#MoE
Meenuu Barattoota Yuunivarsitii!
Dhaabbilee barnoota olaanoo (yunivarsiitiiwwan) mootummaa keessatti barattootaaf baajatni nyaataa guyyaatti ramadame gatii nyaataa dabalaa dhufe uwwisuu waan hin dandeenyeef mootummaan baasii nyaata barattootaa guyyaa guyyaan duraan birrii 22 ture gara birrii 100tti ol guddiseera.
Muddee 01/2017 irraa eegalee Meenuu. Nuaata barattoota yunivarsiitii (birrii dhibba tokko) akka ta’u murtaa’uu isaa gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.
Ministeerri Barnootaa dhiyeessiin nyaata barattootaa yunivarsiitiiwwan hunda keessatti wal fakkaataa akka ta’uuf meenuu nyaataa qopheessee yunivarsiitiiwwan mootummaa hundaaf ergeera..
Ministeerichi istaandaardii xiqqaa irratti hundaa’uun barataa tokkoof baasiin torbanii Birrii 700 (dhibba torbaa) caaluu akka hin qabne dhaabbilee yaadachiiseera.
Haaluma kanaanis Menuun nyaataa kan armaan gadiiti.
🍽️ Ciree: daabboo Faffatoo / ruuzii + daabboo + shaayii, Qincee, Siilsii, makaroonii.
🍽️ Yeroo laaqanaatti: Misira / Atarii Kiikkii / Shiroo / Baaqelaa / Dinnicha / Kuduraalee kanneen akka Raafuu, Kaarotaa fii kkf / Paastaa / + Daabboo / Buddeena, Dabalataanis, torbanitti guyyaa 1, foon Misiraan/Dinnicha/Atarii Kiikkii ( buddeena ykn Daabboon).
🍽️ Irbaata: Misira/Atarii Kiikkii/Paastaa/Shiroo + Daabboo/Buddeena, Dabalataanis torbanitti guyyaa 1 foon Misira/Dinnicha/Atarii Kiikkii (daabboo ykn buddeenaa) qophaa’a.
Akka meenuu ministeerri barnootaa baasetti Waluma galatti barataan tokko Ciree, Laaqanaafi Irbaataaf guyyaatti qarshii 100n oola.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡