There’s no quick path to wealth!
Irra deddeebiin namoota hedduuf dhaamee tureera, garuu namni keenya hin dhaga’u.
Ammallee qarshii namarraa liqeeffatee of hachisiisaa jira.
Osoo hin laffa’in akkamitti taa’eema maallaqa eega namni tokko!
Hattuu irraa balbala qollofatu, qulfiin hanna oonlaayinii ammoo sassatuu dhiisuudha. Hin sassatinaa , waanuma bor sooromtan hin se’inaa. Qarshii qabdan akkuma agartan jechuma Pilaatfoormii yeroo dhageessan sassatuun hin erginaa.
Keessumaa ammoo akkamitti nama irra liqeeffachuun namatti ergitu? Dogongora akkasii hin raawwatinaa.
Ammallee ganaa wanta hedduutu dhufa, maloota hedduutu dhufu. Bor ammoo abba taraa akka hin taane. Of eeggannoo taassisaa!
Yeroo sassannu sammuun keenya yaaduu dadhaba. Mana keessan qollofadhaa. Qoradhaa, dursaa hubadhaa, baradhaa, maallaqa lifaatii hedduun fiddan hattootaaf iddoo laattan hoolaa qaladhaa nyaadhaa😉
Tasgabbii, hubannoo …
Na ofkalchaa
@Abdurazak_Isihak