenaa ergamaa Raabbii(SAW)kutaa15ffaa.
===========/=============/=========
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam eega Ibraahim waliin qunname booda, Jibriil waliin Jannata seene. Isii keeysatti waan hedduu arge.
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Jannata keeysatti waan argerraa:
1- Qallaa (Fooqii) Umar bin Al-Khaxxaab
2- Khaadimtittii Zeeyd bin Haarisaa arge
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam waan arge san Umar fii Zeeydiif himeefii jira.
3- Laga Kowsar
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam Ibidda Jahannam kan gariin
isii garii caccaphsee wal nyaattu arge.
Rabbi Ibidda Jahannamirraa nu haa baraaru.
Eegas Jibriil Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam gama xarafa samii 7ffaa Isa fide. Jibriil achitti jalaa hafe. Jibriil Rasuulaan Sallallaahu aleeyhi wasallam akki je’een: “Yaa Muhammad! ol dabri, Wallaahi yoon tarkaanfii takka asiin olittitarkaanfadhe nin gubadha.”
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam ol dabree bakka Namaa fi Malaaykaan takkallen hin gahin gahe.
Rasuulli Sallallaahu aleeyhi wasallam bakka Malaaykoonni murtii Rabbii itti galmeeysan birallee gahe, sochii Qalama isaanii dhagaye.
Akkasitti Rabbiin Nabiyyii keenya sallallaahu Aleeyhi wasallam kabaje. Bakka sanitti Rabbiin Rasuula Sallallaahu aleeyhi wasallam dubbise.
Salaata Shanan irratti dirqama godhe.

Показано 20 последних публикаций.

913

подписчиков
Статистика канала